11/02/2024
Warra Adwaa faarsaa Minilik abaarutu jira. Warra sanaan nuti gowwaa jennaan. Adwaa faarsaa Minilik abaaruun waliin hin deemu. Adwaan injifannoo Minilik dha. Adwaa faarsita taanaan Minilikiinis walumaan faarsi! gootota adawaa kanneen jedhamanii farfamaa jiran hundi isaaniituu Ashkaroota ykn gabroota minilik waan turaniif.hogganaan olaanaan isaani minilik maqaan waraana minilik ammoo nafxanyaa jedhama.
Beek nafxanyaa jechuun maqaa waraana minililik malee amaara jechuu mitii.irraa hedduun waraana minilik sabaan amaara manzee waan tahaniif malee warroonni sabaan oromoos kan nafxanyumaa labsatan hedduudha.fakkeenyaaf warrotni goota adawaa jedhanii farfaman hunduu nafxanyoota.warruma aanolee fi calanqottii oromotti duulaa turettu adawaallee duulee .
akka amma odeessan osoo hin taane isaan ajaja gooftaa isaanii kan minilik guutuuf duulan malee biyyaaf jedhaniis mitii.
injifannoon jedhamus haga odeessan kana mara sitti hin fakkaatin.
Hadhooftus dhugaa jiru kanuma.