15/01/2024
Hariiroo Alaa, Faayidaa Biyyaalessaaf!
-------------
Paartiin Badhaadhinaa hariiroon biyyoota alaa waliin taasifnu faayidaa biyyaalessaa kan mirkaneessu, kabaja lammiiwwaniitis kan dhugoomsu ta’uu qaba jedhee amana. Hariiroon biyyi keenya biyyoota alaa waliin qabaattu kunis madaala wal dorgommii fi wal tumsa gidduu jiru akkaataa eegeen dhimmoota garaa garummaa bal’isan dhiphisaa fi walitti araarsaa fuula duratti kan imalu ta’uu akka qabu hubatee hojiirra oolmaa isaatiifis xiyyeeffannaa kennee hojjataa jira.
Imaammatni hariiroo alaa kun kabaja biyyaa fi lammiileetiif xiyyeeffannaa kan laatu, walitti dhufeenya biyyoota olla waliin jiruuf dursa kan kennu fi biyyoota garaa garaa waliin walii galtee cimaan akka jiraatu kan taasisudha.
Xiyyeeffannoon sagantaa hariiroo alaa keenyaa faayidaa qofa kan giddu galeeffate osoo hin ta’in hariiroo fi walitti dhufeenya gaarii diriirsuu, wal tumsuu fi waliin hojjachuu bu’uura kan godhatedha. Kanaanis walitti dhufeenya biyyoota waliin jiru haaromsaa fi cimsaa adeemuun faayidaa biyyoolessaa mirkaneessuudhaaf shoora guddaa akka qabu Paartiin keenya ni hubata.
Faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuu fi kabaja biyyaatis dhugoomsuudhaaf hariiroo hunda galeessa cimsuu irratti xiyyeeffannoodhaan hojjatamaa waan jiruuf biyyi keenya walitti dhufeenya biyyoota garaa garaa waliin qabdu jabeessaa, kabaja isheetis eegsisaa fi itti fufsiisaa badhaadhina waloo galmaan gahuuf sochii abdi qabeessa taasisuu irratti argamti.