15/02/2024
FURII
Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti Gamaggamni Raawwii Hojii Mootummaa Fi Paartii Kan Kurmana 2ffaa Hojjettoota Mootummaa Waliin gaggeffamaa jira.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Furiitti Raawwiin hojii mootummaa fi Paartii Kur.2ffaa hojjettoota Mootummaa Seekteraalee waliin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u,
Raawwii hojii Kur.2ffaa kana irrattis Karaa I/G Waaj/Bulchinsaa KM Furii
Obbo Aganyaw Fiqiruu gabaasni walii galaa dhiyateera
Gamaggama kana irratti argamuun haasawaa kan taasisan
I/A Bul.Bulchiinsa Kutaa Magaalaa Furii Obbo Shimallis Lammeessaan
Raawwii hojii hanga ammaatiin milkaa'inni argaman Karaa hojjettoota Sekteraalee Itti gaafatamummaa isanii bahataniin ta'uu eeruun,
Milkaa'inota jiran itti fufsiisuf kaayyoo, galmaa , mul'ataa fi ergama Mana hojii haalaan hubachuun gochaan mirkaneessuu qabna jedhanii jiru.
Hojii kamuu milkeessuuf kutannoo fi miirri ittiin hoogganamnee hojjennuu Aantummaa Uummataan dabaalamuu Qaba kan jedhan Obbo Shimallis,
Hanqinoota mudatan bu'ura irraa furuuf Xiqiin hojjetamuu akka qabu dhaamanii jiru.