10/07/2022
Adoolessa 03,2014
-“Sabni Goota qabu Seenaa qaba!” - Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Tokkummaan sabaafi biyyaa wareegama qaalii gootonni kaffalaniin ijaaramee tikfama.
Galmi waloo ol aanaan aarsaa goototaan dhugooma. Seenaafi seenessi aarsaa isaanii irraa madde haphee ta’ee tokkummaa sabaa iticha. Kanaaf, sabni gootota waloo hin qabne dantaa, seenaafi seenessa waloo hin qabaatu.
Akkuma Pireezidaant Shimallis yeroo mara jedhan, Sabni goota hin qabne seenaa hin qabu. Sabni goota qabu seenaa qaba.
Tokkummaan Oromoo aarsaa kitima galma waloo dhugoomsuuf gootonni kaleessaa kaffalaniin ijaarame.
Gootonni Oromoo gootota mandaraa osoo hin taane gootota Oromiyaafi kan biyyaati.
Wareegamniifi aarsaan isaan kaffalan Oromiyaa hundaaf malee kutaan adda qoodee miti.
Biyyaaf asrsaa qaqqaalii isaan kaffalantu bilisummaa har'a argameef bu'ura, guca isaan qabsiisantu har'a biyyaaf ife.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Siidaa gootota kanneenii bakka dhaloota isaaniitti osoo hin taane, kutaawwan Oromiyaa adda addaa keessatti ijaarsisuun, Oromoon dachee gootota gandaan dhaadatanii osoo hin taane, dachee gootota waloo ta'uu ishee mirkaneessa.
'Lammiin barate gaaffii mirgaa gaafata' jechuun Oromoon akka baratuuf qabsaa'aa kan turan Jeneraal Taaddasaa Birruu, wareegamanis mul'atni isaanii dhaloota har'aatiin galma ga'eera.
Barattoonni Oromoo miliyoona 12 ol Manneen Barnootaa Oromiyaa adda addaa keessatti barachaa jiru.
Goota hawwiin isaa dhaloota har'aan dhugoome kana yaadachuuf Siidaan yaadannoo gootummaa isaanii Mana Barumsaa Bultii Addaa Najjoo keessa dhaabatee eebbifameera.
Hayyuu jalqaba qubee Afaan Oromoo boce Sheek Bakirii Saaphaloon "Afaan Ormaa tolcheen kabaja; kan koo kan salphisu ammoo lafa irraa dhabama" jechuun kabaja Afaan Oromoof qaban kan agarsiisan hayyuu jabaa Oromoo kanaaf siidaan yaadannoo Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Yaa'aballoo keessa dhaabachuun eebbifamuun dhaloonni har'aa kabaja abbootii isaaf qabu muldhisa