ANIS WBO DHA

20/01/2022

Du’aan Boqotuu Artist fi Qabsawaa Hangafaa Nuhoo Gobana Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO

Ibsa ABO- Amajjii 20, 2022

Artist fi Qabsa'aan Hangafti Jaal Nuhoo Mahammad Gobanaa du'aan boqochuu isaa yeroo dhageenyu Gaddaa guddatu nutti dhagaa'ame. Jaal Nuhoo Muhammad Gobanaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfaamu keessatti qooda seenaan hin daganee goota qabudha.

Jaal Nuhoon bara 1948 Baha Oromiyaa, Baha Harargee, Jaarsoo, Ganda Lagamixeetti Abbaa isaa Obbo Mahammad Goobanaa fi haadha isaa Addee Faaxumaa Adam irra dhalate. Ijoollummaa isaan Sirba kan Eegale Jaal. Nuhoo Gobanaa sababa wallee Afaan Oromoo sirbuuf bara Dargii qabamuun Magaalaa Dirree Dhawaatti hidhame ture, yeroo gabaabaa booda hidha irra akkuma ba'een baqattummaan biyya Jibuuti seene.

Albama sirba isaa jalqabas achumaa Jibuutitti hojjette. Jaal Nuhoo Gobanaa Albama isaa lamaffaa ammoo Saawud Arabiyaatti hiriyyaa isaa Artist Elemoo Alii waliin hojjettee walleewwan Waraqsaa hedduu weellisuun uummata isaa dammaqsa, barsiisaa ture.

Jaal Nuhoo Gobanaa jiruu baqattummaan biyyoota akka Jibuutii, Yemen, Saawud Arabiyaa, Italiyaa fi Kaanaadaa keessa jiraacha yeroo turetti caayaa Oromoo biyya alaa keessatti Oromummaa leellisuufi gad dhaabu keessatti ga'ee gudda ba'aata nama turedha.

Sabaa isaa gudda kan jallatu Artist fi Qabsa'aan hangafti Nuhoo Gobanaa bara 1991 yeroo Dargiin kufee Mootummaan Cehumsaa Itoopiyaa hunda'ee Waamicha Dhaabba isaa ABO fudhate Kanadaa irraa Oromiyaa dhufuun Wallee Waraqsaa heddu sirbun uummata isaa dammaqsa ture.

Erga ABOn dhiibamee Mootummaa Cehumsaa keessaa ba'u innis gara Kanaadaatti deebi'un Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfaamu tumsa ture wallee adda addas hojjechuun uummata isaa dammaqsa ture. Kanaadaa irra gara Ertiraa deemuun Mooraa Waraana Bilisummaa Oromoo WBOtti argamun sirban WBO jajjabeesun Viidiyoo WBO waraabuun Uummata Oromoo biyya alaa jiraniif dhaamsa WBO qaqqabsiisa ture.

Jaal Nuhoo Gobanaa Abbaa ijoollee 6tti yammuu ta’u ijoolleen isaa 4 biyya alaa kan jiru 2 ammoo Oromiyaa jiru.

Jireenya isaa guutuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo tumsun Tokkummaa uummata isaa lallabaa kan dabarsee Jaal Nuhoon akeekka bilisummaa Oromoo irra osoo hin maqiin dhibee Narviifi dhibee keessootiin qabamee yeroo dheeraaf wal’aansarra erga tureen booda, Amajjii 18, 2022 Magaalaa Adaamaa Mana Jireenya isaatti lubbuun isaa darbe.

Addi Bilisummaa Oromoo maatii isaaf, firootta isaaf, wahilan isaa fi akkusumaa Qabsaawota Bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo bal’aaf jajjabina hawwa.

Injifatnoo Ummata Bal’aaf!

Amajjii 20, 2022

Finfinnee

04/01/2022

Kumaatama keessaan
Waa'ee kee barreessaa
Jechoota qindeesseen
Walaloon tarreessaa

Si yayyaadachaa jirra
Galaa yaadaa kuusaa
Yaaddoof gadadoodhaan
Imimmaanis buusaa

01/01/2022

Anarraa fagaattee
jiraattus halaalaa
aduu samiirrattiin
gaaddidduu tee laalaa
du'us sumarrattiin
du'e kaa jaalalaa

27/12/2021
Libraryn galeBarbaaduudhaaf jechaDictionary fuudheenJalqabe barbaachaA irraa jalqabeeHanga qubee dachaaBarbaadeetiin dha...
23/12/2021

Libraryn gale
Barbaaduudhaaf jecha
Dictionary fuudheen
Jalqabe barbaacha
A irraa jalqabee
Hanga qubee dachaa
Barbaadeetiin dhabe
Kan si ibsu jecha!

16/12/2021
16/12/2021

Wal biraan bareenna
Nuti waliif faaya
Kan walitti irkateetu
Tabba waliin baya

Hangafa gaaddisaa
Caayaa oromoota
Jalaa bashaan qabda
Gubbaan firii ba'atta

Akkuma maqaa keetii
Hujiin tee bareedduu
Ummata kee biraahis
Iddoon ati qabdu

Kabajaaf ulfinni
Ati ittiin beekkamtu
Onnee oromoorraa
Yoomuun sharafamtu

Oromoonni baheeti
Sijalatti heera tumata
Waaqa isaan bal'iseef
Galata galfataa
Rakkoo itti jirtuuf
Mala wal gaafata

Teessuma kabajaa
Gulantaa namoomaa
Caayaa odaa teenyan
Hundi ni amboomama
Kan walitti mufates
Waliif obboloomaa

Jechuudhaan oromoon
Nageenya isaa labsee
Gadaan ulfeeffamuu
Hujiidhaan mirkaanse

04/12/2021
04/12/2021

Maanguddoo hayyuu,
Kuusaa kitaaba kalee.
Isa kabajni maluuf,
Maa godhan akka malee.

Jaarsi nagaa labsa,
Jaarsi sagal obsa.
Maa lafee si cabsa,
Maa dhiiga si cobsa.

Ifni nagaaf wal waame
Maal tahee dhaamee?
Sirnaaf walitti baanee
Ammas raajii taanee?

28/11/2021

Leenjistoota Jajjabee Soddom Booroo🥰

03/11/2021

Waraanni Biliisummaa Oromoo duula "deemsa gara Finfinneetti" jedhu eegaluusaa Ajajaan W,B,O walii galaa Marroo Dirribaa ibse.

https://tinyurl.com/ksyk4vj7

"Biti Boombiif Rasaasa!"....................................Utuu Oromoon du'uuQe'ee isaatti alagaanSabnikee utuu hin gal...
29/10/2021

"Biti Boombiif Rasaasa!"....................................
Utuu Oromoon du'uu
Qe'ee isaatti alagaan
Sabnikee utuu hin galin
Ba'ee manatti nagaan,

Utuu Abbaan irree bulchuu
Sabakee Qawween cabsee
Utuu diinni ajjeesuu
Qeerroof Qarree adamsee,

Maalif Karaa hedduu deemta
Dhiisnee WBO gargaaruu?
Dhumaatii obbolaakeef
Maaf garaankee hin aaru?

Akka ati hin gargaarreef
Leenca Bosona keessaa
Diinni si tamsaasuudhaaf
Ajandaa siif qopheessa.

An dhala Oromoorraa
Takkumaa hin qabu jibba
Adda baasaan jedhe malee
Yeroo Qabsoofi sirbaa.

WBOn lukaan adeemaam
Siif dhiigee lafee cabee
Rasaasaa ofirkaa fixee
Jaala hedduutu lubbuu dhabe.

Diinnii waan qawwee qabuuf
Lola Sirratti labsee
Qe'ee kankee weeraruun
Afaan Qawween si cabse.

Egaa atis waan dandeessu
Kudhan taatus digdama
Ilmaankee siif jooraniif
Buusii bahi dirqama!

Qunceen yoo wal qabatte
Hiitee kuffisti Arba
Yoo wal taanee dhaabbanne
Jabaannee baana tabba.

Karaa adda addaa fiiguuf
Dhiichisni Roorroo jalaa
Oromiyaa bilisoomsee
Baqataa hin galchu alaa.

WBO loltuu Haqaatu
Roorroo sirraa calaasa
Ilmaankee siif jooraniif
Biti Boombiif Rasaasa!
Isaantu Lolee cabsuun
Alagaa Sirraa kaasa....................................
💪💪💪💪❤💚❤

28/10/2021
28/10/2021

Jalaa koo Artist Galaanaa Gaaromsaa baga nagaan Oromia xiqqo MINNESOTA geesse.🙏🙏

28/10/2021
Guyyaa 28/10/2021Konya Qellem wallagga Ona HARROOJJITTI leenchichi injifannoo adda galmeessee jira.Konkolaataa 3F lama a...
28/10/2021

Guyyaa 28/10/2021
Konya Qellem wallagga
Ona HARROOJJITTI leenchichi injifannoo adda galmeessee jira.
Konkolaataa 3F lama akka isheen itti fiigaa turtetti fiigicha dhabsisee jira.
Waraana irraa qulleessee konkolaataa dhuunfatee jira.
Injifannoon uummata oromoof
https://t.co/0Bm1i0SgGE

“Guyyaa 28/10/2021 Konya Qellem wallagga Ona HARROOJJITTI leenchichi injifannoo adda galmeessee jira. Konkolaataa 3F lama akka isheen itti fiigaa turtetti fiigicha dhabsisee jira. Waraana irraa qulleessee konkolaataa dhuunfatee jira. Injifannoon uummata oromoof ”

26/10/2021
26/10/2021
18/10/2021

Imimmaan keenya yoo roobu
Kan hin caalle wacaaf oduu
Abbaan arge golaa yaa'e
Bakka shanitti kan nu qoodu

Sagaleen keenya kiiloleen
Gaafa sirbaaf waca dirree
Tulluu ba'ee kan garmaamu
Gaafa qabsoo kan hin jirree

Hundee asii gadi nu haleelee
Nu godhatee tumaaf moonyee
Anaaf ati garuu eenyuudha
Imimmaan yaadaa kan boonyee ?

Faannoon Amaaraa uummata nagaa Oromoo irratti yakka suukkaneessaa raawwate[SQBO ABO-WBO Onk.11/2021]Wallagga Bahaa Ona K...
11/10/2021

Faannoon Amaaraa uummata nagaa Oromoo irratti yakka suukkaneessaa raawwate

[SQBO ABO-WBO Onk.11/2021]

Wallagga Bahaa Ona Kiiramuu Magaalaa Harootti Faannoon Amaaraa guyyaa kaleessaa jechuunis, Onkoloolessa 10/2021 waaree booda irraa eegalee maatii tokko keessaa nama 17 qaluun yoo ajjeesan, nama 7 ammoo ollaa irraa ajjeesuun dhagaa'ame.

Walumaagalatti namn 25 ajjeefamuun kan barame yoo ta'u, kanneen ajjeefaman kunneen namni kaasee awwaaluu dhorkamuu fi reeffa lafatti gatamee sarren nyaachaa jiraachuullee hawaasa naannoo sanaa irraa odeeffanneerra.

Kanneen lakkoofsaan danuu ta'an, keessumaa dubartoota baay'ee ukkaamsuun fudhatanii kan deeman ta'uullee SQf himaniiru. Yakka sanyii duguuggaa kana hordofee namoonni 300 ol ammoo qee'ee isaanii irraa buqqaa'aniirus jedhame.

Maatii fi firoottan wareegamnii fi yakki gara-jabeenyaa kun irratti raawwatee fi akka waliigalaatti ammoo uummata keenya Oromoo mootummaan gabroomfataa PP yakka duguuggaa sanyii irratti adeemsisaa jiruuf maqaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO-WBOtiin jajjabaadhaa isiniin jechuu barbaanna!

Uummanni keenya yoomiyyuu caalaa amma irree isaa jabeeffachuun waraana isaa WBO jabeessuun gochaa fi sirna ilmaan yeeyyii kanaa ofirraa qolachuu akka qabu dhaammanna!

09/10/2021
03/10/2021

Irechaa WBO waliin kabajaan🔴✅🔴

Address

Jizan
ZIYADTEHA

Telephone

+966568632013

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ANIS WBO DHA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to ANIS WBO DHA:

Videos

Share

Category