27/02/2022
SULXAAN/MOOTI ABBAA JIFAAR
Kutaa 2ffaa
🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟🌟
Abjuu Abbaa Jifaar
💫💫💫💫💫💫💫💫💫💫
Abbaan Jifaar biyyiti isaanii Jimmaan sororummaan Islaamooftuu taatee akka ittifullaatuuf carraaqqiilee heddu godhaniiru. Ulamoota kunuunsuufi ofitti dhiheessuun Daa’iwaa ni cimsuu ture. Ulamoota wajjiinis firummaa isaanii cimsataniiru. Sheekha Yifaatii Muhammad Dallanaa fi Sheekh Maahmuud Qureeraaf (Sheekkota Tijee) obboleewwan ofii ittiheerumsiisaniiru./ Abbaa Tamaam Abbaa Duulaa Abbaa Goolee/
Daangaa biyya isaanii keessatti Ilmii babaldhisuufi qir’aataaf kakkaasuuf yaaduun dureeyyis yoo ta’an Ulamoonni gibira akka hin kafalle godhaniiru.
/ Ketebo Abdiyo, Abba Jifar II of Jimma Kingdom, 1861-1934; A Biography, 2003, Jimma University, p.89/
Mootummaan Abbaa Jifaar Zakaa sadarkaa mootummaatiin sassaabaa ture. Akka ibsa Pirofeesar Herbart Liwiisiitti biyya isaanii keessattis manneen murtii Shari’aa hundeeffamanii Abbaan Jifaar matumti isaanii Qaadiiwwan beekumsa Qur’aanaatiifi Shari’aa qaban nimuuduu ture. Manneen murtee Shari’aa dhimmoota fuudhaafi heerumaa, walhiikinsaa, dhaalaafi maatii ni ilaaluu ture.
/ Herbert S. Lewis, the Oromo Monarchy, Jimma Abba Jifar, Ethiopia 1830-1932, the University of Wisconsin Put, 1965, p. 101-102 /
Armaan olitti akka ibsametti Jimmaan ummattooni ishee guutumaan guututti Muslima wanta turaniif Abbaan Jifaar Minilikiin waliin kan waliif galan bulchiinsa isaanii keessatti Bataskaanni tokkos akka hin hojjetamneef ture.
Hojii barbaacha Kiristaanonni Goondar, Goojjaam, Shawaafi naannoolee biroo irraa gara Jimmaa nidhufuu ture. Abbaan Jifaar hojii barbaadoottan Kiristaanootaa keessaa namni yoo du’u biyya isaanii keessatti akka awwaalaman hin heyyamanuu ture.
Baqattoottan reeffi isaanii Jimmaan keessatti osoo awwaalamee sana wajjiin walqabatee Bataskaanni akka hundeeffamu wanta beekaniif reeffi isaanii gara Limmuu (Jimmaan irraa kiloo meetira 75) fi gara Daawuroo ergamaa ture. Atseen Minilik kanaan gammadaa ta’uu baatanis kanaan Abbaa Jifaar wajjiin waliif mallatteessanii turan.
/ Ketebo Abdiyo, Abba Jifar II of Jimma Kingdom, p.25/
Waytii tokko Abbaa Jifaar biratti qacaramee hojjetaa kan ture baqataan Balaachoon Abbaa Jifaariin yoo du’u Jimmatti awwaalamuuf akka heeyyamaniif gaafate. Balaachoon “Asitti haa awwaalamu” jechuun isaa al-kallattiin “Bataskaanni asitti haa hojjetamuu” jechuu isaa ture. Deebii Abbaa Jifaar manguddoon woggaa sagaltamii sagalii Abbaan Milkii Abbaa Waaqoo Abbaa Gaamiil (Abbaa Jifaariin qaamaan argataniiru. Gaafa du’an Salaatul Janaazaa irratti sagadaniiru. Janaazaallee baadhataniiru) akkanatti ibsu:
“Janaazaa (reeffa) kee hanga Limmuu ykn immoo Shawaa baadhachiiseen erga malee asitti hin awwaalamtu” jechuun deebisanu./ Abbaa Milkii Abbaa Waaqoo Abbaa Gaamiil, Umrii 99, Jimmaa Jireen, 2002\
Abbaan Jifaar Islaamummaaf quuqamiinsa isaaniitiifi mootummaan isaanii kan Muslimaa akka ta’u muldhisuuf chaappaa isaanii irratti “Muhammad bin Daawuud – yeroo kuma gabricha Rabbii” jechuudhaan Arabiffaan barreessisaniiru./ Haile Mariam Goshu, the Kingdom of Abba Jifar II (1861-1934), p.25, Ketebo, p.25/
Jihaadota naannicha irratti godhamaniin gabroota damee diinaa irraa booji’amaa turan gidduu Qur’aana qara’anii kanneen xumuraniifi kitaaba kanneen qaraasisan bilisa baasuu ture./ Arabiffaan kab barraaye kitaaba Abbaa Joobir /
Seensa masaraa isaanii irratti barreeffamni “Laa Ilaaha Illallaahi Muhamadur-Rasuulullaah” (Allaaha malee gabbaramaan dhugaan gabbaramu hin jiru; Muhammadis ergamaa Allaahaati) kan jedhu barreessisaniiru./ Ketebo Abdiyo, p.39/
Biyya Abbaa Jifaar keessatti tanaan dursee zamana bulmaata akaakayyuu isaanii Abbaa Booqaatti Masjidoota citaa dhibba 300 fi Madrasaaleen 60 hojjetamanii turan. Abbaan Jifaar immoo Jimmaatti Masjidoota Qorqoorroo 5 hojjechiisaniiru.
Kanniin keessaa hangaftichi Ulamoonni gurguddaan keessa kan turan “Masjida Afurtamaa” ture. Masjidichi mooggaasa kana kan argate Masjidicha keessa Ulamoonni afurtamaa taa’anii ni qaraasisu (ni barsiisuu) wanta ta’eef ture. Masjida kana kan ijaarsisan akaakayyuun Abbaa Jifaar Abbaa Booqaa yoo ta’an zamanni mooteeffannoo isaaniitis 1859-1861tti ture.
Abbaan Booqaa yeroo isaanii kan aangoo woggoota sadihiitti Islaamaaf hojiiwwan heddu hojjechuu isaaniitiin ummatichaan maqaan suufamaa “Mahdii” jedhu isaaniif baheera.
/ Mohammed Hassen, the Oromo of Ethiopia: a History of 1570-1860, (Rea Sea Press, 1994), p.157/
Abbaan Jifaar Masjida Abbaan Booqaa hojjechiisan kana ginnoo (gardaaffoo) citaa irraa gara qorqoorrootti jijjiiranii haaromsiisan.
Suraan armaan gadi umrii Woggaa 161 kan Qabu “Masjida Afurtamaa” (Masjida Ulamoonni 40 Keessatti Qaraasiisaa Turan)
Masjidoota kanniin keessatti beekumsi Islaamummaa akka babaldhatu, beekumsi lugaa Arabiffaa akka cimuufi Islaamummaan onnee ummaticha keessa akka gadseenuuf carraaqaniiru.
Gaazexeessaafi barreessaan Phaawuloos Nyoonyoo akkana jechuun barreesseera: “Kutaa bulchiinsa isaanii keessatti lugaan ittiin dubannaa Arabiffa akka ta’uufi barumsi Arabiffaa akka kennamu labsamee ture. Gocha Abbaa Jifaar kanaan kan dallanan Atseen Minilik akkana jechuun barreessaniif:
‘… Biyyicha biyya Arabaa godhuu kee yoo ta’e qurxii isaa natti himitii waliigalteen keenyaa haa diiggamu” jechuun barreessan. Abbaan Jifaaris osoo deebii hin kennin caldhisan.
\ Axee Minilik, fuula 32\
Waytichatti dhiirri Ajnabiyyii (ambaa) dubartoota wajjiin kan walitti hin makamne yoo ta’u manni barumsa Qur’aanaa kan dubartootaatiifi kan dhiirootaa kophaa kophaatti ture.
Dubartootaafis Ustaazonni (barsiistoonni) dubartootaa ramadamaniifii turan. Ustaazoota dubartootaa kanniin keessaa Jamiilaan takka turte. Dubartoonni dhiira Ajnabiyyii wajjiin akka walitti hin makamne 1898tti Jimmaan kan daawwate Aleeksaandar Bilaatovichi eeree ture. Miseensa Fannoo Diimaatiifi hordofaa amantii Ortodokosii kan ture Aleeksaandariin lammii Ruusiyaa waa’ee Jimmaa barreesseera. Haadha Abbaa Jifaar waldhaanee jira.
Dubartoonni dhiira amabaatiif mataa isaanii wanta hin ibsineef golgoon duubatti ture kan wal qunnaman. Kitaaba isaa keessatti akkanatti lafa kaayeera:
“Manni haati Abbaa Jifaar keessa jiraattu kophaa isaatti dalla’a gibbii kan qabuufi kanneen biroo irraayis kan irra olguddatuudha. Balballi manichaa golgaa adiin wanta golgeeffameef haati warraa hin muldhattuu ture. Ani golgaan alatti barcumaa naaf kophaa’e irratti taa’eetiin haadha Abbaa Jifaar wajjiin hiiktuu (turjumaana) waliin haasawaan ture.”
Golgaan (Sharankiin) duubatti ta’ee dhibee dhukkubsataan kan gaafate Aleeksaandar dhiira ambaa ta’us gara keessaa seenee dhukkubsattuu waldhaanuun yoo dirqama ta’utti booda irratti seene. Akkanatti ibsa:
“Isheen singiggoon, qufaafi boowwoon kan ishee dararu ta’uusaa natti himte. Dhukkubsattuu qorachuun barbaachiisaa wanta tureef golgaa keessa seene.”
\Aleksaandar Bilaatovich, Raayyaa Atsee Minilik Wajjiin, Fuula 24/
Itti fufaa..