Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaati Araddaa 01

  • Home
  • Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaati Araddaa 01

Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaati  Araddaa 01 Badhaadhina Hundaa galeessaa injjiiffannoo waloo

15/11/2023
15/11/2023
15/11/2023

Utubaawwan ijoo karoora xiiqii

15/11/2023
24/09/2023
16/09/2023

Told Jawisa.....
Jawisa threatened to take control of four kilos in 24 hours. He did not understand that Jawisa Fukera, a group of idiots, are separate from each other. The national defense showed him moderation by teaching him that he cannot control not four kilos in 24 hours. Jawisa, who was unable to withstand the blow of the defense, is now complaining that his human rights have been violated. Jawisa has only one option: surrender his weapons and return to peaceful struggle.

: Jausa, which was badly hit by the ongoing military operation, discussed and set a direction to launch a campaign saying "human rights violations have been committed".

Jausa, who has no heritage of value from either his Amhara or Ethiopian heritage, is crying on social media to get international attention because he stood up in front of the Amhara people and the Ethiopian government is laying a heavy punishment stick on him.

Come back, Jausa!
But if you do not return, you must understand that your struggle to separate the Amhara from other Ethiopian brother people will not only fail, but your existence will end once and for all!

will be blamed
will be respected
will be freed

In the spirit of 'inclusion', reviving Ethiopia's greatness,The effort to make the great Ethiopia as its name great in a...
16/09/2023

In the spirit of 'inclusion', reviving Ethiopia's greatness,

The effort to make the great Ethiopia as its name great in all fields requires the contribution of all Ethiopians.

He firmly believes that the greatness of Ethiopia will be ensured by the active participation of all Ethiopians.

The idea of ​​inclusion, whether in thought or action, is a framework that keeps Ethiopianness and national identity in balance.

Addition is togetherness. Addition is power. Addition is an idea that opens the door to create national consensus.

Addition is thinking big. In general, the idea of ​​inclusion is our food for the journey of prosperity, which serves as a force to bring the great Ethiopia to its peak.

Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir Bara haaraaya 2016 Sababeeffachuun ergaa Baga geessani dabarsaan.Barri 2016...
11/09/2023

Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dr.Ifrahaa Waziir Bara haaraaya 2016 Sababeeffachuun ergaa Baga geessani dabarsaan.

Barri 2016 Bara tokkummaa, jaalalaa, nageenyaa fi Milkii akka isiniif tahuun hawwa. Barri 2016 bara tokkummaan imala badhaadhinaa jalqabame itti milkeessinuufi boqonnaa seenaa haaraa Naannoon teenyaa fi biyyi keenyaa Itoophiyaan galmeessaa jirtuun galma akka geenyuuf tokkummaan cimnee itti hojjanuudha.

Ummanni Magaalaa teenya Magaalaa Maayaas Bara 2016 kana keessa Magaalaan Maayaa Roga Dinaagdee, Siyaasaa fi Hawaasummaan fakkeenyummaa gaarii akka taatuuf Miira tokkummaa fi Jaalalaan gonfateen akka hojjattaan ergaa koo dabarsa.

Ayyaana Bara Haaraaya kana yeroo kabaajnu Kan daare Uwwisaa kan beelawe nyaachiisa Obbolummaan gammachuu waliin qooddachuun akka dabarsaan Dr.Ifrahaan ergaa dabarsaan.
Barri Bara Nageenyaa fi Badhaadhina isiniif haa tahu.

Dr.Ifrahaa Waziir
Kantiibaa Magaalaa Maayaa

Sabboonummaan ‘GOCHA’A. Barbaachisummaa Hiika HaaraaHiika siyaasni keenya hanga ammaa sabboonumaadhaaf kennu irra deebin...
29/08/2023

Sabboonummaan ‘GOCHA’

A. Barbaachisummaa Hiika Haaraa
Hiika siyaasni keenya hanga ammaa sabboonumaadhaaf kennu irra deebinee ilaaluu qabna. Akkaataan dhimma kana itti ilaallu, gulantaa qabsoon keenya irra gaheen kan walsimuu miti. Hubannoo kana sirreessuun, gama tokkoon gulantaa qabsoo irra jirruufi itti aanuu beekuuf kan nu dandeessisu yoo ta’u, gama biraatiin, garaagarummaa dhimmoota waloo ummata keenyaa irratti qabnu dhiphisuudhaan qisaasama humnaa hir'isa.
Addunyaa kana irratti namni dhuunfaa tokkos ta'e gareen tokko waan barbaadu mikeessuuf dirqama gufuu isa muudatan lama irratti ni qabsa'aa. Tokko gufuu waan ta'uuf barbaadnu irratti muudataniifi gufuu waan gochuu barbaadnu irratti nu muudatan. Gufuun dhimma TA’UU qunnamu dhiibbaa qaama alaa irraa kan maddu yoo ta’u, gufuun dhimma GOCHUU irratti qunnamu ammo dhiibbaa keessoo namticha ykn garicha mataa isaatirraa madda. Haluma kanaan, qabsoon kamiiyyuu gulantaa walduraa duubaan dhufu lama keessa darba: Gulantaa Qabsoo ''TA’UUfi Gulantaa Qabsoo ''GOCHUU''.

B. Gulantaa Qabsoo TA’UU
Gulantaan qabsoo TA’UU irra jireessan, dhiibbaa qaama alaa irraa bilisa ta’uuf kan taasifamuudha. Qabsoon ''ta'uu'', madda keessa galtummaa of ta'uu qaama tokko sakaale maal/eenyu akka ta’e adda baasuu irratti fuulleffata. Dhimmi TA’UU mirgoota umamaatiin (natural rights) deebisanii gonfachuu qabsaa’udhaan ibsama: akkaataa aadaa ofiitiin uffachuu, Irreeffachuu, Afaan ofii dubbachuu, Afaan ofiitiin barachuufi kkf. Ummanni Oromoo rakkoo akka kana dabarseera. Qabsoon Oromoon waggoota 30 fi 40 dura tasisaa ture qabsoo bifa kanaa ture. Kanaafi qabsoon saboontota bara sanii adda durummaan Oromoo TA’UUf taasifamuun isaa. Gufuu qaama alaa irraa dhufe kana irratti sabboontonni hedduun qabsaa’aniiru.

Namoonni/gareewwan lakkoofsa hin tuffatamne qaban har’as waa’ee Oromoo TA’UU akka qabsa’aa jiran himu. Kana raawwachuun Sabboonummaa akka isaan goonfachiisu ni amanu; akka sabboonaatti of’ilaalu. Maqaa Oromootiin qabsa’uun badii ta'uu baatus rakkoo kan ta’u, gulantaa qabsoo darbame irratti humna rakkoo Oromoon amma keessa jiru hiikuu danda’u qisaasuu isaaniti.

Har’a Oromoo Ta'anii jiraachuun rakkoo tokko keesssa illee nama hin dabarsu. Gatii nama hin baasisu. Qabsoo jabaa gatii qaaliin itti kaffalameen boqonnaan sun cuamfeera. Har’a Oromummaan eenyummaa itti qaana’amu osoo hin taane, kan ittiin dhaadatamu ta’eera. Har’a Oromoo TA’UUFAN qabsaa’a jechuun bilisummaa Oromoo TA’UU qabsoo hadhaawaa sabboontota heedduutiin deebi’ee argame osoo hin beekin busheessuu ta’a.

Qabsaa’ota kanneeniin SABBOONTOTA jechuun keenya, qabsoo yeroofi gulantaa isaa eege waan taasisaniifi. Galanni SABBOONTOTA sadarkaa kanaan nu gahaniif haa ta’u!

C. Gulantaa Qabsoo ‘GOCHUU’
Gulantaan qabsoo lammaffaan gulantaa GOCHAAti. Gulantaan qabsoo GOCHUU gufuu of TA’UU qaama alaatiin nama muudate irraa, erga bilisa bahamee booda kan dhufuudha. Qabsoo mirga fedhii, hawwiifi galma ofii dhugoomsuuf ofirratti taasifamuudha. Dhimmi GOCHUU dhimma “naaf mala” (entitlement) jedhu ilaallata. GOCHUUn dandeettii galma ofii milkeessuu danda’uu irratti fuulleffata.
Yaadamni GOCHUU gaaffii “maddi keessa galtummaa qamni tokko akka waan barbaade GOCHUU hin dandeenye murteessu maali/eenyu?” jedhu irratti xiyyeeffata. Qabsoo lafarratti hojjechuun/GOCHAAn ibsamuudha. Garbi tokko qabsoo taasiseen mirga ofta’uu deebisee goonfachuun dhuma qabsoo isaa miti; gahaas miti. Mirga goonfate dhugoomsuuf qabsoo GOCHAA tti ce’uu qaba. Gochi ammoo jiraachuu waa tokkoo barbaada: qabeenya, beekumsa ykn ogummaa gatii baasu. Kanaaf, mirga of TA’UU argate kana GOCHAA n gadi dhaabuuf, rakkoo qabeenyaa, beekumsaa ykn ogummaa gatii baasu dhabuu isaa irratti qabsaa’u qaba. Qabsoon GOCHUU, qabsoo qaama alaa irratti taasifamu osoo hin taane, qabsoo ofirratti taasifamu/ofirratti hojjechuu ta’uu qaba kan jennu kanaafi.

Gulantaa qabsoon Oromoo amma irra jirus gulantaa GOCHAA ti. Bara ummanni Oromoo mirga aadaafi duudhaa isaatiin buluu goonfatetti, bara ummanni Oromoo mirga Afaan isaatiin barachuu, hojjechuufi ofbulchuu goonfatetti, roorroo Oromoo TA’UUn gahaa ture odeessun sabboonaa nu hin taasisu. Inumaayyuu tattaaffii injifannoo TA’UU argame GOCHAAn gadi dhaabuuf taasifamu kan nujalaa danqudha.

Bara kana Oromoon aartii akka qabu namuu ni beeka. Qabsoon nu’eeggatu, qabsoo gama aartitiin ofTA’UU osoo hin taane, Oromummaa gama aartitiin deebisee goonfate kana GOCHAAn utubuudha. Qabsoon akka sabboontota Oromoo tokkootti nu eeggatu, aartii beekamtii argate kana barnootaan, leenjiidhaan, teeknoolojiidhaan, giddu gala aartii babal'isuudhaan cimsuudha. Qabsoon akka sabboonaa Oromoo tokkootti nu eeggatu, dhaloota mirga ofTA’UU booda dhufeefi dhufaa jiru kanaaf barnoota qulqullina qabuu dhiyeessuu akkasumas teeknoolojii addunyaan irra gahe hidhachiisuun sadarkaa kamittuu dorgomaa akka ta’u gochuudha. Ummata Oromoo qabsoo hadhaawadhaan abba biyyummaa isaa deebifatee kana dinagdeedhaan akka gahoomu qabsoo GOCHAAtiin bira dhaabbachuudha.

Hooggansi jijjiiramaa keenya yeroo hojiitti galu gulantaan qabsoo ammaa, GOCHAAn agarsiisuu akka ta’e hubannoo guutuu waliini. Hojii ijoon sabboontota Oromoo dandeettii GOCHUU ummata keenyaa guddisuu kan ta’u akkataa kanaan yoo ilaalle. Dandeettiin GOCHUU ummata keenyaa kan guddatu, karaa kamuu osoo hin taane, murtoo gochaaf ofkennuu, fedhii halkaniif guyyaa dadhabuu horachuu, akkasumas naamusa cimaan socho’uuf qophaa’uu gaafata. Walumaa galatti GOCHA barbaada. Raawwii piroojektoota kumaafi kitilaa, tarkaanfiilee haaraa hedduu waliin waldhaansoo kan qabne kanaafi. Qaama Oromoodhaaf dhaabbadhe jedhu kamuu waliin, sadarkaa kanatti tumsaan qabsaa’uudhaaf qophiidha.

D. Galmoota Gulantaa Qabsoo GOCHAA
Gulantaan qabsoo ammaa qabsoo GOCHAA akka ta’e yoo walii galle, galma inni milkeessuuf kaayyeffate ibsuun barbaachisa ta'a. Waa sadi irratti luucceffata: dhaloota barnootaafi teeknoolojii hidhate, ummata diinagdeedhan gahoomefi sirna cimaa qabaachudha.

1. Dhaloota BARNOOTA (qulqullina qabuu) fi TEEKNOOLOJII hidhate uumuu
Naannoon keenya barattoota mil. 11 ol barsiisaa jira. Waliin gahiinsa barnootaa cinaatti qulqullina barnootaa eeguun dhimma ijoo ta’uu hubachuun inisheetivoota adda addaa baajata mootummaafi humna waloo (tajaajila lammummaa) fayyadaman bocuudhaan hojiitti galle. Gama kanaan Ijaarsa Manneen Barnootaa Addaa Ifa Boruu, Manneen Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu Sadarkaa Tokkoffaa Duraa, dareewwaan dabalataa kumaatamaan lakkaawwaman, hojiilee mijatummaa manneen barnootaa dabaluu, akkasumas dhiyeessii nyaata barattootaa caqasuu dandeenya.

2. Ummata keenya DIINAGDEEdhaan gahoomsuu
Milkaa’ina galma kanaatifis inisheetivoota hedduu bocuudhaan socho’aa jirra. Inni jalqabaa karoora mootummaa hanga sadarkaa maatiitti gadi buusudhaan Badhaadhina Maatii milkeessuu ilaallata. Dabalataanis, qusannaa jajjabeessuu, hammatummaa faayinaansii baadiyyaa (rural financial inclusion) dabaluu, dandeettii galii maddisiisuufi sassaabuu guddisuu, dorgomummaafi dandeettii galii maddisiisuu dhaabbilee misoomaa mootummaa cimsuu, Interpiyuunarummaa babaldhisuu, too’annoo (regulations) jabeessun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu kaasuu dandeenya.

3. SIRNA CIMAA (hin reeqqifne) ijaaruu
Gama kanaan, riifoormiiwwan kenniinsa tajaajila mootummaa, babaldhina dijiitaalaayizeeshinii, sirnoota dhawaata badaa dhufan deebisanii gadi dhaabuu: Busaa Gonofaa, Tajaajila Lammummaa, Mana Murtii Aadaa, Gaachana Sirnaa, hirmaachisummaa ummataa mirkaneessuufi kkf kaasuun ni danda’ama.

Walumaa galatti, hiika “Sabboonummaa”dhaaf qabnu irra deebinee ilaaluu qabna. Humna keenya gargar hiree kan nu laaffise dhimma kana ilaalchisee fuula walfakkaataarratti argamuu dhabuudha. Ammaan booda, gulantaa qabsoo darbe irratti humna keenyaa qisaasuu hin qabnu.

Hoggansi sadarkaan jirrus waan tokko hubachuu qabna. Ummata irratti aangofnee miira tajaajiltummaafi GOCHA tajaajilaa tokko malee, quuqama ummata Oromoodhaaf ‘qabnu’ dhaadhessuudhaan sabboonummaa goonfachuu hin dandeenyu. ‘Sabboontonni’ Oromoo hundi, GOCHAAn qabsoofnee sabboonummaa dhugaa haa goonfannu.

Sabboonaan, nama GOCHAAN lafarratti ummata isaatiif waa xiqqoo GOCHUU danda’u.
Gamtaan taanee, GOCHAAN haa qabsoofnu!
GOCHAAN qabsoofnee Sabboonummaa haa goonfannu!
Sabboonummaan GOCHA!

Hagayya 03/2015] Biyyi Aggaammii Diinotashee Qolachuun Birmadummaafi Nageenya Keessoo Ishee Tiksitee Har'a Geesse, Shira...
09/08/2023

Hagayya 03/2015] Biyyi Aggaammii Diinotashee Qolachuun Birmadummaafi Nageenya Keessoo Ishee Tiksitee Har'a Geesse, Shira Jibbiinsaafi Aggaammii Dheebuu Aangoo Finxaaleyyii Tokkummaan Fashaleessaa; Miira Obbolummaafi Imala Jijjiiramaa Jabeessaa Jirti!
___________
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti qorumsa garagaraa dabarsiteetti. Weerara biyyoota Awurooppaatiin biyyoonni Afrikaa wayita eenyummaa isaanii saamamanii osoo Afaan qabanii Afaan Ormaan dubbachuu, aadaa isaanii dagatanii aadaa weerartootaan jiraachuuf dirqamanii harka alagaa jalatti kufan.

Itoophiyaan garuu walabummaa ishee kabachiifattee afaan, aadaan sabootaafi sablammoota ishee akka itti fufu gochuun biyya duudhaa injifannoon faayamtee beekamtuudha.

Har’as akkuma kaleessaa diinotni keessaafi alaan yeroo gara yerootti kan itti heddummaatu Itoophiyaan, injifachuu malee injifatamuun waan ishee hin ibsineef, qorumsa ishee muudatan hunda ija ogummaan ilaalaa rakkoowwan ciccimoo gara carraatti jijjiiraa har’a geesseetti.

Aggaammii finxaaleyyiin miira jibbiibsaa fi dheebuu aangootiin gaggeessaa jiran tokkummaa saboota, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaatiin fashalaa'aa jira.
Diinonni wal dhabdee sabootaa uumuuf ajandaa bocan, amantii da’oo godhachuun lallaba jibbaa lallaban, aadaafi afaan saba tokkoo abaaruun kan isaanii warri eebbisan, maqaa adda addaa ofitti moggaasuun qaamolee nageenyaafi ummata nagaa kan adamsan har’as diina Itoophiyaa warra nageenya biyyaa dhukkubbii mataa itti ta’e akka ta’an ummanni hubatee jira.

Ummanni biyya keenyaa aadaafi amantii isaaniitiin Uummata nageenya hawwuufi wal dhabdee balaaleffatu, uummata jaalala labsee jibba abaaru, uummata tokkummaa barbaadee diigamuu jibbu ta’uun isaa kaayyoon diinota Itoophiyaa akka galma hin geenye taasiseera.

Ejjennoon kun cimee itti fufuun diinota shiraaf deeman dadhabsiisuun biyya nagaa qabeettii, safuufi jaalalaan faayamte itti fufsiisuuf tokkummaan obbolummaa sabdaneessummaa keenya cimee itti fufa.

05/08/2023

Sabdaneessi Diina Hir'isee Fira Baay'isuun Injifannoo Milkeessa!!

Dhugaa waloo, Itoophiyaa lammii hundaaf mijattu ijaaruuf!*********Seenessi jallataan galma gahiinsa mul'ata walootiif da...
30/07/2023

Dhugaa waloo, Itoophiyaa lammii hundaaf mijattu ijaaruuf!
*********
Seenessi jallataan galma gahiinsa mul'ata walootiif danqaa guddaadha. Dhimmoota gurguddoo akka biyyaatti waliin qabnu milkeessuu caalaa taateewwan xixiqqoodhaan butamnee galma keenya irraa akka hanqannu taasisuudhaan gamatti carraawwan gaggaarii of harkaa qabnu beeknee fi qixaanis itti fayyadamnee akka hin misoomne gochuudhaan baraa baratti hiyyummaa waliin akka jiraannu kan godhudha.

Seenessi jallate mul’ata keenya irraa nu maqsa. Dhugaa waloon qabnu caalaa ilaalama nuhii fi Isaan jedhu dagaagsuudhaan tokkummaaf walooma laaffisee garaagarummaan akka bal’atuuf carraa uuma. Garaagarummaa leellisuu, ilaalchaa fi gocha gargar nu qoodan tarkaanfachiisuu fi jibbaaf hammeenya facaasuun imala jijjiiramaa eegalle gufachiisuu akkasumas waliin jireenya lammiilee miidhuu irraa kan hafe biyyaaf goonkumaa faayidaa hin qabaatu.

Dhimmoota garaagarummaa bal’isan caalaa yaadotaa fi qabeenya waliin qabnu kunuunfachuu fi dhugaa waloo keenyaa sadarkaa hundatti mirkaneessuudhaan biyya tokkummaa fi hirmaannaa hunda keenyaatiin misoomtee badhaadhinatti tarkaanfatte, hunda keenyaafis mijatte ijaaruun murteessaadha.

27/07/2023
17/07/2023

Baga Gammaddan!

Riikardii keenya ofii keenyaaf daballee cabsuun seenaa galmeessineera.

Duula dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa har'aatiin biqiltuun miiliyoonni 566 ol akka biyyaatti kan dhaabbate yemmuu ta'u, naannoo Oromiyaa qofatti biqiltuu gosa garaa garaa miiliyoona 520 ol dhaabuun danda'ameera.

Itoophiyaanotni waamicha biyyaa owwaattanii ashaaraa keessan kaawwachuun qaama seenaa kanaa taatan hundi baga gammaddan.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Magaalaa Maayaa Kutaa Magaalaa Haramaayaati Araddaa 01 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Videos
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share