Biloo Nopa woreda communicators Group

  • Home
  • Biloo Nopa woreda communicators Group

Biloo Nopa woreda communicators Group government organization

12/11/2024
Buna toonii miiliyoona 1 oomishuuf galma qabame milkeessineerra-Dooktar Abiy AhimadFulbaana 30, 2017 "Haala ajaa’ibsiisa...
10/10/2024

Buna toonii miiliyoona 1 oomishuuf galma qabame milkeessineerra-Dooktar Abiy Ahimad

Fulbaana 30, 2017
"Haala ajaa’ibsiisaan Buna toonii miiliyoona 1 oomishuuf galma qabame milkeessuu dandeenyeerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti Bunni utubaa diinagdeeti.
Misooma Bunaan tarkaanfiin guddinaa argisiisne kana kan calaqqisiisu ta’uu himaniiru.
Haala ajaa’ibsiisaan Buna toonii miiliyoona 1 oomishuuf galma qabame milkeessineerra kan jedhan Dooktar Abiy, fayyadamummaan bunaa biyya keessaas guddina argisiisuu himaniiru.
Qormaatilee jiraaniin cinaatti damee misooma bunaan milkaa’inni jiru itti fufuu kaasanii, damicharratti kanneen bobba’an hundi indaastirii murteessaa kana daran guddisuufis gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.
Waggoottan ja’an darban kutannoo jiru haala argisiisuun biqiltuuwwan Bunaa biiliyoonni 8.5 dhaabamuu yaadachiisanii, fuuncaa sona bunaaf tajaajilli loojistiksii saffisaan murteessaa ta’uu himaniiru.
Hojiin sona dabaluu kallattii xiyyeeffannoo isaa ijoo ta’uus dubbataniiru.
Fuuldurattis hojii fi kalaqa cimsuun milkaa’inaalee galmaa’an itti fufsiisuu fi babal’isuu qabna jedhaniiru" jechuun Toora FB dr. Abiyyi Ahmad madda godhachuun FBC Afaan Oromoo tu gabaase'

Biloo Nophaa==============Fiigiicha Gumaata xiiqii Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa Mattuu==============Fiiggichi Guddaan...
31/03/2024

Biloo Nophaa
==============
Fiigiicha Gumaata xiiqii Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa Mattuu
==============
Fiiggichi Guddaan kaa'amuu yaadannoo dhagaa bu'uuraa hidha haaromsaa guddichaa waggaa 13ffaa Godina Iluu Abbaa Boor Magaalaa Mattuutti mata duree "Hidhi Haaromsaa Guddichi Ashaaraa Dhaloota Haaraati" jedhu irratti hirmaattota garee Aanaa Biloo Nophaa

**Godina Iluu Abbaa Boor**  Mattuutti ** # # #  B/Nophaa # # # #  Figichaa guddaa deeggarsa hidha haaromsaa meetira 5,00...
30/03/2024

**Godina Iluu Abbaa Boor**
Mattuutti **
# # # B/Nophaa # # # #
Figichaa guddaa deeggarsa hidha haaromsaa meetira 5,000

Fiigicha guddaa deeggarsa Hidha Haaromsaa Godina Iluu Abbaa Boor Magaalaa Mattuutti Bitootessa 22/2016 ganama suubii gaggeeffamuuf akka Aanaa B/Nophaatti koreen fiigichichaaf hundaa'e qophii barbaachisu xumuree waan jiruuf dargaggoonnii fi shamarran Gandoolee Aanattii keessatti argamtan carraa kana osoo of hin dabarsin akka itti hirmaattanu kabajaan waamicha keenya isiniif dabarsineerra
# # kottaa waliin fiignaa # #
keenya waliin misoomsinaa**
# # # NOPHAA # # #

Ibsa Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa Irraa KennameNageenyi Hundaaf; Hundis Nageenyaaf Wabii Ta’uu Qaba--------Biyyi kee...
20/03/2024

Ibsa Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa Irraa Kenname

Nageenyi Hundaaf; Hundis Nageenyaaf Wabii Ta’uu Qaba
--------
Biyyi keenya Itoophiyaan waggootaaf qormaata dam-daneessa keessaafi alaa ishee mudatu waliin wal’aansoo qabaafi wareegama qaqqaalii kaffalameen injifachaa ijaaramaa har’a geesse. Qormaatni alaa wayiita mudatus birmadummaa biyyaa tiksuuf jecha saboonni, sablammoonnifi uummattoonni Itoophiyaa tokkummaan ka’uun rakkoo waloo waloomaan qolachaa akka turan seenaatu dhugaa nuuf ba’a. Kun ammoo duudhaa gootummaa waloon horanneefi har’as nu waliin jirudha.

Haata’u malee, akkuma qormaata alaa injifanne, rakkoo keessoo keenyaa mareefi marabbaan furachuuf carraalee hedduu kan qabnu ta’ullee, mootummoonni dhufaa darbaa sirna kanaaf mijaa’u diriirsuu dhabuu isaanitiin maraammartoo hiyyummaafi rakkoolee nageenyaa walxaxaa keessummeessaa har’a geenyee jirra. Ammas murnoonni garaa garaa seenessa qeenxee hordofuun gochi boodatti hafaan kaleessaa akka itti fufu taasisuu irratti argamu.

Jijjiiramaan as aadaa siyaasaa boodatti hafaa kaleessaa maksuun nageenya waaressuu, imala badhaadhinaa milkeessuufi sirna dimokiraasii ijaaraa sabdaneessummaatti ulfina horuuf kutannoon hojjetamaa jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas mareefi marabbaan wal dhibdee jiru furuuf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira. Kanaafis ejjennoo guutuu kan qabu ta’uu irra deddeebiin beeksisaa kan tureefi harka nagaaf diriirsee balbalas nageenyaaf banee waamicha taasisaa tureera.

Kanaanis hidhattoonni Shanee 1,521 ta’an waamicha karaa nagaa mootummaan taasise simachuun leenjiin haaromsaa kennameefii jireenya idilee isaaniitti deebi’uun gaggeeffachaa jiru. Yeroo ammaa kanas hidhattoonni 2000 ol waamicha karaa nagaa simachuun deebi’aniiru.

Oromoof kan malu injifannoo argate tikfachaa kan hafeef waloon hojjechuu malee wal waraanuufi wal irratti duuluu miti. Haalli qabatamaan qabsoon Oromoo yeroo ammaa kana irratti argamus qabsoo hidhannoof kan isa geessu miti. Gaaffiilee ijoo Oromoon qabsaa’aa

Komeen Hiikame!      Bit.4/2016 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaa Ganda Seemmanoo jedhamee waamamutti Waltajjiin...
13/03/2024

Komeen Hiikame!
Bit.4/2016 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaa Ganda Seemmanoo jedhamee waamamutti Waltajjiin komataaf komatamaa Qaama ilaalu waliin gaggeefameera.
Kunis Akka gandattiitti takaajilli raabsaa bishaan dhugaatii sararaa bara 2007 raabsamuun gidduutti addaan citee uumatni Hanga yoonaatti dararamaa jiraachuu ibsanii akkasumas buufanni Fayyaa guddattuu gandattii keessatti hawaasaaf tajaajila kennuu rakko bishaanii ittin Buufata qulqulleessan qarshii bitanii itti fayyadamuuniifii yeroo deessuun gara Buufata kanaatti dhuftee deessullee abbaandhuunfaa bishaan lagaa waraabuun kan itti gargaaramaa Turan ta'uu komatanii Komii isaanii gara kominikeeshinii Mootummaatti sagalee kennachuun komatan.
Maarree Waajjirri kominikeeshinii Mootummaa Aanichaas dhimma kana bu'uuruma irraa hiikuuf gara waajjira Bishaan dhugaatii Aanichaatti imaluun akka furu ta'ee Jira.
Bu'uuruma kanaan guyyaa Har'aa Itti gaafatamaa Waajjira Bishaaniif dhangala'aa Aanichaa Ob.Ingidaa Bantii gamdichatti argamuun deebii kennaniiru. Gaaffiif komeen hawaasaaf sirriidha rakkoonkun sababa tuubboon karaa qaxxumara gararaatti ciccituufis ta'ee rakkoo hawaasni qabeenya kooti jedhee eeggachuu dadhabuutiin waan ta'eef Amma garuu keessumattuu kan dhaabbilee garagaraa gandicha keessa jiruu guyyoottan 3'n kana gidduutti sirra'ee tajaajilaaf akka oolu ibsanii haawanis qabeenyichaa kan ofii godhatee lakkooftuu manaaf manaallee bitachuun Misooma kana akka babal'isullee dhaamaniiru.Hawaasni keenya Boonee Malee Booyee Tajaajilamuunqabu!

Aanaa Biloo Nophaatti Misooma baala shaayee babal'isuun oomishaaf oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf hojjetamaa jira je...
25/01/2024

Aanaa Biloo Nophaatti Misooma baala shaayee babal'isuun oomishaaf oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf hojjetamaa jira jedhame.
W/Kom/ A/B/Nophaa
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
Amajjii 16/2016 Godiina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti inisheetiviin misoomaa baala shaayee bifa nama hawwatuun Oomisha isaa dabaluuf karaa guutuu ta'een dhaabbiin Ciccitaa baala Shaayii Amajjii 15/2016 kan eegalamu har'as dhaabbiin isaa bifa ha'aadhaan gaggeeffamee jira.

Bakka buufata biqiltuu kanatti argamuun dhaabbi ciccitaa baala Shaayee kan eegalchisan Bulchaa Aanaa Biloo Nophaa Obbo Dajanee Kabbadaa fi I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Biloo Nophaa Obbo Akimal Girmaa Bara kana dhaabbii baala shaayee kan Adda taasisu karaa ammayyaa'aa fi Oggeessa Qonnaatiin hordoffiif deegarsi taasifamuudhaan dhaabbiin inisheetivii Cicitaa baala shaayee kun poolii keessaa dhaabbatu biyyoo guutuudhaan dhaabbiin isaa gaggeefamaa akka jiruu fi bara kana biqilaa baala shaayee miliyoona 1 dhaabuuf karoorfamee jiraachuu kaasuun, Hanga ammaatti Buufata biqiltuu 3 irratti kan itti adeemsa jirru ta'ee;fuldurattis bifa gaariin kan itti fufu ta'uu isaa ibsuun,innishetiivii Baala shaayee irratti sirnaan hojjennee, gara qonnaan bulaatti akka babal'atu taasisuun galmoota misoomaa gama kanaan jiru milkeesuuf ni hojjetamaa jedhan.

Abbaan taayitichaa hawaasni oomishaalee qulqullinni hinmirkanoofne akka hinfayyadamne hubachiise Amajjii 14, 2016 Abbaan...
23/01/2024

Abbaan taayitichaa hawaasni oomishaalee qulqullinni hinmirkanoofne akka hinfayyadamne hubachiise

Amajjii 14, 2016 Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa oomishaalee ibsaa fi sadarkaalee Itiyoophiyaa dirqamsiisoo akkasumas qorichummaa fi qulqullinni isaanii utuu hinmirkanaa’in gabaaf dhiyaatan 83 hawaasni akka hinfayyadamne hubachiise.
Haaluma kanaan zayita nyaataa Samar, Maamii, /Sky Sun flower oil, /SANI Edible Cooking Oil), Azimar Sunflower Oil, Nuuraa, Ababaa, Adey, Zebib Sunflower oil, Aslii, Real Pure Food Oil, Zufaan, Hani Sunflower Oil, Diinaa zaayita nyaata afa’aa ta’uu beeksiseera.
Dabalataan ZLiinaa Zyiita Nyaataa, Maammaa, Al-Nur Sunflowor Oil, Warida sunflower Oil, zeddi Zayitta nyaataa, Dasseet Zayiita Nyaataa, Kaffitaa Zayiita nyaataa, Pure Food Oil, Nigist pure Food oil, Sheger pure Edible Oil, Arif Zayiita nyaataa, AMEL Edible Oil, Biluu zayiita nyaataa, Nitsuh Food Oil፣ Uumaa Zayilta nyaataa, Maed Zayiita nyaataa, haayaat zayiita nyaataa, yemisiraach Zaayita nyaataa Hibiret Zaayitta nyaataa, Gonder Food Oil, Zema pure Edible Oil, fana, naanaa zayitaa nuugii fi lawuzii, riim zayiita nyaataa, ANDNET, Siyyaam zayiita nyaataa, beellaa zayiitaa nyaataa, Haliimaa zayita nyaataa, Wasiilaa zayiita nyaataa, Zinnaa zayiita, Sana’aa zayiita nyaata fa’aa ta’uu ibseera.
Gama biraatiin oomishaalee Ashaboo:
ARKY IODIZED SALT, EKKO IODIZED SALT, SITOTA Iodized Salt, MESTURA REFIND & IODIZED SALT, Asbeza Iodized salt, ZAHARA IODIZED SALT, MENES IODIZED SALT, Ghion Iodin Salt, ARDI IODIZED SALT, SLIHA IODIZED SALT, NANA SALT, Best Iodized Salt, Iodized Salt, REHA IODIZED SALT, ARDY IODIZED SALT, AFIA IODIZED SALT, Fana table salt, Etete Iodized Table Salt, LIYU TAEM IODIZED Salt, HARONI Table Salt, ROME Table Salt, TOP IODIZED SALT, Tena Iodized salt, MARE IODIZED SALT, SAFI IODIZED SALT, Emete Iodized Table Salt, HALAL IODIZED SALT, TULIT SALT, REAL IODIZED SALT, GOLD IODIZED SALT, SPECIAL Iodized Table Salt, Selam IODIZED SALT, SHEMU IODIZED SAL

Kookasiin dubartootaa geggeeffamaa jira.========================Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti kookasiin d...
13/01/2024

Kookasiin dubartootaa geggeeffamaa jira.
========================
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti kookasiin dubartootaa kurmaana 2ffaa karaa Kab. Af-yaa'ii Aanichaa Aadde Wagaayyoo Shifarraan Hoggansa dubartootaa sadarkaa Aanaa Fi Jaarmiyaa dubartootaa sadarkaa Aanaa waliin geggeeffamaa jira.
Saganticha irrattis raawwiin hojii kurmaana 2ffaa keessatti gurmaayinsa dubartoota sadarkaa sadarkaan jiruu Fi dhimmoota fayyedamummaa dubartootaa mirkaneessan akkasumas raawwii hojii waliigala kur 2ffaa irratti nimaryatama, kallattiin hojii kurmaana 3ffaas Kan qabatamu ta'a.

Leenjiin Idaa irraa gara horataatti jedhu miseensa hojjetaa mootumma sad Gandaa Fi mis bal'aa gandaaf kennamuu eegalee j...
28/12/2023

Leenjiin Idaa irraa gara horataatti jedhu miseensa hojjetaa mootumma sad Gandaa Fi mis bal'aa gandaaf kennamuu eegalee jira.

Mudde 18/2016 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti leenjiin Idaa irraa gara horataatti jedhu miseensa hojjetaa mootumma sadarkaa Gandaa Fi miseensa bal'aa gandaaf kennamuu gandoolee Aanichaa hunda keessatti karaa ho'aa ta'een geggeeffamaa jira.

Leenjiin Mata-duree Idaa irraa gara horataatti jedhu Miseensa hojjetaa Mootummaaf kennamuu eegale akkuma itti fufetti ji...
24/12/2023

Leenjiin Mata-duree Idaa irraa gara horataatti jedhu Miseensa hojjetaa Mootummaaf kennamuu eegale akkuma itti fufetti jira.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Mudde 14/2016-Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti Leenjiin mata-duree Idaa irraa gara horataatti jedhu guyyaa kaleessaa Kan eegale bifa ho'aaf dadammaqina qabuun itti fufee jira.

leenjiin Dandeettii  raawwachiisummaa  cimsuu Mata duree " Idaa irraa gara Horataa" jedhu irratti hojjetoota Mootummaa S...
23/12/2023

leenjiin Dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Mata duree " Idaa irraa gara Horataa" jedhu irratti hojjetoota Mootummaa Sadarkaa Aanaa miseensa Paartii Badhaadhinaa ta'aniif kennamuu eegalee jira.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Muddee13/2016 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti leenjiin raawwachiisummaa cimsuu Mata duree " Idaa irraa gara Horataa" jedhu irratti hojjetoota Mootummaa Sadarkaa Aanaa miseensa Paartii Badhaadhinaa ta'aniif kennamuu eegalee jira.

➢Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Kan ta'an Obbo Dajanee Kabbadaa haasaa saaqinsaa taasisaniin Leenjiin kun marsaa 5ffaaf kennamuu kan eegale ta'uusaa ibsuun raawwachiisummaa ogeessotaa fi Siiviil Sarvaantii miseensota paartichaa cimsuun, ilaalcha sirrii fi miira tajaajiltummaa daran akka fooyyeffatan taasisuuf kan laatamu ta'uusaa dubbataniiru.

➢Dabalataanis I/W/P/Badhaadhinaa Damee Aanichaa Kan ta'an Obbo Akmal Girmaaf Leenjiin kun kaayyoon isaa Siiviil Sarvaantii ammayyaa'aa ijaaruun badhaadhina fiduun mootummaa fi biyya jabduu taate ijaaruu, tokkummaa cimaa akka biyyaatti fiduu fi Dinagdee jabaa ijaaruufi jedhaniiru.

➢Leenjiin kunis guyyoota walitti aanaan afuriif itti fufuun kan kennamuudha.

Hojjettoota Aanichaaf  Hubannoon Leenjii kennamuu eegale.✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️Muddee 12/2016- Godina Iluu A...
22/12/2023

Hojjettoota Aanichaaf Hubannoon Leenjii kennamuu eegale.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Muddee 12/2016- Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti Hubannoon Leenjii Idaa irraa gara miindaatti jedhu Kan guyyaa Borii eegaluuf miseensa hojjetaa mootummaa Aanichaaf karaa Hoggansa Godinaa Aanicha deggeranii Obbo Girmaa Birhaanuu, Bulchaa Aanichaa Kan ta'an Obbo Dajane Kabbada Fi I/G/W/P/Badhaadhina damee Aanichaa Obbo Akmal Girmaan kennamaa jira.

Leenjichis guyyoota shaniif Kan turu ta'uufi miseensi Paartii hojjetaa keenyaa Hundi arcaatii tokko male Kan itti fufuu qabu ta'uu himameera.

Guyyaa 11/04/2016
21/12/2023

Guyyaa 11/04/2016

Guyyaa 08/04/2016
18/12/2023

Guyyaa 08/04/2016

Aanichatti gamaggamni hojii geggeeffame.✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️Muddee 7/2016- Godina Iluu Abbaa Boor  Aanaa B...
17/12/2023

Aanichatti gamaggamni hojii geggeeffame.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Muddee 7/2016- Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti Gamaggamni hojiiwwan xiyyeeffanno Waliigala bakka Hoggansi Godinaa Aanicha deggeruu fi Hoggansi Aanichaa argamanitti geggeeffamaa jira.

Aanichatti Gamaggamni hojii Geggeeffame.✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️(Muddee 4/2016,WKABN)-Godina Iluu Abbaa Boor A...
14/12/2023

Aanichatti Gamaggamni hojii Geggeeffame.
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
(Muddee 4/2016,WKABN)-Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Biloo Nophaatti Gamaggamni hojiiwwan xiyyeeffannoo waliigalaa Bakka hooggansi godinaa Aanicha deggeraa jiranii fi hoggansi Aanichaa argamanitti geggeeffamaa jira.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biloo Nopa woreda communicators Group posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share