13/05/2024
Nageenya Waaressuuf Filannoon Jiru Mariif Marabbaa Qofaadha
-------
Nageenyi jiruufi jireenya dhala namaa hundaa ta’uu bira darbee bu’uura waan hundaati. Utubaan jabaan biyya tokkoo nageenya. Bakka nageenyi hin jirre homtuu jiraachuu hin danda’u. Nageenyi qabeenya wal qixaa qaama hundaan, hundaafi hunda hammataadha waan ta’eef gahee lammii maraatiin kan mirkanaa’u ta’uu hubannee lammiin hundi waardiyyaa nageenya keenyaa taanee hojjechuu qabna.
Biyyi keenya adeemsa dhufaa-darbaa keessatti qormaatilee gara garaa keessaafi alaan muudatan keessummeessaa kan turtedha.
Qormaatileen muudachaa ture yeroo dhaa gara yerootti bifa jijjiirrachaa, inni tokko isa birootiif galtee ta’aa dhufuun qaamonni biyya keenya keessatti gaaffiin nageenyaa yeroo hunda ajandaa akka ta’u, guddinni misoomaa kallattii yaadameen akka hin milkoofneefi galmoonni akka biyyaatti qabaman qixa barbaadamuun akka hin dhugoomne barbaadan halkaniifi guyyaa nageenya booressuuf hojjetu.
Haata’uu malee, biyyi keenya qormaata bitaafi mirgaan ishee muudatan hunda damdamachuun turtii guyyaafi bultiidhaan bara baratti jijjiirama abdachiisaa galmeessaa, diinota kufaatii ishee hawwan qaanessaa, kanneen qajeellummaan guddinaafi jijjiirama biyyasaanii hawwanitti mul’ata horaa kan har’a geessedha.
Uummanni keenya nageenyasaa waaressuuf seenaa kaleessaa keessaa kan biyya keenyaaf nagaa, misoomaafi teknoloojiin akka badhaatu taasisu fudhachuun hojitti hiikaa, faallaa kanaan ammoo humnoota faayidaa dhuunfaasaanii giddugaleessa godhachuun hannarratti bobba’uun amantaa, sabummaa, naannummaafi finxaalessuumma nafeeffatanii biyya jeeqan irratti qabsaa’uun nageenya waaressuufi filannoon daandii nagaa gootummaa ta’uu mirkaneessuun murteessaadha.
Mootummaan yeroo kamiyyuu biyya keenyatti nageenyi akka waara’u, misoomni akka babal’atu, hawaasummaan akka cimuufi dirreen dimookraasii akka babal’atu yeroo kam caalaa cichoominaan hojjechaa jiraachuu hojiiwwan waggoottan sadan kan hojjetamaa jiran agarsiiftuu guddaadha. Ammas taanaan humnoonni garaagarummaa yaadaa qaban karaa nagaatti deebi’uun ajandaa kamuu mariifi marabbaan furuuf simannaa guddaa taasisaa jira.
Kanaafis irra deddeebiin waamicha daandii nageenyaa taasisuun yoomuu taanaan balballi nagaaf baname akka hin cufamneefi harki nagaaf diriire milkii akka argatuuf hojjetamaa jira. Qaamni hundumtuu kana hubachuun karaa nagaatti deebi’ee biyya keenyatti qilleensi nagaa akka bubbisuuf, uummanni keenya sodaa nageenyaa malee nagaan bahee akka galuuf tumsuu qaba.