29/10/2025
Biizinaasii eegaluuf........?
➖➖➖➖➖➖➖➖➖
1. qabaadhu:- Wanti hundi fedhiirraa madda. Fedhiin ati waan tokko gochuf qabdu milkaa’ina keetif murteessadha. Dhugumaan biizinasii eegaluu barbaaddaa?
2. qabaadhu:- gara daldalaa yoo seentu qormaanni hedduudha. Bu’aa-bahii baay’etu jira. Keessattuu biizinasichaaf haaraa yoo taate wanti hundi ni ulfaata. Rakkoowwan akka qulqullina omishaa (product quality), hidhata gabaa (Market linkage), dorgommii (Competition), baasii (cost of production) fi kanneen biroo hedduun ija baasanii si eegu. Kun akka jiru beektee, kutannoo guutun gara biizinasii seenuu qabda.
3. qabaadhu:- Hudhaaleen armaan olitti ka’an irra aanuf, obsi (patience) akkaan barbaaachisaadha. Rakkoolee hundaaf furmaata laachaa, nama mariisisaa deemun jala darbuuf yaaludha malee abdii kutachuun hin barbaachisu.
4. qabaadhu:-
Cichoominni (perseverance) biizinasiis ta’ee jiruu keenya guyyaa guyyaa keessatti faayidaa ol’aanaa qaba. Waan fedhii keetin itti amantee eegalte gufuu xiqqoofis ta’ee guddaaf hin dhiisin, itti cichi, haga dhumaatti deemi,
5. Biraa (plan B) qabaadhu:-
Gaafa daldala eegaltu waan tokko qofa irratti hin xiyeeffatin. Wantoota lama ykn isaa ol akka filannoo biraatti qabadhu (Business Diversification). Fakkeenyaaf, Yoo mana rifeensa dhiiraa yookiin dubaraa banuu barbaadde, cinaatti dibata gara garaa, urgooftuwwan (sh*ttoo) banii daldali. Yoo qonna jal’isii qotuu barbaadde, loon furdisuu, lukkuu horsiisuu faa akka filannoo biraatti qabadhu.
6. (Inputs) eenyurraa akka argattu beeki: Daldala keessaatti, waa omishuuf ykn tajaajila (service) wayii kennuuf madda galteewwanii (Sources of Inputs) keetii haalan beekuu barbaachisa. Glateewwan na fayyadan maal fa’a? hagamtu na gaha? Eenyurraayyin argadha? Gaaffiwwan jedhan deebisuun dirqama. Inni biraa galteewwan kana haala itti gatii salphaan argachuu dandeessu yookiin karaa ofuma keetii ofii dhiyeessuu dandeessuu irratti itti yaadi. Fakkeenyaaf,