05/02/2025
Waamicha Eebba Kitaaba Cancala Diinagdee
Kitaabni "Cancala Diinagdee" Rakkoolee Diinagdee eeruun furmaataafi agarsiistuu kallatti Diinagdee Oromiyaafi Oromoo, Diinagdee Itoophiyaa, Diinagdee Afrikaa, danqaalee Diinagdee Dargaggootaafi kallattii furmaata danqaalee diinagdee dargaggootaa haala akeekuu danda'uun qorannoo garaa garaa of keessatti hammachuun haala qabatamaa biyya keenya keessa jiru hubannoo keessa galchuun baroota dheeraadhaaf barraa'aa tureefi itti fufiinsa qabu maxxansi 1ffaan xumuramuun Gurraandhala 02/2017 Finfinnee Hoteela Ililliitti guyyaa keessaa sa'aa 7:30 irraa eegaluun bakka hoggantoonni mootummaa olaanoon, abbootin Gadaa, Haawwan Siinqee, hayyoonni, hawaasni bal'aan argamutti ni eebbifama.
Sagantaa eebba kitaaba kanaa irratti akka hirmaattan waamicha kabajaafi ulfinaa isiniif goona.
Barreessitoota
Kedir(MA)
Injinar Firaol Ahmed Kasim