27/02/2025
1Qoronxos 15:42 Ka'uun warra du'aniis akkasuma ta'uuf jira; wanta badutu awwaalama, wanta hin badnetu kaafama;43 gad deebiidhaan in awwaalama, ulfinaan in kaafama; dadhabbiidhaan in awwaalama, humnaanis in kaafama*.44 Dhagna fooniitu awwaalama, dhagna hafuuraatu kaafama; dhagni foonii erga jiraatee, dhagni hafuuraas immoo jira.45 Caaffanni qulqullaa'aan, “Addaam inni duraa foon lubbuu qabu ta'e; Addaam inni lammaffaan immoo hafuura jireenya kennu ta'e” jedha*.
46 Dhagna fooniitu dura bu'e malee, dhagna hafuuraa miti; kana booddee dhagna hafuuraatu argame.47 Namichi inni duraa biyyoo irraa waan uumameef, nama biyya lafaa ti; namichi inni lammaffaan immoo nama waaqa irraa ti*.48 Warri biyya lafaa akka namicha biyya lafaa sanaa ti; warri biyya waaqaa akka namicha waaqa irraa sanaa ti.
49 Bifa namicha isa biyya lafaa akka fudhanne akkasuma immoo bifa namicha isa waaqa irraa fudhachuuf jirra*.