01/03/2023
MADDA WALAABUU.
=============^^^^========
Lafti Madda Walaabuu seenaa ummata Oromoo keessatti lafa bakka guddaa qabuufi seenaa qabeessummaadhaan beekkamuudha.
Maddi Walaabuu iddoo dhaloota gootota Baalee kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuu fa’a.
Maddi Walaabuu magaalaa guddittii Godina Baalee Roobeen irraa Km 200 fagaattee argamti. Burqaan walaabuu immoo KM 33 magaalaa aanaa Bidiree irraa fagaate argama. Bal ’inni lafa ishee Hek.843334.5 ni ta’a.
Akka seenaa adda addaafi maanguddoota irraa hubatametti Madda Walaabuun jechoota lama irraa kan dhufeedha.Isaanis Maddaa fi Walaabuu kan jedhu irraa yoo ta’u,Madda jechuun hora bishaanii kan dachii keessaa bahu yoo ta’u,Walaabuu jechuun ammoo nama hora san abbummaan itti fayyadamaa ture ykn maqaa nama naannoo madda sanii tureedha.
Bakki maddaa kun odaa kudha tokkoon kan marfame yoo ta’u,odaa kana jalaa bishaantu madda.Odaan shanan saba Oromoo biratti seenaa qabeessa ta’an keessaa tokko iddoo kanatti argama.Kunis Odaa Murtii jedhama.
Maddi Walaabuu bakka seerri Gadaa bifa haarawaan sirreeffamee itti tumame yoo ta’u,haarawoomsi Gadaa Madda Walaabuu haarawoomsa iddoo biraa irraa kan adda taasisu seera yeroo san tumameefi lallaba yeroo san lallabameeni jedhama.
Maddi Walaabuu iddoo seenaa,ardaa jilaa,iddoo aadaa,iddoo amantaa,lafa waayyuu,iddoo siyaasaafi madda ummata Oromooti.Oromoon wiirtuu amantii isaa Madda Walaabuu handhuura Gadaa Oromoo taatee tajaajilaa ture.
Oromoon Jaarraa 16ffaa keessa roorroo fi gidiraa irratti aggaamame of irraa qolachuuf, Kaabaa kibbaan ,Bahaa Dhihaan Madda Walaabuu irratti Sirna Gadaa haaroomsuun Odaa Murtiitti Seera tumatan .
Seenaa kana irraa ka’uudhaan Godina Baaleetti istaadiyoomii,Yunivarsitii,mana barumsaa,hawwisoofi kanneen biroos maqaa Madda Walaabuu jedhuun moggaafamanii beekkamtii argatanii jiru.