13/12/2022
Hiriira Guddicha DC
December 13, 2022
Warri DC, Maryland, Virginia fi naannolee biyyattii mara irraa walitti qabamtan qophooftanii? Sirna morma muraa kana jabeessinee balaaleffanna. Sirna Abiy Ahmed irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Caaseffama waraana Abiyyi Oromiyaa irratti gubbaanis ta'ee lafoon, Karrayyuu ta'ee Wallagga, drone ta'ee Faannoo Ertreatti leenji'anii dhufan, hundi sirna Abiyyo waan ta'eef, xiyyeeffannaan sirna Abiyyi biyya diigaa jira, genocide gaggeessaa jira, nama qalaa jira, nama buqqaasaa jira, nama ukkaamsaa jira, nama beelessaa jira, nama jumlaan rashanu, gubu. Sirnicha irratti xiyyeeffadhaa. Kan dhumaa jiru, Oromoodha. Kan weeraramaa jiru Oromiyaadha. Kan dhiigaa jiru Oromiyaadha.
Milkaayaa!
Horaa bulaa!