Dheebu bilissummaa

Dheebu bilissummaa Baradheetin barumsaa xumuree ta'uuti jira

11/05/2024
15/12/2023

Ajjeechaan dargaggoo Oromoo Dr Israa’el Xilaahun irratti raawwatame dheekkamsa jabaa uume.

Ajjeechaan magaalaa Finfinnee naannoo Atilaas jedhamuun beekamutti Dr Israa’el irratti raawwatame kun, “seera-dhablummaan sirna kana jalatti dagaage sadarkaa hammaataatti cehuu kan mul’isudha” jedhu namoonni yaada kennan.

Dr Israa’el osoo dirqama Ogummaa isaatii ba’uuf gara hojiitti ariifatuu, Fuullee Cinaa (Ispookiyoo) Konkolaataa nama isa maddii tureetti konkolaataan isaa bu’uun akka cabse, bu’uuruma kanaan namni fuulleen konkolaataa duraa cabe konkolaataa keessaa bahuun adda Dr Israa’elitti rasaasa dhukaasuun akka ajjeese namoonni ijaan argan OMNtti himan.

Dr Israa’el Ogeessi ganna digdamii sagalii, namni biyyaa fi uummata isaaf mul’ata guddaa qabu, sababa konkolaataan isaa fuullee cinaa konkolaataa birootti buutee cabsiteef jecha haala nama gaddisiisuun rasaasaan reebamee ajjeefameera, “biyya Ispookiyoo birrii kuma shaniif jecha Doktora ajjeestu keessa jirra” jechuun qeeqaa jiru namoonni yaada isaanii marsaalee hawaasaa irratti kennan.

Qaamni ajjeechaa suukanneessaa Dr Israa’el irratti raawwate kun, nama mootummaa aangoorra jirutti hidhata qabu tahuu isaatiin eenyummaansaa akka dhokatuuf ta’eera, hanga yoonaatti seeratti dhiyaachuu dhabuunis seera dhablummaan sirna kana jalatti hangam akka dagaage mul’isa jedhu.

Sirni aangoorra jiru golgaa yakkamtootaa fi maandhee saamtotaa ta’uun irra deddeebiin mul’ataa jira, yakki yakkamtoota sirna dawoo godhataniin uummata irratti raawwatamu kun xumura argachuu qaba jedhan.

15/12/2023

Namoonni madaa'an gara Hospitaala Naasiritti yeroo geeffaman
Israa'el haleellaa boombii kaabaafi kibba Gaazaatti raawwattu cimsitee itti fufteetti.

Ganama kana, namoonni haleellaa kanaan madaa'an yeroo gara Hospitaala Naasir kan Kahaan Yuunis keessa jirutti geeffamaa jiran agarsiisu viidiyoon mul'ateera.

Filisxeemonni ammoo qarqara sululaarraan haleellaan jajjabaan deemaa jiraachuu gabaasaniiru.

Halkan darbe ammoo namoota haleellaa qilleensaa Kahaan Yuunis fi Raafaah keessatti gaggeeffameen namoota ajjeefaman keessatti daa'imman ni argamu.

Tamsaasa kallatti kana keessaa daawwadhaa
https://bbc.in/3Tnvq5F

14/12/2023

Do you struggle to feel worthy in life? Meditate on 2 Corinthians 3:4-5.

14/12/2023

Mana Kee Bakka Zikrii Rabbii Taasisi
••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana Jechuun Dubbatan.

عَنْ أَبِي مُوسَى رضي الله عنه قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ ﷺ: (مَثَلُ البيت الَّذِي يذكر الله فيه والبيت الذي لا يذكر الله فيه مَثَلُ الحَيِّ وَالمَيِّتِ.)

“Fakkeenyi mana isa Rabbiin keessatti zakkaramuufi mana Rabbiin keessatti hin zakkaramnee akka du’aatii fi fayyaati.” Muslimtu Abuu Muusaa irraa gabaase.

Kanaafuu mana ofii bakka zikrii Rabbii gosa hundaayyuu taasisuun dirqama.
Zikriin kun kan qalbii, zikrii arrabaa, salawaata, Qur'aana qara’uu, barnoota sharii’aa waliin qu'achuu yookiin immoo kitaabota adda addaa dubbisuu ta’uutu mala.

Manneen Muslimaa yeroo ammaa meeqaafi meeqatu zikrii Rabbii dhabuudhan duutee jirti. Kun immoo hadiisa sahiiha keessattis dhufeera. Inumaa yeroo zikriin ishee keessatti godhuma immoo sagalee shayxaanaa kan akka sirbaa, muuziiqaa, hamii, cubbuufi walitti naqaa ta’emmoo maal haa ta’u!

Ogga diliifi waan Rabbiin dhorge kan akka wal makannaa haraama ta’e, hijaabaan malee maqaa firoomaatiin, ollaa warra callisanii mana seenanuutiin kan muhrima hin ta’in waliin turuudhaan guutamtee jirtu immoo haalli manattii akkam ta’a laata! Maleykaan akkamumatti mana haala kana qabu seenti?

Rabbiin isin haa mararfatuu, mana keessan zikrii Rabbiitiin fayyisaa jiraachisaa

By: Ustaz Abdulmenan Menza

https://t.me/IbsaaDhugaa

14/12/2023

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 87 QOFAATU HAFE !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By: Dr. Ibsaa Dhugaa

Warri Qadaan Soomana Bara Dabree irra jirtu osoo soomanni baranaa isinitti hin seenne soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Keessaafuu haadhoowwanii fii shamarran keenya warri Sababa addaa addaatiin soomanni dabre qadaa isinitti tahe akkasumaas dargaggootaa fii abboottiin teenya warri dhukkubsattanii ykn sababa imaltuutiin soomana dabre qadaa qabdan hundinuu dafaa soomanaa liqii Rabbii ifirraa kafalaa.

Yaa Rabbi warra achi gahee soomanu nu taasisi

https://t.me/IbsaaDhugaa

14/12/2023

Obbo Taayyee Danda'aa mirga himatamuu dhabuu osoo qabanii maaliif hidhaman?
***************
Ogeessi seeraa Obbo Tuulii Baayyisaa ''mirgi himatamuu dhabuu kan kennamu faayidaa uummataaf jechadha.'' jedhu.
Ulaagaaleen mirga himatamuu dhabuu miseensa mana maree tokko irraa mulqan maal fa'i?
https://bbc.in/3NNtv79

14/12/2023

Naannoo Amaaraatti haleellaa dirooniin baayyeen ajjeefaman, kaan madaa'an- Jiraattota
************
Naannoo Amaaraa Godina Wolloo Kibbaatti ALI Sadaasa 30, 2016 haleellaa diroonii raawwateen namoonni hedduun ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.

Aanaa Godina kana keessatti argamtu- Saayint iddoo addaa Massaalamiyaa fi Qay Waashaa jedhamuun beekamanitti haleellaawwan diroonii raawwatamaniin lakkoofsa namoota du'anii isa sirrii baruun rakkisaa ta'us jiraattonni naannoo garuu namoonni 40 ta'an ajjeefamuu himan.

Magaalaa aanattiirraa kiilomeetira 10 irratti kan argamtu Massaalamiyaa (maqaa Warqi Maawucaa jedhamuunis beekamti) keessatti ''Faannoof galaa geessitu jechuun dargaggoota konkolaataan deemaa turan irratti haleellaa raawwateen hedduun ajjeefaman,'' jedhan jiraattonni.
https://bbc.in/3RoBJDC

09/08/2023

ONM-ABO 194 followers Follow 194 5 hours ago Oduu Waaree ONM-ABO Hagayya 9, 2023 0 0 144 Loading comments... 2:28:48 Rekieta Law 13 hours ago SCOTUS Infringes Second Amendment, Trump Charges and Procedure Threatens the Constitution and More! 58.8K 61 1:01:35 No Behaviour Podcast 16 hours ago No Join...

09/08/2023
07/08/2023
07/08/2023
07/08/2023
14/10/2022

👉yoo kan fayyaa qaama keetif yaaddu ta'e , gorsa xiqqoo tana dubbisii itti fayyadamii.
👉yoo kan somba keetif yaaddu ta'e, tamboo aarsuu dhiisi.
👉yoo kan onnee keetif yaaddu ta'e , ashaboo nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan tiruu keetif yaaddu ta'e , coomaa nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan garaacha keetif yaaddu ta'e ,nyaata qabbanaawaa nyaachuu xiqqeessi.
👉yoo kan mari'imaan keetif yaaddu ta'e, kuduraaf mudaraa nyaachuu baay'isi.
👉yoo kan kalee keetif yaaddu ta'e , guyya guyyaan bishaan dhuguu heddumeessi,halkan bishaan xiqqeessii rafuun dura fincaan fixadhuu rafi.
👉yoo kan sammuu keetif yaaddu ta'e ,hirriba gahaa rafi ( guyyatti yoo xiqqaate sa'aatii 8 rafi.)

Galatoomaa!!

Fayyaaf nagaa hin dhabinaa!
By Dr Abdi k Gada.

Channel kana join godha.
https://t.me/DrmohammedIbrahim

13/09/2022

Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa Finxaaleyyiin Amaaraafi shororkeessitoonni Faannoo duula qinda'aa itti bananii jiran ammas furmaata waarawaa hin arganne jedhu maddeen.

Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa, Amuruu, Jaartee Jaardagaa, Abee Dongoroo, Horro Bulluqiifi Aanaa Horroo dabalatee Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu, Galiilaa, Giddaa, Guutoo Giddaafi Angar Guutee erga waraana qinda'aa faannoofi Finxaaleyyiitiin isaanirratti banamee as, tajaajila misoomawwan bu'uraa hedduun irraa citee jiraachuu maddeen himaniiru.

Daandii fi geejiba dabalatee sararri ibsaafi bilbililli akkasumallee dhaabbileen fayyaa hedduun hojiirra akka hin jirre himanii, bara 2014 keessas godinoota lamaan keessatti gandoota baadiyyaa hedduutti manneen barnootaa cufamuurraa kan ka'e, sirni baruufi barsiisuu akka hin turre OMN odeeffateera.

Odeeffannoo dabalataa hidha kanaa gadiin argattu
https://omnglobal.com/or/15742/

12/09/2022

Dubbii taajuu shurrubbee

Namni waliis ni lola
Wliis ni Ajjeesa

Garuu haadha manaatiifii Abbaa manaa yoo taatu baayyee ulfaata
Walirraa bareeddan baga walfuutan jennee osoo hin quufin waan gurraaf hin tolle dhagahuun gadda gaddaa oliiti

Gammachuufii gadda walkokkore nutti taate
Gammachuufi booya nutti taate

Dubbachuuf ni ulfaata
Callisuuf nama nyaata

Yoggaa biyya Alaa nuuf deemtan
•Akka nukofalchiiftaniifi malee
•Akka nuboochiftaniifii miti

•Akka nugammachiiftaniif malee
•Akka nugaddisiif taniifii miti

Nidhiisaa lakkii nuti gadda asiihuu baayyee qabnaa kan Asiituu nuuf gahaa nuttin dabalinaa nudhiisaa

Rabbiin rahmata haa godhuuf

Galatoomaa

Address

Mecca

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dheebu bilissummaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dheebu bilissummaa:

Share

Category



You may also like