23/07/2023
16-11-2025
kooti?
Labooba laphee kiyyaa
Kulkula kaleef tiruu
Albee qaama Koo lixee
Qaama Koo addaan ciru
Lafee Koo qaqal,atte
Dhiigni koos guute hin jiru
Yaandoo yaadaafi icciitii Koo
Eenyu kootti ofirraa hiru?
Silaa maalan gabbaree
Gubaaf qadadoo ofin qabu
Muldhiin Koo addaan citee
Boquun Koo gad hin cabu.
Dirqiitu addaan nu baase
Ijjoolleen Kee akkaam goone
Harkaa ormaa eeggannaa
Kunoo harma doomaa hoona!!!