Gibeen Gama Page

  • Home
  • Gibeen Gama Page

Gibeen Gama Page Dedoo media New

Hojjachuu fii kadhaarraa fagaachuuNabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e, "Tokkoon keeysan haada fudhatee qora...
21/06/2023

Hojjachuu fii kadhaarraa fagaachuu

Nabiyyiin sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e, "Tokkoon keeysan haada fudhatee qoraan duydarratti baadhatee gurguree saniin Rabbiin fuula namarraa isa tiiysuutu ilmaan namaa kadhachurra irra isaaf caala. Ilmaan namaa kadhatee argatus, dhabus"
Bukhaarii: 1471

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akki je'e, "Namni heddummeeyfachuuf jecha ilmaan namaa kadhatu dhamala ibiddaa kadhataa jira dhamala ibiddaa haa heddumeeyfatu ykn haa xiqqeeyfatu"

Muslim: 1041
-----

Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam ilmaan namaa kadhachurra hojachuun, carraaqqachuun akka caaltu nu barsiise. Fuula nama dhaabbachurra qoraan duydatti baadhatanii gurguruun akka caalu hime. Carraaqatanii if dandahuu, kadhaa dhiisuu, kabajaa tiiyfachuu, horii halaal horachuu, fii sadaqachuutu muslimarraa eeggama.

Rabbiin fuula Isaa malee fuula ilmaan namaa nu hin dhaabin Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii

“Iimaanni maali? (namni tokko Iimaana qabaatuu akkamitti if beeka)” ja’ee Sahaabiin tokko Nabi gaafate. Nabiin akkana ja...
20/06/2023

“Iimaanni maali? (namni tokko Iimaana qabaatuu akkamitti if beeka)” ja’ee Sahaabiin tokko Nabi gaafate. Nabiin akkana ja’ee deebiseef👇🏾

"Gaariin hojjatte yoo si gammachiifte, badiin hojjatte ammoo yoo si sodaachifte ati Mu'mina."
Nabi Muhammadﷺ

Ammaas Sahaabiin kun “badiin hoo? (Badiirra jiraachuu hoo mallattoo kamiinin if beeka?)” ja’ee gaafate. Nabiin akkanatti deebiseef👇🏾

“Yoo waa akka balleessaa jirtu lubbuu tee keessatti yaadde dhiisi.”
Nabi Muhammadﷺ
[Sahiihul-Jaami' 600]

- Gaarii hojjannaan qaamaafi qalbiitu gammada. Qalbiin fayyaa qabdu hammeenya hojjachuu abadan hin aadeeffattu. Waan Rabbiin jaalatu hojjuutti gammachuu qabaatuun, badii Rabbiin irraa nu dhoorketti dhihaatuu keenyatti gadduun mallattoo Iimaanaati.

* أنَّ رجلًا سألَ رسولَ اللَّهِ - صلَّى اللَّهُ علَيهِ وسلَّمَ - : ما الإيمانُ ؟ قالَ : إذا سَرَّتكَ حسَنتُكَ ، وساءَتكَ سيِّئتُكَ ؛ فأنتَ مؤمِنٌ . قالَ : يا رسولَ اللَّهِ ! فما الإثمُ ؟ ! قالَ : إذا حاكَ في نفسِكَ شيءٌ فدَعهُ.
الراوي : أبو أمامة الباهلي.

As wr wb ODUU AMMEEWaxabajjii 9/2015 WKMAD )Aanaa Dedootti, hojiin mana barumsaa bu'uura boruu ijaarsisuu guyyaa har'aa ...
20/06/2023

As wr wb ODUU AMMEE
Waxabajjii 9/2015 WKMAD )

Aanaa Dedootti, hojiin mana barumsaa bu'uura boruu ijaarsisuu guyyaa har'aa akka aanichaatti ganda Caaltee Bullootti eegalee jira.
_______________________________
Godina Jimmaa, Aanaa Dedootti, ijaarsi mana barumsaa bu'uura boruu ganda Caaltee Bullootti bakka keessummoonni aanaafi godinaa argamanitti jalqabamee jira.
Sagantaa kanarratti bakka bu'aan bulchaafi ittigaafatamaan waajjira bulchiinsaa Obbo Abdulhaakim Ahimad, bakka bu'aan Paartii Badhaadhinaafi ittigaafatamaan waajjira bulchiinsaafi nageenyaa Obbo Mahaammadsaanii Fiixaa , ramadamtuun godinaa Aadde Alawiyyaa A/Maccaa , waajjira barnoota godina Jimmaa irraa Aadde Roozaa A/Maccaafi ittigaafatamaan waajjira barnootaa Aanaa Dedoo Obbo MahaammadAwwal Suleymaan akkasumas hawaasni gandichaa argamuun eegalchiisuun hirmaannaan hawaasaa cimee ittifufuufi ijaarsichi Yeroo jedhame keessatti akka xumuramuuf hawaasni gandichaa xiyyeefannoo guddaa itti kennuun hojii eegalame akka Xumursiisaniifi bifuma walfakkaatuun gandoota aanichaa hunda keessatti akka ijaarsi eegalamus Obbo M/Awwal ibsaniiru.👉🏻✅ Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love you😘

ODUU AMMEEWaxabajjii 9/2015 WKMAD )Aanaa Dedootti, hojiin mana barumsaa bu'uura boruu ijaarsisuu guyyaa har'aa akka aani...
20/06/2023

ODUU AMMEE

Waxabajjii 9/2015 WKMAD )

Aanaa Dedootti, hojiin mana barumsaa bu'uura boruu ijaarsisuu guyyaa har'aa akka aanichaatti ganda Caaltee Bullootti eegalee jira.
_______________________________
Godina Jimmaa, Aanaa Dedootti, ijaarsi mana barumsaa bu'uura boruu ganda Caaltee Bullootti bakka keessummoonni aanaafi godinaa argamanitti jalqabamee jira.
Sagantaa kanarratti bakka bu'aan bulchaafi ittigaafatamaan waajjira bulchiinsaa Obbo Abdulhaakim Ahimad, bakka bu'aan Paartii Badhaadhinaafi ittigaafatamaan waajjira bulchiinsaafi nageenyaa Obbo Mahaammadsaanii Fiixaa , ramadamtuun godinaa Aadde Alawiyyaa A/Maccaa , waajjira barnoota godina Jimmaa irraa Aadde Roozaa A/Maccaafi ittigaafatamaan waajjira barnootaa Aanaa Dedoo Obbo MahaammadAwwal Suleymaan akkasumas hawaasni gandichaa argamuun eegalchiisuun hirmaannaan hawaasaa cimee ittifufuufi ijaarsichi Yeroo jedhame keessatti akka xumuramuuf hawaasni gandichaa xiyyeefannoo guddaa itti kennuun hojii eegalame akka Xumursiisaniifi bifuma walfakkaatuun gandoota aanichaa hunda keessatti akka ijaarsi eegalamus Obbo M/Awwal ibsaniiru. Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love you❤

As wr wb AmmeeAkka qorannoon Sa’uud Arabiyaa addeessetti: Baatiin Zul-hijjaa mul’attee jirti.  Kanaafuu Boru guyyaa Isni...
19/06/2023

As wr wb Ammee
Akka qorannoon Sa’uud Arabiyaa addeessetti:
Baatiin Zul-hijjaa mul’attee jirti. Kanaafuu Boru guyyaa Isniina, guyyaa jalqabaa Zul-hijjaa ta’a.
Kanumaan wal qabatee Kibxatni guyyaa Arafaa irra akka ooluu fi Guyyaan Roobii Iida Al-Ad-haa akka tahus mirkaneessitee jirti.
RABBIIN badhaasa guyyota kurnan kanaatiin nu haa milkeessu.

Akkuma beekamu, mootummaan shanan gibee keessa tokko guumaadha. Kanaafu bakkii mootiwwan shanan gibee itti wol-arganii y...
19/06/2023

Akkuma beekamu, mootummaan shanan gibee keessa tokko guumaadha. Kanaafu bakkii mootiwwan shanan gibee itti wol-arganii yaa'ii geggeessan immoo tabba argaatti. Tabbii Kun irri keessi Isaa diriiraafi kallatti hundaa gamaa gamanatti kan mull'atufii hawwata Turiizimii ta'ee Akka paarkiittis tajajiluu danda'aa. Bineenssonni garaagaras achi keessatti ni argamu. Kan hamma Jira: qeeranssa,doollee,majaa, arayaafi booyyee ni argamu. Kan duraan Jiran hamma badan,leenca.
Kana males tabbii Kun albuuda Akka qabu tilmaamama. Agarsiiftunssa irra kessa.tabbicha xaaliyaaniin guyya tokko guutuu qorachuun sibiila mallattoo dhaabanii deemuu hawwaasnii naannoofi beektooliin natti agarsisuun odeeffannos naaf kennaniruu.

Aanaa Dedootti Sagantaan hojii kunuunsa Daandii eegalame**************************************Caamsaa 11/2015 (WKMAD)God...
19/06/2023

Aanaa Dedootti Sagantaan hojii kunuunsa Daandii eegalame
**************************************
Caamsaa 11/2015 (WKMAD)
Godina Jimmaa aanaa Dedootti Sagantaan kunuunsa Daandii G/Oddoo hidhataa sarara Daandii Kattaa- Oddoo irratti eegalamuu isaa Waajjirri Daandii fi Loojistikii aanaa Dedoo beeksisuun hawaasni hundu Daandii isaa kunuunfachuun Lolaa ganna kanaa erraa eeguun murteessaa akka ta'es hubachiiseera.

As wr wb Dhiifama wojjin I love you❤❤ Walaloo Shamarran Oromoo biyya Arabaa jiraniif..Jaalala dhugaa gooteeOnnee kee isa...
17/06/2023

As wr wb Dhiifama wojjin I love you❤❤
Walaloo Shamarran Oromoo biyya Arabaa jiraniif..

Jaalala dhugaa gootee
Onnee kee isa tortoraa
ijoollee kaayyoof baate
Facebookiidhaan foggoraa.

Jechoota miidhegfattee
Afaan dammaan dibattee
isheenis dhugaa seetee
Onneerraa si amantee.

Jaalala dhugaa seetee
Gaafa isheen siif gadditu
Uffata siif jijjiiruuf
Gaafa qarshii ergitu.

Gaafa isheen rifeensakee
isa ciccitaa fuutee
Jeeliidhaaf permii bittee
Rifeensa namaa goote.

Gaafa isheen shabaxeekee
Miilla keerraa sii baastee
Nike sitti bittee
Facebookiitti ol si baaste.

Gaafa isheen ofii cabdee
Qarshiishee sitti ergitu
Bakka isheen si kaaste
Maalif of hin argitu?

Manan ijaara jettee
Qarshii harkaa sassaabdee
Baayyeen si yaade jettee
Qullaa qaama waraabdee.

ilkaan koo na dhukkubee
Busaa na qabee jiraa
Yoo ati nan hin gargaarre
Dhugaadha hin qabu firaa.

Bilbila kiyya badee
bitachuuf qarshiin dhabe
Eda halkan hattuu dhufee
Manni kiyyas hin cabee.

Hojii dorgomuuf jedheen
Qarshii gubbootu jiraa
Waanan kaffalun dhabee
Bucheeko mana kiraa.

Jettee imimmaan buustee
Gaafa teessee kadhattuu
Waan meeqa waliin gootee
Hiccitiimmoo hin qabattu.

Atimee:-
Gaafa Jaalalli baayyee
Qullaa ishee waraabsista
Gaafa rakkoon uumamu
Maal gochuudhaaf doorsista?

Qullaa keen sii maxxansaa
Yookaan naaf ergi birrii
Gaafa jettee doorsistu
Si malee hin jiruu dhiirrii?

Gaafa rakkoon si marseewoo
imimmaan buustee boossaa
Nama rakkoo si baastetti
Maal gochuuf itti qoosta?

Qullaashee bakkee baastee
Atigaa maal buufattee
Gadhee akka kee deessee
Haati keeyyuu in gubattee.

Qullaa ati bakkee baastuu
Kan hundumaa dubbataa
Qullaa obboleettii keetii
Kan haadhakee mullataa.

Atiis:-
Rakkinaaf biyyaa baatee
Achi teessee hin xeebinii
Dhiiraaf qullaa waraabdee
Vidiyoo hin erginii.

Isa dafqitee fidde
Qarshii kee sassaabbadhuu
Akkuma hiriyyoota kee
Galii mana dhaabbadhu.

Gola arabaa teessee
Hin soorin dhiira keessaa
Xummurrisaa si miidha
Jireenyakee balleessaa.

Facebookiidhaan wal bartee
Qullaa kee erguu dhiisii
Rakkattuu haadha keetiif
Waa ergii Gammachiisi.

Nagaadhaan biyya galii
isa baateef goolabii
Jireenyakee jijjiirii
Hardhumarraa Jalqabii.

Yoo qabaannes yoo dhabnes
Yoo taanes maatii deegaa
Dhugaadhaan wal jaallannaan
Jaalalli hiccitii in eegaa.

Karaa ittiin of jijjiiran
Hiriyyaa kee gaafadhuu
Mana keessan isa jigaa
Dhiistee kaate yaadhadhuu.

Qarshii keen achi teessee
Dhiira qallabuu dhiisii
Obbolaa kee rakkatootti
Jireenya itti agarsiisi.

Akka Islaamaatti mana jechaan kutaa hirribaaf haalli keessatti nama walitti qabuu miti, fuudhaa-heeruma jechaanis afoosh...
14/06/2023

Akka Islaamaatti mana jechaan kutaa hirribaaf haalli keessatti nama walitti qabuu miti, fuudhaa-heeruma jechaanis afooshaa waliigaltee kaayyoo maallaqa horachuuf jara walitti dhufe jidduutti taatu, kan ilmaan guddisuu dagatanii miti. Akka Islaamaatti mana jechaan biyya xiqqoodha, maatii jechaanis ummata xiqqaadha. Fuudhaa-heerumnis hidhata lubbuuti, dhugaa gama lamaanirraa wal qunnamte. Namni gaafa fuudhu jireenya jireenya konfolummaa adda addaan gaggeeffatu dhiisee tokkooma! Tokkoomee WARRA taha.

Dr Yuusuf al Qaradaawii

البيت في الإسلام ليس حجرة من فندق جمعت الظروف فيه بين ساكنين، وليست الزوجية شركة مساهمة بين زوجين همّهما تربية الأموال لا تربية الأطفال، إنما هو وطن صغير، والأسرة أمّة مصغّرة.. والزوجية رابطة روحية وحقيقة مركّبة من شخصين، اتَّحد كل منهما بالآخر حتى سُمِّي كل منهما «زوجًا» بعد أن كان فردًا! Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love you❤😘😘😘

( Waxabajjii ,6/2015 WKMAD )Godina Jimmaa, Aanaa Dedootti, hojii tola ooltummaa gama fayyaatiin  deggersa dhaabbatni 'SU...
14/06/2023

( Waxabajjii ,6/2015 WKMAD )

Godina Jimmaa, Aanaa Dedootti, hojii tola ooltummaa gama fayyaatiin deggersa dhaabbatni 'SUNRISE DEVELOPMENT ETHIOPIA' qindoomina University Jimmaa waliin ta'uun buufata fayyaa Sheekiitti tajaajilli yaala tolaa geggeeffamee kan jiru ta'uu ibsameera.

Haaluma kanaan hojii fayyaa hawaasaa irratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun namoota dhibee baqaqsanii yaaluu sasalphaa, 32 yaala dhibee ijaa baqaqsanii yaaluu namoota 15, namoota 192f naaduraa(marayaa),namoota 33 yaala dhukkuba ilkaaniifi namoota 634 tajjiilaa qoricha 'ispeeshaalistoota' ogummaa adda addaa qaban walumaagalatti namoota 970 ta'aniif yaala bilisaa kennuu isaanii daariktarri buufata fayyaa Sheekii Obbo Guutuun ibsaniiru.

Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love you❤❤

Balaa bakakkaa roobaa halkan edaa muudateen beeyladoonni hedduu du'anWKA/Siraaroo (05/10/2015)Godina Arsii Lixaa aanaa S...
13/06/2023

Balaa bakakkaa roobaa halkan edaa muudateen beeyladoonni hedduu du'an

WKA/Siraaroo (05/10/2015)
Godina Arsii Lixaa aanaa Siraaroo ganda Kattaa Shirqanootti,Balaa bakakkaa roobaatiin lubbuun beeyladoota hedduu darbe.

Balaan bakakkaa kun roobaa halkan keessa saa'aa 4:00tt roobeen ganda Kattaa Shirqanootti, mana nama dhuunfaa obboo Garee Abbabbaa jedhamu kan muudate yoo ta'u,balaan kun beeyladoota mana keessa jiran,Horii maalaa 2,Harree 1 fi Re'oota 5,walii gala beeyladoonni manaa 8 du'aniiru.

Balaa bakakkaa mana irratti muudate kanaan beeyladoonni kunneen tilmaama qarshii 125,000 baasan kan du'an yoo ta'an,lubbuu beeyladootaa darbe irraa kan hafe,manaa fi nama irraas miidhaan kamuu kan hin geenye ta'uu deeggaraan gandichaa obboo Bariisoo Mollaa ibsan.
Obboo Bariisoon miidhaa qabeenyaa balaa kanaan gaheef,hawaasni gandichaa tumsa taasisuun akka hirphuu qaban waamicha taasisaniiru.

Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love you❤😘

13/06/2023

As wr wb jirttuu Gaafii Namni baayyeen nagaafataa turttan masgiinni Rasuulaa (sm)yoom ijaarame jettan

Deebii 1: Hijraa irraa ganna tokkoffaatti (1)

Woxabajjii 1/2015 (WKMAD)  Kominikeeshii Godina Jimmaa aanaa Dedootti deeggarsaafi hordoffii kurmaana 4ffaa gaggeessuun ...
11/06/2023

Woxabajjii 1/2015 (WKMAD)
Kominikeeshii Godina Jimmaa aanaa Dedootti deeggarsaafi hordoffii kurmaana 4ffaa gaggeessuun kallattii kaa'eera.
================//========
Godina Jimmaa aanaa Dedootti raawwiin hojii walii galaa Waajjira Kominikeeshinii aanichaatin hojjatamaa ture bakka I/G Waajjirichaa Obbo Fu'aad Tamaami fi ogeessi waajirichaa hundi argamanitti Koree Suppevision godinaatiin gamaggamni hojii hanga ammaatti jiru taasifameera.

Deeggarsaafi hordoffii guyyaa har'aa ogeeyyii koree Supervision Waajjira Kominikeeshinii Godina Jimmaatiin taasifameen hojiiwwan akka aanaa Dedootti miidiyaafi kominikeeshinii cimaa ijaaruudhaan hariiroo gaarii ummataafi mootummaa gidduutti uumuuf hojjetamaa ture irratti xiyyeeffachuun qabatamaan madaalamee kallattiin itti aanu kaa'ameera.

akkasumas ciminaafi hanqinoonni bara kanaa adda bahee kan ilaalame yommuu tahu, ciminoota mullatan itti fufsiisuufi hanqinoota immoo maqsuun guyyoottan hafan keessatti karoora qabame xumuun murteessaa akka ta'e kaasaniiru.
Sabona Kamal Godina jimmaa aanaa Dedoo Shekii I love❤❤❤ you Dedoo Shekii

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Diiggaa Masjidootaa dhiheenya raawwatamaa ture ilaalchisee Miidiyaaleef i...
09/06/2023

Manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Diiggaa Masjidootaa dhiheenya raawwatamaa ture ilaalchisee Miidiyaaleef ibsa kenne.

June 8/2023
Nuuralhudaa

Tibbana Magaalaan Shaggar haarawa hundaa'uuf jecha Masjidoota hedduu diiguu isii hordofee muslimoota hedduu dallansiisee jira. Koreen Majlisa irraa bakka bu'ee dhimma kana qorataa tures, qaamolee mootummaa dhimmi kun ilaallatu hunda waliin mari'achuudhaan guyyaa hardhaa ibsa baase.

Juma'aawwan 2n darban miidhaa Ummata irratti raawwate balaaleffachuun kan jalqabe ibsichi lubbuu du'aan of biraa dhabeneef Rabbiin haa araaramu hiree shahiidummaallee jara haa badhaasu, maatii, Ummata islaamaa guutuu Adduunyaa irra jiraniif immoo Rabbiin sabrii haa kennu jedhanii jiru. Warra miidhamanii Mana Yaalaa jiraniif immoo deeggarsi akka taasifamu yaamicha dhiheessanii jiran.

"Aangoon kiyya dhugoomuun" yoo Masjidaa fi Amantii kiyya naaf kabajjan kan jedhan immoo iitti gaafatamaa mana Marii dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa kan tahan Hajjii Ibraahim kanaan booda dhimmi amantii tuttuqamnaan Ana waliin Eenyulleen firooma kan hin qabne tahuu beekuu qaba jedhanii jiru.

Bakka Masjiidota diigamaniititti masjiidota haarawa ijaaraman keessaa tokko maqaa "Masjiida Shahiidotaa" jedhamuun akka ijaaramuu fi maqaan obboleewwan torbaan lamaan darbe kana lubbuu dhabanis dallawa masjiida sanaa keessatti kan barreeffamu ta'uu ibsan. Magaalaan shaggar kanaan booda Majlisa Oromiyaatiin akka marii taasisuu fi diiguun yoo barbaachises Majlisni akka diiguu dhaamame.

● Kanaan booda hiriirri tokkolleen akka hin gaggeeffamne manni Marii Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa cimsee akeekkachiise.
Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love❤ you❤❤

As wr wb jum.aan masjiida Anwwawrtti nagaan salaatamee xumuramee Alhamdulillaah Nagaan waahundda caala
09/06/2023

As wr wb jum.aan masjiida Anwwawrtti nagaan salaatamee xumuramee Alhamdulillaah Nagaan waahundda caala

Aadaa keenya qulqulluu  Faashinaan hin faalchifnu  Qabna faaya miidhagaa  Kan dhaloota dhaalchifnu    Huccuu kabajaa qab...
09/06/2023

Aadaa keenya qulqulluu
Faashinaan hin faalchifnu
Qabna faaya miidhagaa
Kan dhaloota dhaalchifnu

Huccuu kabajaa qabna
Dhaallee abbaa keenyarraa
Achumatti deebisaa
Kan fiddan fageenyarraa

Safuu oromoo cabsa
Aadaadhaan walin simu
Hin fudhannu faashina
Abbaan fedhe nuttimu

Ibsituu keenya dhiifnee
Dhaallee kan warra adii
Qaama qullaa mul'isuu
Hin simannu waan badii

Galfata abbootii gannee
Alagaa akkeessinee
Seenaatu nu gaafata
Hin bullu fakkeessinee

Warra uumaan badhaase
Haalaaf amala gaarii
Nuti safuun guddanne
Ijoollee Abbaa Jifaari

Jibba namaa hin qabnu
Of taanee kaan kabajna
Eenyummaa ofiitiin boonuu
Dhala keenya ajajna..

Ilmaan Abbaa Bogiboo
Ijoolleen Abbaa Reebuu
Of malee orma ta'uuf
Lakki hin qabnu dheebuu

Burqaa qaroominaati
Hubadhu warri Jimmaa
Kan ormaan hin gowwoomu
Waan ofiitu isaaf dhimma

Waan ofiin kan hin boonne
Namaa miti dabeessaa
Of ta'uutu kabajaa
Keessanuma jabeessaa!

Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love you❤❤

Ibsa Guyyaa Harraa Mana maree dhimmoota islaama Itoophiyaa Irraa kenname. 1. Hawaasni muslimaa caaseffama Magaalaa Shagg...
09/06/2023

Ibsa Guyyaa Harraa Mana maree dhimmoota islaama Itoophiyaa Irraa kenname.

1. Hawaasni muslimaa caaseffama Magaalaa Shaggar kan deeggaruu fi tumsa barbaachisu akka godhu.
2. Bulchiinsi Magaalaa shaggar hoggansa muslimaa osoo hin mariisisin masjiida diigun sirrii akka hin taane fi Masjidoota kana booda diigamuu qaban umanni ofii akka diigatan.
3. Masjidoota diigameef kan bakka bu’u lafti Masjidni gurguddaan irratti ijaaramu haawasa muslimaa Magaalaa Shaggar keessa jiraniif akka kennamu President Shimallis Abdiisaa waadaa gale.
4. Shimallis itti dabaluun University Islamaa guddaa ijaarudhaaf lafa oolu magaala shaggaritti ummata muslimaaf akka kennu waadaa gale.
5. Poolisoota lubbuu namaa baasan akka seeran gaafataman waliif galan.
6. Mootummaan sababa hiriiraa namoota hidhe akka gadi dhiisus walii galan.
7. Masjidoonni amma ijaaramuu deeman maqaa wareegamtoota keennatiin akka ijaaramuu fi maqaa isaanitiin akka moggafamus murteessan.
8. Hawaasni muslimaa Majlisa qofa akka dhageeffatuufi kallattii majlisaan kennameen akka masakamus yaamicha godhan.

Walumaa galatti Masjida, Bataskaana, Churchi 800titti tilmaaman kan Magaalaa Shaggar keessa jiran keessa 600tti kan tilmaamu kaartaaf pilaanii waan hin qabneef hoggansi Orthodoxy, Muslimaa fi Peenxee mootummaa waliin ta’uun manneen amantaa kana seera qabsiisu. Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love you😘

" , Jaalalaa, Kunuunsaa fi eegumsa Daa'imman hundaaf gochuun Dhaloota Biyya Badhaate Ijaaruu Itti fufsiisuu Horachuudha....
09/06/2023

" , Jaalalaa, Kunuunsaa fi eegumsa Daa'imman hundaaf gochuun Dhaloota Biyya Badhaate Ijaaruu Itti fufsiisuu Horachuudha.
===========
, Waxabajjii 01,2015--Magaalaa Bishooftuutti guyyaan Ayyaana Daa'imman Afrikaa kabajamee jira.

Ayyaanni daa'imman Afrikaa 33ffaa fi akka Biyya keenyaatti ammoo yeroo 32ffaaf dhaadannoo Nageenya, Jaalalaa, Kunuunsaafi eegumsa Daa'imman hundaaf!" Jedhuun sadarkaa Magaalaatti kutaa Magaalaa Duukamitti kabajamee oolee jira.

Ayyaana kabaja guyyaa daa'immanii kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Aaddee Zaaraa Kadir akka jedhanitti lammiilee naga qabeessa, jaalala biyyaa gooonfatefi iddoo guddaa gahuun boru biyya dhaalanifi guddisan horachuuf kunuunsi fi eegumsi har'a daa'immaniif taasifamu murteessaadha jedhan.

Rakkoolee hawaasummaafi diinagdee daa'imman irra gahu hambisuuf dirqama keenya bahuu qabna. Gama biraatiin daa'imman sababa maatii dhabuutiin daandii irratti kufan kunuunsuun gahee hunda keenyaa ta'uu qaba jedhanii jiru.

Waajjira Dhimma Dubartootaafi Daa'immanii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Zallaqaa gama isaaniitiin daa'imman kunuunsaafi jaalala hawaasaafi maatii irraa barbaadu waan ta'eef hawaasni daa'immaniif kunuunsaafi eegumsa gahaa taasisuu qaba jedhan.

Barmaatilee boodatti hafaa ta'an ammas hawaasa keenya bira jiran kanneen mirgaafi nageenya daa'immanii miidhan irratti qabsaa'uu qabna. Keessattuu saamichi humna daa'immanii humbisuuf hawaasni hunduu tumsuu qaba jedhan.

Kabaja Ayyaana guyyaa daa'imman Afrikaa kabajame kan irratti daa'imman maatii harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsi meeshaalee gara garaa taasifameef jira.
👇
Bishooftuu, Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Badhaadhina Waloof haa tumsinu!!!
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
✓Teelegraama https://t.me/MBishoftu
✓Tiwiitarii: https://twitter.com/PPBishoftu
hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
✍️Daandiin Keenya Ida'amuu: Galmi Keenya Badhaadhina
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
Sabdaneessaa Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love❤ you

Mootummaan hordoftoota amantaa adda addaatiif iddoo waaqeffannaafi awwaalchaa mijeessuu dirqama qaba - Pireezidaanti Shi...
08/06/2023

Mootummaan hordoftoota amantaa adda addaatiif iddoo waaqeffannaafi awwaalchaa mijeessuu dirqama qaba - Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan jila Pireezidaantii Mana maree dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaan durfamu waliin haala yeroo irratti mari’ataniiru.

Pireezidaanti Shimallis, taatee tibba darbeetiin lubbuu namootaa darbeefi qabeenya manca'een gadda itti dhagahame ibsuun maatiifi firoottan miidhamtootaatiif jajjabina hawwaniiru.

Tumsa gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaafi manni maree dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa rakkinicha tasgabbeessuuf taasiseef maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffataniiru.

Ummanni amantaa qabu safuufi duudhaa dhaloota qaru waan qabuuf amantaa akka qabeenya ammayyaa murteessaa tokkotti ilaalla jedhan Pireezidaanti Shimallis.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkuma kanaan dura yeroo dhaabbileen amantaa rakkoof saaxilaman deeggarsa daangaa hin qabne taasisaa tureefi gochaa jiru ammas cimsee kan itti fufu ta'uu dubbatan.

Mootummaan waggoottan 20 dhufan keessatti magaalummaa yeroo ammaa harka 22 irra jiru gara harka 48tti ol guddisuudhaan jiruufi jireenya uummata hammayyeessuuf hojjechaa jiraachuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

rakkoo itti fayyadama lafaafi dhiyeessii bu'uuraalee misoomaa hiikuuf labsiin bulchiinsa lafaa qophaa'e Caffee naannichaatiin mirkanaa'ee ittiin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Magaalaa Shaggar iddoo jireenyaa ummata miiliyoona 20-30 akka taatuuf hawwamtu keessatti iddoon ijaarsaa Manneen amantaa Ortodoksii, Islaamaa, Waaqeeffannaafi Amantoota Wangeelaa Pilaaniin deeggaramee qophaa'e gahaan jiraachuu eeraniiru.

Gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaa dhimmoota ijoo 4 irratti tumsa barbaachisu gumaachuu akka qabus dhaamaniiru.

1. Gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar waliin tahuudhaan Manneen amantaa akka magaalichaatti pilaaniin ala jiran 656 gara Pilaaniitti akka galchuu,

2. Mootummaan akkaataa pilaaniifi istaandardii seeraan taa'een lafa gahaa ijaarsa dhaabbilee amantaatiif qophaa'e kan kennu tahuu,

3. Mootummaan naannoo Oromiyaa Manneen Amantaa bakka Waaqeeffannaa gurguddoo fi hawwata Tuuriiziimii ta’uu danda’an ijaaruuf fedhii qabaniif, dhaabbilee amantaa Yunivarsiitiifi Kolleejii ijaaruuf qophii qabaniif karaa adda ta’een lafa qopheessuu isaa,

4. Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfii ijaarsa seeraan alaa irratti fudhachuu eegale araarama tokko malee kan itti fufsiisu tahuu hubachuudhaan deeggarsa barbaachisu akka godhan dhaamaniiru.

Gumiin dhaabbilee amantaa Oromiyaa Kilaastara Haqaafi nageenyaa Oromiyaa waliin ta’uun cimuu akka qabus dhaamaniiru.

Maddi waca tarkaanfii ijaarsa seeraan alaa sirreessuurratti fudhatamee, caasaa mootummaa saamicha lafaa keessaa gahee qabuufi qaamolee ajandaa siyaasaa qabanitu amantiitti daheeffachuun tarkaanfii fudhatamuu eegale gufachiisuuf dhama'a jira jedhan Pireezidaanti Shimallis Sabona Kamal jimmaa Dedoo Shekii love❤ you

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Beeyladnni kun meeqatti hidhttee jirtti
10/05/2023

Beeyladnni kun meeqatti hidhttee jirtti

05/03/2023
05/03/2023
05/03/2023
05/03/2023

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gibeen Gama Page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share