05/11/2020
Jabaluun gaara.
Gaara galaana diin liqimsuuf deemu dura dhaabbate, gaara bubbee wayyaanee tan namummaa namaa hin kabajne san, tan dukkana gabrummaatiin biyya hagoogde san, tan sabaa fi amantii namaa kabajaa dhoorkite san nama dura dhaabbate, gaafa namni gabrummaaf harka kennee abdii kutatee taa'uu ture sanitti nama qaanqee ifaa bilisummaa qabsiise, seenaa biyyaattii waggoota dheeraaf warri humna qaban akka barbaadanitti jallisanii, qulqulluu yakkamaa godhanii, luuyna goota godhanii, kan isaan barbaadan ol fuudhanii kan hin barbaanne gad qabanii, hacuuccaa fii gabrummaa dhala namarratti raawatamaa ture akka gootummaattii fi akka hojii gaaritti galmeessanii, dhaloota dhufu eenyummaa fi seenaa abbootti isaa akka hin barre taasisuuf lafa kaa'an sana bilchinaa fi barnootaan dhugaa jirtu qoratee seenaa isa dhugaa kan ture lafa kaa'uun duula seenaa fi eenyummaa balleessuu nama dura dhaabbate. Warroota farra Islaamummaa fi farra Oromummaa ta'an biratti namni akka isaa jibbamuu, balaaleeffatamuu fi sodaatamu tasuma hin jiru. Sababnis nama bekkumsaa fi bilchina qabu kan dhimma dhuunfaa isaa caalaa dhimma amantii isaatii fi ummata isaatiif dhimmamu waan ta'eef. Nama dhugaan amantii isaatiif yaaduu fi akka biyyaatti amantii jarri amantii warra xiqqaa (minority) gochuuf yeroo dheeraa irratti hojjatan akka amantii kamittuu jiddu gala biyyattii keessatti iddoo argattee mataa ol qabattee akka dhaabbattuuf nama hedduu qabsaa'e, qabsaa'aatiis jiru waan ta'eef. seenaa gurraacha axee'otaa fi sirnoota badii amma dura turanii kan jarri halluu bareedaa dibanii itiin dhaadatanu nama dirreetti baasee olola isaanii fashaleesse waan ta'eef, Ummanni wal dhagahee waliin sosso'u haqaa fi galma isatti ga'uu akka danda'u barruu fi haasaan utuun taane lafarratti hojiin nama mirkaneesse waan ta'eef. Hawaasa muslimaa dammaqsuun amantii isaaniitiif akka quuqaman waan godheef. kanaa fi kana malees sababoota hedduuf irratti xiyyeeffatanii maqaa isaa balleessuuf, hawaasa biratti akka fudhatama dhabu gochuuf, qabsoo haqaa inni jalqabe, qaanqee ibidda bilisummaa inni qabsiise dhaamsuuf halkanii guyyaa hirriba dhabaa jiru. gama keenyatti yoo as deebinu namoonni muraasni wal gurmeessuun ta'i jedhamee ajandaan baafamee duulli maqaa balleessii irratti banamee jira. irra hedduun warri waca kanarratti hirmaatanii qaama duubarraa isaan sochoosaa jiru hin beekan. Jabaluun eenyu akka ta'es waan hubatan hin fakkaatu. yeroo ammaa kalloo sabboonummaa uffatanii hawaasa gabrummaa fii cunqursaan irratti wal geessee kana ajandaalee adda addaa itti baasuun ofiin of diigsisuuf warroota yaalantu jira. Oromoon amantaa sadi qaba, Muslima, Kiristaanaa fi waaqeeffataadha. amantaa sadan keessaa qabsoo keessatti eenyu mataa akka ta'e namuu ni beeka. haa ta'u malee warroonni amantaa biraa yeroo diinota oromoo waliin gurmaa'an yeroo ummata oromoo soban, yeroo maqaa oromootiin daldalan, warroota kalloo sabboonummaa uffatee diin islaamatti duulu kanarraa sagaleen tokko hin dhagahamtu. maalifi? dhugamatti maaliifi? maaliif xiyyeeffannaan ustaazotaa fi Islaamarratti godhame? yeroorraa yerotti itti yaadamee ajandaan jiibbaa, waldhabbii fi faffaca'iinsa hawaasa jiddutti uumu hawaasaaf maaliif laatama? Hooggantoonni paartilee siyaasaa Oromoo erga hidhamanii carraa argate hundaan qaamota aangoo irra jiran dubbisuun hidhamtoonni siyaasaa Oromoo akka hiikamaniif, ajjeechaan hawaasa nagaa irratti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatuuf Jabaluun dubachuurraa takkaa boqonnaa hin goone. abbootiin amantaa biroo garuu warroota hidhamanii fi lubbuulee dhumaa jirtuuf dubbachuu dhiisii inumaa diinota Oromootiin walitti fayyan, kan isaanii kana garuu namni ajandaa godhate hin jiru, namni jara balaaleeffatee fi jara arrabses hin jiru. yeroo namni lafa irratti asiif achi fiigee rakkina ummata isaatiif hirriba dhabee fala barbaadutti warroonni poostii feesbuukaatti amanan maaliif waan ani barbaadu hin maxxansin jachuun nama qeequ. warrootata hidhaman hiikuuf laffa'uu, dhumaatii hawaasa qulqulluu irratti raawwatamaa jiru dhaabsisuuf laffaa'uu caalaa barruu namni maxxansuutu isaan dhimma. hedduu nama dinqisiisa. Hayyuun qaroodha hegeree ittiin laallatan. Hawaasni qaroo ofii ofumaan of jaamsu booddeen isaa dukkanatti hafuudha. Rabbi if nu haa beysisu Jabaluun hangafee hayyootaa fi beektota keenya hunda Rabbi nuuf haa tiksu.