Jimma Show

Jimma Show Abdulbaari Show ��

Nama Jabaa tokko Dhabdee Oromoon Guyya Hardhaa Nagaan boqadhaa Jaal Galasaa Dilboo
31/03/2022

Nama Jabaa tokko Dhabdee Oromoon Guyya Hardhaa Nagaan boqadhaa Jaal Galasaa Dilboo

11/01/2020

Kolonelichi akkas jedha
"Hireen addunyaa kanaa kan laafaan irraa badu, kan jabaan irra jiraatu ta'e. Yoo jabaattan ni jiraattu; yoo laaftan ni baddu. Warri laaffate xayyaara waraanaatu qe'eesaaniirra marsa; taankiitu irra oofama; haadholii isaaniitu ciniinsuu irratti rakkata; ijoollee isaaniitu mana barumsaarraa baqata.
Argaa waan warri Amerikaa Sooriyaa gochaa jiran. Ijoolleen Amerikaa garuu taankii arganii hin beekan; xayyaarri lolaas isaanirra marsee hin beeku.
Lafti amma irra jirru lafa warra Tuulmaati. Amma garuu lafa kanarra warri Tuulamaa hin jiran. Jaallannes jibbines waan laafneef lafa nurraa fudhatan. Oromoon sobee of jajjabeessuu dhiisuu qaba; warra jabaatetu lafasaa irraa fudhate. Lafaaf lafee Oromoo deebisuuf deemsi ABO waliin deemamu karaan isaa dheeraafi daddabaadha; garuu ol jennee irra deemna. Gad hin jennu hin saalfannu. Hagam yoo turus, hagam yoo hammaates, hagam yoo dheerates lafaaf lafee abbaa keenyaa ni deebifanna.
Dargaggoonni Oromoo of qopheessaa! Oromiyaan keessummaa hedduu qabdi. Keessummaan kun akka Oromoon jedhetti qofa bulti. Finfinnee dabalatee keessummaa hedduu qabna. Keessummaa hin jibbinu. Garuu gola keenya dabarsinee hin kenninu.
Filmaata sadiitu jira:
Inni tokko akka Oromoon jedhetti buluu
Inni lammaffaa guddifachaan akka Oromootti jiraachuu
Inni dhumaa biyya Oromoo gadhiisuudha.
Oromoon Tuulamaa naannawa kanarraa buqqaate ba'aa ulfaataa kana qofaakee hin dandeessu Oromoo isa kaanitti iyyadhuu lafakeetti deebi'i!
Oromoon nagaa jaallata. Lolaafi du'a ni sodaata. Hundaa ol garuu salphina sodaachuu qaba!"

Kol. Gammachuu Ayyaanaa waliif godhaa.

Yoo Rabbii jedhe...Boori galgala sa'aatii kanatti gammachuun keenya akkuma gaafa Dr. Abiyyi Ahimad dura ta'aa ADWUI tahe...
10/10/2019

Yoo Rabbii jedhe...

Boori galgala sa'aatii kanatti gammachuun keenya akkuma gaafa Dr. Abiyyi Ahimad dura ta'aa ADWUI tahe filamee sana taha.

Injifannoon guyyaa boorii eeggamu kan Dr. Abiyyi qofa miti, Injifannoo tokkon tokkoo keenya hundaati.
Guyyaa boorii seenaa haaraan addunyaan dinqisiifatu Ilma Abbaa Gadaatii galmaa'e arguuf jirra.

Ni Milkoofna, Shakkiin Hin Jirtu!!

Odaa Awward yeroo 3ffaaf adeemsifamuufi.Badhaasni Odaa Awward yeroo 3ffaaf ji'a Onkoloolessaa dhufu, guyyaa gaafa 7 maga...
30/09/2019

Odaa Awward yeroo 3ffaaf adeemsifamuufi.

Badhaasni Odaa Awward yeroo 3ffaaf ji'a Onkoloolessaa dhufu, guyyaa gaafa 7 magaalaa Finfinnee Hoteela Shaaraatan Addisitti ni adeemsifama. Gaafa 15/01/2012 Hoteela Eliyaanaatti ibsa miidiyaaf kennameen akka ibsametti, kaayyoon badhaasichaa Oguma /Art/ Oromoo guddisuufi beeksisu akkasumas ogeessota Ogumochaa onnachiisuuf akka ta'edha.

Haaluma kanaan Maltiimidiyaan Bashaatuu Tolamaaram qindeessaa hojichaa ta'uun Waajjira Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa waliin milkii hojichaaf kan hojjatan ta'uunis ibsicharratti caqasameera.

Alamsheet Mogos

Finfinnee, Fulbaana 19, 2012 (FBC) – Rooba cimaa Hindi bulchiinsa Uutaar Praadeesh fi Biihaar jedhamutti roobeen namoonn...
30/09/2019

Finfinnee, Fulbaana 19, 2012 (FBC) – Rooba cimaa Hindi bulchiinsa Uutaar Praadeesh fi Biihaar jedhamutti roobeen namoonni 100 ol glubbuun darbuun himame.

Bulchiinsoota lameen keessa tajaajjili baaburaa, konkolaataa, hoospitaalaa, manneen barnootaa fi dhaabbileen dhiyyeessiin addaddaa guutumaatti hojii ala ta’uu beekkameera.

Bulchiinsi Uutaar Praadeesh akka ibseetti namoonni 93 sababa lolaan lubbuun darbaniiru.

Bulchiinsa Biihaaritti ammo namoonni 29 yoo du’an, magaalaa gudditti Paatnaa miidhaa guddaan irra ga’eera.

Rooba cimaa robe kanaan manneen jiraattoota irraa bishaan dhugaati kan cite yoo ta’u, daa’imanii fi maanguddoonni rakkinaaf saaxilamuun himameera.

maddi:- F b C

Namichi kun Mohammed Yusuf jedhama . Harargee Bahaa Anaa Dadarotti Itti Gaafatamaa Nageenyaa ture. Qeerroo sadi harka is...
29/09/2019

Namichi kun Mohammed Yusuf jedhama . Harargee Bahaa Anaa Dadarotti Itti Gaafatamaa Nageenyaa ture. Qeerroo sadi harka isaatin ajjeese. Eega hiine jedhanii dhoksanii booda kunoo har’a Itti Gaafatamaa Nageenya Godina Horroo Guduruu Wallagaa jedhamee gara OBN dhihaate.

Yakkamaa akkanaa godina hubdaa guuranii erganiiti ummanni Wallaggaaa duguugamaa jira.Jawar Mohammed irraa.

Finfinnee, Fulbaana 18, 2012 (FBC) – Qananiisaa Baqqalee maraatooni Berliin injifate.Guyyaa har’aa kana gaggeeffame mara...
29/09/2019

Finfinnee, Fulbaana 18, 2012 (FBC) – Qananiisaa Baqqalee maraatooni Berliin injifate.

Guyyaa har’aa kana gaggeeffame maraatooni Berliin Atleet Qananiisaa Baqqalee injifate.

Qananiisaan riikard addunyaa fooyyeessuuf sakandi 2 qofa akka duubatti hafe himame.

Faayidaalee Qullubbii adii ========!!!!!==========1. Dhibee biroonkaayitii cimaa ni fayyisa 2. Dhibee asmiif3. Dhibee go...
29/09/2019

Faayidaalee Qullubbii adii
========!!!!!==========
1. Dhibee biroonkaayitii cimaa ni fayyisa
2. Dhibee asmiif
3. Dhibee gogaa qaama keenyaaf
4. Dhibee mar'ummaan keenyaaf
5. Dhibee dhiitoo fi dhullaaf
6. Dhibee kintaarootiif
7. Dhibee buusaa qaamaaf
8. Madaa ni qoorsa
9. Dhabiinsa hirribaa ni hir'isa
10. Qaamni keenya dhibee akka dandamatuuf
11. Miira dhukkubbii ilkaanii ni hir'isa
12. Dhibee shukkaaraa ni salphisa
13. Fedhiin nyaata keenyaa akka banamuuf ni gargaara
14. Itita dhiigaa ni hambisa
15. Dafanii dulloomuu ni hir'isa
16. Raammoo garaa keessaaf ni fayyada
17. Qufaa daa'immanii adda hin citne ni fayyisa
18. Nyaatni akka daakamu taasisa
19. Babal'ina Kaanserii Piroostireetii ni dhorka
20. Kaanserii harmaa fi buubbuu (a**s) ni dhowwa
21. Kaanserii hadhooftuu ni dhorka
22. Tatamsa'ina kaanserii kooleenii jedhamu ni dhowwa
23. Seelii (Metabolism) ni dadammaqsa
24. Dhibee Saal-qunnamtii (Trichomoniasis) ni fayyisa
25. Madaa malaa makate ni fayyisa
26. Dhibee sombaa(TB) ni yaala
27. Dhibeewwan hargansuu waliin wal qabatan ni fayyisa
28. Dhiibbaa dhiigaa ni hir'isa
29. Hamma koolestroolii ni to'ata
30. Dhibee ujummoo dhiigaa dhiphisu(Itirooskiliiroosis) ni faccisa
31. Dhibee ijaa kaataaraaktii sababa umriin dhufu ni fayyisa ......
Fayyaan keessan hin goolamiin!
Dr. Ayantu Amenu Gurmessa
Dr. Gemechu Wakjira Gurmessa
Dr. Dessalegn Asefa

24/08/2019

dhugaa dubachu kessanif galatomaa jechuu barban garuu dhiimaa ijollee yamanii iraa garaa saudi dhufaa jiiranu rako fii darar addaa addaatu ertii rawatam kan kan godhuu dalal yamanii fii dawasiirii jiiranuranii wan ta.ee fii qeroo dawasiir fii qeroo riyad jiirtanu rakoo akkan ballesu qabduu galatomaa

Gadi baasnee sitti himnaSodaannee bira hin qabnuA...B...C...D dhaan maleeሀ...ሁ dhaan hin jalqabnu! Barriifi garri kee du...
23/08/2019

Gadi baasnee sitti himna
Sodaannee bira hin qabnu
A...B...C...D dhaan malee
ሀ...ሁ dhaan hin jalqabnu!
Barriifi garri kee durii
Dhumateera si jalaa
Nuti ijoollee Qubeeti
Miti ijoollee 'fidalaa'....!

Lataa Qana'ii! Jedhe

Koreen biyyoolessichaas bakka muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti xumura sagantaa dhaabbii biqiltuu gagge...
23/08/2019

Koreen biyyoolessichaas bakka muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad argamanitti xumura sagantaa dhaabbii biqiltuu gaggeessaniiru

Ogeessonni fayyaa Taaylaand garaa dubartii ganna 60 keessa cirracha hadhooftu kuma 2 ta’u baasanFinfinnee, Hagayya 17,20...
23/08/2019

Ogeessonni fayyaa Taaylaand garaa dubartii ganna 60 keessa cirracha hadhooftu kuma 2 ta’u baasan

Finfinnee, Hagayya 17,2011 (FBC) - Ogeessonni Taaylaanditti dubartii gannaa 60 garaa na dhukkuba jechuun gara mana yaala dhufte keessatti cirracha hadhooftuu kuma 2 aragamuun isaan naasiseera.

Eenyummaa nama kana kan hin ibsamee dubartii ganna 60 dhukkuubiin garaa waan itti dhaga’ameef gara mana yaalaa kan deemte.

Yaalii isakaanii ogeessonni taasisaaniin cirrachi hadhooftu dhibbaan lakka’amu argataniiru.

Ogeessonni yaalii baqaqsanii yaaluu daqiiqaa 40 itti fudhateen cirrachoota hadhooftuu kuma 1 fi 898 baasaniiru.

Baayyinni cirrachoota hadhooftu garaa dubartii kana keessa bahe riikkardi idila addunyaa cabsuu hin dandeenye.

Riikardii idila Addunyaa qabatee kan jiru bara Faranjoota 1987 Ingiliizii kutaa bulchiinsa Kaaba Bahaa Suuseeksi jedhamuun yaamamu dubartii ganna 85 keessa cirracha hadhooftu kuma 23 fi 530 bahedha.

Daayreektarri Hoospitaala Taaboo Kiraawuun Waataanaa Paarasir cirrachoonni hadhooftuu baayina amma kana qaban kana ba’an yeroo jalqaabaa ta’u himaniiru.

Maddi :- Deeyiil Maayiil

22/08/2019

Like follow👈👈

22/08/2019
22/08/2019

Sher like godha.😁😁

Address

Riyadh
NINE

Telephone

+966564871368

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jimma Show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share