08/12/2022
Kaayyoo ABO
Kaayyoo ABO
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) jaarmayaa
siyaasaa kiyyoo kolonii Habashoota jalaa
bilisa bahuuf qabsoo bilisummaa ummatni
Oromoo gaggeessu hogganuuf sabbontootaan
bara 1973 keessa ijaaramee dha. ABO
ijaaramuun hawwi ummata Oromoo jaarraa
tokkoo kan qabsoo cimaa fi waaltaawe
qabaachuu dhugoomse.
Akeeki hundee QBO mirga hiree
murteeffannaa ummata Oromoo kan
uumaman qabu mirkaneessuu dha. Mirgi
hiree murteeffanna kun mirkanawuun
cunqursaa fi saaminsa jaarraa tokkootti
xumura godhee yoo dandaโame waltahiinsa
siyaasaa walqixxummaa fi fedhii irratti
hundaawe ummatoota kaan wajjin utubuu
dha.
Mirga hiree isaa murteeffachuuf qabsoon
ummatni Oromoo gaggeessu qabsoo haqaa fi
mirgaa ti. Mirga buโuraa isaanii deebifachuuf
qabsoon ummatooti godhan chaartara
Mootummoota Waltahanii keessatti kan
barraawee dha. ABO kan qabsoo godhaa jiru
cunqursaa jaarraa tokko dhabamsiisee
ummatni Oromoo akka mirga kana gonfatu
godhuu dha. Kaayyoo kana bakkaan gahuuf
tattaafachuun ABO akeeka dimokraasii irratti
kan buโura godhatee dha. Kunis ummatni
Oromoo walabummaa gosa fedheen
jiraachuu ykn ummatoota kaan wajjin
tokkummaa siyaasaa ijaarrachuu keessaa
murteeffachuuf mirga uumaman qabuu dha.
Bara 1991 aangoon biyya Itophiyaa bulchuu
gita bittuu Amaaraa irraa Tigirooti
fudhachuun mirgi ummata Oromoo fi
ummatoota kaan akka kabajamu hin goone.
Jijjiirran tahe kan kabeebsaa, qabsoo
bilisummaa qabbaneessuuf kan godhamee
dha. Qabsoo bilisummaaf ummatni Oromoo
gaggeessu sirna cunqursaa mootummaa irratti
kan xiyyeeffate malee ummata kam iyyuu kan
hin ilaalle tahuu ABO irra deebiโee
mirkaneessa. Fedhii irratti hundaawanii,
buโura ummatooti bilisa tahan tokkummaa
siyaasaa ummachuuf godhan ijaaruuf ABO fi
ummatni Oromoo murteeffatanii jiru.