Takkalleen Rabbummaa Obsi

Takkalleen Rabbummaa Obsi Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Takkalleen Rabbummaa Obsi, Digital creator, Adama, Shewa.

07/08/2023
19/07/2023
06/07/2023

Sosochii biyyoolessaa “Itoophiyaan haa oomishtu” jedhuun warshaaleen akka biyyaatti hojii dhaabanii turan 160 gara oomishaatti akka deebi’an goochuun danda’ameera. MM Dr. Abiyyi Ahimad.

Gaaffiilee dhimma diinagdee, hawaasummaa fi birootiin wal qabatee miseensota Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa irraa ka'aniif deebii kennuu irratti kan argaman MM Dr Abiyyi Ahimad diinagdeen Itoophiyaa guddina ariitii qabu agarsiisaa jiraachuu ibsuun carraawwan guddina diinagdee keenya bayyanachiisanitti qixaan fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira jedhaniiru.

Keessattuu sosochii biyyoolessaa Itoophiyaan haa oomishtu jedhuun warshaalee hojii dhaabanii turan 160 oomisha akka eegalu goochuun danda’uu isaa ibsaniiru.

ጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስ መረቁጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ በአዲስ አበባ ሸጎሌ አካባቢ የተገነባው አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስን...
05/07/2023

ጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስ መረቁ

ጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ በአዲስ አበባ ሸጎሌ አካባቢ የተገነባው አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስን
መርቀው ከፍተዋል።

ዘመናዊ የሚዲያ ኮምፕሌክስ ተቋሙ በአፍሪካ ብሎም በዓለም አቀፍ ደረጃ ተወዳዳሪ እንዲሆን ያስችለዋል ተብሏል።

Waliigaltee biyyoolessaa milkeessuun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf murteessaadha------------------Itoophiyaan biyya...
24/05/2023

Waliigaltee biyyoolessaa milkeessuun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf murteessaadha
------------------

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoonni hedduu afaan, aadaa, eenyummaafi amantaa garaagaraa qaban obbolummaafi tokkummaan waldanda'uun keessa jiraatanidha. Haata'u malee, sirnoonni darban eenyummaa sabaafi sablammootaaf akkasumas gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaaf beekamtii dhabuu isaanii irraan kan ka'e saboonniifi sablammoonni kunneen tokkummaan qabsaa’uun sirni Federaalizimii akka hundaa’u taasisaniiru.

Sirni federaalizimii waggoottan 30n dura bu'uuramus qajeeltoo sirna dimokiraasiin waan hin utubamneef gaaffii uummata Itoophiyaa guutuutti deebisuu hin dandeenye. Dhabamuun sirna dimokiraasii kunis jijjiiramni akka dhufu taasise. Yeroo ammaa kanas Mootummaan sirna Federaalizimii dhugaa dimokiraasiin utubameefi walqixxummaa sabootaafi sablammootaa mirkaneessuun waliin jireenyaafi hariiroo sabootaa cimsuun biyya jabduu ijaaruu dandeessisu hojii irra oolaa jira.

Sirni Federaalizimii yeroo ammaa hojiirra oolaa jirus gaaffii mirga ofiin of bulchuu madda jeequmsaafi walitti bu'insaa ta'aa ture kan deebiseefi walqixxummaafi bilisummaa sabaafi sablammoota kan dhugoomsedha.

Haata’u malee, dhimmoonni akka biyyaatti irratti waliif hin galamnee fi madda walmormiifi walmorkii ta'an hedduun jiraatanis muuxannoo biyyoota hedduu irraa hubachuun akka danda'amutti dhimmoonni kunneen mariifi ilaaf ilaameen kan hin furamne miti. Dhimmoota kana irratti hayyoonniifi beektonni mari'achuun hawaasni gara yaada tokkootti akka gochuun ni danda'ama.

Mootummaan biyya bulchaa jirus dhugaa kana hubachuun dhimmoota akka biyyaatti irratti waliif galamu irratyi walii galuun dhimmoota irratti waliigaluuf yeroo fudhatan ammoo adeemsa yeroon mariifi sirnaan furaa maddoota waldhabdee hundeerraa hiikaa biyya badhaateefi kabajamte uumuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira. Galma ga'insa pirojektii guddaa kanaafis Komishiniin Araara Biyyoolessaa hundaa'uun hojjechaa jira.

Adeemsi kun aadaafi duudhaa ilaaf ilaamee dagaagsuun seenessa dogongoraafi qabatamaa hin taaneen waldhabdeen irra deddeebiin muudatu akka furamu; walshakkiin akka badu; gaaffiiwwan ka'an ammoo heera mootummaa jalatti karaa sirnaawaa ta'een akka deebii argatan taasisuun saboonniifi sablammoonni hariiroo isaanii cimsachuun obbolummaan akka waliin jiraatan taasisa.

Finxaaleyyiin walitti bu'insa keessaa bu'aa buufatan adeemsi kun galma ga'uun biyyattii keessatti nagaafi tasgabbiin waaraan akka uumamu hin fedhan. Kanaafis, hojii diigumsaafi uummata walitti buusuu kallattii garaagaraan hojjechuu irratti argamu.

Waan ta'eef, saboonni, sablammoonniifi uummanni hunduu imala badhaadhinaa akka biyyaatti qabamee jiru dhugoomsuu keessatti araarri biyyoolessaa shoora olaanaa qabaachuu isaa hubachuun qaamota maqaa sabaafi amantaa bu'uura godhachuun jibba facaasuun uummata qoqqoodaafi walitti bu'insa oomishaa oolan dhabamsiisuuf gahee isaanirraa eegamu hunda bahachuu qabu.

02/03/2023
Manni marichaa murtoowwan garaagaraa dabarseGuraandhala 20, 2015 Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Walga...
27/02/2023

Manni marichaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Guraandhala 20, 2015 Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Walgahii Idilee 3ffaa bara Hojii 6ffaa Waggaa 2ffaa, Guyyaa Har'aa Taa'een murtoowwan adda adda dabarseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa misooma ariifataa, ittifufiinsaa qabu fi bu’uura bal’aa qabu galmeessisuun jireenya uummataa naannichaa bu’uurarraa foyyeessuuf tarsiimoowwan misooma adda addaa bocuun gurmaa’iinsa fi hojimaata tarsiimoo kana bu’aa qabeessaa gochuu danda’u diriirsuun hojjechaa turuun isaa ni yaadatama.

Waggoottan darban keessatti misooma magaalaa hawaasni keenya irraa fayyadamu gaggeessuuf akkaataa sadarkaa guddina isaanitiin magaaloota hedduu hundeessuun hojiin bal’aan kan hojjetame ta’uullee, sadarkaa guddina amma irraa geenyeen magaalota ammayyaa’aa fi dorgomaa ta’e uumuun magaalota ummataa fi Naannoo keenya madaalan uumuuf akkasumas seeraan alummaa to’achun haloota wal xaxaa magaaloota keessatti mul’ataa jiru hogganuuf gurmaa’insa jiru sakkatta’uun fooyyeessaa deemuun murteessaa dha.

Waan ta’eef, carraa magaaloonni kun qaban bakka tokkotti fiduun waliin misoomuufi kaayyoo waloo qabaachuun pilaanii tokkoon hoogganamanii karaa ”integrated” ta’een akka misooman taasiisuun guddina hunda-galeessa ta’e horatanii humna diinagdee cimaa akka qabaatan gochuun galma wabii nyaata mirkaneessuu, ogummaa dagaasguu, qorqalbii biizinasii guddisuu fi tajaajila fooyyeessuuf qabame milkeessuuf magaaloota lamaa fi isaa ol bakka tokkotti gumeessuun karaa tarsiimaa’aa ta’e hogganuun barbaachiisaa waan ta’eef, karaa bulchiinsaaf mijataa ta’een walitti makamiinsa magaaloota akkaataa armaan gaditiin raawwataeera,
1. Magaalaa Bishooftuu:-Magaalaa Bishooftuu, magaalaa Duukam, akkasumas magaaloota mana qopheessaa Hiddii, Udee Dhankaaakaa fi Dirree walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi aanaalee 10 n akka gurmaa’u ta’eera.

2. Magaalaa Shaashamannee:- Magalaa Shaashamannee fi magaalaa Bishaan Gurraachaa walitti makuun kutaa magaalaa 4 fi aanaalee 12 akka gurmaa’u ta’eera.

3. Magalaa Adaamaa:- Magaalaa Adaamaa fi magaalaa Wanjii walitti makuun kutaa magaalaa 6 fi aanaalee 19’n akka gurmaa’uu ta’eera.
4. Magaalaa Roobee:- Magaalaa Roobee fi Gobbaa walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12n akka gurmaa’u ta’era.

5. Magaalaa Maayaa:- Magaalaa Haramaya, magaalaa Awwaday fi magaalaa Adeellee walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12 n akka gurmaa’u ta’eera.

6. Magaalaa Baatuu:- Magaalaa Baatuu fi magaalaa Adaamii Tulluu walitti makuun gandoota 7 n akka gurmaa’uu ta’eera.

Kun akkuma eegameetti ta’ee magaaloonni keenya carraa misoomuu qaban karaa guutuu ta’een fayyadamuun misooma hunda galeessaa ta’e akka galmeessisan gochuuf akkasumas bakkeewwan adda addaatti magaaloota wiirtuu huula misooma ta’uu danda’an uumuun, misoomaa magaaloota fi aanaalee naannoo isaanii jiraniif saffisiisuu irratti shooraa irraa eegamu akka taphatan gochuuf xiyyeeffannaa hoggansaa olaanaa akka argatan gochuun barbaachiisaa waan ta’eef, magaaloonni armaan gaditti ibsaman ittiwaamamni isaanii Mootummaa Naannichaatiif akka ta’u murtaa’eera.
1. Magaalaa Mattuu
2. Magaalaa Aggaaroo
3. Magaalaa Bulee Horaa
4. Magaalaa Najjoo
5. Magaalaa Sandaaffaa Bakkee
6. Magaalaa Shanoo
7. Magaalaa Mooyyaaalee
8. Magalaa Dodolaa
9. Magaalaa Shaakiisoo
Bifumaa walfakkaatuun humna raawwachiisummaa magaaloota fooyya’ee tajaajilaa si’ataa,qulqulluu ta’e gahumsa qabu akka dhiyaatu fi misooma hunda galeessaa ta’e akka galmaa’u gochuuf sochii hawaas-dinagdee akka waligalaatti jiru fi guddinni magaaloota yeroo dha gara yerootti dabalaa dhufee giddugaleessaa gochuun sadarkaa magaalootaa akkaataa arrmaan gaditiin akka fooyya’u murtaa’eera.
1. Magaalaa Adaamaa fi Shaashamannee fi Bishooftuu:-Magaalaa Riijiyoopoolis.

2. Magaalaa Roobee fi Maayaa:-magaalaa Muummee.

3. Magaalaa Mattuu, Aggaaroo, Bulee Horaa, Najjoo, Sandaaffaa Bakkee, Dodolaa, Shanoo, Moyyaalee fi Shaakkisoo - magaalaa Olaanaatti akka guddatan murtaa’eera.

Karaa biraatiin gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ka’aa ture deebisuun misooma hawaas-dinagdee saffiisaa ta’e galmeessisuf, seeraan alummaa naannoo daangaa jiru maqsuuf, rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf, akkasumas tajaajila qaqqabamaa ta’e dhiyeessuuf gurmaa’iinsa fi hojimaata gahumsa qabu fi bu’aaa qabeessaa ta’e diriirsuun barbaachiisaa waan ta’eef, godinni Booranaa Bahaa godina haaraa ta’e akka gurmaa’uu murtaa’eera.

Godinni Booranaa Bahaa godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin gurmaa’uu kun teessoon isaa Nagallee Booranaa ta’ee:-

 Godina Booranaa irraa aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waachilee

 Godina Gujii irraa:- aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, Magaala Nageellee Booranaa,

 Akkasumas godina Baalee irraa:- aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq dabalatee akka godinaatti aanaalee 10 qabaatee akka gurmaa’u ta’eera.

Gurmaa’iinsa haaraa kana keessatti godinni Booranaa Bahaa bifa haaraatiin yemmuu gurmaa’u teessoon godina Gujii, Adoolaa Reeddee ta’ee teessoon godina Booranaa immoo magaalaa Yaabeello akka ta’u murtaa’eera.

Gama birootiin gurmaa’iinsa mijataa fi hawaasaaf qaqqabamaa ta’e uumuuf bal’ina lafa, rakkoo nageenyaa, gaaffii Bulchiinsa Gaarii fi akkasumas misooma ariifataa mirkaneessuuf aanaa madaa walaabuu kan turee iddoo lammatti jechuuniis aanaa Madaa walaabuu fi aanaa Oboorsoo ta’ee akka gurmaa’uu fi aanaa Cinaaksaan kan ture aanaaleen lamaan jechuuniis aanaa Cinaaksanii fi aanaa Makkannisaa Oromoo ta’ee akka gurmaa’uu murtaa’eraa.

23/02/2023

Naannoon Hararii Godina Booranaatti lammilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Miliyoona 10 gochuuf murteesse.

OBN Guraandhala 16,2015-Manni Maree Bulchiinsa Naannoon Hararii lammiilee Godina Booranaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 10 taasisuuf murteessuusaa beeksise.

Mootummaan Naannichaa deeggarsa lammiileef taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Sababa hongeetiin godinichatti lammiilee hedduun miidhamaa jiraachuu fi miidhaa qaqqabaa jiru hir’isuufis hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu dhaamuusaa ragaan Kominikeeshinii Naannoo Harariirraa argame ni mul'isa.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

Murteen yaa'ii Seena Qabeessa 1ffaa Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Mata Dure"Dargaggoonni Badhaadhina Itiyoophi...
31/01/2023

Murteen yaa'ii Seena Qabeessa 1ffaa Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Mata Dure"Dargaggoonni Badhaadhina Itiyoophiyaafi Afrikaa mirkaneessuuf carraaqu qaba kan jedhu eegalameeti jira.
=====
{WDHKMAF Amajjii 23, 2015 Godina Harargee Bahaa Aanaa Fadisitti dargaggoonni murtee yaa'ii 1ffaa Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinatiin darberratti mar'atan. Mariin Kun Dargaggoota Araddaa 19 fi Magaala 2 irraa kan Hirmaataniiru.
"
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Obbo Abdii Mahamad, ijaarsa caasaa dargaggootaa cimsuun dargaggoota biyya hogganuu danda’an horachuun akka nurraa eeggamu murtee yaa'ichaan dabre kana hojiirra oolchuu qabna jedhan.
"
Nageenya waaraafi tokkummaa biyyaalessaa jabeessuuf Liigiin Dargaggoota Badhaadhinaa gurmaa'insa gahee guddaa qabu ta'ee hojjachuun Marii biyyaalessaa irratti hirmaannaa dargaggootaa ol guddatee fedhiiwwan dargaggootaa dhugaan akka keessummeessaman xiyyeeffannoodhan hojjetamu akka qabu dhaaman.
"
Haasawa Bulchaan Bulchinsa Aanaa Fadis Kabajamoon Addee taasisaniin,Biyyii keenyaa jijjiirama qabsoo ummata Oromoo fi sabaa fi sab lammiin dhufeen gama hundaan jijjirama hunda galeessaa gama siyaasaa, dinagdee, hawwaasummaa fi dippilomaasiin galmeessisaa jirtu baay’ee guddaa fi ajaa’ibsiisaa akka ta’ee beekamuun,Dargaggoonni Keenya Injifannoo Raaga maraan dhufe kana ittichuun Gara gulantaa itti Aanuutti akka ceesisu qabnu dubbataniiru.
"
Haata’uu malee, jijjiirama amma galmaahaa jirutti gammachuu kanneen hin qabne fi guddiinni biyya keenyaa akkaataa ammaa kanaan yoo itti fuftee biyyi keenyaa dhiibbaa keessaa fi alaan jiru kana guutummaatti dandammatee fuulduraatti akka tarkaanfattu kanneen hubatan jijjiirama kana gufachiisuun fedhii isaanii biyyaa fi ummata keenya irratti fedhuutiin garbummaa harkaa wayyaa jalaan nu bituuf karaa itti fufsiisuu fi qindoomina qabuun socho’aa Waan jiraniif Dargaggoonni Guyyaa har'aa Hirmaatan sirritti akka beeku qaban dhaamaniiru.Irra deebi'uun Addee akka jedhanitti,Injifannoo wareegama qaaliin arganne itti fufsiisuufi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf gumaacha irraa eeggamu akka bahuu qaban dargaggootaaf dhaamaniiru,Akkasumaas Jijjiirama Akka biyya keenyaatti galmaa'e keessatti ga'een dargaggootaa olaanaa akka ta'e kaasaniru.Sababni dargaggoonni adda durummaan sirnicha irratti fincilaniif hirmaannaan dargaggootaa ijaarsa biyyaafi misooma keessatti guddaa ta'us hirmaannaan isaanii qixa kanaan mirkanaa'aa waan hin turreefi.
''
Itti Gaafatamtuu Waajjira PSQMN Godina Kabajamtuu Addee akka jedhanitti,Sirnicha keessatti dargaggoonni meeshaa siyaasaafi qaama hawaasaa sodaataman turaniiru.Kanaafi, dargaggoonni hadheeffatanii sirnicha irratti kan qabsaa'uun jijjiiramichi akka dhufuuf gahee isaanii bahaniif.Waggoottan afran darban keessatti mootummaan hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuu bira darbee dargaggoonni abbaa biyyaa ta'uun ijaarsa biyyaa keessatti ga'ee isaan irraa eegamu akka bahaniif hojjechaa jira.Dargaggoonni abdii egereefi humna guddaa wabii biyyaa ta'uu beekuun, nageenyaafi misooma keessatti hirmaachuun gahee isaanirraa eegamu bahuun Addee dubbataniru. Kanaafis, dargaggoonni injifannoowwan roga hundaan argame kunuunfachaa, imala jijjiiramaa eegalame milkeessuuf gaheesaanii bahuu akka qaban irra deebi'uun qabsiisaniiru.
"
Dargaggoonni Itiyoophiyaa baroota isaanitti jijjiiramni akka dhufu qabsoo guddaa godhaniiru. Itti gaafatamaan Liigii Dargaggoo Paartii Badhaadhinaa Aanicha Dargaggoo , Liigiin Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa gaaffii hawaasa bakka bu’uu deebisuufi dargaggoota abbaa biyyaa taasisuuf gumaacha irraa eegamu bahachuu qabu jedhan. Dargaggoonni maricharratti argamanis Ijaarsa sirna Dimokiraasii irratti gahee isaanii bahachuuf fayyadamummaafi hirmaannaa dargaggootaa mirkaneessuuf, itti fufiinsa paartiifi ijaarsa biyyaatiif gufuu kan ta’an finxaalessummaa, seeraa alummaa fi hanna irratti kutannoon ni qabsoofna jedhan.

Address

Adama
Shewa

Telephone

+251924216181

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Takkalleen Rabbummaa Obsi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share