01/12/2024
’n_TB_Jooshuwaa_irratti_dhiyeesse_JAATANII_Ittiin_Wangeelli_Mormamuudha.
Waan Deemaa Jiru irratti
Dhugaa kana hubadhaa!
Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjettoota isaa warra raajotatti utuu hin mul’isin, tokkollee hojiirra hin oolchu. R Amoos 3:7
Kufaatii keenya gara caalu karaa nuti ittiin calaqqisiisaa jirru keessa tokko warra kufan faana fiignee harka rukutuu keenyaani. Sanuummoo ammayyuu balleessaan keenya nutti mul’ataa hin jiru. Ammayyuu of irraanfannee waay’ee namaa balleessaasaa, yakkasaa, dadhabina isaa gadi kota’aa oolla.
Dur osoo inni Raajame qaamaan lafa irratti hin mul’atin, Osoo Gooftaan Yesuus akka nuuf galutti bifa keenya uffatee nu gidduutti hin dhalatin, Waaqayyoo isa dinqii fi isa dhalachuuf jedhu, Waay’ee Yesuus Kiristoos namoota muraasatti dubbate ittiin namoota warra kaanitti immoo dubbata ture. Sun hunduu akka YESUUS inni nama hundumaa Raajii godhu yookaan Afaan Waaqayyoo inni godhu dhalachuuf jiru himuu isaanitti himaa ture.
Hojii seexanni har’a bifa dhokataan hojjetaa jiru garuu Raajii dhoksuudha. Raajiin garuu eenyu? Raajii jechuun maal jechuudha?
• Raajiin bakka bu’ee Waaqayyo lafarraa qabu jechuudha
• Raajiin Waldaa Kiristoosiin lallabdu jechuudha
• Raajiin Ijoollee Waaqayyoo warra ta’an warra lammaffaa dhalatan jechuudha
• Raajonni Afaan Waaqayyoo ta’a Yaada Waaqayyoo lafa kanarri dubbatu barsiisu.
• Raajiin dhuga baatuu Kiristoos Yesuus Jechuudha.
• Raajii jechuun karaa Waaqayyo ittiin qajeelfama ijoolleessaatiif kennaa ture jechuudha.
• Museen waa’ee saba isaa maal godha Yaa Waaqayyo jedhee yammuu jedhu akka inni godhu Waaqayyo itti himaa ture, karaa kamiin saba sana akka baasu, maal akka nyaachisu itti hmaa ture.
Raajonni warri durii kan qubaan lakkaa’aman yoo ta’an iyyuu har’a kana Rajoonni Ijoollota Waaqayyoo, karaa ilma isaa isaaf ijoollota ta’an, Warra ayyaanaan fayyan, Warra wangeela dhugaa Waaqayyoo lallaban, warra abdii hin dune qaban, warra dukkana hamaa keessaa gara ifa dinqisiisaatti dhufan jechuudha.
Kanaaf,
• Raajiin waan ittiin mormamuu qabu waan ta’eef,
• faallaa seexanaa waan ta’eef,
• waanjoo fi qabaa seexanaa jalaa karaa namni ittiin bahu waan ta’eef seexanni isa kana balleessuuf karaa hundumaa ni morma.
• Anaan kan na dhibu garuu isa amantootni dhoksaa hubachuu hin dandeenyee fi isa nu balleessuuuf jaatanii qopheeffatee hojiitti galeef harka mirgaa ta’uu isaaniiti.
Yeroo amma kana barri keessa jirru bara kakuu haaraa(Bara Ayyaanaa fi Araaraa) ta’uusaarraan kan ka’e namni hundinuu carraa Afaan Waaqayyoo ta’uu karaa Yesuus Kiristoos argateera. Warri kun raajiidha yookaan afaan Waaqayyoo warra ta’aniidha. Yoh 15:15 Ani garboota isiniin hin jedhu garbichi Waan gooftaan isaa godhu hin beeku’oo, ani garuu firoota koo isiniin jedheera, waanan abbaa koorraa dhaga’e hundumaas isin beeksiseera.
Nuti garuu rakkoo keenyas wallaallee isa nu rakkises wallaalle
Raajummaan(afaan Waaqayyoo ta’uun ) nu hundaaf kenname, nummoo dabarsinee namaaf laanne.
Karaa Kanaan kufnee, akka kufnee jirrus wallaalle, kufaatii keessa teenyee akka nama jabaa fi baay’ee dinqii hojjechaa jirrutti immoo ofii nama kan biraa qeequu eegalle.
Waaqayyoon beekuun nutti hir’ataa waan ta’eef of beekuu dadhabne.
Kanaaf, harka namoota waa himanitti dabarfamnee gatamne. Ni sobna, of jajjabeessina malee Xiinsammuun keenya hundi isa ofii keenyaa ofiif beeknurra, isa Waaqayyo anatu siif jiraa hin sodaatin, ana qofa amanadhu jedhurra, nama waa beekaa ta’een isa nutti himamu fudhachuutti qophaa’aadha. Kanaaf mee jirmayyuu hin jedhuu ciimmaa ija keenya jaamsee jiru ofirraa haa qulqulluussinu jechuun barbaada.
Dhimma Raajii TB Jooshuwaa irratti—
Hojiin nama hundumaa abiddaan qoramee akka ilaalamu hundi keenya beekna jedheen yaada. Kanaaf, kan keenya hojjechuudha kan abidda qabatee qoree ilaaluuf jiru yeroo isaatti, aangoo isaa wajjin jira. Kanaaf gaheen hunda keenyaa hojjechuudha, hamma dandeenyu isa nuuf du’e fakkaachuudha, beekumsatti guddachuudha malee nama qeequu fi saaduu keessaa osoo baanee gaariidha.
Lammaffaa immoo Namni TB Jooshuwaa jedhamu kun yoo xinnaate hojii namoota hedduu gargaaru hojjeteera ta’uu danda’a. haadha hiyyeessaa baay’eef waan isheen nyaattee ijoollee ishees ittiin guyyaa tokkollee haa ta’u bulfattu godheera ta’uu danda’a, akkasumas immoo yakkeeras ta’uu danda’a. kanaaf, immoo guyyaa isaatti waan gaarii hojjeteefis, waan hamaa dalageefis abbaan isa gaafatu jira jechuudha.
Warri miidiyaa dhugaa yoo dhaban kaayyoo yookaan karaa ittiin qarshiin guddaan argamuu danda’u ni qabu. Tarii jara sana kaayyoo isaanii hin beeknu qarshii hedduu argachuuf, addunyaa guutummaarratti ilaalamuuf, yookaan immoo kaayyoo dhokataa seexanaa galmaan gahuuf ta’uu danda’a ta’a.
Kanaaf, gama goruu qabnu beekuu qabna. Yoo xinnaate guyyaa lama sadii Wangeelli dhugaan afaan nama sanaatiin lallabeera ta’uu danda’a. sun immoo rirma teessaa seexanaati. Seexanni dhugaa hin jaallatu. Jooshuwaatu du’e malee Seexanatu du’e miti. Isa Jooshuwaan facaasee deeme seexanni amma balleessuudhaaf ta’uu danda’a. kanaafuu, dhugaan eessa jira isa jedhu hamma hubannutti dubbii hin taane hin dubbatinaa.
Waan warra waa beekna jedhanii wantin beeku hedduudha. Isaan keessaa jarri hammam akka isaan hin beekne sirriittan beeka. Burqaan isaan ittii dhugan maal akka ta’e naaf gala. Garuu waay’ee isaa dubbachuun isaan beeksisuudha waan ta’eef nan dhiisa. Kitaabota nami isaanumarraa dhaga’anii barreessan lama sadii dubbiseera. Warri barreessanis madda galii ittiin argachuuf akka godhan beeka. Waanti biyya lafaa kun homaa gatii waanin hin baafne waan ta’eef waay’ee kaasee ragaa isaan dhiyeessaniin nama guyyaa tokko Wangeela dhugaa lallabe toora koo malee dhaabbadhee hin waraanu.
Ani fi ati kottu kaanee dhugaaf hojjennaa, kottu kaanee dhugaa lallabnaa, nama hanga ijaan arginutti balleessaa waan dhageenyeen hin qaneessinuu, isayyuu immoo dhoksaatti isa qofatti himnaa, gabaatti baasnee qullaa keenya wal dhaabuurra qaawwaa waliif dhoksinaa.
Goolabeera, Nagaa Ta’aa
Wabii Mul’ataa Dhinsaa
!