10/02/2024
Guyyaa har'aa, dhaadannoo "Sab-daneessummaa Obbolummaa Nageenya Waaraafi Badhaadhina Hunda Galeessaaf" jedhuun mariin ummataa magaalota naannoo keenyaa garagaraa 20 keessatti gaggeeffamaa jira!
Paartiin keenya Badhaadhinni mariin ummataa guutuu biyyaatti adeemsifamu akka qabu eega murteessee booda, torbee darbe ummata Naannoo Amaaraa mariisisuun keenya niyaadatama. Haaluma kanaan, har'a jaalleewwan koo Obbo Araggaa Kabbadaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa, Obbo Ristuu Yirdaawu, I/A Daayireektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo Biyyaalessaafi Tikaa waliin hawaasa godina Shawaa Bahaa magaalaa Adaamatti mariisisaa jirra.
Mariin guutuu Oromiyaatti taasifamaa jiru kun madda yaadama gaariifi bu'aa qabeessummaan kan xummuramu akka ta'u abdiin qabu asumaan ibsuun barbaada!
በዛሬው እለት "ሕብረ-ብሔራዊ ወንድማማችነት ለዘላቂ ሠላምና ሁለንተናዊ ብልጽግና'' በሚል መርህ ቃል በክልላችን 20 ከተሞች ህዝባዊ ውይይቶች እየተካሄደ ነው!
ፓርቲያችን ብልፅግና በሁሉም የአገሪቱ ክፍል ህዝባዊ ውይይቶች እንዲደረጉ ባስቀመጠው አቅጣጫ መሠረት ባለፈው ሳምንት በአማራ ክልል ከተለያዩ የማህበረሰብ ክፍሎች ጋር መወያየታችን ይታወሳል። በዛሬው ዕለትም ከአማራ ብሔራዊ ክልላዊ መንግስት ፕሬዝዳንት ክቡር አቶ አረጋ ከበደና ከብሔራዊ መረጃና ደህንነት አገልግሎት ምክትል ዋና ዳይሬክተር አቶ ርስቱ ይርዳው ጋር በመሆን በአዳማ ከተማ ከምስራቅ ሸዋ ዞንና ከከተማዋ ነዋሪዎች ጋር ህዝባዊ ውይይት እያካሄድን ነው።
በመላው ክልላችን በመካሄድ ላይ ያለው ይህ ውይይት የበጎ ሀሳቦች መፍለቂያ መድረክ ሆኖ በስኬት የሚጠናቀቅ እንደሚሆን ያለኝን ከፍተኛ እምነት ለመግለጽ እወዳለሁ!