Amaanaa Unkusuu Goobanaa

Amaanaa Unkusuu Goobanaa Digital Creator

Obbo Abdulsalaam AbdallaaBaga Gammadde Baga Bu'aa ifaajee keetii Argattee. Congratulation again 🎉🎉🎉🎉
03/08/2024

Obbo Abdulsalaam Abdallaa
Baga Gammadde Baga Bu'aa ifaajee keetii Argattee.
Congratulation again 🎉🎉🎉🎉

16/07/2024

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Amar Suulxan, Abdulkariim Ka Sabaa Tura, Misooma Waalootif Hojjaachuu

Goraadha.Lafa baddaatti nyaata jaalatamaadha.Keessumattuu ijoollee biratti nyaata leellifamaadha.Wal-dagachuun hin taatu...
17/05/2024

Goraadha.Lafa baddaatti nyaata jaalatamaadha.Keessumattuu ijoollee biratti nyaata leellifamaadha.Wal-dagachuun hin taatu.

Seenatu seenaa jijjiire.Dur mana hidhaati.Har'a giddu-gala misoomaati.Xollaay har'a seenaa jijjiiratteerti.
10/05/2024

Seenatu seenaa jijjiire.Dur mana hidhaati.Har'a giddu-gala misoomaati.Xollaay har'a seenaa jijjiiratteerti.

  addaa .   Sibiilaa 'AMG' sosochii 'Itiyoophiyaa qulqulluuf' birrii miiliyoona 2 gumaache.
05/05/2024

addaa
.
Sibiilaa 'AMG' sosochii 'Itiyoophiyaa qulqulluuf' birrii miiliyoona 2 gumaache.

Anfarroo leencaa malee Baalchan shaashii hin hidhaneSaafaa loleetu mo’e Gabayyoon hin dhaadane Kan dhiiga itti kennineef...
04/03/2024

Anfarroo leencaa malee Baalchan shaashii hin hidhane
Saafaa loleetu mo’e Gabayyoon hin dhaadane
Kan dhiiga itti kennineef bishaan bakka hin buutu
Maqaa gabati badde gabati deebifatu
———————————————————————-
Adawatti kan adda kenne haa dhaadatuu
Warri seena hin qabne immoo haa saalfatuu
💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿💪🏿

Baga Yaadannoo ayyaana Adawaa geenye!

24/02/2024

💪Humna Gaarummaa("The Power of Positive Thinking"}

1. Ofitti Amanuu.
Ofitti amanamummaan ilaalcha gaarii horachuu cimsee ibsa. Dandeettii keetti amanuun kaayyoo kee galmaan ga’uufi gufuuwwan si mudatan akka mo’attu si humneessuu danda’a.

2. Waan qajeelaa irratti xiyyeeffadhu.
Yaada gadhee yaada qajeelaatiin bakka buusuufi jireenya kee keessatti waan gaarii irratti xiyyeeffadhu. Ilaalcha qabatamaa ta’e qabaachuun murteessaa ta’us, ilaalcha gaarii horachuun miiraa fi xiinsammuu irratti dhiibbaa gaarii qabaachuu danda’a.

3. Nuura ilaaluu fi Galma Kaa’aachuu.
Galma ifa ta’e kaa’uu fi galma kana galmaan ga’uu kee of mul’isuun si kakaasuu fi kallattii si kennuu danda’a. Haa ta’u malee, haalli alaa fi qormaanni hin eegamne bu’aa irratti dhiibbaa uumuu akka danda’ummoo dagachuu hin qabdu, tahuus nama mul'ataafi galma qabu yoo taate qorumsa akka carraatti itti fayyadamtee bira darbitee galma ka'aatte bira gahuu qabda.

4. Humna Galateeffannaa.
Wanta qabdu dinqisiifachuun, qormaata gidduutti illee, miira gaarii fi gammachuu qabu akka qabaattu si taasisa. Galateeffannaa shaakaluun ilaalcha kee jijjiiruu fi miira gaarii akka qabaattu gochuu dandaʼa. Kanaaf yeroo kamuu galateeffadhu yoo qabaattees galateeffadhu, yoo dhabdees galateeffadhu, galateeffannaa amaleeffadhu jireenya kee keessatti.

5. Dandeettii dandamannaa Guddisuu.
Jireenyi duubatti deebi’uu fi mufannaa kan of keessaa qabu ta’uun isaa hin oolu. Kitaabni kun yaada dandamachuu, qormaata irraa barachuu fi rakkina irraa deebi’uu akka danda'amu nu barsiisa. Jireenya keessatti qorumsa si muudataniif irraa barachaa, rakkinoota si muudataniif irra aantee jireenya kee milkeessuu akka qabdu kitaabni kun nu barsiisa.

17/02/2024

Haa Murteessu!
✍️Gaafa tokko Jaalala,qabeenya,gaddaa fi gammachuu tahanii wajjiin imala eegalan. Osoo deemanii bishaan guddaa tokkotti dhufan. Jaalalli dursee waan deemaa tureef dambaliin bishaanichaa dhahuudhaan gara moggaa bishaaniitti baase. Jaalalli daddarbaa bishaanii kana dandamatee imala isaa itti fufuuf ni rakkate.

Osoo rakkataa jiruu osoo jalbaadhaan bishaanirra deemaa jiruu arge. "Maaloo rakkoo bishaanicha cehuu waan dadhabeef na ceesisi" jedheen jaalalli. Ani yeroo dhaabadhee si fe'u hin qabu ni jarjara waan taheef jedheenii osoo hin fe'in bira darbe. Jaalalli hedduu gadde.

Xiqqoo akkuma tureen dhufe. "Maaloo qabeenya bishaanicha cehuu waan dadhabeef na ceesisi" jedheen jaalalli. Qabeenyis yeroo dhaabadhee si fe'u hin qabu ni jarjara jedheenii osoo hin fe'in bira darbe.

Xiqqoo akkuma tureen dhufe. "Maaloo gammachuu bishaanicha cehuu waan dadhabeef na ceesisi" jedheen jaalalli. Gammachuunis yeroo dhaabadhee si fe'u hin qabu ni jarjara jedheenii osoo hin fe'in bira darbe.

Yeroo kana jaalalli hedduu abdii kutee osomaa dhaabatuu maanguddoon tokko kan umriidhaan deeme jalbaadhaan bishaanirra deemaa dhufe. Maanguddoon kuni itti siqee jaalalicha fe'e. Achi booda warroonni haga ammaatti ani gaafadhe hunduu na fe'uu didanii ati maaliif fi akkamitti na fe'uu dandeette? Atihoo eenyu jedhee gaafate jaalalli. Ani jedheen jedhama. Ani waan hunda dandahee bara jireenya koo dabarsee umrii kana akka gahuuf yeroon waan hedduu na barsiiseera" jedheen maanguddoon kun.

Laal Nama Koo! Waan gaarii fi hamaa, barbaachisumma wantoota jireenya kee keessatti si barbaachisanii fi sin barbaachifnee, gaarummaa kee fi dhugaa kee akkasumas muuxannoo fi mudannoo adda addaa bara jireenyaa kee keessatti kan si barsiisu/kan si garsiisu .

Kanaaf nama Koo!!! Yeroon waan hundaaf deebii waan qabuuf haa Murteessu.

Galatoomaa 🙏

17/02/2024

Maqaa Abbootii Gadaa bara 1424-2015

1.Jaajee Gobbaa (1424-1431).
2.Jiloo Wolaagoo (1432-1439).
3.Jirruu Utaa (1440-1447).
4.Guluu Gaararroo (1448-1455).
5.Heebanuu Jaldoo (1456-1463).
6.Biilaa Mannakkoo (1464-1471)
7.Bariisoo Gumii (1472-1479).
8.Adoolaa Aanolee (1480-1487).
9.Gobbuu Shaaroo (1488-1495).
10.Goluu Subbaa (1496-1503).
11.Cirrii Galoo (1504-1511).
12.Buurcisaa Shaabuu (1512-1519).
13.Aagaa Kallachaa (1520-1527).
14.Jiloo Bidoo (1528-1535).
15.Gannaalee Roobee (1536-1543).
16.Duuba Adii (1544-1551).
17.Aboo Rasoo (1552-1559).
18.Halakee Lulee (1560-1567).
19.Gobbuu Daayyee (1568-1575).
20.Gannaalee Lolee (1576-1583).
21.Qandhashoo Aanolee (1584-1591)
22.Jaboo Sibuu (1592-1599)
23.Qalqalcha Tukashoo (1600-1607)
24.Gololcha Sharuu (1608-1615).
25.Abbaa Doolaa (1616-1623).
26.Aagaa Saqoo (1624-1631).
27.Jiloo Bansaa (1632-1639).
28.Haroo Shotee (1640-1647).
29.Jaarsoo Dhugoo (1648-1655).
30.Ushoo Waaree (1656-1663).
31.Gannaalee Dambalaa (1664-1672)
32.Godaanaa Aagaa (1672-1679).
33.Godoree Bokkoo (1680-1687).
34.Jaarsoo Soree (1688-1695).
35.Aagaa Buudee (1696-1703).
36.Tukee Shifaa (1704-1711).
37.Jiloo Badhaa (1712-1719).
38.Aagaa Waaree (1720-1727).
39.Birraa Lukee (1728-1735).
40.Jiloo Xuulloo (1736-1743).
41.Balakkoo Jiloo (1744-1751)
42.Budhushoo Halakee (1752-1759)
43.Soraa Bulultaa (1760-1767)
44.Ijuu Gallabee (1768-1775)
45.Surroo Cekoo (1776-1783)
46.Jiloo Waaree (1784-1791)
47.Galchuu Kemaa (1792-1799)
48.Miidhee Niitii (1800-1807)
49.Daadaa Kuraa (1808-1815)
50.Xiloo Soolee (1816-1823)
51.Bunoo Dhaa’ee (1824-1831)
52.Dasee Halakee (1832-1839)
53.Bunee Boruu (1840-1847)
54.Aagaa Kallachaa (1848-1855)
55.Adulaa Karaa (1856-1863)
56.Waaqoo Gaararroo (1864-1871)
57.Birraa Cuqqee (1872-1879)
58.Aanolee Badhaa (1880-1887)
59.Roobaa Boruu. (1888-1895)
60.Jiloo Kendhoo (1896-1903)
61.Galchuu Curruuqoo (1904-1911)
62.Jiloo Bokkoo (1912-1919)
63.Jiloo Sayee (1920-1927)
64.Aagaa Adii (1928-1935)
65.Ushoo Jiloo (1936-1943)
66.Tukee Guyyee (1944-1951)
67.Jiloo Mixoo (1952-1959)
68.Adoolaa Jiloo (1960-1967)
69.Girjaa Jiloo (1968-1975)
70.Adoolaa Aagaa (1976-1983)
71.Godaanaa Kattaa (1984-1991)
72.Aagaa Xeenxanoo (1992-1999)
73.Waaqoo Duubee (2000-2007)
74.Jiloo Maandhoo (2008-2015).

Seenaa kana irraa waa hubattu jedheen yaada          Dubbisaa👇==================//Namicha tokkotu saree mana isaa jiraat...
03/01/2024

Seenaa kana irraa waa hubattu jedheen yaada
Dubbisaa👇
==================
//Namicha tokkotu saree mana isaa jiraatutti mucaa isaa kennatee bakka garagaraa deema. Sarichis Daa'ima namichaa haala gaariin qabeefii hanga namichi deebi'utti eegaaf.
Sana booda saricha baay'ee amanuu irraan kan kahe Daa'ima isaa sarichatti kennatee bakka fagoo deeme.

// Dhimma isa xumuratee yeroo mana isaatti galee balbala banatu mana keessa dhiigatu lola'ee jira. Sareenis siree jalaa yeroo gadi itti bahu afaanni sarichaa dhiiga qaba. Namichi naasuudhaan sareen kun mucaa koo nyaate jedhee saricha rukutee ajjeese.

//Lubbuu sarichaa erga baaseen booda daa'ima isaa siree dudduubaa taphatu arge. Isa booda Naasuudhaan Dhiiga siree jala jiru sana yeroo ilaaluuf gadi jedhu bofatu siree sana jala jira. Sareen sun lubbuu mucaa sanaa bofa irraa baraaruuf jecha bofa sana waliin wal ciniinanii dhiigaan lafa balleessan.

//Sarichi lubbuu daa'imaa baraaree lubbuu ofii isaa dhabe. 🥲🥹
Yeroo baay'ee namootni waa osoo hin hubatin miira keessa seenanii waan baay'ee balleessu.

//Kanaafuu yeroo wanti tahe nu mudatu tarkaanfiitti osoo hin seenin dura tasgabbiidhaan, miira keessaa baanee maaltu uumame jennee adda baasuu qabna. 👌

05/09/2023
01/09/2023
31/08/2023

Gatii hinqabu!

1. Dhalootni hindubbifne gatii hinqabu.
2. Namni dhugaa hindubbanne gatii hinqabu.
3. Namni nama tuffatu gatii hinqabu.
4 . Daldalaan bu'aa hinqabne gatii hinqabu.
5. Jaarsi nama walitti buusu gatii hinqabu.
6. Hoogganaan lammii isaa nyaatu gatii hinqabu.
7. Barsiisaan barattoota isaa waan ofii isaatii hinbeekne barsiisu gatii hinqabu.
8. Barataan hinqo'anne gatii hinqabu.
9. Abbaan seeraa murtii dabsu gatii hinqabu.
10. Yaalaan lammii isaatiif hinyaadne, kan dhukkubsataa seeraan hinyaalle gatii hinqabu.
11. Poolisiin dhugaaf hindhaabanne gatii hinqabu.
12. Shofeerri ofeeggannaan hinoofne gatii hinqabu.
13.Qonnaanbulaan rooba ceem'u gatii hinqabu.
14. Ilmi abbaafi haadha isaa hinkabajine gatii hinqabu.
15. Namni obboleessa isaa hamatu gatii hinqabu.
16. Namni itti himanii hindhageenye gatii hinqabu.
17. Namni afaan, aadaafi seenaa ofii tuffatu gatii hinqabu.
18. Namni liqeeffatee hindeebifne gatii hinqabu.
19. Namni waan kaleessa keessa darbe hinyaadanne gatii hinqabu.
20. Abbaan aangoo ummata isaa seeraan hintajaajille gatii hinqabu.
21. Barreessaan seenaa dhugaa jallisu gatii hinqabu.
22. Namni ragaa sobaa kennu gatii hinqabu.
23. Namni sobaan kakatu gatii hinqabu.
24. Namni nama dhadhaa afaan isa ka'e dhagaa afaan isa kaa'u gatii hinqabu.
25. Namni gatii namaa hinbeekne gatii hinqabu!

Akkasitti loon hin tiksine taanaan ati baadiyaa himbeektu❤️❤️
07/06/2023

Akkasitti loon hin tiksine taanaan ati baadiyaa himbeektu❤️❤️

21/05/2023

"Daboo Dabatiin dhugaan Yeroof qall'achuu malti.garuu immoo hin cittu.Daboo dharaatiin dhugaan qancartus cittee hin haftu.dhugama irratti yoo cichite xumura irratti tee ni mooti.Waani gaarii yaaduun kee yakkaa miti.yakki yakkaa olii dhugaa dhiiftee yoo daboo dabaa faana kaateedha. dhugaa micciirtee daba faana gorraan Addunyaa lachittuu kisaaraadha.Yeroo garii dhugaan tee hibboo dabaatiin maramtee sakaallaa sitti taati.tuni immoo hibibii jirtu.waani feete haa ta'uu daboo dabaatiif gatantarsuu keessa hin seenin.gatantarte taanaan dhugaan sirraa fagaatti.sani eeggadhu.Kallattiin worri daboo dabaa itti xiinxallu bofa xaraa xarootiin woliqabata.summiin bofa xaraa xaroo yeroof hamaadha.Yoo ufi taatee haqa irratti cichite fi Rabbii tokkichatti Ufi kennite Summiin bofa xaraa xaroo siif dawaa dawoolee taatii.kana gonkumaa hinshakkinni.Shakkiteellee miiraan shaa hin jedhin.Addunyaan tuni tani waa hedduun guutamteedha.Irra caalaa immoo daboo dabaattu keessa diddicha.Dirreen baldhaanis Kani worra daboo dabaati.usuma keessi kee dhugaa dheebotuu miiraan si'oomtee daboo dabaatti makamuu dandeetta.Garuu dheebuun dhugaa Keessan si woxaltu gonkumaa haaragalfii siif hinkennitu.sani beeki itti yaadi.maddi gammachuu maddee hin gogine Rabbii kee qabattee dhugaa qofa irratti yoo cichiteedha.Gammachuun daboo dabaa irraa argattu seequu machii taati malee kolfa dhugaa gonkumaa hintaatu.tuni haqumaa hubadhu.""Guyyaa Gaarii

Gartuu dhiigaa fi amala namaa!***************************Qorannoon baayyee cimaa fi gad-fagoo tahe jiraachuu baatus gart...
21/05/2023

Gartuu dhiigaa fi amala namaa!
***************************
Qorannoon baayyee cimaa fi gad-fagoo tahe jiraachuu baatus gartuun dhiigaa fi amalli namaa hariiroo akka qabu ni dubbatama!
************************
1.Gartuu dhiiga A
********************
Namoonni kun cimoo , hojii kan jaallatanii fi nagaa barbaadu. Kana malee hojii tartiiban hojjachuu , qulqullinaa fi yeroo tokkotti hojii tokko duwwaa hojjachuu filatu
Namoonni kun amanamoo fi waan sirrii qofa hojjachuuf dhama'u.
Amalli badaan isaanii waanuma xiqqoof dhiphachuu fi waan hunduu sirrii akka ta'u barbaadu!

2. Gartuu dhiiga B
***************************
Namoonni kun hojjii kalaqaan beekamu , waan karoorsanii amma galmaan gahanitti hin dhisan.Akkasumas yeroo tokkotyi waan hunda dhiisanii wanta tokko duwwaa irratti xiyyeeffatu!
Namoonni kun amala namaa yaaduu fi nama hubachuu qabu!
Rakkoon isaanimmoo of jaallachuu , jijjiiramuu , maal dhibdee fi balleessaa namaaf hin dhiisan!

Gartuu dhiigaa AB
************************
Namoonni kun makaa A fi B ti. Amalli isaaniis nama yaaduu, amanamummaa fi nama kunuunsuudha!
Namoonni kun sammuu cimaa fi dandeettii waa yaaduu cimaa qabu.
Nagaa buusuu , namaan walii galu fi kaayyoo ofiif namoota cichaniidha.

4. Gartuu dhiiga O
****************
Namoonni kun dandeettii gaggeessummaa cimaa kan qabanii fi waan xiqqqoon warra hin qabamneedha!
Namoonni kun arjummaa fi namaaf gaarii yaaduu jaallatu!
Namoonni kun waan xiqqoon hin qabaman , amanamoodha fi wanta haaraatti dafanii baru, ejjennoo cimaas qabu!
Jarri kun hinaaffaa , of jaallachuu fi kiyya malee jechus qabu!
Isinhoo kam keessa jirtu????
*************************
Galatoomaa!!!

Address

Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Amaanaa Unkusuu Goobanaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Amaanaa Unkusuu Goobanaa:

Share