Bobbaasa H Mohammad

  • Home
  • Bobbaasa H Mohammad

Bobbaasa H Mohammad As wr wb gara peejii kana kootta paarti nabiyyii keenya ta'aa

24/04/2022

Wahhabism (Arabic : ﺍﻟﻮﻫﺎﺑﻴﺔ , romanized : al-Wahhābiyyah ) is a Sunni
revivalist and fundamentalist movement associated with the reformist
doctrines of the 18th-century Arabian Islamic scholar , theologian ,
preacher , and activist Muhammad ibn Abd al-Wahhab (c. 1703–1792). [1]
[2][3][4] He established the Muwahhidun movement in the region of Najd
in central Arabia , [5][6][7][8] a reform movement with a particular
emphasis on purging practices such as the veneration of Muslim saints
and pilgrimages to their tombs and shrines, which were widespread
amongst the people of Najd. [9][10][11] Ibn ʿAbd al-Wahhab and his
followers were highly inspired by the influential thirteenth-century
Hanbali scholar Ibn Taymiyyah (1263–1328 C.E/ 661 – 728 A.H) who
called for a return to the purity of the first three generations (Salaf )
to rid Muslims of inauthentic outgrowths (bidʻah), and regarded his
works as core scholarly references in theology. [12][13][14] While being
influenced by their Hanbali doctrines, the movement repudiated Taqlid to
legal authorities, including oft-cited scholars such as Ibn Taymiyya and
Ibn Qayyim (d. 1350 C.E/ 751 A.H). [15

https://www.facebook.com/100068178217960/posts/264016555880950/?app=fbl
12/02/2022

https://www.facebook.com/100068178217960/posts/264016555880950/?app=fbl

Yaaaaa Allaah
Jireenya kee hin tuffatin namoonni hedduun bakka kee ga,uuf ni hawwaa jira waan ta,eef
Addunyaan tun hawwiidhaan guutamte
Yeroo gariin Konkolaataa moodeelaan jijjiiruu hawwu namni gariin kophee miti Miilaayyuu hin qabu
Suuraan tun namoota Argan hundaaf Akka ofyaadachiiftu shakkii hin qabu
Hawwiin mucaa kanaa utuu argatee Bishaanuma qulqulluu argatanii dhuguudha. Guyyaan nijjijjiirama akka rakkatametti hin hafu
Akka bal`attettis hin haftu
Rabbiin ummata kana Rahmata isaatiin nuuf hadhaqqabatu. Amiiin Aamiin

Muslim people are suffering in prison in Saudi Arabia like thisYaa Allah, you are the one who is all above, give solutio...
08/02/2022

Muslim people are suffering in prison in Saudi Arabia like this
Yaa Allah, you are the one who is all above, give solution to the whole
world.

👉ummanni islama Mana hidhaa saud arabiyaa kessati haala kanaan ilmi namaa dararamaa jiraa 👉yaa rabbii ol ta'aan sumaa hi...
08/02/2022

👉ummanni islama Mana hidhaa saud arabiyaa kessati haala kanaan ilmi namaa dararamaa jiraa
👉yaa rabbii ol ta'aan sumaa hidhamaa addunyaa hunda furmaata laadhufii

Picture of todayPls say Allahu  great
06/02/2022

Picture of today
Pls say Allahu great

Assalamaliyekum Meeqaa keenyaatu barnoota diin isilaama irratti yeroo isaa dabarsaa
06/02/2022

Assalamaliyekum
Meeqaa keenyaatu barnoota diin isilaama irratti yeroo isaa dabarsaa

Hawaasni Oromoo Kaaba sweedin Magaalaa Lulea jiraatan hoongeeGammoojjii baaleetiif karaa dhaabbata Deeggarsa EGEREEF tii...
04/02/2022

Hawaasni Oromoo Kaaba sweedin Magaalaa Lulea jiraatan hoongee
Gammoojjii baaleetiif karaa dhaabbata Deeggarsa EGEREEF tiin qarshii
49,400 gumaachanii jiru.
Ulfaadhaa, Galatoomaa horaa bulaa dagaagaa daraaraa Galatoomaa.

Yaa Allah nu Araaramii dilii teenya hundaa
04/02/2022

Yaa Allah nu Araaramii dilii teenya hundaa

17/12/2021

Irra caalaa namaa jechuun…
Ergamaan Rabbii ( ﷺ ) " Isin keessaa irra caalaa namaa jechuun nama
haadha warraa (jaartii) isaatiif gaarii ta'eedha " jedhe.
ﻭَﺧِﻴَﺎﺭُﻛُﻢْ ﺧِﻴَﺎﺭُﻛُﻢْ ﻟِﻨِﺴَﺎﺋِﻬِﻢْ ﺧُﻠُﻘًﺎ
" Tirmiizittu gabaase "
" Rabbiin warra haadha warraa ofiif gaarii ta’u nu haa taasisu"

16/12/2021

Dhimmi Mu'iminaa ajaa'iba
Warroonni iimaanni isaanii xiqqoo qananiitti ni gammaduu, yommuu
rakkoon isaan tuqxu abdii kutu.
ﻭَﺇِﺫَﺍ ﺃَﺫَﻗْﻨَﺎ ﺍﻟﻨَّﺎﺱَ ﺭَﺣْﻤَﺔً ﻓَﺮِﺣُﻮﺍ ﺑِﻬَﺎ ۖ ﻭَﺇِﻥْ ﺗُﺼِﺒْﻬُﻢْ ﺳَﻴِّﺌَﺔٌ ﺑِﻤَﺎ ﻗَﺪَّﻣَﺖْ ﺃَﻳْﺪِﻳﻬِﻢْ ﺇِﺫَﺍ ﻫُﻢْ ﻳَﻘْﻨَﻄُﻮﻥَ
“Yommuu namoota rahmata dhandhamsiifne, isiitti gammadu. Sababa
wanta harki isaanii hojjateen yoo hamtuun isaan tuqxe, yeroma san
isaan abdii kutu.” Suuratu Ar-Ruum 30:36
Faallaa kanaa, mu’mintoonni imaana cimaa qaban ammoo, yeroo waan
gaarii argatan Rabbiif galata galchu. Yommuu rakkoon isaan tuqxu
immoo obsuun Rabbii olta’aa abdatu. Akkuma Ergamaan Rabbii ( ﷺ )
jedhan: “Dhimmi mu’minaa ajaa’iba. Dhugumatti, dhimmi isaa hundi
kheeyrii (gaaridha). Kuni mu’minaaf malee eenyufillee hin ta’u. Yoo
wanta gammachisaan isa tuqe, ni galateeffata. Kanaafu isaaf gaarii
ta’a. Yoo rakkoon isa tuqe, ni obsa. Kanaafu, isaaf gaarii ta’a.” Sahiih
Muslim 2999

16/12/2021

Namni SALAATA tolfate gammachuu ganda lameenii ni dhuunfata!
Salaatni burqaa gammachuu fi karaa gargaarsi Rabbii ittiin namaa
dhufu. Salaatni jabeenya namaa kenna. Namni salaata yoo dhiise
jabeenya dhaba. Amala mu’imintoota keessa tokko salaata sirnaa fi
osoo addaan hin kutin salaatu; yeroo fi danbii isaa eegani salaatu.
Warroonni kunniin warroota milkaa’aniidha.
Rabbiin akkana isaaniin jedha:
ﻗَﺪْ ﺃَﻓْﻠَﺢَ ﺍﻟْﻤُﺆْﻣِﻨُﻮﻥَ ۝ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﻫُﻢْ ﻓِﻲ ﺻَﻠَﺎﺗِﻬِﻢْ ﺧَﺎﺷِﻌُﻮﻥَ
“Dhugumatti mu’umintoonni milkaa’an. Isaan warra salaata isaanii
keessatti kushu’a qabaniidha.” (Suuraa Al-Mu’uminuun 23:1-270:23)
ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﻫُﻢْ ﻋَﻠَﻰٰ ﺻَﻠَﺎﺗِﻬِﻢْ ﺩَﺍﺋِﻤُﻮﻥَ
“Isaan salaata isaani irratti gadi dhaabbatan.” (Suuraa Al-Ma’arij 70:23)
Salaatni madda gammachuu teenyaa akka tahe hubachuun
barbaachisaadha.
Ergamaan Rabbiiﷺ hoggaa yaaddoofi muddamsuun wahii itti dhufte
Salaatatti ariifatan. Salaata hedduu jaalatan. Jaalala Salaataaf
qabanirraa kan ka'e "yaa Bilaal, (Salaataan) nu boqachiisi" jechaa turan.
Bilaal Mu'azzina gara Salaataatti nama affeeru ture. Hoggaa inni
yaamicha Salaataa godhe ergamaan Rabbii itti gammadan. Inumaahuu
Ergamaan Rabbii "gammachuun ija tiyyaa (wannin itti qanani'u),
Salaata keessa naaf jirti" jedhan.
ﻛَﺎﻥَ ﷺ ﺇِﺫَﺍ ﺣَﺰَﺑَﻪُ ﺃَﻣْﺮٌ ﻓَﺰِﻉَ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟﺼَّﻼﺓِ، ﻭَﻣﻦ ﺣُﺒِّﻪِ ﷺ ﻭَﺗَﻌَﻠُّﻘِﻪِ ﺑِﻬَﺎ ﻛَﺎﻥَ ﻳَﻘُﻮﻝُ ﻟِﺒِﻼَﻝٍ : ‏«ﺃَﺭِﺣْﻨَﺎ ﺑﻬﺎ ﻳَﺎ
ﺑِﻼَﻝُ ‏» .. ﻭﺳﻤﻌﻪ ﺍﻟﻨَّﺎﺱُ ﻣﺮَﺍﺭًﺍ ﻭﻫُﻮ ﻳَﻘُﻮﻝُ : ‏«ﻭَﺟُﻌِﻠَﺖْ ﻗُﺮَّﺓُ ﻋَﻴْﻨِﻲ ﻓﻲ ﺍﻟﺼَّﻼﺓِ ».
Kanaafu salaatni bu’uura milkaa’innaa fi gammachuuti. Namni sirnaan
salaata yoo salaate addunyaa aakiratti milkaa’a. Salaatni hojii fi yaada
nama dhamaasu namarraa laaffisa.

Namni suura kana argite shergootu male hin darbin😢subahaana wota'aalahSubhaan allaah☝rabbiin akka fedhe hojjetakan rabbi...
15/12/2021

Namni suura kana argite sher
gootu male hin darbin😢
subahaana wota'aalah
Subhaan allaah☝
rabbiin akka fedhe hojjeta
kan rabbiin ilmoo fayyaa
qaama guutu siif kenne
Alhamdulillah jedhi

👉Adaraa suuraa kan banii namni Rasula Rabbiin Jalaatuubantu malee hin dabrin💜💜
15/12/2021

👉Adaraa suuraa kan banii namni Rasula Rabbiin Jalaatuu
bantu malee hin dabrin💜💜

15/12/2021

Dhimmi Mu'iminaa ajaa'iba
Warroonni iimaanni isaanii xiqqoo qananiitti ni gammaduu, yommuu
rakkoon isaan tuqxu abdii kutu.
ﻭَﺇِﺫَﺍ ﺃَﺫَﻗْﻨَﺎ ﺍﻟﻨَّﺎﺱَ ﺭَﺣْﻤَﺔً ﻓَﺮِﺣُﻮﺍ ﺑِﻬَﺎ ۖ ﻭَﺇِﻥْ ﺗُﺼِﺒْﻬُﻢْ ﺳَﻴِّﺌَﺔٌ ﺑِﻤَﺎ ﻗَﺪَّﻣَﺖْ ﺃَﻳْﺪِﻳﻬِﻢْ ﺇِﺫَﺍ ﻫُﻢْ ﻳَﻘْﻨَﻄُﻮﻥَ
“Yommuu namoota rahmata dhandhamsiifne, isiitti gammadu. Sababa
wanta harki isaanii hojjateen yoo hamtuun isaan tuqxe, yeroma san
isaan abdii kutu.” Suuratu Ar-Ruum 30:36
Faallaa kanaa, mu’mintoonni imaana cimaa qaban ammoo, yeroo waan
gaarii argatan Rabbiif galata galchu. Yommuu rakkoon isaan tuqxu
immoo obsuun Rabbii olta’aa abdatu. Akkuma Ergamaan Rabbii ( ﷺ )
jedhan: “Dhimmi mu’minaa ajaa’iba. Dhugumatti, dhimmi isaa hundi
kheeyrii (gaaridha). Kuni mu’minaaf malee eenyufillee hin ta’u. Yoo
wanta gammachisaan isa tuqe, ni galateeffata. Kanaafu isaaf gaarii
ta’a. Yoo rakkoon isa tuqe, ni obsa. Kanaafu, isaaf gaarii ta’a.”
Sahiih
Muslim 2999

15/12/2021

Mindaan dalagaa Kheeyrii teetii nama biraatiif akka si jalaa hin
kennamne tolchii eeggadhu!
Guyyaa qiyaamaa nama jaalattuuf, Abbaa kee, Haadha tee, ilmoo
teetiifii eenyuufuu mindaa gaarii tee takkallee kennuu hin dandeesu.
Garuu faallaa kanaa kheeyrii tantee nama jibbitu, kan ati hamatte, kan
arrabsite, kan maqaa balleessitee fi kan miite hundaaf ni kannama.
Kanumaaf Ergamaan Rabbii nagayaa rahmanni isaan irratti haa jiraatuu
akkana jechuun nuuf dhaaman: "Wal hin rakkisinaa, wal hin
salphisinaa, qaanii walii jala hin deeminaa."
Hadiisa biroo keessattis Nabiin keenna nagayaa rahmanni isaan irratti
haa jiraatuu akkana jadhan: "muslima jechuun nama muslimni arraba
isaatiifii harka isaatirraa nagaya baheedha"
Yaa Rabbi warra eega kheeyrii dalagatee booda arrabaa fi harka isaatiin
balleessu irraa nu hin godhin!

 Rasuulli ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ akkana jedhan: ji'a keessatti guyyaa sadisoomuun isiniif gahaadha (13ffaa, 14ffaa fi 15ffaa...
15/12/2021


Rasuulli ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ akkana jedhan: ji'a keessatti guyyaa sadi
soomuun isiniif gahaadha (13ffaa, 14ffaa fi 15ffaa) akka mindaan
dalagaa gaarii kudhaniin baay'ifama, kanaafuu *akka waggaa guutuu
soomanuu taati. *”
Saheeh Al Bukhari - Vol 3, Hadiisa 1975
Guyyaa adii (Ayyaamul Beedh) ji’a kanaa: 13ffaa, 14ffaa fi 15ffaa
guyyaa Jumaadaa Al Awwal 1443H soomuu mirkaneeffadhaa.
Corresponding to:
Fri 17th to aduu 19th mudde 2021
Saudi Arabia, Qatar, Kuwait, Bahrain, Yemen, Turkii, Egypt, Sudan,
Tunisia, Uzbekistan, Afghanistan, & others.
Sanbata 18 hanga ji’a sadaasa 20
UAE, Oman, Sooriyaa, Aljeeriyaa, Morookoo, Naayijeeriyaa, Paakistaan,
Hindii, Baangilaadish, Sirii Laankaa, Singaapoor, Maleezhiyaa,
Indoneezhiyaa, Awustiraaliyaa, USA, Kanaadaa, Germany, UK, fi
kanneen biroo.
NB yoo biyyi kee kan armaan olitti tarreeffame hin taane ta’e, maaloo
guyyaawwan mana marii Islaamaa naannoo keetii waliin mirkaneessi.

14/12/2021

Cubbuu Ykn Dilii gurguddoo!
Abu Bakaraah ibnu Haaris (RA) irraa Odeeyfame, Rasuulli Rabbii ( ﷺ )
akkana jedhan ;- " cubbuu ykn dili gurguddoo keessaa tan irra guddoo
isinii himuu ? " jechuun yeroo sadi irra deddeebi’uun sahaabaa
gaafatan ?
" Eeyyee nuuf himi " jedhaniin
" Cubbuun ykn diliin dilii irra guddoo Rabbitti waa qindeessuu ;
haadhaa fi abbaatti jallatuu ; dubbii sobaa ykn ragaa sobaati irraa of
eegaa " jedhan
Rasuulli Rabbii ( ﷺ ) dubbii * ragaa sobaa * jedhu kana baay'ee irra
deddeebi'anii dubbatan hanga sahaabaan (RA) Rasulli Rabbii irra
deddeebi'uun kun isaan dadhabsiisee osoo hafuura baafatanii hoo !
jedhan tokkotti.
Yaa Rabbi irraa nuu tiksi
" Bukhaariif muslim "

As wr wb Ahbaabii Fillaah!  !Rasuulli Rabbii (Sallallaahu Aleyhi Wa Aaliihi Wasallam) akkijedhan, "Cufni uummata kiyyaat...
12/12/2021

As wr wb Ahbaabii Fillaah!
!
Rasuulli Rabbii (Sallallaahu Aleyhi Wa Aaliihi Wasallam) akki
jedhan, "Cufni uummata kiyyaatuu seenan nama
malee?"
Ni jedhame: eenyuutu yaa ergamaa Rabbii?
Rasuulli Rabbii (Sallallaahu Aleyhi Wa Aaliihi Wasallam) ni jedhan,
"Namni na jedhe jannata seene, ka na diide ammoo diidee."
Jedhan! (Sallallaahu Aleyhi Wa Aaliihi
Wasallam) !

Ergamaan Rabbii ﷺ Duula Ittii Banamee Namni Tokkolleen IsarraaDeebisuutti Hin Haajamu.Garuu Namni Hundi Rasuula Rabbirra...
12/12/2021

Ergamaan Rabbii ﷺ Duula Ittii Banamee Namni Tokkolleen Isarraa
Deebisuutti Hin Haajamu.
Garuu Namni Hundi Rasuula Rabbirraa ﷺ Deebisuutti Haajama.
Sababnis, Rasuula Rabbiitti ﷺ Amanuu Karaan Mirkaneessinuun
Ergamaa Rabbiittiif ﷺ Tumsuudhaani
Rabbiin Ol Tahe Akkana Jedhe:- (Yaa Namootaa!) Akka Allaah fi
Ergamaa Isaatti Amantaniifi, Ammas Akka Isaaf Tumsitanii fii Isa
Guddiftaniif (Isa Kabajjaniif Isa Ergine). Suuraa Al-Fath: 9
Yaa Gabricha Rabbii, Yaa Gabrittii Rabbii
Salluu Alaa Rasuul,
Sallallaahu Aleyhi Wasallam!
Huzeyiifa

https://www.facebook.com/100039549551989/posts/601354544526192/?app=fbl
12/12/2021

https://www.facebook.com/100039549551989/posts/601354544526192/?app=fbl

Dr. Sheikh Muusaa Su'aalaa Ajjeechaan isaanirratti murteeffamtee akka turte quba qabduu ?!

Share waliif godhaa Jzk..

Sheikh Muusaan dur Naannoo Soomaalee Orda iddoo ja'amutti qaraasisaa turan. Guyyaa tokko gara Magaalaa Jigjigaa imaluu barbaadan. Imala isaanii warri Bida'aa dhagayan. Yeroo sanitti Sheekhni hunda caalaa Toowhida barsiisuu turan. Shirkiirraa cimsanii hawaasa dhoorkaa turan.

Dalagaa isaanii kanatti Dargaan hedduu aaranii, "Sheikh Muusaan nama badaa dha. Nama Mootummaa fonqolchuu barbaadu, Ashabbaarii, Mankaraaristii dha" jachuun Mootummaaf himanii, akkasuma kara Magaalaa Jigjigaa deemaa jiraachuu isaanii Foolisiitti himan. Phoolisoonni Konkolaataa gara Jigjigaa deemu mara dhaabsisuun, Sheikh Muusaa Su'aalaa barbaadaa turan.

Boodarra Konkolaataan Sheekhni keessa jiru dhufe. "Sheikh Muusaan as keessa nijiraa?" Jachuun gaafatan. Yeroo kana Sheekhni "Ee! Niin jira. Khunoo ana. Maaliif nabarbaaddan?!" Jachuun dubbatan. Ajiib!

Koottu ja'anii, qabanii Mana Hidhaa geeysan. Mana Hidhaa keessatti hedduu Azzabaa turan. Guyyaa garii Qarree (hallayyaa) guddoo irra geeysanii ti isaan tuman. Sheekhni yoo ol siqe ulee fi tumaa jira. Yoo gad siqe ammoo Hallayyaa jira.

Haala kanaan erga Azzaban booda "Rasaasni isatti qisaasa. Ableen qalamuu qaba" ja'anii, guyyaa itti sheekha akka Hoolaatti gorra'an (qalan) baallamatanii, guyyaan san akka isa ajjeesuuf deeman sheekhatti himan.

Maaltu Mudate ?!

Guyyaan keessatti Sheekha qalan yeroo gayu, gara iddoo Sheekhni itti hidhamee dhufanii, hulaa irraa banan. Sheekhni Rabbi kadhachaa gad-bahe. Yeroo gad-bahan, namni tokko isaan hin dubbisne. Nan agaran jachaa deemuu eegalan. Jarattiin dhamaate.

Eega Sheekhni fagaate booda dammaqanii, Sheekha barbaaduu eegalan. Sheekhni goda bineensi keessa galu seenanii, guyyaa lama osoo waa takka hin nyaatin achi turanii, boodarra nagayaan Magaalaa Jigigaa galan.

Akkanatti Hamtuu hunda duraa Rabbi isin haa baasu!

Barreeysaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!

SHARWE WALIIF GODHAA!

Flaamiingoon miila tokko qofaan yoo dhaabbatu mul’ata. Maaliifmiila tokkoon dhaabbata osoo miila 2 qabu jettanii gaafatu...
12/12/2021

Flaamiingoon miila tokko qofaan yoo dhaabbatu mul’ata. Maaliif
miila tokkoon dhaabbata osoo miila 2 qabu jettanii gaafatuun hin
oolu.
Dubbiin dubbii ajaa’ibaati. Filaamiingoo miila tokkoon dhaabbatu yoo
argitan, hirribarra jiraachuu isaa beekaa. Kun ajaa’ibuma hin
jettaniiree? Ilmi namaa miila isaa lama irra madaala (balance ) ofii
eegee rafuu mitii yeroo hedduu dhaabatuunuu itti ulfaata.
Flaamiingoon garuu miila takkarra, sanuu qaama isaa guddaa san
madaala isaa eegee dhaabbatee rafa. Kana qofa hin sehinaa, ammas
ajaa’iba biraattu jira. Yeroo Flaamingoon miila takkaan dhaabbatee
rafu kana, miilli isaa kan lammataa rarra’aa akka jiru beekamaa dha.
Yeroo kanatti qaama Flaamiingoo walakkaa qofatu rafa. Walakkaan
ykn gamni miila rarrafamee garuu rafaa hin jiru. Hanga dadhabutti
akkasumatti dhaabbata. Akkuma ilmi namaa dadhabee cinaacha
jijjiirratu, Flaamingoonis wayta miilli tokko jalatti dadhabe, gama miila
lammataatti jijjiiree gama saniin rafa. Yeroo kanatti gamni duraan
dammaqaa ture rafeeti, gamni rafaa ture sun ammoo dammaqa.
Ajaa’ibni uumaa keenyaa gariin amanuufuu ni ulfaata. Wanti gariin
haala sammuun keenna yaaduun addatti uumaman. Gariin immoo
faallaa nuti yaannutti uumaman. Sammuun keenna haga isaaf
kenname qofa yaaduu danda’a. Wanti kun ajaa’iba isiniitti tahee
amanuus dadhabdan, qorannoo saayinsii qabatamaan
mirkanaaweedha. Gaaruu nuti muslimoonni ALHAMDULILLAAH,
hanguma fedhellee nu ajaa’ibee amanuufis nu dhibu, waan nu
amansiisu guddaa tokko qabna. Mootiin Aalamaa abbaan waahundaa
Rabbiin keenna, waan fedhe akka fedhetti uumuu danda’a. Uumaa
isaa kan amanuuf nama dhibdus yoo arginu, SUBHAAN ALLAH
jennee dandeeytii Rabbii keennaa daran hubanna.

Huccuu teetirra   tee akka hin xurooyne of eeggadhu!Huccuu tee akka   fi   eegdutti qalbii teetiis ,   ,  ,  , ,   eegii...
12/12/2021

Huccuu teetirra tee akka hin xurooyne of eeggadhu!
Huccuu tee akka fi eegdutti qalbii teetiis
, , , ,
, eegiin!
Akka huccutti yeroo qalbiin xurooytees yookaa # Foolii
qabdi!

Yaa rabbi sahaabota ergamaa keenyaa waliin jannata kee keessatti nuqananiisi wallaahi.
12/12/2021

Yaa rabbi sahaabota ergamaa keenyaa waliin jannata kee keessatti nu
qananiisi wallaahi.

11/12/2021

Seenaa Addaa!
Namticha Umriin isaa amata 78 geeysu tokko dhukkubsate Hospitaala seene. Sa'aa 24'f oxygen fayyadame. Turtii sa'aa 24 booda waraqaa kaffaltii (Bill) itti kenname. Yeroo banee ilaalu kaffaltiin isaa Qarshii 500,000 (kuma dhibba shan) akka tahe yoo agaru, akka malee iyye. Hoggaa kana doctoroonni "rakkoon qabu, tasgabbaawi, kaffaltiin sitti ulfaattuus sigargaarra" ja'aniin. Hoggaa kana namtichi kun "ani kaffaltii dadhabee osoon tahin sa'aa 24 keessatti qarshii hagana yoon kaffalu, garuu, amata 78 guutuu kaffaltii takka malee, oxygen fayyadamee, qilleensa bareedaa fudhachaa jira. Garuu, takkaa hin kaffalle" ja'een.

Sa'aa 24 keessatti qilleensa (oxygen) argachuuf Birrii 500,000 gaafatamtee beeytaa?! 😢
Mee yeroo takka Niimaa fayyaa yaadadhaa "alhamdulillaah" jachuun galata Rabbii galchaa!

SHARE WALIIF GODHAA JZK..

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bobbaasa H Mohammad posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share