23/01/2024
Biyyaalessummaa, Deebii Gaaffiilee Hundaa…
********
Biyyaalesuummaan bu’uura tokkummaa fi obbolummaa ta’uudhaan lammiilee gidduutti jaalalli dhugaa akka dagaaguu fi waliin jireenyi cimaan akka jiraatu gochuudhaan ijaarsa biyyaa sadarkaa ol’aanaadhaan mirkaneessuu keessatti gahee ol’aanaa ta’e kan qabudha.
Gaaffiilee wal qixxummaa, bilisummaa, diimokiraasii fi eenyummaa dabalatee fedhii lammiilee hundaa qixa keessummeessuudhaan hunduu biyya isaa keessatti kabaja argatee akka jiraatu, garaagarummaa dhiphisee tokkummaa akka goonfatu, waloomaanis duratti akka tarkaanfatu kan taasisu seenessa hunda hammataa ta’edha.
Sabootni, sablammootni fi uummattootni biyya keenyaa hundi miira obbolummaa dhugaatiin dabaalamanii dhimma biyya isaanii irratti adda durummaan akka hirmaatanii fi ijaarsa biyyaa keessattis gahee isaanii akka bahataniif biyyaalessuummaa sadarkaa hundatti mirkaneessuun dhimma murteessaadha.