Bįĸō ķõõ

Bįĸō ķõõ Biko page

👇👇👇
Follow me Ofiko

09/02/2024

JECHOOTA AJAA'IBAA!
~ Gatii yeroo beekuu yoo barbaadde, atileetii maaykiroo sekondii tokkoof moo'amee badhaasa meedaaliyaa warqii dhabe gaafadhu!
~ Lukaan qixxeessuuf kophee muran malee,kopheen qixxeessuuf luka hin muran!
~ Moo'uu jechuun 1ffaa bahuu qofa osoo hin taane, jijjiiramas agarsiisuudha!
~ Barachuu jechuun barumsa keessa darbuu osoo hin taane, barumsi nama keessa darbuudha!
~ Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta!
~ Nama si sobu wajjiin gammaddee kolfuu, irra nama dhugaa sitti himu wajjiin gadditee boohuu si wayya!
~ Namni carraa gaarii qabu osoo bishaan galaana keessatti darbaniiyyuu,Qurxummii afaanitti qabatee keessaa baha!
~ Obsi guddaan dhagaa yoo affeelu, aariin xinnoon bishaan bobeessiti!
~ Yeroo tokko tokko gammachuun guyyaa tokkoo, gadda waggaa tokkootti jijjiirama!
~ Hiyyeessa jechuun nama qarshii hiyyoome osoo hin taane,nama sammuu hiyyoomeedha!
~ Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
~ Jireenya kee fooyyessuudhaaf yaaliidhaan shaakala ati taasiftu keessatti kufaatiiwwan si
muudatan kufaatii osoo hin taane, akeektuu galma gahiinsa yaalii keetiiti!
~ Addunyaa kana irratti Harreen akka namaatti yaadu jiraatuu baatus, namni akka harreetti
yaadu hin dhabamu!
~ Akka addunyaatti yaadii,akka naannootti hojjadhu!
~ Dhalli namaa wanta haara argannoodhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta'u,
garuu ufii isaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraaffatu immoo kan nama gaddisiisuudha!
~ Kan nama qaanessu ba'aa guddaa sammuu irratti baachuu osoo hin taane, sammuu hin yaanne baachuudha!
~ Yoo rakkoon wahii si muudate rakkoo si muudate saniif yaaduu osoo hin taane, akkaataa rakkoo si muudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda!
~ Osoo dhugaan kophee hin godhatin, dharti addunyaa naannofti!
~ Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessaan kee ta'uu kan hin dandeenye yoo ta'u,balleessaan kee ta'uu kan danda'u kuftee yoo achitti hafteedha
Galatoomaa!

👉 #𝙊𝙨𝙝𝙤𝙤"Yeroo tokko tokko namoonni  hawaasummaa keessatti qooda fudhachuu dhiisun kan moggaatti ba'aniif jireenya nama ...
09/02/2024

👉 #𝙊𝙨𝙝𝙤𝙤
"Yeroo tokko tokko namoonni hawaasummaa keessatti qooda fudhachuu dhiisun kan moggaatti ba'aniif jireenya nama wajjiinii jibbanii utuu hin taane; 𝙩𝙖𝙖𝙩𝙤𝙤 𝙨𝙤𝙗𝙖𝙖 𝙩𝙖𝙥𝙝𝙖𝙘𝙝𝙪𝙪, 𝙁𝙖𝙠𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙞𝙩𝙪𝙪 fi 𝙅𝙪𝙛𝙪𝙣𝙛𝙪𝙡𝙖 ta'uun waan itti ulfaatufi"..... ✍

26/01/2024

Milkaa'uuf dhamaatii guddaa yoo si gaafate iyyuu dhamaatii kee balleessuuf garuu yeroo muraasa qofa sitti fudhata.

oshoo

  gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jaja...
26/01/2024

gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

oshoo

17/01/2024
07/01/2024

Bara kana keessa meeqa akka dhaabdee lakka'ii

02/01/2024

Goota Onnee Garaa

02/01/2024

Hammeenya yaaduun~Biizii taatee
Tarii yoo mataan~Si bowwaafate

Hin argattuu achii fala
Dhiisi hin dhaqin Hospitaala
Tarii achitti sittuu caalaa

Hammeenya yaaddu~Sana dhiisi
Situ of dhukkubsee~Ati of fayyisi

✍️Ximqataa Kumarraa jabaa keenya

Gaafan qalbii dhaabee Takkaa tahe takka kahuBarbaacha kef mankararuOsoon arguus yon si dhaabeeAti Ati Ati mee..?Jechaa d...
01/11/2023

Gaafan qalbii dhaabee
Takkaa tahe takka kahu
Barbaacha kef mankararu
Osoon arguus yon si dhaabee

Ati Ati Ati mee..?

Jechaa dhaabbee si madaaluufi
Takkaas yadee Kolfaa bohee

30/09/2023

Takkaa ta'en takkaa figaa
Yaadan Caabe qalbii dhabbe
Si arguudhaf kaacha dhufee
Yoo si arguu duubiin fallaa
Fakkeessa ke reef naf galee

26/12/2022

Sitti Abdi godhadhen akkan sokke esaa esaa jirta

17/12/2022

Gaafan Akka Qaluu
Gaafan Akka Rajji
Kalessa si Raguu
Na dhaga'uu dhiste
Gaafat dinaa waliin

Tessee dibbee dhoftu
Gaafa saana beeka
Ani Akka kun jiru

Address

Saudi Arabic
Nek'emte
3

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bįĸō ķõõ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Videos

Share