03/01/2024
Itoophiyaan Biyya Qormaataaf Hin Jilbeeffanne Biyya Badhaadhinaaf Onnattee Hojjettudha!
= = =
Itoophiyaan yaa’ii 15ffaa Biyyoota Garee BRICS Afriikaa Kibbaa Johaanisbargitti taa’amerratti gaaffiin miseensummaan garee kanatti makamuuf dhiheessite fudhatama argachuun ni yaadatama.
Yaa’ii bara darbe ALI ji’a Hagayyaa keessa taa’amee ture irratti gaaffiin Itiyoophiyaan miseensa ta’uuf dhiheessite mirkanaa’eera.
Jalqaba guyyaa bara faranjootaa haaraatti jechuunis Amajjii 1,2024 irraa eegaltee Itoophiyaan ifatti miseensa garichaa akka taatu akeekame waan tureef guyyaa har'aa irraa eegalee Itoophiyaan ifatti miseensa Garee BRICS+ taateetti.
Itiyoophiyaa malees biyyoonni Addunyaa hanga 40 ta’an miseensummaan garee kanatti makamuuf gaaffii dhiheessanis yeroof Itoophiyaa dabalatee biyyoonni gaaffiin mirkanaa’eef Ijiypti, Sawud Arabiyaa, Gamtaa Imireetota Arabaafi Iraan qofaadha.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
YouTube: https://www.youtube.com/results...
TikTok: tiktok.com/
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
kallachaOromia: https://m.facebook.com