Oromia Bakke Media

Oromia Bakke Media News and Media website

13/07/2024

Kennasaan ka’umsa yaada barreefama qorannoo dhiyeessite ‘Narsoonni dhukkubsachuun ykn sababa biroon yeroo hojiirraa hafanitti bakkuma jiran taa’anii sirna hojiisaanii hojjehcuu danda’an diriirsuu’ kan jedhu ture.

19/06/2024

Jilli Afyaa'ii Mana Marii Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kabajamoo Obboo Nuuriyyee Muhaammadii fi Hoji Gaggeessaa Dhaabbata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Magaalichaa Injinar Damisee Nyooreen Durfamu Pirojektoota Dhaabbata Bishaan Dhugaatiif Dhangala'aa Bulchiinsa Magaalichaatiin Hojjatame Daawwatan.

Jilli kun Koree Dhaabbii Mana Maree Magaalichaa, hooggantootaa fi ogeeyyii dhaabbatichaa, fi kan biroo hirmaachisuun pirojektoota bishaanii fi gama qulqullinnaatiin hojjataman daawwachuun marii taasisanii jiru.Marii kanaanis daawwii pirojektoota gara garaa dirree irratti taasisanii fi waan taajjaban,ciminnaaa fi hanqinna jiru irratti marii bal’aa dhaabbaticha waliin taasisuun kallattii itti aanus akeekanii jiru.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Dhaabbata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala'aa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Injinar Damisee Nyooree yaada kennaniin, kenna tajaajilaa gama bishaaniitiin kennaa jiraniin dabalataatti Pirojektoota akka mana fincaanii fi qaama dhiqannaa shantanii lamaa fi kanneen biroo hojjachuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraachuu himaniiru.Sadarkaan Magaalichaas ol guddachuu hordofee baay’inna ummataa dabale waliin hannqinni dhiheessii bishaanii kan mudatu ta’uu eeruun,Bulchiinsa Magaalichaa dabalatee qaamni dhimmi ilaalu deeggarsa barbaachisu hunda taasisuu akka qabanis gaafataniiru.

Dhaabbatichi dameewwan tajaajilaa torba hundeessuun dhiheenyatti kenna tajaajilaa fooyya'aa hawaasaaf kennaa jiraachuus fi baasiif dhamaatii hawaasa mudatu furuuf hojjatamaa jiraachuus ibsaniiru. Maddi bishaanii fi dhiheessii magaalichaas baay’inna ummataatiin wal bira qabamee yoo ilaalamus hanqinna qabaachuu eeruun, Manni Marii Magaalaas deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabanis Injinar Damiseen gaafataniiru.Komiiwwan maamila irraa dhufanis manaajimentii dhaabbatichaa waliin ta'uun hiikuun hojjatamaa jiraachuus kaasaniiru.Dhiheessii bishaan Magaalichaa guddisuufis boolli gad fagoon qotamaa jira. Kanaanis hawaasni kumaatamaan fayyadamaa akka ta'uuf hojjataa jirra jedhaniiru.Daawwii kanaan boodas yaada ijaarsaa fi kallattii Koreen Dhaabbii Magaalichaa kennes fudhachuu fi akka galteetti ittiin kan hojjatan ta’uu kaasuun,jila kanas galateeffataniiru.

Afyaa'iin Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Kabajamoo Obboo Nuuriyyee Muhaammad daawwannaan booda ergaa dabarsaniin,bishaan lubbuu ta'uu kaasuun, kenna tajaajilaa gama bishaaniitiin dhaabbatichi kennaa jiruu fi pirojektoota hojjataman jajjabeessaa ta'uu himaniiru.Pirojektoonni hojjatamanis caalmatti hawaasa harka qalleeyyii kan tajaajilanii fi rakkoowwan bulchiinsa gaarii turan furuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu eeruun,dhaabbatichas galateeffatanii jiru.

Rakkoowwan gama dhiheessii bishaanii fi kanneen birootiin jiru dhaabbatichi furuu akka qabuu fi kan humnaa ol ta'e qaama dhimmi ilaallatu waliin furamaa akka deemus eeruun, miseensonni mana marichaas deeggarsa barbaachisuu fi gahee isaan irraa eeggamus taasisuu akka qabanis Kabajamoo Obboo Nuuriyyeen ibsanii jiru.

Miseensonni koreewwan dhaabbii yaada kaasaniin,baroottan darbanitti sababa rakkoon bishaanii hammaataa tureef, hawaasni Magaalichaa hedduu dararamaa turuun yaadachiisuun, jijjiiramni gama dhaabbatichaatiin jiru fooyyee qabaachuu ibsaniiru.Icciitiin milkaa'inna hojii dhaabbatichaa gaggeessummaa ogummaa irratti hundaaye kennuu ta'uu kaasan. Kenni tajaajilaa kennamaa jirus fooyyee ta'uu eeruun, sadarkaa dameewwanii fi fi hojjattoota sadarkaa gadiittis hojiirra ooluu qabas jedhaniiru.Daawwannaa kanarraayis muuxannoo hedduun kan fudhatamu ta'uus dubbataniiru.

Pirojektoonni hedduun kanneen akka manneen fincaanii fi dhiqannaa shantamii lama harka qalleeyyii dabalatee kutaa hawaasaa mara tajaajilu hojjatamuufi tajaajila kennaa jiraachuun waan jajjabeefamuu qabu jedhaniiru.Qindoominni keessoo jiraachuun milkaa'inna hojiitiif gumaacha olaanaa kan qabu waan ta'eef, daran cimuu akka qabus eeranii jiru.

17/04/2024

Biyya saree qabaachuun hidhaa nama buusuu malu beektuu?

Kan ajjeefame du'e Jal Batte Urgeessaa miti.Kan ajjeefamee du'e Saba Oromo ti !!!!Jaal Batte Urgeessa Goota Haati deesse...
10/04/2024

Kan ajjeefame du'e Jal Batte Urgeessaa miti.
Kan ajjeefamee du'e Saba Oromo ti !!!!

Jaal Batte Urgeessa Goota Haati deesse Kan Abbaan Dhalche.

Waan garaa isaa sodaa Addaggootaa malee Dhalootatti dabarfatee deeme.

Jaannataan Boqadhu Jaala Kaayyoo Jaal Battee Urgeessaa.

Maatif jajjabina Oromof xiiqii Waaqni haa kennu.

Du'aan Saba Oromoti !!!

Oduu AmmeeQondaalli Adda Bilisummaa Oromoo obbo Battee Urgeessaa ajjeefame.Obbo Batteen iddoo dhaloota isaa magaalaa Maq...
10/04/2024

Oduu Ammee

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo obbo Battee Urgeessaa ajjeefame.

Obbo Batteen iddoo dhaloota isaa magaalaa Maqiitti hoteela keessa boqotan keessaa baafamuun ajjeefamuu OBM maddeen itti dhiheenyaan beekan irraa odeeffateera.

Ajjeechaan rifaasisaan kun waraana mootummaan raawwatamuus maddeen keenya himan.

Qoricha budaa!
05/04/2024

Qoricha budaa!

04/04/2024

Dubartiin yeroo ammaa umriinshee waggaa 44 ta'e kun wayita umriinshee waggaa 15 ta'u maatiin dirqamsiisanii heerumsiisan, waggaa booda daa'ima godhatte.

Garuu waggoota 17'f daa'imashee argitee hin beektu.

Seenaa keessa dabarte akkanaan BBCtti himtetetti.

01/04/2024
Taphni Siitiifi Arsenaal eegamaa ture sa'aatii 12:30'tti eegala. Gaardiyoolaa fi Arteettaan maal jedhan?''Yoo mo'anne hu...
31/03/2024

Taphni Siitiifi Arsenaal eegamaa ture sa'aatii 12:30'tti eegala. Gaardiyoolaa fi Arteettaan maal jedhan?

''Yoo mo'anne humna guddaa nuuf ta’a,'' jedhan Arteettaan. Siitiin waan kana dura hin turre kubbaa miilaa keessa fidaniiru jedhanii jajan.

‘’Waggoota lamaan sadan darban [sadarkaa sanatti] dhihaachaa jirra. Garaagartee jiru dhiphisnee isaan caaluu qabna,'' jedhan.

Leenjisaan Siitii Gaardiyoolaan gama isaaniin ‘’Arsenaaliifi Liivarpuul waan qabxii gatuuf deeman natti hin hin fakkaatu.

‘’Sababa kanatti [Dilbatni] tapha xumuraati. Tapha xumuraa taphanna,’’ jedhan. Deeggartoota Siitii biraas deeggarsa gaafataniiru.

Suuraa: Getty Images
↪️

Morkii jabaa Siitii fi Arsenaal: Gaardiyoolaafi Arteettaan maal jedhan?

Geggeessitoonniifi Miseensonni Waldaa Maccaafi Tuulamaa Adaamaatti argamuun namoota humnoota finxaaleyyii faannoon madaa...
27/03/2024

Geggeessitoonniifi Miseensonni Waldaa Maccaafi Tuulamaa Adaamaatti argamuun namoota humnoota finxaaleyyii faannoon madaa'anii yaalaa fayyaaf Adaamaa jiran gaafatan.

Geggeessitoonniifi Miseensonni Waldaa Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa peresedaantii Waldichaa Obbo Dirribii Damiseen durfamu ummata keenya Walloo humnoota finxaaleyyiin miidhamanii hospitaala Adaamaa jiran gaafachuun jajjabeessaniiru.

Catherine, Princess of Wales, reveals she has cancer, saying in a video message that the diagnosis was a "huge shock"
25/03/2024

Catherine, Princess of Wales, reveals she has cancer, saying in a video message that the diagnosis was a "huge shock"

Catherine, Princess of Wales, revealed Friday she has been diagnosed with cancer and is in the “early stages” of treatment.

Shaggar biyyaa oromo!
25/03/2024

Shaggar biyyaa oromo!

Kurruufun akkamiin gaa'ila diiguu danda'a? Furmaanni isaa maali?*******Arunikaan dubartii ganna 45 lammii Singaapporidha...
25/03/2024

Kurruufun akkamiin gaa'ila diiguu danda'a? Furmaanni isaa maali?
*******
Arunikaan dubartii ganna 45 lammii Singaapporidha.
Haati ijoollee kuni ‘’waa’ee dhimmichaa abbaa warraa kiyya dubbisnaan ni mufata jedhee yaadda’uun waggootaaf jaarsakoo sagalee ol qabee kurruufu bira rafaan ture,’’ jetti.

Haa ta’u malee, itti cimaa dhufe. ‘’Obseen danda’a’’ jettee yaaddus hariiroo isaaniifi hirriba abbaa warraasheerratti dhiibbaa uume.
"Barii barii irra deddeebiin dammaquu jalqabe. Waan hirriba gahaa hin arganneef ganama miirri isaa gaarii miti,’’ jechuun BBC’tti himte.

Abbaan warraa kuruufuu isaan kan hirriba dhabe isa qofa miti. Haati warraas sagalee guddaa abbaan warraa yeroo kurruufu dhageessuun hirriba dhabdeetti.
Sababa kanaan hojiillee sirnaan dalaguu akka rakkatte dubbatti.

👉

Kurruufuun isa kurruufu qofa hirriba dhowwa miti. Namoota bira rafan irrattis miidhaa qaamaafi sammuu dhaqqabsiisa. Bultiillee diiguu danda’a.

24/03/2024

Namni Tik Tookirratti beekamu Aydaar Al-Saad jedhamu karaa Weelsi karaa magaalaaa Kaardiif gubbaatti namoota arge gaafata.

Waggaa 71 sibiila keessa jiraatee boqoteNamichi argitan kun   jedhama waggaa bara 1952 Ameerikaati dhalate. Umurii isaa ...
13/03/2024

Waggaa 71 sibiila keessa jiraatee boqote
Namichi argitan kun jedhama waggaa bara 1952 Ameerikaati dhalate. Umurii isaa 6tti guyyaa tokko hiriyoota isaa waliin taphatee yeroo galu ho’a qaamaa cimaa fi mataa dhukkubbiin itti dhagahame.
Maatiin isaa ariitiin hospitaala geessan doktooronni somba isaa waan haguugee jiru yaali baqaqsanii yaaluun irraa qulqulleessuu danda’aniiru, haatahu malee yeroo of baru meeshaa sibiila guddaa ( ) jedhamu keessatti of arge. Ergasii maqaan isaa “The Man in The Iron lungs 🫁 “ jedhamuun beekama.

Erga sanaa ofiin of danda’ee deemus tahe qaamni isaa gara gadii sababii dhukkuba jedhamuun fayyuu hin dandeenye waggoota 71f meeshaa kana (Iron Lung) jedhamu kana keessa ciisee jiraate, kan inni lubbuun jiru sababa maashinii inni keessa jiru kanaafidha. Daqiiqaa tokkoof Achi keessaa baanaan harganuu waan hin dandeenyeef lubbuun turuu hin danda'u. Waggaa 71 guutuu gargaarsa maatii fi namoota birootin jiraate.
Namni kun qaama isaa keessaa morma qofaatu socho’a qaamni hafe hunduu laamsha’ee(Paralaayizdii) ta'eera. .🥲🥲

achuma ciisee digirii jalqabaa waraqaa qorannoo bareedaa hojjechuun eebbifameera, fakkii kaasuu jaallatta, yeroo isaa hedduu ammoo kitaaboota dubbisuun dabarse.
Kana malees Paawul akkataa jireenya isaa maashinii Iron Lung jedhamu kana keessa jiraatu gama hordoftoota isaaf dhiheessaa ture, yeroo dhufe waggaa 4 har’aa qabamee ture garuu yeroos fayyuu danda’eera, maal godhuree guyyaan Waaqaayyoo hin ooltu amma du’aan boqoteera.

Argitee yeroo tokko tokko fayyaan fi nagaa guutuu qabnuuf hedduu hin galateefannu, waan addunyaa kanarraa dhabne qofaa irratti xiyyeefanna, Waaqayyoon irrattis gungumaa oolla, Waaqayyo garuu nu hundumaaf kaayyoo jabaa qaba.
Haala cimaa kam keessatti iyyuu Waaqayyoon galateefachuu beekaa.
Waaqayyo rakkoo fi gidiraakee hundumaa siif haa salphisu.
Waan dubbistaniif galatoomaa.

Dargaggoo Lixa Oromiyaa Najjoorraa ka'ee biyya Baha Giddugaleessaa UAEtti bakka guddaa argate===========================...
13/03/2024

Dargaggoo Lixa Oromiyaa Najjoorraa ka'ee biyya Baha Giddugaleessaa UAEtti bakka guddaa argate

===========================

Dargaggoo Obsaa Abaatee Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Najjootti dhalatee guddate.

Ammaan tana ammoo Yuniversitii Zaayid kan Yunaayitid Arab Imiretis, Abu Dhabi keessatti argamutti digiriisaa jalqabaa xumuruun gosa barnootaa Meta Verse and Applied AI jedhamuun gargaaraa qorataa ta'ee hojjetaa jira.

Maatiin xiqqummaasaarraa kaasanii barnoota fooyya'aa akka argatuuf yaadaafii turuu kan himu Obsaan, innis gamasaan barnootasaan dorgomaa ta'e argamuuf baayyee tattaafataa akka ture dubbata.

Obsaan barumsaasaa magaalaa Gimbii mana barumsaa Western Star jedhamutti eegale.

Imala barnootaa isaa akkanaan ibseera:

Barattoonni Itoophiyaa yuniversitiiwwan UAE keessa jiranitti carraa barnootaa argatanii barataa jiran fi kanneen eebbifamanii carraa hojii argatan guddina diinagdee fi teeknooloojii biyyattii irraa muuxannoo qooddachuuf carraan argatan guddaa ta’uu BBCtti himan.

Address

Manchester

Opening Hours

Monday 9am - 5pm
Tuesday 9am - 5pm
Wednesday 9am - 5pm
Thursday 9am - 5pm
Friday 9am - 5pm
Saturday 9am - 5pm
Sunday 9am - 5pm

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Bakke Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share