
02/03/2025
Presidaantiin Amerkaa Donaald Traamp Presidaantii Masrii Al-sisii Waliin mar'atan.
Presidaantiin Amerkaa Donald Traamp Presidaantii Masrii Al-sisii Waliin mar'ataniiruu jedhame. Dhimmi Marii isaanii inni ijoon dhimma gaazaa ta'uun himameera.
Ta'us Presidaanti Al-sisiin dhimma guddicha ilaalchisee qormaata kan natti ta'e jedhee Presidaanti Traampiif yaada kaaseeraa jedhame.
Masiriin Traamp Waadaa seenanii osoo 'White House' hin seenin dura dhimma hidha guddichaa ilaalchisee Presidaanti Traampitti dhiyeeffachuuf qopheeffadheera jechaa turte.
Traamp Bara Presidaantummaa isaanii Isa duraa, Masiriidhaaf looguudhaan haasaa Itoophiyaa mufachuusu ''Egipt hidhicha dhoosuu dandeessi" jecha jedhu fayyadamanii turuun isaanii ni yaadatama.
Marii Amma bilbilaan haasa'aniin dhimma Itoophiyaa ilaalchisee wanti jedhan dhaga'amu baatus, Akkuma yeroo duraa fedhii Itoophiyaan ala waliigaltee Masrii Waliin mallatteessisuuf dhiibbaa godhaa turan, ammas dhiibbaa isaanii ittifufu malu, hojii dipiloomaasii Masriin eegalte agarsiiftuudhaa kan jedhan danuudha.
Mariin Aanga'oota Lammanii kan itti aanu 'White House'tti ta'as jedhame.
Wayita kanatti Itoophiyaan hojii dipiloomaasii jabaa ta'e yoo hin hojjenne dhiibbaan isheerra gahuu malu cimaa ta'aa jedhu xiinxaltoonni.
Kanaaf Ammoo hojiin Ambaasaaddara Itoophiyaa reefuu Muudamaniifi Dipiloomaatota biroo daran cimaa ta'uu qabaa jedhama.
OS Gurraandhala 03/2025
Traamp Deeggarsa US biyyoota hedduuf kennitu yeroof akka Dhaabbata Ajajuun, ajajichi Israa'eliifi Deeggarsa Waraanaa Masriif kennamu hin ilaallatuu jedhanii turan.
Kana jechuun cimaa ta'uun isaa Murtoon Kun agarsiiftuudha.