OBN horn of Africa

OBN horn of Africa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from OBN horn of Africa, TV Channel, Harar, Miesso.

Humni shororkeessaa Shanee kumaatamaan lakkaa'amu mootummaatti harka kennachuun himame.  OBN Sadaasa 25,2016 Humni shoro...
05/12/2023

Humni shororkeessaa Shanee kumaatamaan lakkaa'amu mootummaatti harka kennachuun himame.

OBN Sadaasa 25,2016 Humni shororkeessaa shanee kumaatamaan lakkaa'amu tarkaanfii ol'aantummaa seeraa kabachiisuu mootummaan fudhachaa jiru dandamachuu dadhabee harka kennataa jiraachuun himame.

Miseensonni garee shororkeessaa Shanee haleellaa keessatti booji'aman kunneen tarkaanfii ol'aantummaa seeraa fudhatamaa jiru dandamachuu dadhabuun diigamanii bittinaa’uun harka kan kennatan ta’uu dubbatu.

Tarkaanfii ol'aantummaa seeraa fudhatamaa jiruun cinatti, miseensonni Shanee wal diigumsa keessoo garichaatti uumameen diigamanii mootummaatti harka kennatanis ni jiru.

Miseensonni shanee booji'amaniifi haleellaa mootummaan irra gahaa jiru dandamachuu dadhabuun bittinaa'uun harka kennatan kunneen akka jedhanitti, ABO Shaneen humna faallaa kayyoo haqaafi faayidaa ummataa dhaabbate waan taheef diigamaa jira.

‘Sagantaan Ashaaraa magariisaa qaamolee bishaanii itti fufiinsaan eeguuf murteessaadha’- Dr Injinar Habtaamuu Ittafaa OB...
05/12/2023

‘Sagantaan Ashaaraa magariisaa qaamolee bishaanii itti fufiinsaan eeguuf murteessaadha’- Dr Injinar Habtaamuu Ittafaa

OBN Sadaasa 25,2016- Sagantaan Ashaaraa magariisaa hojjetamaa jiru qaamolee bishaanii itti fufiinsaan eeguuf murteessaa ta’uu, Ministirri Bishaaniifi Inarjii Dr Injinar Habtaamuu Ittafaa himaniiru.

Yaa’ii jijjiirama qilleensaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 28ffaa Ministeerri Bishaaniifi Inarjii Dhaabbata gargaarsa daa’immanii ( UNICEF) waliin ta’uun qopheessan irratti kan argaman Dr Injinar Habtaamuu Ittafaa, Itiyoophiyaan rakkoolee bishaan dhugaatii sababa jijjiirama qilleensaan mudatan furuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jirti jedhan.

Keessattuu, qaamolee bishaan irraa argaman waaraan eeguuf sagantaan ashaaraa magariisaa murteessaa ta’uu eeruun, mootummaafi tumsitoonni misoomaa waliin ta’uun sagantaa bishaan dhugaatii jijjirama qilleensaa dandamachuu danda’u hojiirra oolchuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Siidaan Aartiisti Alii Birraa eebbifameFinfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Siidaan Dooktara Kabajaa Aartiisti Alii Bir...
25/06/2023

Siidaan Aartiisti Alii Birraa eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Siidaan Dooktara Kabajaa Aartiisti Alii Birraa eebbifame.

Siidaan Artiistichaa Magaala Finfinnee Kutaa Magaala Nifaas Silki Laaftoo Naannawaa Haayilee Gaarmantiitti bakka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, ministiroonni, qondaaltonni olaanoo Federaalaa fi magaalattii argamanitti eebbifameera.

Saganticharratti Aartisti Alii Birraa yaadachuun waa lamaaf murteessaa kan dubbatan Kantiibaan Magaala Finfinnee Aadde Adaanach, bara rakkootti, bara namni walirratti duulutti, Tokkummaa “Raabbimoo namuma kan seera jallise; Haati teenya takka maaltu addaan nu baase” jedhe nama tokkummaa lallabe ta'uun, sirnoota darbaniin hidhaa fi godaansi isa mudate biyya hambaatti baqatus, “Anis Biyyan qaba” jedhee nama ofii fi lammii isaan boonu ta'uu nutti agarsiiseera jedhan.

Kanaaf, siidaan kun dhalootaaf hiikkaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Maalaqaa Obbo Ahimad Shideen gama isaaniin Dooktarri Kabajaa Alii Birraan, obbolummaan tokkumaa fi jaallalli ummataa akka dagaagu nama qabsaa'aa ture dha jedha jedhaniiru.

Hojiileen Aartii isaas Baha Itoophiyaatti qofa osoo hintaane Baha Afrikaatti kabajaa, beekamtii fi fudhatama kan qabu ta’u kaasnaiiru.

Nama akka kanaaf beekamtii kennuun fuuldurattis itti fufuu akka qabuu fi kanneen kana dhugoomsaniif galanni ni malas jedhan.

Addis Taammiraatitu gabaase.



Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Harargeetti waraabessi mana yaalaa dhaqee wal`aanameOBN Caamsaa 19,2015- Waraabessi guyyaa yuuse halkaniif beekkachiise ...
29/05/2023

Harargeetti waraabessi mana yaalaa dhaqee wal`aaname

OBN Caamsaa 19,2015- Waraabessi guyyaa yuuse halkaniif beekkachiise jedhu dur; ammammoo waraabessatu guyyaan mana hakimaa dhaqee kutaa laaboraatorii seene hin bahu jedhe.

Kanaan maal haa jedhan kaa!? Waahilli keenya Roobasaa Bantii bakka taateen kun itti muudatetti bilbiluun guutuu waan kanaa odeeffateera.

Roobasaan kan argate Abbaa qabeenyaa Kililnikichaa Dr. Mahaammad osoo hin taane gaafa taateen kun muudate kan hojii idleerra ture Narsii Kilinikaa Dachaasaa Aliyyii kan jedhamu hojjetaa Kilinikichaat. Waan ta`e hundaa sagaleen irraa fudhateera. Guutusaa akkuma jirutti Youtube OBN irratti lakkifna.

Ammaaf Odeeffannosaa qofa gabaabsinee isin dhageessifna.
Akka Dachaasaan Roobasaatti bilbilaan himetti, ganama tilmaamaan sa`atii 4 yoo ta`u namoota duuba waraabessi sussukaa gara Kilinikichaa dhaqe.

Namoota taa`anii dabaree eeggatan bira kutee kutaa laaboraatoorii seenee ciisuu hime. Namoonni bir`atanii waca kaasanii ari`uuf yaalanis waraabessichi amala diidaa waraabessi agarsiisuun osoo hin taane ija kadhaa fi miira dhukkubsachuutin namoota ilaalee diriiree kuticha keessa ciise jechuun Dachaasaan haala ilaalcha jijjiire hime.

Sana booda afachaa mee waa rakkachuu hin ooluu jechuun oggeeyyiin Kilinikichaa waliin dubbachuun ogeessa Fayyaa beeyladaaf bilbiluun waamanii akka waraabessicha ilaalu taasisan.
Ogeessichi beeyladaa haala waraabessichaa erga sakatta`ee booda tarii dukkuba saree maraattee jedhamuun beekkamu Raby`n qabamuu danda`a jechuun qoricha kanaaf ta`u kenneefi erga xinnoo boqotee booda waraabessichi nagumaan ka`ee bahee deeme jechuun Dachaasaan hime.

Kan waraabessi bakka wal`aansaa dhaqerra kan namoonni miira waraabessichaa hubatan nama maalala!

    Bilbillisaa Cabaa, Galiinsaa  jabaa! dureessa jiruu hiyyeessaa jiraatu OBN Caamsaa 18,2015- Sadiyoo Maanee taphattoo...
26/05/2023

Bilbillisaa Cabaa, Galiinsaa jabaa! dureessa jiruu hiyyeessaa jiraatu

OBN Caamsaa 18,2015- Sadiyoo Maanee taphattoota muraasa urjii Addunyaa kanaa keessaa tokko dha. Galiin inni torbeetti argatu Doolaara Kuma 100 fi kuma 86; garuu bakka socho`u hedduutti bilbila mobaayilii cabduu yoo fayyadamu mul`ata.

Nama beekkamaa waan ta`eef miidiyaaleen irra deddeebin ni gaafatu. “Maaliif mobaayila cabaa qabatta?” jedhuun. Deebiinsaa “nan hojjisiisa” kan jedhudha. Gaaf tokkollee haarawa nan bita jedhee hin beeku.

Kan cabde nan hojjisiisa yoo jedhu mallaqa baasuu diduuf akka hin taanes hojiinsaa ni hima. Innis akkas jedha, dooniiwwan 10 fi xayyaarota 2, sa`aatii warqii bituu nan danda`a. Garuu kun hundi maal naaf godhu?

An nama hiyyummaa argee dha; barnoota gahaa hin baranne. Amma namoonni akka itti baratan manneen barnootaan ijaaraa jira. Kophee malee miila duwwaan kubbaa taphachaan ture; uffata mimmiidhagoo hin qabun ture; nyaata hin argadhun ture.

Amma garuu qabeenya naf gahaa ta`ee olin qaba. Waanan qabus agarsiisaaf ykn of jajaaf oolchurra, namoota koo waliin qooddachuun fedha.’ Jechuun sababa jireenya qananii hin barbaanneef hima.

Yaadaa qajeelaa, Onnee gootaa qabaachuu jechuun akkas malee! Namoota akkanaa nuuf haa baay`isu.

Salaata  Juma’aa booda naannoo Markaatootti jeequmsa uumamee tureen lubbuun namaa darbe.OBN Caamsaa 18,2015- Salaata  Ju...
26/05/2023

Salaata Juma’aa booda naannoo Markaatootti jeequmsa uumamee tureen lubbuun namaa darbe.

OBN Caamsaa 18,2015- Salaata Juma’aa booda Finfinnee naannoo Markaatootti jeequmsa uumamee tureen lubbuun namaa darbuu Poolisiin beeksise.

Magaalaa Finfinnee Naannoo Maskiida Anuwaaritti Salaata booda sababa iddoo birootti maskiidni diigameera jechuun Naannoo Markaatootti hookkara uumameen lubbuun namoota lamaa darbuu poolisiin Magaalaa Finfinnee Beeksiseera.

Ibsa poolisiin kenneen poolisoonni Naannoo hookkarri kun itti ka’eetti hojii idileesaaniirra turan miidhama cimaafi salphaaf saaxilamaniiru.

Bakka ‘Gaaz taraa’ jedhamee waamamutti hookkara uumamee tureen miidhaa namoota lamarra gaheen gara mana yaalaa erga geeffamanii lubbuunsaanii darbeera.

Dabalataanis namoota afurirra miidhaan gahuufi miseensotaafi hooggantoota poolisii seera kabachiisuuf hojiirra turan 37 fi humni deeggarsa poolisii 15 miidhamuun gara mana yaalaa geeffamuun ibsameera.

Jeequmsa daheeffachuunis konkolaattota geejjiba uummataa magaalaa Finfinnee lama irra miidhaan gahuu ibsichaan eerameera.
Qaamoleen jeequmsa kaasan kunneen jeequmsa magaalaa Finfinnee iddoo birootti babal’isuuf yaalanis carraaqqii humnoota nageenyaan to’atamuun ibsameera.

Finfinneetti jeequmsi hamaan ka’eera jechuun miidiyaan hawaasaa tokko tokko akka afarsan utuu hin taane, hookkarri uumamee ture to’atamuun iddichattis sochiin idilee eegalamuu poolisiin magaalaa Finfinnee ibseera.

Shakkamtoonni gocha kana qindeessuun jeequmsi akka uumamuuf olaantummaan dursaa turan 114 to’annoo seeraa jala ooluunis himameera.

Hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimee kan itti fufu ta’uufi qaamoleen nageenya booressuuf socho’an gochasaaniirraa of qusachuu akka qaban poolisiin magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan

Shakkamtuun bifa suukkanneessan Kutaa magaalaa Buraayyuutti  daa'imman  lama galaafattee  miliqxe to’atamte.OBN Caamsaa ...
10/05/2023

Shakkamtuun bifa suukkanneessan Kutaa magaalaa Buraayyuutti daa'imman lama galaafattee miliqxe to’atamte.

OBN Caamsaa 01,2015- Shakkamtuun Nagaasee Kabbaadaa jedhamtu daa’imman lama bifa suukkanneessaan ajjeeftee yeroof milqxee turte eeruu uummataafi hordoffii qaamolee Nageenyaan Kutaa Magaalaa Buraayyuu Aanaa Ejersa Gooroo bakka addaa Saansuusii jedhamutti to’annaa jala ooluushee Bulchaan Aanichaa ,Obbo Kumalaa Abbabaa OBN’tti himaniiru.

Shakkamtuun kun gaafa guyyaa 27/08/2015 halkan bakka abbaan warraa ishee hojiif bahanitti ijoollee lama qaluun abiddaan gubdee yeroof milqxee poolisiin barbaaddamaa jiraachuu OBN gabaasuun isaa ni yaadatama.

Shakkamtuun kun eeruu uummataa fi hordoffii qaamolee nageenyaan guyyaa har’aa Caamsaa 01, 2015 naannoo sa’aatii 10:30tti kutaa Magaalaa Burraayyuu bakka addaa Saansuusii jedhamutti to’atamuu Obbo Kumalaan himaniiru.

Namni yakka hojjete yeroof waan miliqe fakkaatus qaamolee nageenyaafi hawaasa jalaa miliqee ofkoluu akka hin dandeenye hojiin kun agrsiiftuu ta’uu eeraniiru.

Hojii kana irratti tumsa uummataafi qaamoleen nageenyaa gumaachanis Obbo Kumalaan galateeffataniiru.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiiterii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

Warri qirca qale bookaan Gale.OBN Ebla 10,2015- Godina Arsii Aanaa Xiyoo ganda Dooshaa jedhamutti namoonni sangaa qircat...
19/04/2023

Warri qirca qale bookaan Gale.

OBN Ebla 10,2015- Godina Arsii Aanaa Xiyoo ganda Dooshaa jedhamutti namoonni sangaa qircatti qalatan keessaa Warqii giraama 18 fi walakkaa argachuun foon tola nyaatanii bu`aa gurgurtaa bookaarraa kuma 13 argatan jedha oduun waahiilli keenya bakkichaa nuun gahe.

Namoonni sangaa kana birrii Kuma 40 itti baasan. Warqiin sangaa kana keessaa argame ammoo, birrii kuma 53tti gurgurame. Qindeessaan Qircaa kanaa Obbo Baqqalaa Qananii, maallaqa warqii kana gurguruun arganneen Sangaa biraa bituuf wal-beellamanneerra jedhan.

Wanti kun karaa Saayinsiitin akkamitti ilaallama gaaffii jedhu deebisuuf Biiroo qonna Oromiyaatti Ogeessi Fayyaa Beelladaa Giddugaleessa Laabiraatoorii Eegumsa fayyaa Beeylada Asallaa, Dr Abdiisaa Lammaa yaadni kennan kunoot.

Loon Naannoo gammoojjii jiraatan, biqiloota Albuuda xixiqqaa of keessaa qaban soorachuun adeemsa keessa darbee dhimbibbamee hadhooftuu keessatti kuufamuun guutummaan gara warqiitti jijjiirramaa deema jedhan. Yoo irra ture immoo dhangala'aa Hadhooftuu(rajiijii) keessa jiru xuuxee fixuun Loon kunneen akka hin gabbanne taasisuu danda`as jedhan Dr. Abdiisaan. Aandinnat Biraanuutu gabaase

Odeeffannoo Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin qaqqabu yoo feetan fuula miidiyaa hawaasaa OBN kanneen daawwadhaa.
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN _VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

Humna addaa naannolee  bifa haaraan  gurmeessuuf karoora  bahe irratti mari’atame.OBN Bitootessa 30,2015-Humna addaa naa...
08/04/2023

Humna addaa naannolee bifa haaraan gurmeessuuf karoora bahe irratti mari’atame.

OBN Bitootessa 30,2015-Humna addaa naannolee bifa haaraan gurmeessuuf karoora bahe irratti mari’atameera.

Marii kanarrattis Qondaaltonni Olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa, Komiishinaroonni Poolisii Magaalota Finfinneefi Dirree Dhawaa akkasumas hoggantoonni Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalota kanneenii argamaniiru.

Waltajjicha Itaamaajoor Shuumii Itti aanaa waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Ababawu Taaddasaa, Komiishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash G/Mikaa’eliifi Daarektara Olaanaa Tajaajila Odeeffannoofi Tika biyyaalessaa, Obbo Tamasgeen Xurunaatu hogganan.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummata

Salaata  Juma'aa sababeeffachuun waamichi deeggarsa darbe.Baankii   Hojii Gamtaa Oromiyaa   1000000023764  Baankii Dalda...
02/03/2023

Salaata Juma'aa sababeeffachuun waamichi deeggarsa darbe.

Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa 1000000023764
Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa 1000163534173

OBN Guraandhala 23, 2015 -Manni Maree Dhimmoota Islaammummaa Oromiyaa Hordoftoonni amantaa Islaamaa Jimaataa boruu yeroo salaata Juma’aaf bahan lammii isaa hanqina roobaan rakkoof saaxilame yaadachuu akka qaban Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaammummaa Oromiyaa Shee Jamaal Muusaa Jiloo waamicha dhiheessan.

Shee Jamaal Muusaa Jiloo fi hooggansi mana marichaa dhimma kana irratti addatti OBN'f ibsa kennaniin uummata keenya rakkoof saaxilame deeggarree dararaa keessaa baasuu qabna jedhan.

Deeggarsi kennamus gubbaarraa hanga dakaatti akka hirmaachisu eeran.

Deeggarsi taasifamus cimee itti fufuu akka qabu dhaaman.

Hordoftoonni amantaa Islaamaa biyya keessaaf ala jiraatanis karaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa lakkoofsa Herreegaa 1000000023764 fi Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa lakkoofsa herreegaa 1000163534173 deeggarsa kanaaf banameetti maallaqaa galchuun deeggaruun akka danda'amus dureewwan amantaa kunneen waamicha dhiheessaniiru.
Lijaalem Abarraatu gabaase.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiiterii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

Guyyaa yaadannoo  Injifannoo Adwaa waggaa 127ffaan  Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti agarsiisa  gara garaan kabajame ...
02/03/2023

Guyyaa yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 127ffaan Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti agarsiisa gara garaan kabajame suuraadhaan

OBN Guraandhala 23,2015-Guyyaa yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 127ffaan Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti agarsiisa gara garaan kabajame suuraadhaan.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN Hordofaa
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadha

Bulchiinsi magaalichaa deeggarsa lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif walitti qabe gara godinichaatti erge Fin...
28/02/2023

Bulchiinsi magaalichaa deeggarsa lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif walitti qabe gara godinichaatti erge

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC) - Bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa akaakuu fi Maallaqaa Birrii miiliyoona 250 lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif walitti qabe gara godinichaatti erge.

Deeggarsichi kutaalee hawaasaa, dhaabbilee garaagaraa fi kutaalee magaalarraa kan walitti qabame ta'uu ibsameera.

Birrii miiliyoonni 104 Biiroolee, miiliyoonmi 37 Aanaalee fi Birriin miiliyoonni 109 abbootii qabeenyarraa walitti qabamuu eerameera.

Ummanni Booranaa gaarummaa fi arjoominaan beekkamu har'a hongeen miidhaman waan ta'eef waan dandeenyu hundaan tumsa ni taasiifna jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Aadde Adaanach qaamolee tumsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Deeggarsi marsaa 2ffaan kan itti fufu ta'uu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Aadde Adaanach Abeebeen Addabaaba'ii Masqalaatti argamuun deeggarsicha Itti Aanaa Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiif laataniiru.

Obbo Awwaluun deeggarsa bulchiinsi magaalichaa taasiseef galateeffachuun, godinaalee Oromiyaa 10 keessatti hongeen mudachuu kaasaniiru.

Mootummaan naannichaa lammiilee kanneen baraaruuf tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta'uu ibsaniiru.

Kutaaleen hawaasaas deeggarsa taasisan akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

OBN Guraandhala 17,2015- "Aarsaa kaleessa kanfalleefi bu'aa ba'ii kaleessa keessa dabarre yaadachuun, gadaantummaa kalee...
24/02/2023

OBN Guraandhala 17,2015- "Aarsaa kaleessa kanfalleefi bu'aa ba'ii kaleessa keessa dabarre yaadachuun, gadaantummaa kaleessaa keessa jiraachuu osoo hin taane, xiiqeffannee gara fuulduuratti injifannoo caaluuf hojjechuufi."-Obbo Shimallis Abdiisaa,Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.

Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kabaja hundeeffama magaalaa Shaggar sababeeffachuun marii paanaalii hoteela Sharaatan Addisitti geggeeffame irratti argamuun akka jedhanitti, boqonnaa rakkoo keessa baaneefi aarsaa hedduu Ummanni Oromoo qabsoo yeroo dheeraa taasisaa turee gara carraatti jijjiiruun injifannoowwan gurguddoo galmeessuun danda'ameera jedhan.

Hundeeffamni magaalaa Shaggar injifannoowwan kana keessaa tokko ta'uus eeruun, aarsaa kaleessa kanfalleefi bu'aa ba'ii kaleessa keessa dabarre yaadachuun, gadaantummaa kaleessaa keessa jiraachuuf osoo hin taane, xiiqeffannee gara fuulduuratti injifannoo caaluuf hojjechuuf akka ta'e Pireezedaant Shimallis hubachiisaniiru!

Kaayyoo hundeeffama magaalaa Shaggar kana milkeessuuf, hayyoonni biyya keessaafi alaa beekumsa qaban qorannoo geggeessuurra darbee, hojii qabataamaatti jijjiiruun tumsuu qabu jedhan.

Hoggansiifi hojjettoonni magaalichaa xiiqiifi kutannoo guddaan haala kanaan dura baratamee keessa ba'anii xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu qabuus dhaaman.

Magaalaan Shaggar qonnaan bulaafi abbootiin qabeenyaa keenya kan itti waliin misoomsan malee, magaala qonnaan bulaa nyaattu akka taatu hin barbaannu jechuun magaalaa haaraa kana bakka Ummanni Oromoo itti kabajamuufi aadaafi duudhaan isaa itti dagaagu gochuuf akka hoojettamus himaniiru.

Magaalli Shaggar qe'ee Tufaa Muunaa waan taateef, dhaloonni akka irraa baratuuf bakka awwaaa isaanitti siidaan isaanii akka dhaabbatus duubbatan.

Boordiin gorsitoota magaalaa Shaggar kan miseensoota hayyoota garaa garaa 15 qabus hundaa'eera. BKO

Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dirree waraanaa gara garaarratti dirqamasaaii  bahan  simatamaniiru.OBN Guraandhala 1...
23/02/2023

Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dirree waraanaa gara garaarratti dirqamasaaii bahan simatamaniiru.

OBN Guraandhala 16,2015- Miseensoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dirree waraanaa gara garaarratti dirqamasaanii bahatan, Gidduu gala Leenjii Bulbulaatti wayita simataman Suuraadhan.

deeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuf OBN horn of Africa hordofaa
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.

OBN Onkoloolessa 29,2015- Dr. Kabajaa Artisti Alii Birraaf Sirni Geggeessaa Gootaa isaaf malu Sadarkaa Biyyaalessaatti t...
08/11/2022

OBN Onkoloolessa 29,2015- Dr. Kabajaa Artisti Alii Birraaf Sirni Geggeessaa Gootaa isaaf malu Sadarkaa Biyyaalessaatti taasifameera.

Dr. kabajaa artisti Alii Birraa artistii angafaafi gameessaa Oromoon qabdu keessa hojiisaatiin yoomiyyuu hin dagatamu.

Artistiin kun waggoota 50 oliif hojii artii keessa kan tureefi sirboota adda addaa 267fi albamoota 13 nama qabuudha.

Lubbuun du'a hin ooltu akkuma jedhan artistiin beekamaan kun bara 1940 dhalatee waggaa 75ffaa isaatti Onkoloolessa 27, bara 2015 du'aan addunyaa kana irraa boqoteera.

Guyyaa har'aa kanas reeffa artistii kabajamaafi jaallatamaa kanaaf sirni geggeessaa gootaa magaalaa Finfinnee Paarkii Michoomaatti raawwateera.

Sirna geggeessaa kana irratti hoggantoonni olaanoo Federaalaafi Naannoo, Abbootii Gadaafi Amantaa, firoottaniifi dinqisiifattoonni isaa argamaniiru.

Namoonni sirna geggeessaa isaa irratti argamanis, artistiin kabajamaan kun boqotus, seenaan isaa bara baraan waan jiraatuuf, duudhaa isa irraa baranne cimsinee itti fufsiisuu qabna jedhan.

Sirni awwaalcha isaas bakka dhaloota isaa magaalaa Dirre Dhawaatti kan raawwatamuu ta'a.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

OBN Onkoloolessa 29, 2015- Reeffi Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa Buufata Xiyyaaraa Idil- Addunyaa Dirree Dhawaa gahe.Ye...
08/11/2022

OBN Onkoloolessa 29, 2015- Reeffi Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa Buufata Xiyyaaraa Idil- Addunyaa Dirree Dhawaa gahe.

Yeroo Reeffi Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa Buufata Xiyyaaraa Idil- Addunyaa Dirree Dhawaa gaheera.

Hoggantoota olaanoo Bulchiinsa magaalichaa, Jaarsolii biyyaafi abbootii amantaa akkasumas, hiriyootaa fi dinqisiifatoota isaatiin simatamaa jira.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

OBN Onkoloolessa 29, 2015-Sirni Gaggeessaa Reeffa Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa...
08/11/2022

OBN Onkoloolessa 29, 2015-Sirni Gaggeessaa Reeffa Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa Magaalaa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jira.

Sirna Gaggeessaa Reeffaa Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa kanarratti, Hoggantoonni olaanoo Federaalaa, Naannoolee, Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa, Jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa akkasumas, hiriyootaa fi dinqisiifatoonni isaa argamaniiru.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

OBN Onkoloolessa 29, 2015- Sirni Awwaalchaa Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa Magaalaa Dirree Dhawaatti raawwateera. Sirni...
08/11/2022

OBN Onkoloolessa 29, 2015- Sirni Awwaalchaa Dr. kabajaa Artisti Alii Birraa Magaalaa Dirree Dhawaatti raawwateera.

Sirni Awwaalchaa Dr. kabajaa Artisi Alii Birraa bakka hoggantoonni olaanoo Federaalaa, Naannolee, Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa, abbootiin amantaa, firootaafi dinqisiifattoonni isaa argamanitti bakka dhaloota isaa Magaalaa Dirree Dhawaatti raawwateera.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

OBN Onkoloolessa 29,2015- Sirna Gaggeessaa Dr.Kabajaa Artisti Alii Birraa Paarkii Michoomaatti raawwate itratti Pireezed...
08/11/2022

OBN Onkoloolessa 29,2015- Sirna Gaggeessaa Dr.Kabajaa Artisti Alii Birraa Paarkii Michoomaatti raawwate itratti Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Maal jedhan?

.Kabajaa Artisti Alii Birraan walqixxummaa, obbolummaafi tokkummaa uummattootaaf nama aarsaa kanfaledha.

qabsaa’aadha; Sagalee bilisummaa Ummata Oromooti; barsiisaa seenaa fi duudhaa Oromooti.

wal qixxummaafi obbolummaa Ummattootaaf, hundaa ol tokkummaadhaaf nama aarsaa kanfaledha.

Oromummaa haasaadhaan hin jiraanne, umurii isaa guutuu gochaan jiraate; Ummata Oromoo tokkoomsuu, Ummata Itiyoophiyaa tokkoomsuuf sodaa malee bilisummaafi wal qixxummaa ummattootaaf dhaabbachuufi dubbachuun hojjeteera.

ol ammoo Aliin bu’aafi injifannoo argame kunuunsuu, kan itti dabalamu dabaluu, kan hanqate qeequu, gorsuu, otuu dhibamuu waayee uummataafi biyya isaa nama dhiphatu; ija isaa keessatti biyya isaa kunuunsudha.

hundaa ol dhaloota ijaaruun furmaata waa hundaa akka ta’e hubatee, 'Barnootaa ammas Barnootaa' jedhee Ummanni keenya akka baratu, akka dammaqu,akka gabrummaa sammuu isaa keessa jiru cabsu, hamma barateen ammoo akka injifatu umurii isaa guutuu uummata keenya kan kakaase kan dammaqseefi kan utubedha.

yeroo rakkoos ta'ee gammachuu Ummata isaatiif sagalee kan ta’e hirkoo isaa Ummanni keenya dhabeedha.

haa dhabnu malee, hojiifi ergaawwan isaa hundumtuu bara baraan nu faana jiraatu; Ummata Itiyoophiyaa, Ummata Afrikaa faana jiraatu.

mataan isaa Itiyoophiyaadha; afaanoota Itiyoophiyaa torbaan sirbuun Ummata hunda Kaabaa-Kibbatti Bahaa-Dhihatti walitti fiduudhaaf artiidhaan namni akka isaa hojjetee hin jiru.

Oromoofi Ummanni Itiyoophiyaa haphee isaa tokkicha dhabeera; haphee kana waan inni hojjetee laphee keessa kaa’eefi yaadannoowwan isaa irraa barachaa, caalmaatti dhaloota ijaaraa hundi keenya fuulduratti deemuu qabna.

# Dr.Kabajaa Artisti Alii Birraan goota waan ta’eef, nama jaalataafi obsaadha.

OBN Onkoloolessa 27,2015- Artiist Alii Birraa boqate.Artistii Dr. Kabajaa Alii Birraa du’aan Addunyaa kanarraa boqateera...
08/11/2022

OBN Onkoloolessa 27,2015- Artiist Alii Birraa boqate.

Artistii Dr. Kabajaa Alii Birraa du’aan Addunyaa kanarraa boqateera.

Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi wal qixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artiist Alii Birraa du'aan boqochuun Ummata Itiyoophiyaa maraaf addatti ammoo Ummata Oromoof gadda ulfaataadha.

Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa Ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha.

Gumaacha Dr. Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadata.

Dr. Artiist Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta'eef, sirboonni isaa Itiyoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda'aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dr. Kabajaa Alii Birraaf Jannata ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawwaa, Sirna geggeessaa goota tokkoof raawwachuudhaaf Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamu hojiitti galee jira.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

OBN Onkoloolessa 27,2015- Ibsa Gaddaa!Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi wal qixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr....
06/11/2022

OBN Onkoloolessa 27,2015- Ibsa Gaddaa!

Gaaddisa artii Oromoo, falmaa bilisummaa fi wal qixxummaa dhala namaa kan ta'e Dr. Artiist Alii Birraa du'aan boqochuun ummata Itoophiyaa maraaf addatti ammoo ummata Oromoof gadda ulfaataadha.

Alii Birraa guddina artii Oromoo qofa otoo hin taane kallattii guddina siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo akeekuun injifannoo ummanni keenya har'a gonfateef nama gumaachaa qaalii taasisedha. Gumaacha Dr. Artiist Alii Birraa taasise dhaloonni bara baraan yaadata. Dr. Artiist Alii Birraa nama artiif amanamee ummataaf jiraate waan ta'eef sirboonni isaa Itoophiyaa biratti jaalala, sadarkaa idil addunyaatti ammoo dinqisifannaa guddaa argachuu danda'aniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Dr. Kabajaa Alii Birraaf Jannata ummata Oromoo, dinqisifattootaafi maatii isaatiif ammoo jajjabina hawwaa Sirna geggeessaa goota tokkoof raawwachuudhaaf Koreen Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaan hogganamu hojiitti galee jira.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.

OBN Onkoloolessa 26,2015- Barataa Fedhesaa Shuumaa, Jenereetara boba’aa malee ifa kennuu danda’uu kalaqe.Godina Qellem W...
05/11/2022

OBN Onkoloolessa 26,2015- Barataa Fedhesaa Shuumaa, Jenereetara boba’aa malee ifa kennuu danda’uu kalaqe.

Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambi Doollootti barataan Fedhesaa Shuumaa jedhamu Jenereetara boba’aa malee ifa kennuu danda’uu kalaqe.

Kalaqni kun jenereetari akka humna ibsaa maddisiisuuf ergaa gabaabaan ykn bilbiluun dhiyoorrattis ta’e fageenyarraa ibsuu fi dhaamsuun akka danda’amu barataa Fedhesaan himeera.

Yuuniversiitiin Dambi Doolloo barattoota kalaqa addaa qaban gara giddu gala ‘STEM’ ykn Saayinsii Teekinoloojii Injineringiifi Maatimaatiksii yuuniversiitichaatti simachuun dhaloota ga’oomsuurratti ciminaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Dargaggoon Fedhesaa Shuumaa barataa kutaa 7ti. Magaalaa Dambi Doolloo jiraataa.

Barataa Fedhesaan bara 2005 hojii kalaqaa kan eegale yommuu ta’u, yeroodhaa gara yerootti dandeettii waa kalaquu isaa gabbifachaa dhufuun har’a sadarkaa kalaqa olaanaa kanarra gaheera.

Kanaanis Barataa Fedhesaan Jenereetara boba’aa malee ifa kennuu danda’u kalaqusaa Yuunivarsitichi mirkaneesseera.

Kaayyoon kalaqaa kanaa inni guddaan rakkoo ibsaafi boba’aa akka naannooti jiru hambisuuf akka ta’e dubbata.

Kalaqni barataa Fedhesaa Shuumaa qaama miidhamtoota giddu-galeessa kan taasifateefi bilbilaan ifa ibsuu fi dhaamsuu akka danda’amutti kan kalaqe.

Yuuniversiitiin Dambi Doolloo kalaqni isaa kun sadarkaa kanarra akka gahuuf gumaachi taasisaafii ture olaanaadha jedha barataa Fedhesaan.

Yuuniverasiitiin Dambi Doolloo kalaqa teekinoloojiin dhaloota kenna addaa qaban ga’oomsuu irratti xiyyeeffatee kan hojjechaa jiru ta’uu Pireezidaantii Itti anaa Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Yuuniversiitichaa Pirofeesser Yooseef Shifarraa dubbatniiru.

Daanyee Tafarraatu gabaase.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Tiwiitarii:

Address

Harar
Miesso

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OBN horn of Africa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category