SQ Bilisummaa Oromoo

  • Home
  • SQ Bilisummaa Oromoo

SQ Bilisummaa Oromoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo is The Voice of Oromo Youth that serves for the voiceless of the Oromo people.

𝙎𝙖𝙡𝙖𝙖𝙡𝙚𝙚 𝘿𝙖𝙧𝙧𝙖𝙖Humni waraanaa sirna ppn qajeelfamtu godina Salaalee Aanaa Darraa keessatti qabeenya namoota dhuunfaa han...
01/11/2023

𝙎𝙖𝙡𝙖𝙖𝙡𝙚𝙚 𝘿𝙖𝙧𝙧𝙖𝙖

Humni waraanaa sirna ppn qajeelfamtu godina Salaalee Aanaa Darraa keessatti qabeenya namoota dhuunfaa hanga tajaajoota hawaasaa kan tahan barbadeessaa jira.
Waraanni flashiestii Abiyyiif ergaramu kan jibba Oromoon guutame haala armaan gadiin argitan kanaan qabeenyaa hawaasaa abiddaan barbadeessuun hojii ala taasisee jira.

ይህ ፋሽስት መንግሥት በሰላሌ ዞን ላይ የህዝባችንን ሕይወት ሀብትና ንብረት አረመኔያዊ በሆነ መንገድ በከባድ መሣሪያ እያጋየው ይገኛል.....

 Ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun hidhaarraa baasanii ajjeesan.Harmeen armaan gadii kun Aadde Kuulanii jed...
01/11/2023



Ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun hidhaarraa baasanii ajjeesan.

Harmeen armaan gadii kun Aadde Kuulanii jedhamu. Shaggar Bahaa Boosatitti ilmakeetu Bosona Jira jedhanii waraanni PP erga qabamanii hidhanii Sarara irraan gahanii booda hidhaarra baasanii onkoloolessa 30/10/23 ajjeessanii gatan .
Waraanni pp gara kan Eenyummaan isaanii haadhatti dhukaasuun ajjeesanii gatuurra gahaniiru .

02/10/2023
02/10/2023

Magaala Gimbiitti hawaasni geejjiba dhabuun danqame. [SQ,Onkolooleess 2,2023] Wallagga Lixaa magaalaa Gimbii irraa uummati Oromoo danqamuu odeessi magaalichaa arganne beeksisee jira. Sababaan dhorka kanaa uummati Oromoo gara ayyaana Irreessaa Bishooftuu akka hin imalleef ta'uun beekamee jira. Mootum...

Godina Iluu Abbaa Booraa Magaala Godinattii kan taate Mattuuti caasaan Faannoo sochii taasisaa jira.[SQ,Fulbaana 28,2023...
29/09/2023

Godina Iluu Abbaa Booraa Magaala Godinattii kan taate Mattuuti caasaan Faannoo sochii taasisaa jira.

[SQ,Fulbaana 28,2023]

Caasaan Faannoo deeggarsa mootummaa naannoo Oromiyaa fi Federaalaa argachuun biyyattii keessatti ijaaramaa turan qindoomina kallattii fi alkattii mootummaa aangoo qabatee jiru wajjin taasisaa jiraniin Oromiyaatti jeequmsa taasisaa jiru.

Dhiyeenya kana Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa magaalaa Limmuu Gannati irratti sochii taasisuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana Oromiyaa Kibba Lixaatti ittuma fufuun Faannoon sochii ijaarsaarra darbuun haleellaa taasisuu jalqabuu isaatu odeessisaa nu qaqqabee jira.

Kaleessa galgala jechuun Fulbaana 27,2023 gareen faannoo Oromiyaa Kibba Lixaa Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuutti sochii ijaarsaa fi dargaggoota Oromoo torban darban kesssa caasaa biltiginnaa wajjin ta'uu nama hiisisaa turan,yeroo ammaa kana haleellaatti seenuun dargaggoo Abdii jedhamu reebanii yeroo ammaa kana hospitaala Mattuutti yaalama jira.

Jiraattootni magaalaa Mattuu gareen shorqubataa haala garagaraatiin magaalatti keessatti of ijaaruu yeroo itti fufee qabee yoo iyyannes kan nu dhagahu dhabnee yeroo ammaa kana ijaaramuun qe'ee abbaa keenyaa irratti haleellaa akka nurratti taasisan kan harka lafa jalaatiin eyyama kenneef mootummaa Biltsiginnaati jechuun yaada isaanii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootiin gahaniiru.

Godinaa Wallagga Lixaa Aanaa Begiitti;Godina Qellam Wallaggaa Anfillootti dhibee busaa fi beelaan uummati Oromoo dhumaa ...
28/09/2023

Godinaa Wallagga Lixaa Aanaa Begiitti;Godina Qellam Wallaggaa Anfillootti dhibee busaa fi beelaan uummati Oromoo dhumaa jira.

Akkuma beekamu lola waggoottan shanan kana Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti adeemaa jiruun,aanaaleen Godina Wallaggaa daangaa irra jiran rakkoo beelaa fi dhibee daddarbaan qabamuu hammataa fi baratamaa ta'aa adeemuun yeroo ammaa kana hawaasni hedduun dhibee tamsa'aa weerara busaatiin qabamuu fi beelaan dhumaa jiraachuu maddeen nuuf himaniiru.

Gabaasni keenya bakkicha irraa argannee fi kan Aanaa Anfilloo,baadiyyaa Muggii irraa maatii isaa magaala jiraatu dubbifne walumaa galatti hawaasni mana yaalaas dhaqee dhibuu qorichaa irraa yaala malee du'aa jirra jechuun dubbatan.

Namni maqaa isaa akka dhahamu hin feene magaalaa Finfinnee irraa dubbifne maatiin keenya Muggii jiran horii isaanii akka itti gurguratan dhabamuu irraa maallaqa mataa kootii yoon ergeef illee midhaan kan akka boqqolloo,hanciroo (bisingaa)faa kubbaayyaatti birrii afurtama ta'uu isaatiin dhumuuf deemna jedhan jechuun nuuf hime.Gama kanaan maallaqa ittiin bitatan caalaatti midhaan bitamu dhabamuu fi rakkoon dhiyeessii kun isa hedduu yaaddessuudha.

Magaalaa Beegii,Kobar,Qondaalaa,Qashmandoo fi iddoolee hedduutti rakkoo dhibee busaa fi rakkoo beelaan hawaansi gaaga'amaa jirra kan jedhan namooti dubbifne,maddi rakkoo kanaawaraana ta'us addatti mootummaan Itoophiyaa hawaasa WBOn keessa maandheffatee lolaa jiru kana irraa dhiyeessii kutuun fixuu karoora "Galaanicha goksuu" jechuun Fiqaaduu Tasammaan waltajjii Caffee Oromiyaa irratti dubbate dhugoomsaa jira.

Haala amma Oromoon iddoolee waraanaa akka Gindabarat,Kiiramuu,Amuruu fi kanneen kana fakkaatan keessa jiru irratti hawaasni Oromoo biyyoota addunyaarra jiru dhiibbaa hatattamaa akka taasisuu gaafanna.

27/09/2023
26/09/2023

Baankiin Siinqee mirga hojjettoota sarbe,qabeenya uummataa Oromoos saame jechuun hojjettootni komatan .

Fulbaana 20,2023 irraa jalqabee guyyoota jahaffaaf hojjettootni Baankii Siinqee duula lagannaa labsanii hojiitti hiikaa jiraachuu odeessi SQ qaqqabe ni mul’isa.

Duulli lagannaa kun maaliif barbaachise jennee hojjettoota dameelee baankichaa odeessa nuuf himanii fi maamiltoota fayyadamtootaas dubbifnee yaada armaan gadii nuuf kennanii jiru

Baankichi maayikiroo faayinaansii WALQO jedhamu irraa kan Siinqee jedhamee moggaafamee fi hojiirra jiru tahuu nuuf himuun
"Baankiin kun duraan WALQO jedhamee yeroo hundeeffame qabeenya magaalota Bishooftuu,Naqamtee,Asallaa,Jimmaa fi Mattuu fa'itu walitti dhufee hundeesse.

Har'a Baankiin Siinqee kun gandummaadhaan kan liqimsame jechuunis hojjettootni baankichaa ni dubbatu.
Manaajerootni firoomaa fi ganda dhalootaan irratti wal ijaaramanii kan qacaraman tahuu fi qabeenya Oromoo bal'aa kan Salaalee fi Shawaa Lixaa duwwaadha jedhanii yeroo itti ilaalan irra gahameera jechuunis komii isaanii SQtti dubbataniiru .
Hojjettoota Baankichaa irratti loogii amantaa,gosaa fi gandaatu qaqqaba.Baankichi mirga hojjettootaa ulaagaa Baankii Biyyaalessaa gadiitiin hojjechiisuun manaajerootni olaanoon saamicha guddaatti jiru jechuunis ni balaaleffatu.

Hojjettootni Baankii Siinqee akka nuuf dhaamanitti nuyi baankii siyaasaa kan Shimallis,manaajeroota wajjin paatiroolii waraana ittiin bituu fi bichisiisutti mirgi keenya sarbamuun dhaabbachuu akka qabuu fi ummatni bal’aan akka nuuf hubatu barbaanna jedhu.

Hongee Booranaa irratti miliyoona 115 kennina jedhanii waadaa galanii kan turan Baankiin Siinqee bulanii dirqamaan kaffalaa nuun jedhan hojjettoota irratti muranis jedhan.
Hojjetaa fi hojjechiisummaa dhaabbatichaa cabeetu,qabeenyaa baankichaa kennuurra kiisa dhuunfaa keenya saamanii kaffalan,nu saaman,daa'imman keenya hagabuu bulchan jechuunis komii isaanii ni dubbatu

Miindaan hojjetamu kan manaajerootaati.Liqaa ofii gadhiisanii fudhatanii bulanii liqii hojjetaa haqu,isa hojjetaan head Office liqeeffatu warra dameetu hojii hojjetee galchaaf jechuunis shira baankii siinqee keessatti raawwatamaa jiru himu.

Baankichi Qabeenya Oromootiin Oromoo rakkisuurra bulchiinsoti magaalotaallee garbummaa Shimallis jalaa bahuuf baankicha diiganii kan uummata Oromoo lagaan hin qoodne dhaabuu qabu jechuunis yaada isaanii SQf himaniiru.

Hojjettootni Baankii Siinqee Diddaa hanga guyyaa har'aa kanaan kasaaraa kitila hedduu kan mudate yoo tahu .Baankii gandee kana diignee baankii Oromoo dhaabna.Kanaaf kara deemtoti muudamaan dhufanii dafqa keenya hin nyaachuun dhaabbachuu akka qabus hojjettootni Baankii Siinqee jabeessanii dubbatu.

Tajaajilamtoota Baankii Siinqee keessaa yaada akka nuuf kennan kan gaafatne keessaa namni tokko akkas jedhuun nuuf himan “guyyoota darban kana inuman deddeebi'a garuu konneekshiniitu hin jiru jechuun rakkoo argaan jira" jechuun yaada isaanii nuuf kennanii jiru.

Komii isaanirra gahu kana SQn gaaffii fi deebii hojjettootni Baankii Siinqee himatanii fi maamiltootni jedhaniif Obbo Niwaay Magarsaa dubbisuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.

24/09/2023

Waraanni Biltsiginnaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Goossanii Baabboo Uggaa Hordaa bakka jedhamutti mana maatii jiraattotaa gube.

Manni maatii miseensota WBOti jedhamuun gubame kun kan Obbo Tashoomaa Dabalaa yeroo ta'u ilmi keessan Hambisaan hidhatee nu lola jechuun yoo ta'u,dabalataanis qabeenyaa Obbo Abarraa Caalii ilmi keessan hidhatee nu lola jedhuun baabura midhaan daaku lamaa fi mana jireenyaa maatii isaanii afur gubamee jira.
Akkuma kanaan dura gabaasaa turre,bulchaan Aanaa Waamaa Hagaloo Addisuu Hordofaa jedhamu nageenya argamsiisuu maqaa jedhuun badhaasa federaalaa waanin fudhadheef aanichi qabeenya kooti yaada sirna ipeeriyaalistii anaarkisistii bulchiinsa namtokkee hordofuun mana maatii jiraattootaa gubuu,bulchiinsa daangaa aanaa Waamaa Hagaloo darbee aanaalee ollaa Nuunnuu Qumbaa,Waayyuu Tuqaa fi Sibuu Siree seenuun namoota nagaa mana keessanii WBOn midhaan nyaate odeessa jedhu qabna kan jedhuun namoota nagaa ajjeesaa,aanaa isaanii malee aanaa Waamaatti fudhee hidhuun roorroo fi gidirsaa hamaa naannichatti raawwataa jiru.

Ethiopian military convoy ambushed in south Somalia.Fighters of the Al-Qaeda-aligned militant group Al-Shabaab on Sunday...
17/09/2023

Ethiopian military convoy ambushed in south Somalia.

Fighters of the Al-Qaeda-aligned militant group Al-Shabaab on Sunday ambushed a convoy of Ethiopian troops traveling near the border town of Rabdhure in Somalia’s Bakol region.
The ambushed Ethiopian soldiers had crossed over the border into Somalia to reinforce their forward operating base in the town of Wajid, which has been under militant blockade for nearly a decade.
In a statement, Al-Shabaab said it had killed 167 Ethiopian soldiers and captured others as prisoners of war. Militants also claimed destroying military vehicles, halting the advance of Ethiopian troops and seizing a cache of weapons.
Somali officials have confirmed the attack and the ensuing gun battle, but have yet to give details.
Ethiopia’s military and African Union Transition Mission in Somalia (ATMIS) have not immediately commented on the attack.

Somaliguardian

17/09/2023

Dhumaatii Ummata Oromoo Wallaggaa irratti raawwatamaa jiru ilaalchisee Artist Umar Suleemaan dhaamsa Ummata Oromoof dabarsan.

Ajjeechaa jumulaa maatii tokkoo keessaa namoota 5 rashaman Giddaa Ayyaanaatti Maqaan isaanii: 1, Baabbuu Hajii, 2, Bilaa...
15/09/2023

Ajjeechaa jumulaa maatii tokkoo keessaa namoota 5 rashaman Giddaa Ayyaanaatti Maqaan isaanii:

1, Baabbuu Hajii,

2, Bilaadin Jiboo,

3, Obboloota sadii Taajii Nuuruu, Tolaa Nuuruu fi Amiinuu Nuuruu kanneen ajjeesaman keessatti argamu

Mootummaa ummata nan bulcha jedhuuf dantaa hin qabne irraa waan abdatamu hin jiru Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (AB...
15/09/2023

Mootummaa ummata nan bulcha jedhuuf dantaa hin qabne irraa waan abdatamu hin jiru

Ijoo Dubbii Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Biyya mootummaan akka mootummaatti hin jirre keessatti yeroo hundumaa lubbuu ummata qulqulluutu akka baalaatti harca’aa oola. Itoophiyaan paartii PPn bulaa jirtu keessattis walitti fufiinsaan kanumatu mul’ataa jira. Waraanni sirnichaa itti gaafatamummaan itti hin dhaga’amne qaamota ummata siviilii lubbuu baasaa oolan keessaa isa tokkoo fi olaanaa ta’ee argama. Taateen guyyoota sadan kana Godina Wallagga Bahaa keessatti ummata nagaa irratti raawwatame kanaaf ragaa dha.

Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanatti maqaa Faannoo jedhu golgaa ykn dahoo godhatuun Raayyaan Ittisa Biyyaa paartii Biltsiginnaan qajeelfamu yakka namoomaan alaa ummata nagahaa konkolaataan imalaa ture irratti fudhateen ajjechaa jumlaa dhaqqabsiise Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n gadi jabeessee balaaleffata.

Akka odeessa qabatamaa hawaasa naannoo keessaa argameetti, Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa fi naannootti maqaa Faannoo jedhuun of golguun qaama Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) kan ta’e komaandoon PP, guyyoota sadan walitti aanan Fulbaana 13, 14 fi 15, 2023 tarkaanfii suukanneessaa ummata nagahaa irratti fudhateen mana jireenyaa isaaniitti seenuun ajjeesuu, konkolaataa keessaa buusuun qabeenyaa isaanii saamuu, reebicha ulee fi rasaasaa irraan gahuun lubbuu qulqullootaa hedduu galaafateera.

Haaluma kanaan Fulbaana 13, 2023 Guuttinitti Raayyaan Ittisa Biyyaa lakkoofsaan 4 tahan mana ummataatti goruun nu bulchaa jedhanii barii Fulbaana 14, 2023 maatii tokko guutuu sababa tokkoon ala ajjeesanii deeman.

Fulbaana 14, 2023 naannooma kanatti ganama miseensi RIB tokko utuu gara Faannootti badaa jiruu konkolaachisaa tokkoon na imalchiisi jedhee dirquun booda irra ajjese. Achiis xiqqoo deemee maatii mana tokkoo hanga nama shanii ajjeese. Ammas utuu imala irra jiruu naannoo sakatta'iinsaatti milishaan qabdee gaafannaan "Ani miseensa RIB ti" jedhee xiqqoo faana akkuma taphateen daguun miliishichaa fi nama siviilii tokkotti dhukaasuun lubbuu baasuu odeessa qabatamaan ummata keessaa argametu hubachiisa.

Guyyuma kana Fulbaana 14, 2023 Ona Kiiramuu ganda Burqaa Soorumaa bakka addaa Quye jedhamutti waraanni mootummaa Bilitsiginnaa lubbuu ummata siviiliif dantaa hin qabaanne kun ummata nagahaa irratti dhukaasa baneen namoota lama ajjeesuun lama ammoo madeesse. Abarraa Abdiisaa fi Immiruu Toleeraa kanneen jedhaman warra madaa’anii dha.

Fulbaana 15, 2023 guyyaa har’aas waraanni mootummaa kallattiin paartii PPn ajajamu kun yakka suukanneessaa raawwatee jira. Haaluma kanaan ummata konkolaatan Naqamtee fi Guttin irraa gara Jiddaa Ayyaanaatti deemaa ture karaatti bakka addaa Dichoo jedhamuti konkolaataa keessaa harcaasuun akka ajjeesan ummatni nutti dirmadhaan sagalee dhageessifataa jiru mirkaneessee jira. Ajjechaa suukanneessaa kanaan hanga ammaatti namoonni 31 ol ajjeefamuu kan ajjeefaman kan keessatti haadholiin keessatti kana argaman yoo tahu, nama 11 ol ammoo madaa’anii hospitaala galuun mirkanaa’eera. Baabbuu Hajii, Bilaadin Jiboo, obboloota Taajii Nuuruu, Tolaa Nuuruu fi Amiinuu Nuuruu kanneen ajjeesaman keessatti argamu. Qabeenya hedduus irraa saamaniiru.

Guyyuma kana Ona Jiddaa ganda Qarsaa jedhamutti maatii waliin nama Tasfaayee Margaa jedhamu ajjeesaniiru.

Ummata nagaatti maqaa adda addaa maxxansuun hidhanii hiraarsuun, ajjeesanii bosonatti gatuun bineensa nyaachisuu, qe’ee fi qabeenya ibiddaan daaressuu, addabaabaayiitti baasanii ajjeesuu, haadholii fi shamarran osoo hin hafne wal irratti gudeeduu, akka looniitti namoota nagaa to’atan ummata fuulduratti baasanii reebuun qaanessuun gochi lammiilee Oromiyaa irratti raawwataa turanii fi jiran yakka ulfaataa cabiinsa Oromoon asitti mul’atee fi dhaga’amee hin beekne bara bulchiinsa abbaa irrummaa Biltsiginnaa waggoota shanii kana keessa mul’atee dha. Kanas ABOn kaleessas ummata bal’aa Oromoo, ummatoota Biyya keessaa fi hawaasa idil addunyaa hubachiisaa ture; har’as kanuma hubachiisa.


Kooraa aangoo ofii jabeeffatuu fi tikfatuu qofaaf ummata nagaa diina godhatanii jumlaan lubbuu bal’eessuun yakka. Namummaa irratti yakka raawwatamaa turee fi jiruuf paartiin aangoo biyya bulchuu harkaa qabu Biltsiginnaan gaafatama jalaa miliquu hin danda’u. Gocha abaaramaa fi bineensummaa kan waraanni mootummaa ummata nagaa irratti raawwataa jiru kana ABOn ammas jabeessee balaaleffata.

Hawaasni idil-addunyaa, biyyootnii fi mootummootni darbees dhaabbattootni mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa dabalatee, biyya mootummaan paartii PP bulchu jalatti, qaamota nageenyaa sirnichaan dhumaatii jumlaa ummata nagaa irratti raawwatamaa jiru kana akka balaaleffatan, gocha kana irraa akka dhaabbatuufis dhiibbaa feesisu akka irratti godhan, ummata bifa kanaan miidhamee fi miidhamaa jiru, qe’ee ofii irraa buqqa’ee dirreetti faca’eef tumsaa fi gargaarsa feesisuuf akka godhan ABO akkuma amma duraa yaamicha isaa dhiheessa.

Xumura irratti ummatni Oromoo balaa wal fakkaataa itti aggaamamee fi itti dhufuu maluu irraa of ittisuuf, karaa isaaf danda’ameen dhumaatii fi salphina akka sabaatti isatti dhufe kana jalaa ba’uuf irree tokkoon qabsoo isaatti jabaachuu qaba. Bakka jiru cufaa sagalee waliif ta’ee, sagalee diddaa roorroo fi cunqursaa dhageessisuu qabaan dhaamsa keenya.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 15, 2023
Finfinnee

Ajjeechaa jumulaan Giddaa Ayyaanaatti raawwatame shira hoggantoota Mootummaa olaanaan qindaaye tahuun beekame.Humni hidh...
15/09/2023

Ajjeechaa jumulaan Giddaa Ayyaanaatti raawwatame shira hoggantoota Mootummaa olaanaan qindaaye tahuun beekame.

Humni hidhate kan daangaa Oromiyaa cehuun lammiilee nagaa jumulaan Ajjeechaa raawwate shira tahe jedhamee hoggantoota olaanoo mootummaan tahuu keessa beektotni nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti ajjeechaan jumulaan Faannoon daangaa cehuun wallaggaa Bahaa Giddaa Ayyaanaatti raawwate wayita hoggantootni olaanoon mootummaa wal gahii torban lamaaf turu Adaamaatti guyyaa kaleessa Fulbaana 14/2023 eegalanitti raawwatame.

Akka keessa beektotni jedhanitti ummata nagaa irratti ajjeechaan jumulaan Faannoon raawwatame kun akka walgahiin Adaamaatti gaggeeffamaa jiru hoggantoota Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa gidduutti wal dhabdeen uumamee wal gahiin sun adda cituu fi humni hidhannoon lolu Faannoon jiraachuu Oromoyaa fi Oromoo cimsee kan balaaleffatu akka sagalee dhageettii argatee Addunyaan gurra kennituuf itti yaadamee hoggantoota olaanoo mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraan kan qindeeffamee ajjeechaan jumulaa kun raawwatame tahuun beekameera.

Ummatni Oromoo golee Oromiyaa keessa jiruu fi biyyoota Addunyaa keessa jiru Ajjeechaa jumulaa humna Faannoon Giddaa Ayyaanaatti raawwatame kana cimsee balaaleffachuu qofa osoo hin taane wal ijaaree hidhatee daangaa Oromiyaa tiksachuun yeroo kamuu caalaa murtee tokko irra akka gahatu dhaammanna.

Hanga ammaatti Ajjeechaa jumulaa raaweatameen mootummaan Naannoo Oromiyaas tahe mootummaan federaalaa waan dubbate hin qabu.

Ajjeechaa jumulaa kanaaf mootummaan beekamtii kennee gadda labsee Alaabaan biyyittii akka gadi hiiqee mirmirsamu gochuu qaba.

15/09/2023
09/09/2023

Ajjeechaa fi Gochi Gara Jabinaa Raayyaan Ittisa Biyya Namoota Nagaa Irratti Raawwatu Orimiyaa Keessatti Daran Hammaatee Itti Fufee Jira.

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

Seenaa Keessatti Gara Jabinaa fi Gochi Hammeenyaa Ummata Cunqurfamaa Mirga Isaaf Falmatu Boodatti Deebisee Hin Beeku.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (RIB) Paartii Biltsiginnaan durfamu ammas gocha gara jabinaa fi suukaneessaa dargaggoota Oromoo irratti raawwatee jira. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Hagayya 30, 2023 dargaggoota maqaan isaanii Hundee Bantii, Tamasgeen Dhinaa (Daangaa), Firoomsaa Biniyaamii fi Waqtolaa Darajjee jedhaman Godina Qellem Wallaggaa, Ona Anfilloo, Ganda Suudii keessaa seeraan ala qabanii hidhanii turan. Dargaggoota kanneen erga to’atanii booda gara Magaalaa Dambi-Doolloo geessanii ganda 02 mana Elektirikii keessatti hidhan. Achiin booda humnoonni mootummaan hidhachiisee bobbaase haala suukanneessaan reeban. Nyaataa fi dhugaatii dhorkatan. Dargaggoonni kunniin dararaan garmalee waan isaanitti hammaateef nu ajjeesaa jechuudhaan loltoota mootummaa kadhachaa turan. Kanumaan dargaggoota hidhaman kanneen keessaa gaafa Fulbaana 08, 2023 dargaggoo Tamasgeen Dhinaa jedhamu ajjeesuun isaanii gabaafame. Warri isa waliin hidhaman biroon eessa akka jiran hin beekamu.

Guyyaadhuma kana Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dargaggoo maqaan isaa Galaasaa Jifaaraa Dhaabaa jedhamu bakka jireenya isaa magaalaa Amboo keessaa qabanii gara bakka dhaloota isaa Ona Amboo, ganda Galaan Waddeessaatti geessuudhaan haala suukanneessaa fi gara jabinaan guutameen ajjeesanii jiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa guyyaadhuma kana bakkuma eerame kanatti yeroo lammaffaaf mucaa umuriin isaa waggaa 17 ta’e Incaalaa Taayyee Ajjamaa jedhamu haala gara jabinaan guutameen ajjeesanii jiru.

Godina Wallaggaa Bahaa, Ona Sibuu Siree Ganda Jaarsoo Waamaa keessatti mucaa maqaan isaa Danuu Malkaamuu Gammadaa jedhamu ajjeesanii daandii irratti gatanii bineensi qaama isaa mancaasee jira. Gochi suukanneessaan kun adeemsa seeraa tokko malee namoota meeshaa waraanaa hin hidhanne irratti raawwatame.

Gochi hammeenyaa akkanaa yeroo jalqabaaf kan raawwatame miti. Bara 2021 keessa humnoonni mootummaan Itoophiyaa hidhachiisee bobbaase dargaggoo Amaanu’el Wandimmuu jedhamu Magaalaa Dambi-Doolloo keessatti ummata fuulduratti baasanii osoo haatii fi firoonni isaa maaloo mucaa keenyaa hin ajjeesinaa jedhanii boo’anii watwaatanii haala suukanneessaan rasaasa itti roobsanii ajjeesan.

Bara 2022 keessas barattoota yuunivarsiitii 6 magaalaa Naqamtee mana isaanii keessaa TV daawwataa turan itti marsanii qabuudhaan “Abbaa Torbee” jechuudhaan bifa gaddisiisaan ajjeesan. Bara 2023 keessa Ona Mana Sibuu keessatti humnoonni mootummaan hidhachiisee bobbaase dargaggootaa fi shamarran 6 erga ajjeesanii booda, boo’a guddaa hallayyaa fakkaatu keessatti bakka tokkotti awwaalan. Gochi kun hundumtuu adeemsa seeraa tokko malee Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaatiin namoota nagaa hidhannoo hin qabne irratti raawwatamee dha.

Hagayyaa 15,2023 Godina Shawaa Bahaa Ona Dugdaa ganda baadiyyaa Birbirsaa Guddaa Saabolee jedhamutti humni mootummaa Biltsiginnaa namoota 5 erga qabanii booda, gaaffii tokko malee namoota 3 ajjeesan. Akka kanaan 1. Jaarraa Qajeelaa Bulbulaa 2. Boonsaa Machii Abboosaa 3. Daalee Gunjoo Tufaa 4. Geetachoo Guunjoo 5. Bulloo Jimaa Baalchaa kanneen jedhaman qabuun harka isaanii duubatti hidhanii erga dararaa ulfaata irran ga'anii booda, namoota sadii 1. Boonsaa Machii Abbosaa, 2. Daalee Gunjoo Tufaa fi 3. Geetachoo Guunjoo kanneen jedhaman ummata fuula duratti haala nama suukanneessuun yoo ajjeessan, namoonni lama lubbuun hafan immoo miidha ulfaata miidhamuun haala baay’ee yaaddessaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa kana Godina Lixa Shawaa, Onoota kanneen akka Ada’aa Bargaa, Meettaa Walqixxee, Jalduu, Coobii fi Gindabarat keessatti tajaajila quunnamtii addaan kutuudhaan, jiraattota jeequu fi sodaachisuuf meeshaa waraanaa gugurdaa garasitti guuraa jiru. Bakkoota eeraman kanneen keessatti qonnaan bultoonni nagaa hedduun akka miidhaman gabaafamee jira. Gochi faashistummaa namoota nagaa irratti raawwatamaa akka ture kuusaan galmee keenyaa fi ibsi ammaan dura baasaa turre ni agarsiisu.

Ajjeechaa suukanneessaan akkanaa waggoota arfan darbaniif Oromiyaa fi naannolee biroo keessatti raawwatamaa ture. Gochi faashistummaa suukanneessaa fi dhala namaa irraa hin eegamne kan murni aangoo qabatee jiru raawwatu kun yeroo ammaa sadarkaa bakkatti deebisuun hin danda’amne irra ga’ee jira.

Raayyaan Ittisa Biyyaa lammiilee biyyattii diina alaa irraa eeguu fi nageenya isaanii mirkaneessuun ga’ee irraa eegamu ta’ee osoo jiru, itti gaafatamummaa kana dagachuudhaan ummata nagaa jeequu fi dararuu, keessumaa immoo dargaggoota bu’uura dhaloota egeree ta’an dhabamsiisuu irratti fuuleffatanii jiru.

Hawaasi Idil-addunyaa fi dhaabbileen mirga dhala namaatiif falman lammiilee dararamaa jiranii fi nama isaaniif dirmatu dhaban kanneeniif dhaabachuu qabu. Hawaasi Idil-addunyaa gocha suukanneessaa gara jabinaan guutame akkanaa ifatti balaaleffachuutu irraa eegama. Murna akkanatti gocha suukanneessaa dhala namaa irraa hin eegamne namoota nagaa irratti raawwatuuf tumsa siyaasaa fi maallaqaa gochuufiin tumaalee seeraa fi waliigaltee mirga dhala namaa Idil-addunyaa cabsuu dha. Ummati sagaleefuu deggersa hin qabne abbootii irree jalatti akka dararamaniif karaa bal’isuu dha. Ummanni Oromoo gocha bineensummaa fi gara jabinaa, ajjeechaa fi dararama kana jalaa walaba ba’uudhaaf qabsoo isaa finiinsuu qaba.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 09, 2023
Finfinnee

08/09/2023


Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti waraanni PP dargaggoo Danuu Malkaamuu jedhamu ajjeesuun bineensa nyaachisan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Dargaggoo Danuu Malkaamu Gammadaa kan jedhamu wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Jarsoo Waamaa keessatti waraana mootummaatiin Ajjeechaan suukkanneessaa erga irratti raawwatamee booda Reeffaa isaa bineensi akka nyaatuuf hallayyaatti gatuun bineensa nyaachisan!

08/09/2023
 Dargaggoota Afur torban kana gara calqabaa Aanaa Anfilloo Ganda Suddii jedhamuu qabamanii gara magaalaa Dambii Doolloot...
08/09/2023



Dargaggoota Afur torban kana gara calqabaa Aanaa Anfilloo Ganda Suddii jedhamuu qabamanii gara magaalaa Dambii Doollootti geeffamuun waajjira dhaabaa pp kan Naannoo waajjira Humna Ibsaa 02 tti hidhamaa turan keessaa guyyaa kaleessaa Dargaggoo Daangaa Diinaa ajjeefamee gatamuun dhagahame.

Dargaggootni Afur torban tokko dura Qeellam Wallaggaa Anfilloo irraa humnoota waraanaa PPn ukkaamsamanii gara magaalaa D...
08/09/2023

Dargaggootni Afur torban tokko dura Qeellam Wallaggaa Anfilloo irraa humnoota waraanaa PPn ukkaamsamanii gara magaalaa Dambii Doolloo geeffamuun Adababaayii Amaanu’eel irratti ajjeefaman taa’aa turan yeroo ammaa haala yaaddessaa keessatti kufanii jiru.

Akka odeessaaleen arganne mul’isutti erga qabamanii hidhamanii maatiis tahe namni kamuu dubbisuu kan hin dandeenye yoo tahu reebicha irratti raawwatameen du’aa fi jireenya gidduutti akka argaman beekuun dandahameera.

Maqaan dargaggoota kanneenii:

1)Daangaa Dhiinaa Dafisaa

2) Hundee Bantii Maammoo

3) Firoomsaa Biniyaam Taddaasaa

4) Waktolaa Darajjee kanneen jedhamanidha .
Dargaggootni kunneen arfan Aanaa Anfilloo Ganda suddii jedhamutti kan dhalatanii achuma jiraatan yoo tahu torbee darbe erga humnoota waraanaa ppn qabamanii waajjira Dhaabaa pp Ykn Dambii Dolloo wajjiiraa Elektirii 02 cinaatti hidhaamanii jiru.

07/09/2023
Hiriira taaksii fi hiriira qabsoof godhamu keessa jirta?
06/09/2023

Hiriira taaksii fi hiriira qabsoof godhamu keessa jirta?

01/09/2023

!

W/Bahaa Sibuu Sireetti waraanni pp daa’ima ol adeemaa ummata duratti rasaasaan ajjeesan

Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Cariitti waraanni mootummaa barataa Misgaanuu Bulii qabuudhaan uummata fuulduratti rasaasaan ajjeesan.
Waraanni pp finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon socho’u kan ummata keenya qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuu ajjeesu kanin ajjeesne barataa ol adeemaa ilmaan hiyyeessaa ajjeesaa jira.

 Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa ummata Oromoo irratti weerara ba...
31/08/2023


Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa ummata Oromoo irratti weerara bananiin namoota nagaa qonnaan bultoota dabalatee yoo ajjeesan qabeenyaas mancaasuun dhagahame.

Humnootiin maqaa Faannoon socho’an kunneen guyyaa kaleessaa Hagayya 30/2023 irraa qabanii dhukaasa bananii akka ummata buqqisaa fi ajjeesaa jiran maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa kan Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer tibbana gara Itiyoopiyaatti dhufuun dhimma wal dh...
29/08/2023

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa kan Yunaayitid Isteetis, Maayik Hamer tibbana gara Itiyoopiyaatti dhufuun dhimma wal dhabdee Naannoo Oromiyaa keessaa fi Amaaraa akka walii galteen furamuuf mootummaa Itiyoopiyaa waliin mariiyachuuf jedhame.

Wal dhabdeen yeroo ammaa Itiyoopiyaa keessatti adeemaa jiru karaa nagaa akka furamuuf dhiibbaa taasisuuf akka dhufan beekameera.
Akkuma Naannoo Tigiraay waliin piritooriyaatti walii-galteen taasifamee wal waraansi dhaabbate Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota Naannoo Amaaraa keessa jiran waliinis akka walii galteen xumuramuuf dhiibbaa barbaachisu USA akka taasiftus beekuun danda'ameera.

Godina Horroo Guduruu wallaggaa fi Shaggar kaabaatti Finxaaleyyiin Amaaraa Lola bananiin ummata irra miidhaan qaqqabe Ha...
29/08/2023

Godina Horroo Guduruu wallaggaa fi Shaggar kaabaatti Finxaaleyyiin Amaaraa Lola bananiin ummata irra miidhaan qaqqabe

Haleellaa gurmaa’aa tibbana Finxaaleyyiin Amaaraa Karaa miidiyaalee dabalatee Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi saamicha raawwachuuf akka qophaa’oo tahan dubbataa turan yeroo ammaa humni hidhate Faannoon daangaa Oromiyaa seenuun ajjeechaa fi saamicha Ummata irratti raawwataa jira.

Godina Horroo Guduruu Aanaa Amuruu fi Agamsaa dabalatee Abee Dongoroo bakka jedhamutti humni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon haleellaa raawwataniin ummata irra miidhaan qaqqabuu fi jiraattotni qe’ee isaanii lakkisanii gara magaalaatti godaanaa jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

Bifuma wal fakkaatuun Kaaba Shaggar keessatti Aanaa Darraa keessatti halkan edaa haleellaa humni faannoo baneen lubbuun namoota shanii (5)darbuun miidhaan hamaan naannichatti qaqqabee jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.

Humnootiin Amaaraa maqaa Faannoon socho’an eega labsiin yeroo muddamaa naannoo Amaaraatti labsamee Lola qindaayaa naannoo Oromiyaa irratti akka gaggeessaa jiranii fi lubbuu namootaa balleessaa hedduu qabanii ukkaamsaa akka jiran beekameera.

Ummatni keenya naannoo Daangaa Amaaraa irra jirtan hanga dandeessan meeshaa qabachuun akka of irraa qolattanii fi gurmuun of irraa loltan dhaammachaa waamicha ABO fi KfOn daangaa Oromiyaa tiksuun tokkummaa Oromootaa gaafata jedhe sanas hojiirra oolfamuuf Oromootni golee Oromiyaa akka ummata keenya cinaa dhaabbattan waamicha isiniif goona.

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when SQ Bilisummaa Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to SQ Bilisummaa Oromoo:

Videos

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share