02/10/2023
Irreechi Mallattoo Tokkummaafi Miidhagina Oromooti!
--------------
Uummanni Oromoo Irreecha mallattoo tokkummaafi miidhagina isaa ta'e kabajachuuf guyyaa tokkotti bakkatti kaayyoo tokkoof walitti qabamee uumaa isaa galateeffachaa hariiroo isaa jabeeffachaa har'a ga'eera. Uummanni Oromoo sadarkaa Gaanfa Afrikaatti uummata guddaa Sirna Gadaa dabalatee falaasamoota jiruufi jireenya ilmaan namaa qajeelchan addunyaaf gumaachedha.
Jaarmiyaalee kanneen keessaa ayyaanni Irreechaa isa guddaafi falaasama Sirna Gadaa keessaa kan madde yoo ta'u sirna Oromoon uumaa isaa itti galateeffatuufi tokkummaa isaa jabeessu obbolummaa dagaagsee uffata aadaa isaan faayamee miidhagina Oromummaa Addunyaatti agarsiisudha.
Irreechi, Irreecha Malkaafi Tulluu jedhamee beekamus lamaanuu sirna guddaa aggaammii ulee ormaa qolatee Oromoo humneesseefi tokkummaa isaa jabeessee har'a ayyaana guddaa addunyaan xiyyeeffannoo kennee eegu ta'uu danda'eera.
Ayyaanichi sirnaafi duudhaa mataa isaan kan qajeelfamu, waltajjii namoonni miiliyoononni uffata aadaan miidhaganii gamtaan kabajatan, ulfoof ulfina kennuufi waltajjii eebbaa Oromoon qabu isa guddaadha. Ayyaana Irreechaa irratti saboonni, sablammoonniifi uummattoonni akkusamas turistoonni biyya keessaafi alaa ni argamu. Kanaafuu, namoota miiliyoona hedduutti lakkaa'aman waltajjii keessummeessu waan ta'eef hunduu karaa nageenya isaa eegeen ayyaana kana miidhaksee kabajuu qaba.
Dirreen Irreechi irratti geggeeffamu dirree gammachuu, galataa, araaraa, jaalalaa, eebbaafi hariiroon Oromoota Kaabaafi Kibbaa, Bahaafi Dhihaa itti dagaagu taasisuun miidhagina Irreechaa eegnee mallattoo tokkummaafi obbolummaa ta'uu isaa saboota, sablammootaafi uummattoota biyya keenyaatti agarsiifnee guddina Irreechaa daraan ol kaasuun dirqama lammii hundaa ta'uu qaba.