Badhasa Shamil

  • Home
  • Badhasa Shamil

Badhasa Shamil Barnoota afaan Oromoo

03/12/2022

C o m i n g S o o n

Hojiilee hedduu dinqisiisoo fi Barsisoo tahan, kanneen medialeen Oromoo hanga arraa hin hojjatin qabannee dhufaa jirra.
ForX Entertainment LLC hojiilee qulqullina olaanaa qabanii fi sadarkaa addunyatti dorgomaa tahan qindeeffachaa jira.

Guyyoota muraasa booda qilleensarratti nu eegaa isinin jechaa. Qophiin keenya akka isin hin dabarreef fuula social media keenyaa Like, share godhaa nu eegaa !

ForX Entertainment Iddoo haara galfiiti.
Youtube isaa Subscribe godhaa 👇
https://youtu.be/VFUwIsegCC4

27/11/2022

Battii Ramadan tiif jiaa 4 qofa tuu hafee

27/11/2022

Rafanii waan hin rafne se'uu!/

Maamila yaalaaf nu bira dhufe tokkotu waa'ee hirriba isaa akkas jechuudhaan natti hima. Erga rafuu dhiisee waggaan tokko darbee jira. Guyyaa tokkos hirribni na fudhatee hin beeku. Galgala sa'aatii sadiitti gara siree koo deema,garuu osoo hirribni waan tokko nan fudhatin ganama sa'aati tokkotti siree koo irraa ka'a jedhee wanti kun hedduu isa dhiphisuu dubbata. Waggaa tokko dhiisiitii guyyaa muraasa hirriba malee turuun akkamitti danda'ama jettanii gaafachuu dandeessu! Dhugaan jirus sanuma namni hirriba malee guyyoota muraasaa ol turuu hin danda'u.

Namoonni rakkoo kana qaban garuu hirriba sirrimatti osoo rafanuu waan hin rafne itti fakkata. Halkan hirriba hoo'aa keessa turanii ganama yeroo dammaqanitti eda osoo hirribni gara ija kootti hin dhufin bule jedhu. Miseensonni maatii isaan wajjiin jiraatan raftee jirta, eda osoo raftee kurruftu si'i argee ture kanaaf raftee jirta jedhanii isaan hubachiisuuf yaalanis akka salphatti hin amanan.
Namoonni rakkoon kun hedduu isaan jeequ ogeessa xiinsammuu wajjiin dubbachuudhaan, akkasumas yaalli biroos kan barbaachisu yoo ta'e hordofuudhaam furmaata argachuu ni danda'u.

Fayyaa hin dhabinaa!
Firomsa Urgessa ( Ogeessa yaala sammuu),

27/11/2022

matchday 7 ✅

25/11/2022

Kufuu fi cabuun dhuma jireenyaatii miti.
Killeenuu caphxu malee lukkuun hin dhalattu ture.

Rakkoon teenya guddoo taatuus, Rabbii keenyatu irra guddaadha.

Waan dhugaati ilaali
15/11/2022

Waan dhugaati ilaali

11/11/2022
06/11/2022

Bruce Lee Aaktara beekkamaa, barsiisaa ogummaa maarshaal aartii gahumsa qabuu fii falaasfaa beekkamaa ture.

Namni kun gaaf tokko iccitii milkaayinaa isaa yeroo dubbatu akkas je'e.
"Akkaataa kaaraateen itti nama dhawan kuma kudhan guyyaa tokkotti nama hubaterra, Kaaratee gosa takka yeroo kuma kudhan nama irra deddeebi'ee yaalen sodaadha" je'e.

"Deddeebii keessa haanni dhagaa mura" ja'a Oromoonis !

06/11/2022

AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
âž› Jiraachuuf jettee sobda.
âž› Nyaachuuf jettee hatta.
âž› Gammachuudhaaf jettee ejjita.
âž› Boonaa ta'uudhaaf fiigda.
âž› Sooressa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru.
âž› Keessan jiraadha jettee mana ijaarratta.
âž› Beekumsan argadha jettee ni baratta.
âž› Mucaan godhadha jettee fuuta; naaf hin taane jettee hiikta.
âž› Miillaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta.
âž› Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita.
âž› Mucaa tokko yoo qabaatte lammaffaa yaadda.
âž› Dippiloomaa yoo qabaatte digiriidhaaf dhiphatta.
âž› Digirii yoo qabaatte Maastersii yaadda.
âž› Maastersii yoo qabaatte PhD yaadda.
âž› Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhiphatta.
âž› Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda.
âž› Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita.
âž› Magaala naannoo kee yoo galtu Finfinnee galuu hawwita.
âž› Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa, Ameerikaa hawwita.
âž› Ameerikaa yoo deemtu immoo pilaaneeti biraa arguuf wargamta.
âž› Aangoo xiqqoo yoo qabaatte guddaatti darbuuf yaadda.
âž› Bulchaa gandaa yoo taate bulchaa aanaa ta'uuf dhiphatta.
âž› Bulchaa aanaa yoo taate bulchaa godinaa ta'uuf dhiphatta.
âž› Bulchaa godinaa yoo taate pireezidaantii ta'uuf yaadda.
âž› Pireezidaantii yoo taate Ministeera muummee ta'uuf yaadda.

Wolumaa galatti fedhiin ilma namaa daangaa hin qabu waan ta'eef waan qabnutti gammaduu fi rabbiin galateeffachuun.......

➦ Kanaaf Obboloota koo akka duunu itti yaadannee waan gaarii haa hojjennuun dhaamsa obbolummaati.

Obboota keenya worra saudiitti hidhamaniif sagalee taatan galatoomaa....

Waan dubbistaniif galatoomaa

➦ Hiriyyoota keef hiruu hin dagatin!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ

05/11/2022

Aadaa hojii keenyaa gabbifnee, dhaloota misoomaaf onnate ijaarree, imala badhaadhinaa eegalle dhugoomsinee, birmadummaa dhiigaan gonfanne dafqa keenyaan utubnee hiyyummaa seenaa haa goonu!

05/11/2022

Badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuun jiruuf jireenya uummata keenyaa fooyyessuuf carraa gaarii qabnu hundatti fayyadamuun murteessaadha!

18/10/2022
24/09/2022

& my page
naaf godhaa

Ajaaiba
20/09/2022

Ajaaiba

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Badhasa Shamil posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Badhasa Shamil:

Videos

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share