Fazakir Dawa Media

Fazakir Dawa Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fazakir Dawa Media, Video Creator, Moyale.

08/02/2025

Pireezidaanti Shimallis Sheek Hajii Ibraahim Tufaa waliin mari’atan

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Pireezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa fi Hoggantoota Olaanoo Majilisaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Pireezidaanti Shimallis hundeeffama magaalaa Shaggariin walqabatee Masjiidota diigamanii turan Mootummaan waadaa gale kan hin daganne ta’uu ibsuun, Adeemsichi yeroo waan fudhateef tajaajilichi ariitiin hojitti akka hin galamne dubbataniiru.

Haaluma kanaan Masjidonni diigaman yeroo gabaabaa keessatti tajaajila kennuu akka eegalaniif ni hojjetama jedhan.

Hoggantoonni Olaanoon Majilisaa gamaasaaniin,gaaffiiwwan hawaasa Muslimaa naannichaarraa ka’an deebii akka argatan gaafataniiru.

Pireezidaanti Shimallis gaaffiiwwan ka’aniif yeroo gabaabaa keessatti deebii kennuuf kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

08/02/2025
MOYALE MARKAZ NURUL ISLAM  MADARASAGuyyaa Har'aa Markazi Nurul islam kan magaala mooyalee Ganda Qabanaawa kessatti argam...
08/02/2025

MOYALE MARKAZ NURUL ISLAM MADARASA

Guyyaa Har'aa Markazi Nurul islam kan magaala mooyalee Ganda Qabanaawa kessatti argamu Barattoota Waggoottan darba keesaa barsiisaa ture eebbisee jira.

Markaz nurul islaam Barattoota kutaa 6 ,barattoota 38 fii 9 barattoota 18 kan waggaa kan xumuran barattoota walii galatti barattoota 56 Waraqaa ragaa akka kennan ibsanii jiru .

Sagantaa eeba guyyaa har'aa kanarratti Director markaz nurul islaam Ustaz ibraahim diqa fi vice director ustaz alinur Alo Akasumaas ustaz ibraahim Hussen fii Duraa taa'an Majliisa Ganda Qabanaawa malim Hasan Hussen bakkattii argamanii barattootaatiif Shahaada ykn Waraaqaa Ragaa kennanii jiran jedha odeeffannoon Markaz Nurul islaam irraa arganne.

MAJLISA GANDA QABANAAWA

08/01/2025
02/01/2025

ODUU GAMACHIISAA
Jiraattota muslimaa magaalaa MOOYYALEE hundaaf Galgala kana ka jimaataa sagantaan bareedan da'waafi gorsa garagaraa irraa argattan isinii qophaa'ee waan jiruuf Akka irraa hin hafne .

Ulamaa'ii Gorsaa nuu Keenituu kessummootni keenaa
ulamaa'iin teenaa

1.Doctor ustaaz Hassan yarow

2.Doctor ABuu saalim

3.Ustaz Abdulah Adan Kerow

4 Doctor Hussen Halakee

Iddoon : Masjidu Towfiiq (Qabanawa)

Yeroon: salaata maqriib fii ishaa jidduu

Hubachiisaa muhaadara tanaa Dubartoota ( shamaraan ) dhageefachuu hin danda'an
obboleeyaan teena ta dubraaleen koota irraa fayideefadha .
Galgala kana irraa hin hafina !
24/ 4/ 2017 E.C

02/01/2025

Ibsa Haala Yeroo Ilaalchisee Majliisi Federaalaa Baase!!

Gaaffileen Woggoota Dheeraa Ummata Muslimaa Magaalaa Aksuum utuu deebii hin argatin ammas rakkoon biraa irra caalaa ta'e,mirga namummaa isaanii sarbamaa jiraachuu manni marichaa ibse.

بسم الله الرحمن الرحيم

Manni marii dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa ibsa laateera. Ibsichi akka armaan gadiitti dhiyaateera.

:::::::::::::::::::::::
Biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo nageengaa fi tasgabbii barbaadutt yeroo Abbootiin amantaa du'aa'ii gochaa jiranitti yeroo ammaa, faallaa kanaa iddoo tokko tokkotti qaamonni mootummaa utuu hin hafin yeroo isaan rakkoo uumaanii fi madda sodaas ta'uu irratti argamu.

Naannoo Tigraayi Bulchiinsa magaalaa Aksuumitti biiroon barnoota magaalichaa manneen barnootaa adda addaa keessatti barattoota dubartoota muslimaa ji'aa tokkoo oliif sababa uffannaa amanataa isaaniitiin daree barnoota irraa ugguruu irra darbee maatii bartootaa mana hidhaatti dararaa jira. Dhimma kana Majilisa Naannoo Tigraayi woliin maryachaa furmaata ni argata jennee eegaa turrus garuu furmaata tokkollee argachuu akka hin dandeenye hubanneerra.

Kanaafuu Rakkoo ummata muslimaa magaalaa Aksuum woggootaaf ture,bilisummaan amanataa,rakkoon bakka salaataa,rakkoon bakka lafa qabrii/awwaalchaa,furmaata kan hin argannee fi gara rakkoo caalmaatti akka deemaa kan jirudha.

Mootummaa naannootii fi mootummaan federaalaa,seeronni dhaabbata mana maree amantootaa,dhaabbata mirga namummaa adduniyaa, bu'uura seera mootummaa keeyyanni 27 yeroo ammaa kanatti biyya amantoonni wol kabajanii woliin jiraatan keessatti duudhaaleen diigamaa jiraachuu isaa ni balaaleffanna.

Waan kana ta'eef mirgi ummata muslimaa tokkollee utuu irraa hin cabin akka hojii irra ooluu fi qaamonni mootummaa dhimmi kun ilaalu akka hojii itra oolchaniif gaafachaa,qaamota badii akkanaa raawwatan irrattis tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ni gaafanna.

Kutaan seeraa mana marichaas dhimma kan irratti hordoffii kan taasisu yoo ta'u,Ummanni muslimaa mar

Kutaan seeraa mana marichaas dhimma kan irratti hordoffii kan taasisu yoo ta'u,Ummanni muslimaa martuu,hordoftoonni amantaa biroollee dhimma kana akka balaaleffatanii fi ummata muslimaa Aksuum cinaa akka dhaabbatan waamicha dabarsina.

Majilisa Fedeleraalaa
Muddee 23/2017

Address

Moyale

Telephone

+251916501260

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fazakir Dawa Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fazakir Dawa Media:

Share

Category