WALIF PRESS

WALIF PRESS I am human because I am human and no one is wrong except Allah*!!

  Namoota 6n jireenya kee keessaa ba'u qaban:1. Namoota yeroo ati bira jirtu si jajanii, yeroo ati bira hin jirre immoo ...
17/07/2023


Namoota 6n jireenya kee keessaa ba'u qaban:
1. Namoota yeroo ati bira jirtu si jajanii, yeroo ati bira hin jirre immoo si qeeqan!
2. Namoota milkaa'umsaa fi hojii kee xiqqeessun kan isaanii olkaasan!
3. Namoota mul'ata kee hin deggerre
4. Namoota sababa xiqqo barbaaduun sin waldhaban. Sif miidhamu kan hin feene.
5. Namoota yeroo waa barbaadan qofa si barbaadan.
6. Namoota jireenya isaaniif karoora, mul'ataa fi abjuu hooma hin qabne.

Baay'ee nama gaddisiisa!Nan himinaa!🥲Mana barnootaa tokko keessatti barsiistuun kutaa seentee osoo ijoollee barsiisaa ji...
08/07/2023

Baay'ee nama gaddisiisa!

Nan himinaa!🥲

Mana barnootaa tokko keessatti barsiistuun kutaa seentee osoo ijoollee barsiisaa jirtuu gidduutti barataan tokko harka isaa baasee, "Mi'a kootu najalaa hatamee jira; boorsaa ijoollee keessa naaf haa ilaalamu," jedhee dubbata ture. kana irratti barsiistuun mi'i mucicha jalaa hatame maal akka ta'e erga addaan baafatteen booda boorsaa barattoota hundumaa dabaree dabaree dhaan sakatta'uu itti fufte.
osoo sakatta'amaa jiranii mucaan durbaa waggaa 10 nii tokko dabareen sakatta'amuu ishee yeroo ga'etti boorsaa ishee kennuu didde! yeroo kana dhageessutti barsiistuun sun baay'ee aartee, "Mucaa hattuu kanaa, mi'a mucaa kanaa situ hate, ati hattuu dha. amma utuun poolisii sitti hin waamiin dafiitii boorsaa kee akkan sakatta'uuf natti kenni," jettee mucattii daddarbatte! Ijoolleen hundinuus; 'hattuu! hattuu!' jedhanii itti kolfuu fi itti iyyuu jalqabaan Mucattiinis yeroo sagalee dheekamsaa barsiistuu fi waca ijoollee dhageessetti naasuu daangaa hin qabne naate. baay'ees rifatte. kana irraa ka'uun dafqi irra dhangala'ee qaamni ishee hundinuu hoollachuu jalqabe. Mucattiinis baay'ee waan bir'atteef barsiistuu isheetiin, "Adaraa kee barsiistuu koo, ani hattuu miti. yoo barbaaddeef hoodhu boorsaa koo sakatta'i; garuu ijoollee kana duratti miti. qofaatti achi nabaasii nasakatta'i," jettee jilba isheetti jilbeenfattee boossee kadhatte. Barsiistuun sun garuu, "Asumattan si sakatta'a malee," jettee didde! sagalee wacaa kan dhaga'an barsiisonnii fi qindeessitoonni mana barnootaa sana keessa jiran tokko osoo hin hafiin yaa'anii dhufan. yammuu ilaalanis mucaa xinnoo waggaa kudhanii (10) miilla barsiistuu isheetti jilbeenfattee boossuu fi barsiistuu ija ishee bobaasaa mucaatti banbantu arganii hundinuu, "Maaltu ta'ee?" jedhanii naasuu dhaan wal gaggaafatu turan. Barsiistuttiinis aariin dhugamtee akkuma jirtutti waan ta'e hundumaa isaaniif himte. kana irratti Hoggantuun (Director) mana barnootaa sanaa dubartii umuriin xinnoo deemte waan turteef dubbii jaraa erga xiinxalteen booda mucattii fi barsiistuttii sana qofaa fudhattee gara biiroo isheetti geessite. Maal akka ta'e isaan gaafachuuf yeroo yaaltutti garuu barsiistuttiin mucattii irratti banbanuu hin dhiisu, qalaa naguuraa malee jettee maraatti turte. yeroo waccus, "Mucattiin Loccuu fakkaattu kun hattuu dha; isheematu jalaa hate sirriittan beeka," jettis ture. hoggantuun sunis barsiistuu sana erga cal jechisiisteen booda, yeroo boorsaa mucaa bantee sakattaatu waan amanuun isaa nama rakkisu achi keessatti argite. innis firfaarii nyaataa ijoolleen kutaa isheetii nyaatanii hambisanii gaggatan ture kan mucattiin dhokattee deemtee lafa isaan itti dhangalaasani hammaarrattee boorsaa ishee keessa tuullattee turte; malee mi'a mucaa hatame sana hin turre! Amanuu dadhaban. "Kun akkamitti ta'uu danda'aa? Maal goota ati firfaarii kosii keessaa walitti sassaabdee yeroo boorsaa keetti tuultee deemtu?" jechuun gaafatan.
Mucattiinis qaanoftee boquu isheen lafa ilaalaa, "Obboloota koo warra mana jiraniifan geessa! yoo ani geesseef malee lafa argatanii nyaatan hin qaban. hamman mana barnootaa kanaa galutti hoomaa osoo afaaniin hin qabiin akka eda galgala nyaatanitti hagabuu taa'anii na eegu!" jettee qaanii dhaan deebisteef. kanarraatti hoggantuun sun lafa ta'aa jirtuu ol kaatee gara mucattiitti siqattee mataa ishee ofiisheetti hirkistee rifeensa mataa ishee qaqqabaa, "Jabaadhu dhalakoo homaa hin sodaatiiniti mee waa'ee Abbaa kee fi Haadha kee natti himi," jettee gaafatte.
Mucaanis imimmaan ishee dhangalaasaa, "Abbaan koo kan nu jiraachisu konkolaachisaa waan tureefidha. guyyaa tokko garuu reeffa isaatu nuuf dhufe. 'maal ?' jennaan balaa tasaan konkolaataa kan biraa wajjin walitti rukutamee akka du'e nuuf himan. inni kanaan adda nurraa ba'e. haati keenya immoo kan ittiin nujiraachiftu galii addaa hin qabdu turte. sababa kanaaf akka tasaa du'uu abbaakoo yeroo dhageessetti of wallaaltee kufte; achiis gara hospitaalaatti geeffamtee utuu hin turiin reeffi ishee nuuf deebi'e. Obbolaa dhiiraa xixiqqaa laman (2) qaba. isaaniinan manatti dhiisee dhufe. fira tokko illee waan hin qabneef garagalee namni nu ilaalu hin turre; har'as hin jirus. kana irraa kan ka'u waan nyaannus ta'e waan dhugnu tokko hin qabnu. Egaa firfaarii gatamaa kana fuudhee galee lubbuu isaanii yoon oolfadhe jedheen akkas godhe. adaraa barattootatti NAN HIMINAA. yoo ta'ee illee har'aa kaasee gara mana barnootaa kanaa dhufee isin hin jeequ, barnoota koos nan dhaabaati. isin garuu adaraa adaraa barattootatti nan himiinaa jettee morma ishee gadi cabsitee sagalee ciccitaa fi boo'icha imimmaaniin guuteen kadhatte.
Kanarratti Hoggantuun sun mucattii ofitti qabanii haammachuun uruursuu eegalan!
Egaa nutis booda gaabbuu irra jalqabuma osoo namatti hin murteessiin dura haala namootaa dursinee miiraa fi yaadaan qabnee haa hubannu.

Gaarummaa nu haa yaadchisu!

Maddi;Fuula feesbuukii Bantii Oromoo jalaan fudhadhe!

 Obboleettii tiyya ta islaamaatiif Ni beeytaa?❤Suuraan Qur'aanaa takka guututu ta maqaa kheessaniin moggaafamte jira( Su...
30/06/2023


Obboleettii tiyya ta islaamaatiif

Ni beeytaa?

❤Suuraan Qur'aanaa takka guututu ta maqaa kheessaniin moggaafamte jira( Suuratul Nisaa)

❤Islaamummaa kheessatti namni jalqaba shahiide dubartiidha(Sumayyaa)

❤Namni jalqaba ergamaa Rabbiititti (SAW)amane dubratiidha( Khadiijjaa)

❤Dhaamsi ergamaan Rabbii osoo hin du'in dura ummata isatti dhaammate dubartii jabeessuudha

❤Ati cinaa ummata islaamaati. Cinaa hafes nanni guddisu ati. Islaamummaan akkatti bakka guddoo siif qabdu agartee?

❤Waan ati jaalatamtuuu taatef islaamummaan khabajaa teeti fi Qulqullina khee eeguf hijaabaan si badhaafte

Ati intala muslimaati. Amantii teetin boonii jiraadhu malee aadaa yahuudaa fi nasaaraa dhaaluf hin tattaafatin.ya oboletiko🙏❤

Fuudha Bara kanaa jalqarraa hanga xumuraa...1 Facebook ****suuraa isii arga😳2 messenger *****hy jedhaan👋3 Imo *****sagal...
30/06/2023

Fuudha Bara kanaa jalqarraa hanga xumuraa...

1 Facebook ****suuraa isii arga😳
2 messenger *****hy jedhaan👋
3 Imo *****sagalee ergaaf🌬🎤
4 whats app **suuraa waliif ergan🧖‍♂️
5 Telegram ****nikaaya wal hidhatan🤝
6 botim***** wal fuudhan👰👳‍♀️
7 tiktok *****vidiyoo sargii gadi dhiisan👭
Xumura irratti
👇
FACEBOOK
Irratti wal hiikan Dhumate🙋 ajaibuma bar 😀

 (Shabaaba) Islaamaa💔Nagaaf rahmanniInni rabbii guddaaIrra haa jiraatuMusliimota hundaa  jedheetanErgaa koo jalqabaaShab...
28/06/2023

(Shabaaba) Islaamaa💔

Nagaaf rahmanni
Inni rabbii guddaa
Irra haa jiraatu
Musliimota hundaa

jedheetan
Ergaa koo jalqabaa
Shabaaba musliimaa
Dhaamsa isiniif qabaa

Obsaan yoo dubbistan
Dhaamsa koo gabaabduu
Isheenuu muraasa
Ergaas baay'ee hin qabduu

Dhaamsi kootis kana
Yoo naaf dhageessanii
Anas dabalatee
Hundumti keessanii

Osoo adda hin qoodin
Dhiiraa fi dubartii
Miseensa musliimaa
Warri taane martii

Anaa fi atilleen
Warri dargaggeessaa
Dargaggoon musliimaa
Jaarraa kana keessaa

Mee of haa ilaalluu
Nutoo akkam jirraa
Nuura islaaamummaa
Rabbiin fuudhee nurraa

Daangaa rabbii cabsuun
Karaarratti yaanee
Saahiba sheyxaanaa
Hundi keenya taanee

Muuziqaan jaalalaa
Zikrii keenya ta'ee
Fasaadni baay'atee
Addunyaa wal ga'ee

Kamrii dabalatee
Aarsu fi qama'uun
Ifaa biraa deemnee
Dhukkanaan dhama'uun

Fakkeenya godhannee
Yahuudaaf nasaaraa
Kan diiniif duniyaas
Kan seennef kasaaraa

Osoo ifaa qabnuu
Dukkana filannee
Fedhii ibliis guutun
Gamtaadhaan simannee

Har'a fataa jennee
Yeroof yoo gammannee
Tasa duuti dhuftii
Gaafa san salphannee

Online korran
Data kee banattee
Kayyoo islaamummaa
Sirumaa dagattee

Haraama daldaluu
Kan hojii godhattee
Rabbiin si argaara
Namas yoo dhokattee

Meeqa goowwomsitee
Karaatti hambiftee
Kabajaa irraa fuutee
Meeqa immoo salphiftee

Yaa dubra musliimaa
Maalif akkas taatee
Kabaja mulqattee
Karaarratti baatee

Ni'imaa hunda caaltu
Rabbiin si badhaasee
Maali ree rakkinni
Karaatti si baasee

Maaf ta'uu filatte
Saahiba ibliisii
Karaan kun sin baasuu
Lakkii ifirraa dhiisii

Har'a shawwadamtee
Asiif achi kaattee
Kabajaa kee guddaa
Durriyyeedhaf laattee

Boru ni gaabbita
Kasaaruu kee bartee
Of duuba hin deebitu
Carraan si dabartee

Maaltu si dhamaase
Osoo qabdu diinii
Musliimaa taasisee
Si uuma rabbiinii

Fakkeenya godhattee
Nasaaraf yahuudaa
Ummata jallataa
Jara qalbiin duudaa

Nutoo seera qabnaa
Diinii keenyan bullaa
Atoo jara ilaaltee
Maalif deemta qullaa

Akka siif laaffisuuf
Rabbii kee kadhattee
Daandii qajeellumaa
Ganamaan gabattee

Faashina yahuudaa
Hundumaa tuffattee
Mallattoo musliimaa
Jilbaaba uffattee

Rabbiin si badhaasa
Abbaa manaa gaarii
Yeroo gabaabdutti
Kan hin qabne xaarii

Karaan biraa hin jiru
Kanuma siif wayyaa
Fakkeenya godhadhu
Kadiijaaf Sumayyaa

Lakkii yaa dargaggoo
Lakkii yaa shabaabaa
Jireenyi lafarraa
Baay'isee gabaabaa

Sheyxaanni beekeera
Manni isaa azaabaa
Kanaaf nu dhamaasee
Karaarra nu dhaabaa

Bar akkana hin turree
Shabaabni islaamaa
Kan gaaddisa taa'u
Gaaf guyyaa qiyaamaa

Dargaggoo jaannataa
Saahiba quraanaa
Sheyxaanni sodaadhaf
Kan hin deemne faanaa

Kan halkan dukkanaan
Masjiidatti kaatuu
Salaata hundumaa
Jamaadhan salaatuu

Faayidaf osoo hin taane
Rabbiif wal jaallataa
Kan rabbiin kaadhimeef
Misirroo jaannataa

Fedhii kumaatama
Rabbiif jecha obsee
Karaa rabbiirratti
Dafqa meeqa cobsee

Fakkeenya godhannee
Isarraa waa barraa
Guyyaa keenya hin beeknu
Tasa duunee tarraa

Abubakir, Usmaan
Aliyyiif Umari
Fakkeenya godhadhu
Isaanirraa barii

Hamzaa fi Khalid faa
Kan seenan dubbatuu
Haqqii ol taasisuuf
Kan garaan gubatuu

Diina hamilee cabsuun
Kan dadhabsiisanii
Ifaa islaamummaa
Kan nuuf qabsiisanii

Rabbiin nu haa godhu
Rijaala akka jaraa
Ofiif shahiidanii
Kan nuuf baasan karaa

An beekumsa hin qabu
Wallaalan katabee
Rabbiin naaf haa dhiisu
Yoon kararraa dabee

Yoo haasofni kankoo
Isin cabse qalbii
Afuwan naaf jedhaa
Obboleewwan rabbii🙏🙏
Jzk

28/06/2023
28/06/2023

ኢድ ሙባረክ
ተቀበለሏሁ ሚና ወሚንኩም ሷሊሀል አዕማል ።
በመላው ዓለም ለሚገኙ ሙስሊም እህትና ወንድሞቼ እንኳን ለኢዱል አድሀ አረፋ በዓል በሰላም አደረሳችሁ።
ኩለ አም ወአንቱም ቢኸይር!
መልካም በዓል!
Happy Edi al Arafa Holiday to my Muslim ... brother &sister☝️
Alhamdulillah galanni kan rabbiiti. Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi baga guyyaa eebbifamaafi kabajamaa Ayyaana Iid Al Adahaa Waggaa 1444ffaa Nagaan Geessan nagayaan geenne!
----------------
Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) ayyaana guddaa fi kabajamaa yemmuu ta’u, hordoftoota amantichaa biratti guyyaa aarsaa fi araaraa jedhamuun kan beekamudha.
Guyyaan kabajamaan kun guyyaa Nabi Ibraahiim ilma isaa umurii manguddummaa waggaa 95 booda argate Ismaa’eeliin aarsaaf akka dhiyeessuuf ajajni itti dhufe yemmuu ta’u, Nabi Ibraahimis ejjannoo cimaa fi kutannoo ol’aanaa amantaa isaa irratti qabu irraa ka’uun ajaja Rabbiin biraa itti dhufeef mamii tokko malee hayyamamaa ta’ee ilma isaa tokkicha kan ta’e Ismaa’eliin ajaja Rabbii dhugoomsuuf aarsaadhaaf kan itti qopheessedha.

Ismaa’elis murtoo abbaa isaatiif abboomamuun ajaja Rabbii kabajee onnee guutuudhaan ajaja kana raawwachuun aarsaa of goochuuf murteessee guutummaattis of kenne. Raawwii ajaja Rabbi guddaatiif qophaa’ummaa qaban ifatti kan agarsiisan Nabi Ibraahim harkifannaa tokko malee ilma isaanii tokkicha aarsaa gochuun ajaja Rabbii guutuuf Ismaa’eliin Gaara Arafaatti ol baasuun yemmuu qajeelchan abbaa rahmata bal’aa kan ta’e Rabbi guddaan aarsaa Ismaa’eliif qophaa’e Hoolaa qalmaatiin bakka buusee Ismaa’eliin du’arraa baraaruun rahmatummaa isaa agarsiise. Taateen kun ajaja Rabbiitiif abboomamuun kabaja ta’uu kan agarsiisee fi rahmatummaan Rabbiis bal’aa akka ta’e mirkaneessuudhaan gamatti kabaja guyyaa Iid Al Adahaa (Arafaatiif) bu’uura guddaa kaa’uu danda’eera.

Abboommiin Nabi Ibraahim Rabbi biratti kabaja argatee araara fi dhiifama argamsiisuun rabbiif abboomamuu fi ajaja isaatiif bitamaa ta’uun milkaa'ina akka nu goonfachiisu, darbees daandiin araaraa daandii injifannoo waaraa ta’uu isaa kan agarsiisudha.allahmdullillah☝️

19/06/2023
Dubbisaa irraa baradhaa isin Fayyada .💚♡Maqaan isaanii =   (ﷺ♡Maqaa Abbaa   =  Abdallaa♡Maqaa Haadhaa = Amiinaa♡Guyyaa d...
19/06/2023

Dubbisaa irraa baradhaa isin Fayyada .💚

♡Maqaan isaanii = (ﷺ
♡Maqaa Abbaa = Abdallaa
♡Maqaa Haadhaa = Amiinaa
♡Guyyaa dhalootaa = 12 Rabi al-awal
♡Guyyaa du'an = 632, 11 hijraa booda
♡Umriin isaanii = woggaa 63
♡Iddoon dhalootaa = Makkaa
♡Iddoon itti du'an = Madiinaa
♡Turtiin Makkaa keessaa = Wogga 50
♡Turtiin Madiinaa keessa = Wogga 13
♡Ogummaan isaanii = Duraan Daldala
booda Ergama Rabbii
(Nabiyyii)
♦Turtiin Daldalaa =Wogga 26 (583-609)

♦Turtiin Ibaadaa =Woggaa 23 (609-632)
--------------------------------—------------------------------------
♥ isaanii fi Turtii isaani

1፦ Khadiijaa Bint kwowaylid (595 - 619)
2፦ Sawda Bint Zam'aa (619 - 632)
3፦ A'ishaa Bint Abubakir (619 -632)
4፦ Haafizaa Bint Umar (624 - 632)
5፦ Zeynab Bint Khuzeyba (625 - 627)
6፦ Hindii Bint Umeyyaa (625 - 632)
7፦ Zeynab Bint Jahsh (627 - 632)
8፦ Jawhayriyaa Bint Alhariz (628 - 632)
9፦ Ramlaa Bint Abisufiyan (628 - 632)
10፦ Rayhana Bint Zayid (629 - 631)
11፦ Safiyyaa Bint Huyayyi (629 - 632)
12፦ Meymunaa Bint Alhariz (630 - 632)
13፦ Mariyyaa Al-Qibxiyyaa (630 - 632)

Ijoolleen Isaanii፦
1፦ Al-Qaasim
2፦ Abdallaa
3፦ Ibraahim
4፦ Zeynab
5፦ Ruqiyyaa
6፦ Ummu Kulsuum
7:-faxuma
Eega Dubbiftee booda Share godhi Jzk kheir

Good idea 💡
19/06/2023

Good idea 💡

☞︎︎︎  : -  cimaa ta'uuf Waantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa...
18/06/2023

☞︎︎︎ : -

cimaa ta'uuf Waantoota armaan gadii kana qabaachuun dirqama. Kanneen kana yoo qabaatte ati dhuguma gaggeessaa cimaadha.

1. Nama onnachiisuu yoo dandeessa ta'e.
2. Hojiiwwan namoota hojjetanitti qoqqooduu yoo dandeessa ta'e.
3. Haasaa waliigaltee uumuu danda'u yoo dandeessa ta'e.
4. Si'a tokko tokko qoosaa nama kofalchiisan yoo dandeessa ta'e.
5. Ofitti amanamummaa yoo qabaatte.
6. Kutannoo yoo qabaatte.
7. Yaada qajeelaa( Positive Attitude) yoo qabaatte.
8. Mul'ata , Kaayyoo fi Galma ifaa yoo qabaatte.
9. Rakkoo furuuf waa kalaquu yoo dandeesse.
10. Amanamummaa yoo qabaachuu dandeessee.
11.Gaggeessaa cimaa tahe baasuu yoo dandeesse.
12.Jibba,inaaffaa,shiraa fi Oduu dharaa irraa bilisa yoo taate.
13.Anatu beekaa caalaa,anatu hojjate fi kkf fayyadamuu dhiiftee miiraa woliini jedhu yoo qabaatte.
14.Gaggeessummaan sitti kenname amaanaa tahuu beektee yeroo gaggeessummaa keetti waan gaarii yoo hojjatte.
15.Ilaachaanis,yaadaan,bilchinaan,tasgabbiin akkasumas kaka'umsaa fi tattaaffiin tarkaanfii tokko dursuu yoo dandeesse.
16.Miira tuffii,maal na dhibee,nan inaalaallatuu,nan miidhu jedhu yoo of keessaa hin qabaanne.
17.Dadhabbiin,dhamaatiin akkasumas bu'aa ba'iin na qunnamu hawwasa kootiif jechuun yoo yaaduu dandeesse.
gubbaatti tarreeffaman guutummaa guutuutti qabda taanaan ati gaggeessaa cimaa[Gaggeessaa jijjiiramaa ta'uu dandeessaa

Amaloota Hiriyaa Sobaa 10 !!=======================1 Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasawu,gaafa ati barbaaddu h...
16/06/2023

Amaloota Hiriyaa Sobaa 10 !!
=======================
1 Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasawu,gaafa ati barbaaddu hin argaman gaafa ofiif si barbaadu malee !

2. Gaarummaa kee akka gowwummatti ilaalanii sitti fayyadamuu barbaadu,gaafa waan barbaadan sirraa dhaban, siin oodu,si cufu,amala sitti jijjiiratu!

3. Milkaa'ina keetitti hin gammadan,akka ati isaan dursitee milkooftu hin fedhan, ykn milkaa'ina isaanii sitti odeessanii akka sitti dhaga'amu godhu barbaadu !!

4. Yeroo hunda gad si qabu, bifa keetiin,amala kee qeequ,filannoo kee akka jibbitu si godhu,walumaa galatti akka gad aantummaan sitti dhagahamtu si godhu barbaadu !!

Isaan malee ati akka faayidaa hin qabne godhani si duuba waa'e kee namoota birootiif odeessu !!

5. Yeroo siif hin kennan, sin dhageeffatan,rakkoo isaanii akka dhageeffattu barbaadu,yeroo hunda Negative dha! Of jaalatu, amala isaanii hin beektu,ni jijjiiramu ,yeroo hunda sababa baayyisu,gaafa ati barbaaddu amala akkasiiti agarsiisu !!

Icitii kee sirraa baasu barbaadu,garu tan isaanii immoo siif himu hin fedhan !!

6. Si to'atuu barbaadu, waan uffachuu qabduu,nyaachuu qabduu, eenyuu waliin akka dubbachuu fi deemuu hin qabne sitti himu,yoo nama tokko jibban atis akka isaanitti nama san akka jibbitu barbaadan!

7. Akka ofiif fedhanitti si jijjiiruu barbaadu, fedhinnaa kee fi wanta jaalattu akka jibbitee kan isaan jaalatan san waliin jaalattu si godhu barbaadu !!

Karaa gaarii fi wanta si fayyadu akka hordoftu hin fedhan,karaa isaan jaalatan qofa akka ati hordoftu si godhu barbaadu !!

8. Jibbaa fi oduu sobaa facaasu waa'ee nama biraa..
Kana jechuun sirrattis akkanuma duuba kee deemanii waa'ee kan kee xureessani haasawuu barbaadu jechuudha!

Waan ati iccitiidhaan itti himte,si duuba deebi'anii nama biroof odeessu!

Dafanii sitti mufatu, dafanii ammaas deebi'e sitti araaramu !!

9. Yeroo hunda sin dorgomu,yoo ati wanta haarawa takka goote isaaniis ni godhu, yoo sin dorgomuu hin dandeenye wanta san akka jibbitu si godhu

Dubartiin salaata waliif imaama ni taatii?Abdullaahi bin Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu akki je'e "Dubartiin takka dubar...
10/06/2023

Dubartiin salaata waliif imaama ni taatii?

Abdullaahi bin Abbaas Rabbi irraa haa jaalatu akki je'e "Dubartiin takka dubartootaaf imaama taatee ni salaachifti, Salfii isaanii walakkaa dhaabbatti"

Sunana Al-Beeyhaqii: 3/131

Duratti hin baatu, isaanuma jidduu salfii keeysa dhaabbatti. Imaama isaaniif taatee salaachifti. Aaishaa Rabbi irraa haa jaalatuu dubartoota jidduu dhaabbattee salaachisuun gabaafamee jira.

Dabalataan dubbisuuf:

https://dorar.net/feqhia/1385/المطلب-الأول-حكم-إمامة-المرأة-للنساء

Fatwaa ibnu baaz:
https://binbaz.org.sa/fatwas/17618/حكم-امامة-المراة

Dhugaa kiyya kana woliin morma narraa muraa 🥴Ati muka Balaatii 🙄~~~~~~~~~~~~~Dhaloota sammuu qabu Bor Arguurraa jaamsite...
22/05/2023

Dhugaa kiyya kana woliin morma narraa muraa 🥴
Ati muka Balaatii 🙄
~~~~~~~~~~~~~
Dhaloota sammuu qabu
Bor Arguurraa jaamsitee ..
Mullata keessa namaatti
Bishaan naqxee dhaamsitee !!

Namni hunduu si kabaja
Akka mootiif qoroottii ..
Mukarraa adda baatee
Kunuunfamta boroottii !!

Hunduma si Hammata
Bobaaf Kofa Gidduuttii ..
Waan fagoo dhiyeessita
Akkuma waan fidduuttii !!

Xiqqaaf Guddaa hin qabu
Hunduu suma qama'aa ..
Galgala irriba dhiisee
Yaada woliin dhama'aa !

Madda Rakkina keenyaa
Baballifte Uraasaa ..
Dhugaa rabbiin siin jedhaa
Bu'aan kan kee muraasaa !!

Worri hedduu si jaallatu
Naaf kennuu didus gurraa ..
Dhaloota nurkaa fixxee
Maaloo dhaabbadhu nurraa !

Atis muka fakkaattee
Mukuma keessatti hortee ..
Karaa Nutin hubanneen
Mataa keenyarra kortee !!

Si balaaleefachuu qabna
Dhiiraa hanga dhalaattii ..
Dhugaan firooma hin kutuu
Ati muka balaatii !!🙄

𝐐𝐚𝐥𝐚𝐦𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐠𝐚𝐚---------------------------Imaanaa jabduuGalfata gootaakaayyoo egereeabdii dhalootaasaba gabroomeKan bilis...
22/05/2023

𝐐𝐚𝐥𝐚𝐦𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐠𝐚𝐚
---------------------------
Imaanaa jabduu
Galfata gootaa
kaayyoo egeree
abdii dhalootaa

saba gabroome
Kan bilisa baasu
alaabaa kufte
Kan lafaa kaasu

kan dhiigaan dhufte
Kaayyoo ganamaa
galmaan gahuudhaaf
xiiqiidhaan falma

qabsoon jabaattee
yoo taates ba'aa
aarsaa kaffalee
galiidhaan gahaa

darbamee kufee
cabee meelatee
hinteenye takkaa
abdii kutatee

halkaniif guyyaa
hidhatee fiigaa
sirna gabroomsaa
qawweesaan diigaa

Goonni gootumaa
miti dabeessaa
fakkaattiin Laggee
fakkiin Eebbisaa
Qalama dhiigaatiin
Seenaa barreessaa

Jaal Soressa Hundera walaloo mata dureen 𝐐𝐀𝐋𝐀𝐌𝐀 𝐃𝐇𝐈𝐈𝐆𝐀𝐀 jedhu qabatee dhufaa jira .!

The end of this world Global billionaire Elon Musk is reportedly planning to marry a robot he invented for himself. The ...
18/05/2023

The end of this world Global billionaire Elon Musk is reportedly planning to marry a robot he invented for himself. The sale of the robot is expected to start soon. According to him, the robot has human emotions like sadness, happiness and desire. It also says that her p***s is unlocked with a password or a token to have s*x with her. He said this would help prevent anyone from ra**ng her. What do you think of this invention??Biliyeenarri Addunyaa Elon Musk Gaa'ila isaa Roobotii ofiif kalaqe waliin raawwachuu heda jedhamaa jira. Gurgurttaan Roobootii kanaas yeroo gabaabaa keessatti akka eegaluu ibsamaa jira. Akka inni jedhutti Roobootiin tun akkuma namaa miira gadduu, gammachuu, fedhii keessa galuu fa'as ni qabdi jedha. Dabalataan, walqunnamtii saalaa waliin raawwachuuf qaamni saalaa ishee password ykn Ashaaradhaan banama jedha. Kunis, namni akka ishee hin gudeedneef ajaara jedhe. Kalaqa kanaan maal jettu??

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when WALIF PRESS posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to WALIF PRESS:

Videos

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share