Oromia 360 Information

Oromia 360 Information For Oromia Freedomination!

"Koottu tokko taanaa.."Waanjoo waliif furreeBajjiis baqaqsineeWaliin deemne lolleeDiinalleen maqsineeGateettiin nu qunca...
16/12/2022

"Koottu tokko taanaa.."

Waanjoo waliif furree
Bajjiis baqaqsinee
Waliin deemne lollee
Diinalleen maqsinee

Gateettiin nu qunca'ee
Duubarraan nu sardaa
Qanceen nu waxalaa
Uleedhan nu qardaa

Takkallee hin nuffine
Waliin Booree baane
Har'a maaltu dhufe
Waliif diina taane.....

Maalidhaaf wal lolla?
Maalif wal hin dhiifnu?
Koottun tokko taanaa
Lakkii wal hin jifnuu!
Follow godhaa

https://www.facebook.com/106595372159849/posts/140550878764298/?app=fbl
24/11/2022

https://www.facebook.com/106595372159849/posts/140550878764298/?app=fbl

Gaafii Salphaa Kana Namni Deebise 3 Badhaasa Kaardii Abbaa 300 Qaba.

Namichaatu Suuqii Dhaqee Abbaa Suuqii Jalaa Qarshii 200 Hate. Deebisee Suuquma Sana Irraa Qarshii 200 Itti Kennee Meeshaa Qarshii 150 Fudhate. Abbaan Suuqiitiis Meeshaa Kenneefii Qarshii 50 Deebiseef. Abbaan Suuqii Qarshii Meeqa Kasaare?

Iddoon Deebisaan Itti Kennamu Comment irra Otoo Hin Taane Link Kana Qofa Keessattidha 👉 https://channel9.bbcko.com/gaafii-badhaasa-qabuuf-deebisaa-kennuuf/

Dr. Nafyad Getu irraaHojiin keenya milkii fi fuula ifaan eegaleera!Kottaa sodaa tokko malee dhimma fayyaa keessanii nu w...
09/11/2022

Dr. Nafyad Getu irraa
Hojiin keenya milkii fi fuula ifaan eegaleera!
Kottaa sodaa tokko malee dhimma fayyaa keessanii nu waliin mari’adhaa
Finfinnee, Meskel Flower , Hoteela Nazra fuuldura .
Duristanii appointment qabachuu dandeessu, yeroo geessan lakkoofsa kiliinika keenyaa irratti nuuf bilbilaa
09 09 10 20 09
Kunuunsa ajaa’ibaatu isiniif mala!

Du’aan Boqachuu Kabajamoo Aartistii Dr. Alii Birraa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo*****...
08/11/2022

Du’aan Boqachuu Kabajamoo Aartistii Dr. Alii Birraa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa Paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo
******
Paartiin Koongirasii Federaalawaa Oromoo du’aan boqachuu hangafa aartii Oromoo kan ta’e Dr. Alii Muhammad Muussaa (Alii Birraa) tiin gadda cimaa itti dhagahame ibsaa, maatii hiriyoota akkasumas ummata Oromoo fi Itoopiyaa hundaaf jajjabina hawwa. Guyyaa har’aa Oromoo fi biyyi teenya Odaa aartii isaa guddaa fi mul’ataa ta’etu jalaa jige, kanaaf miira gaddaatiin haguuggamee jira.

Guyyaa jiguu Odaa aartii guddicha kanaa irratti gadda qofa otuu hin ta’in jiruu mikii walakkaa jaarraa bira darbee fii gumaacha inni biyyaafi ummata isaatiif godhe yaadachuu qabna. Alii Birraa urjii aartii Oromoo Baha Oromiyaa irraa argame; hundeessitoota baandii Afran Qalloo keessa tokko yoo ta’u ibsama hafuura hawwii saba keenyaa bilisummaa, walqixxummaa, haqaafii tokkumaaf qabuuti. Aliin calaqqisa daangaa ol aanaa jaalalaa, namoomaa fi Oromummaati. Muuziqaan isaa bu’uura dhaha sirba aadaa Oromoo otuu gadi hin lakkisin ammayyooma goonfachiisee aartii Oromoo sadarkaa hedduu kan olkaaseedha.

Aliin sirboota labata tarkaanfatan saniin xiinsammuu tokkummaa Oromoo kan ijaare yoo ta’u; adaa, afaan, seenaa, sirna, sona, qabeenya fi miidhagina uumamaa Oromiyaa aduynaaf beeksisee jira. Aliin sirboota isaatiin cunqurfamtoota mirgaaf akka falmatan kan kakaasu, eenyummaa isanitiin akka boonan kan jajjabeesu ture. Aliin ergaa jaalalaa, qabsoo fi namoomaa isaa afaan torbaan kan weellise, dhaloota dammaqsee fi aartiistoota Oromoo fi Itoophiyaatiif fakkeenya guddaa, galaa si’aayinaa fi jaboomaa ta’ee jiraate,ni jiraatas. Kana males, sirboonni Alii, haada jabaa ummata Oromoo biyyoota ambaa jiraatu biyya dhaloota isaa fi maatii isaa waliin miiraan walitti hidhanii dha.

Aliin gola onnee saba Oromoo hundaa kessaa bakka guddaa qaba. Dhiibbaan faana isaa yaadannoo gadi fagoo dhaloota ammaa fi dhaloota dhufu keessatti bocamee hafa; bara baraanis ni yaadatama.

  gochuun oromiyaaf sagalee haa taanu! oromoon   kana   hin goone, maaliree oromummaan isaa!
16/07/2021

gochuun oromiyaaf sagalee haa taanu! oromoon kana hin goone, maaliree oromummaan isaa!

Address

Adama
Shewa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia 360 Information posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share