29/07/2024
Fooyya’iinsa Imaammata Diinagdee Gooroo
Faayidaa Hunda Galeessaaf!
’’’’’’’’’’’
Fooyya’iinsi imaammata diinagdee irratti taasifame guddina diinagdee biyya keenyaa jajjabeessuu keessatti gahee olaanaa ta’e qaba.
Fooyya’iinsi taasifame kun diinagdee gooroo tasgabbaa’aa ta’e mirkaneessuu, invastimantii mijataa kalaqa jajjabeessuu diriirsuudhaan miira dorgommii damee daldalaa guddisuu, oomishaa fi omishtummaa biyyaa keessaa cimsuu, darbees tajaajila qulqullina qabu ga’umsaan dhiyeessuudhaan dandeettii mootummaa guddisuu keessatti shoora guddaa kan taphatudha.
Fooyya’iinsi kun guddina diinagdee hunda galeessaa fi kalaqa hojii kan bu’uureffate yemmuu ta’u, rakkoo qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeesuun fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessuu fi sirna diinagdee ammayya’aa fi dorgomaa ta’e ijaaruu kan dandeessisudha.
Akka walii galaatti fooyya’iinsi imaammata diinagdee kana irratti taasifame imala jijjiiramaa biyyi keenya eegalte caalmaatti fuula dura tarkaafachiisuudhaan badhaadhinaa hunda galeessa dhugoomsuuf humna guddaa kan ta’udha.