Baahir Taajuu Abbaa Garoo

  • Home
  • Baahir Taajuu Abbaa Garoo

Baahir Taajuu Abbaa Garoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Baahir Taajuu Abbaa Garoo, Digital creator, .

16/06/2024
15/06/2024
08/06/2024
31/05/2024
Godina Jimmatti Baalli Shaayii Miliyoonni 136 Ganna baranan dhaabbiif qophaa’uuWaajjiri Qonnaa Godina Jimmaa beeksiseera...
22/05/2024

Godina Jimmatti Baalli Shaayii Miliyoonni 136 Ganna baranan dhaabbiif qophaa’uu
Waajjiri Qonnaa Godina Jimmaa beeksiseera
**********
Godina Jimmaatti Ganna baranaatiif biqiltuun Baala Shaayii Miliiyoonni 136 ol dhaabbiif qophaa'uu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Barana Godinichatti Baala Shaayii baay'inaafi qulqullinaan omishuun omishaafi omishtummaasaa daran dabaluuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu ittigaafataman waajjiraa Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Mahammadxahaa Abbaa Fiixaa himaniiru.

Akka Godinichaatti biqiltuu Baala Shaayii Miliiyoona 136 ol dhaabuuf haal-dureewwan barbaachisan aanaalee hundatti xumuramuu ibsameera.

Hojicha milkeessuuf yeroo ammaa hojiin qophii dhaabbii inisheetivii misooma baala shaayii waggoota lamaan dabran aanaalee muraasaa qofa ture barana aanaalee aanaalee hundatti qophaa'aa jiraachuus eeraniiru.

Dinagdee qonnaan bultoota godinichaa dachaan dabaluuf omishaafi omishtummaa inisheetiivii misoomaa baala shaayii waggoota lamaan dabran miliyoona 10 qofa ture bara kana kara qinda’en ol guddisuun b biqiltuu baala shaayii miliyoona 136 ol dhaabbiif qophaa'uu dubbataniru.

Inisheetiiviiwwan mootummaan bocaman 28 keessaa 27 hojiirra oolchuun dinagdee qonnaan bultootaa dachaan dabaluuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru

"Abbaan fedhe waan meeshaa qabateef aangoo humnaan fudhachuu hin danda'u" Obbo Awwaluu Abdii, Pirezidaantii Itti Aanaa M...
21/05/2024

"Abbaan fedhe waan meeshaa qabateef aangoo humnaan fudhachuu hin danda'u" Obbo Awwaluu Abdii, Pirezidaantii Itti Aanaa MNO
----
2ffaa hojii nageenyaa ilaalchisee;

Keessummaa Barruu Kallachaa maxxansa 3ffaa kan ta'an Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Hojii gama nageenyaa ilaalchisee uummanni keenya nagaan ba'ee nagaan akka galuu danda'u, nageenyi waaraan jiraachuu akka danda'u aggaammiiwwan injifannoo uummata Oromoo irratti aggaamaman karaa guutuu ta'een qolachuun injifannoo kana eeguu, ceesisuu akka isa dandeessisuuf hojiin ijoon Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa jiru keessaa hojiin nageenyaa isa ijoo ta'uu ibsaniiru.

Aggaammiin biyya irrattis Oromiyaa irrattis kallattii arfaniinuu aggaamamaa jiru baay'ee ta'uu kaasuun, kana maqsuuf hirmaannaa uummataa cimsuun, caasaa nageenyaa keenya karaa adda ta'een ijaaruun, humna waloo keenyaa Gaachana Sirnaa dabalatee karaa xiyyeeffannaa addaatiin cimsuun hojii Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojjechaa jiru ta'uu kaasaniiru.

Akkuma beekamu Kaabarraa humna armaan dura olaantummaa barate karaa nagaatiin walqixxummaan buluun salphina itti fakkaatee afaan qawween olaantummaasaa deebifachuuf waraana bane qolachuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaafi uummanni Oromoo saboota sablammootaafi uummatoota Itoophiyaa waliin ta'uun hojii ajaa'ibsiisaa hojjechuu eeraniiru

Looreetiin Nagaa Addunyaa Ministirri Muummee MFDRI Dr. Abiyyi Ahimad wayita humni kun karaa Kaabaa kana olaantummaasaa deeffachuuf waraana bane mooneerra, harka kennachiisuu qofa jedhee dhaadatu gara adda waraanaa deemuun waraana sana cabsuun bakkatti deebisanii xumuruun hojii seenaqabeessa, hojii gootummaa yoomiyyuu seenaa biyyattii keessatti calaqqisaafi faarfamaa jiraatu raawwachuu ibsuun, kana keessatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa akka mootummaatti gahee guddaa gumaachuun ilmaan Oromoo lafee, dhiigaafi lubbuu isaanii aarsaa gochuun biyyi akka itti fuftu, nageenyi akka kabajamu kan taasusan ta'uu Obbo

16/05/2024

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Baahir Taajuu Abbaa Garoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share