19/10/2023
Waa’ee lafa Masjidul-Aqsaa kana beytuu?
Lafti Falasxiin tan Masjidul-Aqsaa if keessaa qabdu tun Muslima addunyaa guutuurra jiraniif lafa kabajaati. Muslimni hundi “lafa tiyya qulqulluu, Qiblaa jalqabaa” ja’ee amana. Ergamtoonni Rabbii hundi akkasuma warri isaanitti amanee Muslima tahees Qiblaa gara Masjidul-Aqsaa gara galanii Salaataa turan. Nabi Muhammadﷺ fi Sahaabaanis hanga duraa Qiblaa Masjidul-Aqsaatti Salaataa turan. Eeganaa Rabbiin akka Makka/Ka’baa Qiblaa godhatanii itti garagalanii Salaatan ajaje. Kanaaf qabsoon lafa Falasxiin irratti gaggeeffamtu Aqiidaa dha, Islaamummaa waliin wal qabata.
Akkuma Seenetaraafi miseensi kongeresii Ameerikaa Lindsey Graham dubbatetti Israa’il lola amantii gaggeessaa jirti. Falasxiinoota gatan kanaafi manneen jigsan kana hunda akka waan dirqama amantii isaanii bahaa jiraniiti. Falasxiinoonni qabsaawaa jiraniis lafaafi qabeenya isaanii qofaaf osoo hin taane, bocola Yahuudaan deemtuun kaasanii faana ergamtoota Rabbii qulqulleessuuf karaa Rabbii irratti qabsaawaa jiran. Gaafa Yahuudaan Towraat qabattee loltu, Falasxiinoonni Qur’aana qabatanii “laa ilaaha illaLlaah Muhammadan rasuuluLlaah” jechaa dura dhaabbatan. Kanaaf taateen lafa tanarratti mudattu Falasxiinoota qofa hin laallattu, kallattiin ummata Muslimaa hunda dubbifti. Waan lafa tanarratti mudatu namni asumatti ukkaamsuu yaadu wallaalaadha, seenaafi qabatama jiru hin hubanne.
Lafti Falasxiin tan Masjid al-Aqsaa if keessaa qabdu tun qubsuma ergamtoota Rabbii turte. Nabi Ibraahim lafa tanatti baqatee ture. Nabi Luuxis gaafa Rabbiin ummata isaatti balaa buusu lafa tanatti baqatee nagaya bahe. Nabi Daawuud lafa tanarra jiraatee Mihraaba/Masjida toolfate.
Nabi Suleymaanis lafa tana handhuurfatee asirraa addunyaa guutuu bulchaa ture. Taateen Nabi Suleymaanii fi Mixii jidduutti mudatte, tan Qur’aanni Suuraa a-nNaml Aayaa 18 irratti dubbate lafa tana keessa naannawa Asqalaan bakka Waadi-nNaml ja’amtutti mudatte jechaatu odeeffama. Nabi Zakariyyaanis lafa tanatti Mihraaba/Masjida toolfatee keessatti Rabbi gabbaraa ture.
Nabi Muusaanis ajaja Rabbii fudhatee ummanni Isaa lafa tana akka seenan ajaje. Nabi Muusaan lafa tana “al muqaddasaa” ja’ee yaame. Lafa qulqulluu Shirkii fi hammeenya biroo irraa walaba taate, qubsuma Anbiyaa jechuudha.
Lafa tanarratti Mu’jizaa/raajii hedduutu tahe. San keessaa guddoon Maryam intalti Imraan; intalti dubraa osoo dhiiratti hin ida’amin fedha Rabbiitiin Nabi Iisaa dahuudha. Nabi Iisaan guddatee Islaamummaa babal’isuutti kaanaan akkuma aadeeffatte ilmaan Israa’il Isa ajjeesuuf kaate. Gaafa kana Rabbiin akka hin ajjeefamneef gabricha Isaa Nabi Iisaa gama Isaatti ol fudhate.
Nabi Muhammadﷺ gaafa samii bahu Makkaa ka’ee Masjidul-Aqsaa dhufe. Aqsaa irraa ammoo samii bahee Rabbi biraa Salaata nuuf fide. Nabi Muhammad Masjidul-Aqsaatti ergamtoota Rabbii dabraniif Imaama tahee Salaachise. Qur’aanni Suuraa al Israa’ Aayaa 1 irratti akkanatti dubbate👇🏾
سُبْحَانَ الَّذِي أَسْرَىٰ بِعَبْدِهِ لَيْلًا مِّنَ الْمَسْجِدِ الْحَرَامِ إِلَى الْمَسْجِدِ الْأَقْصَى الَّذِي بَارَكْنَا حَوْلَهُ لِنُرِيَهُ مِنْ آيَاتِنَا ۚ إِنَّهُ هُوَ السَّمِيعُ الْبَصِيرُ
Inni(Rabbiin) gabricha Isaa halkan Masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara Masjida fagoo(Aqsaa), kan moggaa(naannawa) isaa Barakaa goonee mallattoowwan keenya akka itti agarsiifnuuf deemsise qulqullaawe. Dhugatti Inni(Rabbiin) Isumaatu dhagahaa argaadha
Masjid al-Aqsaan Masjida Sadan itti imaltaawuun hayyamamu keessaa tokko. Hadiisa Abdallaah bin Umar odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ “Masjida Sadi malee kaanitti hin imaltaawamu. Masjidul-Haraam, (Masjidu-nNabawii)Masjida kiyya kanaafi Masjidul-Aqsaa dha.”
[Bukhaarii 1864]
Salaanni tokkichi Masjidul-Aqsaatti Salaannu galatni isaa Salaata 500 tti qixxaawa, Salaata Masjida birootti Salaannuun wal adda. Hadiisa Jaabir bin AbduLlaah odeyseen ergamaan Rabbiiﷺ “Salaatni tokkichi Masjidul-Haraamitti Salaatamu Salaata Kuma Dhibbatti qixxaawa, Salaanni Masjida kiyyatti Salaatamu Kumatti qixxaawa, kan Masjidul-Aqsaa keessaatis Salaata Dhibba Shanitti qixxaawa.”
[Sahiihul-Jaami’ 3838]
Riwaayaa(gabaasa) birootiin ammoo, Salaanni Masjidul-Aqsaatti Salaatamu; Salaata Masjida birootti Salaatamu irra 250n caala.
Lafa tana bilisoomsanii harka Muslimaatti deebisuuf lola hedduutu tahe. Sahaabaa irraa kaasee hanga aduu arraatti lolli gaggeeffame guddaadha. San keessaa beekkamaan Ramadaana 13 bara Hijraa15 Sahaabiin beekkamaan Umar bin al Khaxxaab bilisoomsee ture. Achi boodaas Rajab 27 guyyaa Jum’aa Hijraa583 Salaahuddiin al Ayyuubiin bilisoomsee ture.
Aakhiru-zzamaan gaafa Dajjaal dhufu, Nabi Iisaan naannawa Quds tti ummata Muslimaa waliin osoo loluu bakka Baab-allud ja’amtutti Dajjaal ajjeesuuf jiraata. Dajjaal Masjidul-Haraam, Masjidul-Madiinaa, Masjidu-xXuur fi Masjidul-Aqsaa hin seenu.
[Majma’u-zzawaa’id 7/346]
Ya’juuj fi Ma’juuj-iis lafa tanarratti lolameenii injifatamuuf jiraatan.
Akkuma beekkamu Masjidul-Aqsaan Iskuweer Meetira Kuma 144 irra jira. Warra Salaatu nama Kuma 800 ol fuudha. Masjidni kun Minaaraa/Ma’aazina 4 qaba. “Masjidul-Haraamitti aanee amata Afurtama booda Masjidni lammaffaan lafa tanarratti jaarame Masjidul-Aqsaa dha” ja’an Nabiinﷺ.
[Bukhaarii 3425]
Kanaaf seenaafi waan lafa tanarratti mudataa jiru beekuun, ilmaaniis barsiisuun dirqama keenya jechuudha. Yaa Rabbi ummata Gazzaa fi Falasxiin hunda tika keetiin nuuf eegi. Yaa Rabbi zulmii jalaa lafa tanaafi nama isiirra jiruus bilisoomsi. Yaa Rabbi ummata Muslimaa hundaaf jabeenya kanni.