Ilu Aba Bor Prosperity Party Youth's League

Ilu Aba Bor Prosperity Party Youth's League News

Deeggarsi Ijaarsa Jaarmiyaalee Dargaggoo fi Fayyadamummaa Dargaggoo Sadarkaan Jiruu.Koree Supervizhinii Naannoofi Godina...
29/02/2024

Deeggarsi Ijaarsa Jaarmiyaalee Dargaggoo fi Fayyadamummaa Dargaggoo Sadarkaan Jiruu.
Koree Supervizhinii Naannoofi Godinaatiin Taasifamaa Ture Xumurame.
============
Iluu Abba Boorii fi Bulchiinsa Magaalaa Mattuu.
21,2016
■ Deeggarasa fi Hordofi Hojii Ijaarsa Jaarmayaalee Dargaggoo Sadarkaan Jiruufi Fayyadamummaa Dargaggoon Walqabatee Hanga Gandaatti Maal akka fakkaatu Koree Supervizhinii Naannoofi Godinaatiin Taasifamaa Ture,Hojiiwwaan Lafarratti Argaman Jajjabeysuun Kallattii Hojii Fuuladuraa Kennuun Milkaa'inaan Goolabameera.

Ijaarsa Biyyaa Keessatti Gaheen Dargaaggoota murteessa dha.  ====Gurraandhala 21/2016===   Dargaggootni Godina Iluu Abba...
29/02/2024

Ijaarsa Biyyaa Keessatti Gaheen Dargaaggoota murteessa dha.
====Gurraandhala 21/2016===
Dargaggootni Godina Iluu Abbas Boorif Magaalaa Mattuu Haala yeroo irratti maree geggessaa jiru.
Maree Dargaggoota kana Irratti argamuun kan Maryachiisan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaa Siyaasa Liigii Dargaggoota Dargaggoo Ahmeednuur Waaqoo fi Itti Gaafatamaa Siyaasa GIAB Obbo Rashiidoo Baalchaa too tahaan ,
Maateeriyaaliin marees I/G Liigii Dargaggoota GIAB Dar/ Nigaatuu Tolosaan dhihaatera.
Dargaggoonni Aanaalee Godina Iluu Abbaa Boorif Magaalaa mattuu irraa waliitti dhufaanis Yaadaaf Gaaffilee Gama Hawaasaa, Dinaagdee fi Hawaasummaa Kaasuun maryachaa jiru.

Godina Iluu Abbaa BoorLeenjiin Dargaggootaa Mata Duree "Dargaggoota Ijaarsa Biyyaaf!" Jedhuun Aanaalee Godina Iluu Abbaa...
14/01/2024

Godina Iluu Abbaa Boor
Leenjiin Dargaggootaa Mata Duree "Dargaggoota Ijaarsa Biyyaaf!" Jedhuun Aanaalee Godina Iluu Abbaa Boor Keessatti Kennamu Eegale.
====Amajjii 5/2016====
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaalee Garagaraatti Leenjiin Dargaggootaa "Dargaggoota ijaarsa biyyaaf" jedhuu irratti karaa bilchina qabuun kennamu eegalee jira.
Leenjiin kun Dargaggoonni Humna jijjiramaa tahani Ijaarsa biyyaa keessatti gahe Adda Durummaa qaban gabbisuuf Amajjii 5-09/2016 'tti akka kennamus Ibsameera.

Godina Iluu Abbaa BoorDargaggootni Godina Iluu Abbaa Boor biyya waloo Sabaa fi sablammootni hundi nageenyaan keessa jira...
24/12/2023

Godina Iluu Abbaa Boor
Dargaggootni Godina Iluu Abbaa Boor biyya waloo Sabaa fi sablammootni hundi nageenyaan keessa jiraatan dhaloota dhaalchisuuf fedhii fi jaalala keenyaan Raayyaa ittisa biyyaatti dabalamuun gahee keenya ni baana jedhan.

Godina Iluu Abbaa Booriitti dargaggoota Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuf qophaa'anii sirni gaggeessaan taasifame

Godinichatti dargaggootni fedhiifi jaalala Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamanis biyya sabaa fi sablammootni yaaddoo nageenyaa tokko malee keessa jiraatan dhalootatti dabarsuuf gahee gootummaa keenya ni baana jedhan.

Itti Aanaa itti gaafatamaa waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Masfiin Gazzahenyi dargaggootni fedhii fi jaalalli isaan biyya isaaniif qaban cimsuun humna Raayyaa ittisa biyyaa keessatti gahee isaanii ba'uun biyya nageenyii fi misoomni ishee eegame dhalootatti dabarsuu qabu jedhan.

Sirna geggeessaa kana irrattis Abbootiin gadaa Dargaggoota Raayyaa ittisa biyyaatti makamanis jaalalaafi kabaja biyyaa isaanii itti gaafatamummaa fi amanumummaa guutuu qabaachuun miira gootummaatiin daangaa birmadummaa biyyaa kabajchisuuf gahee isaanii ciminaan akka bahan kabajaan Alaabaa biyyaa kennuufiin geggeessaniiru.

19/12/2023

Nyaataa fi Nyaatamaa
Dokumentarii gochaa sukkanneessaa Shaneen ummata Oromoorratti raawwate agarsiisu.
Boru Roobii oduu sa'aatii 2n booda OBNn daawwadhaa. Dhaloonni yaa baratu!

11/11/2023
06/09/2023
"Uummataaf Biyya haqummaan  Tajaajiluun Kabaja dha!"  1  tajaajiluun kabaja keenya dha!💪    Itti Gaafatamaa waajjira Paa...
06/09/2023

"Uummataaf Biyya haqummaan Tajaajiluun Kabaja dha!"
1
tajaajiluun kabaja keenya dha!💪
Itti Gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Iluubaboor
Obbo Mosisa Lemesa 🙏

 Hagayya 11/2015Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Iluu Abbaa Boor ==============Waltajjii   Maree fi   Karoo...
17/08/2023


Hagayya 11/2015
Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Godina Iluu Abbaa Boor ==============
Waltajjii Maree fi Karoora Carraa Hojii Uumuu fi Ogommaa

Qooda Fudhattoota waliin bakka Bulchaan Bulchinsa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Endalkachew Teferi fi Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu "fi Ogummaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Mul'ataa jiranutti gabaasa hojii dhiyeessuun Waltajjiin Mana maree jalqabee jira.

01/08/2023
    Dargaggoonni Kenna Tajaajila lammummaa Gannaatiin Ittisa dhibee  busaaf bishaan ciisaa dhangalaasuuf duula Qulqullin...
01/08/2023


Dargaggoonni Kenna Tajaajila lammummaa Gannaatiin Ittisa dhibee busaaf bishaan ciisaa dhangalaasuuf duula Qulqullina Geggessan.
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Yaayyoo fi Dooraannii Magaalaa Elemootti
Qindeessummaa Jaarmiyaalee Dargaggoataan Kutaalee Hawaasa hirmaachisuun Waaqiti Gannaa Kana Ittisa dhibee busaaf bishaan ciisaan dhangalaasuun Fayyaaleessummaa Hawaasaa dabaluuf duulli Qulqullinaa fi bishaan ciisaa kuufame dhangalaasuun Itti fufiinsaan Geggeffamaa jira.

 ==Adoolessa 21/2015== Kenniinsa tajaajila lammummaa Aadaa fi Dudhaa miidhagaa walgargaarsa Ummata Oromooti__Qindoomina ...
28/07/2023


==Adoolessa 21/2015==
Kenniinsa tajaajila lammummaa Aadaa fi Dudhaa miidhagaa walgargaarsa Ummata Oromooti
__
Qindoomina Waldaalee Hawaasaa Jaarmiyaalee dubartootaa fi Dargaggoota waliin Karoora Qopha'ee fi Rawwii Hojii kenniinsa tajaajila lammummaa Hanqinaa fi cimina hojichi irra jiru Ilaalchisee Mareen qaamolee dhimmamtoota hojii kanaa ta'an waliin bakka Itti Gaafatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Iluu Abbaa Boor Adde Mitikkee Laggasaa fi Itti Gaafatamaan Siyaasa paartii Badhaadhinaa Obbo Rashidoo Baalchaa, Itti Gaafatamaa Liigii Dargaggoo Obbo Nigaatuu Tolosaa argamanitti Mariin Kun geggeffameera.

Marii kana irrattis Hojiin muxannoo gaarii ta'ee kalaqa A/Aalleetti Dubartootaan hojjatamee dhiyaatee jira, Dargaggoonnis hojii Muxannoo gaarii kana irraa barachuun hojii Uumuu Dargagaggoonni keenya akka irraa baratan aadaa hojii Uumuu gabbiffachuu akka qabanu himameera.

 Sirni Saaqinsaa Kennaa Tajaajila Lammummaa Qindeessummaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Godinaa Iluu Abbaa Bo...
14/07/2023


Sirni Saaqinsaa Kennaa Tajaajila Lammummaa Qindeessummaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Godinaa Iluu Abbaa Booraa Aanaa Mattuu Ganda Aallee Buhaatti Mana Maanguddootaa Ijaaruun Eegalamee jira.
Sagantaa Kana irraatti argamuun Dargaggootaaf Ergaa galateeffannaa kan dabarsaan Itti Gaafatamaa Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Rashiidoo Baalchaa fi I/G Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa GIAB Dargaggo Nigaatuu Tolosaa yoo tahan, Hoggansii Godinaa, Aanaa Mattuuf Dargaggoonni Sagantaa Saaqinsaa kana irraatti hirmaachuun Mana Hadhooli Ijaaruun Jalqabisiisaani jiru.
Bara kana Kennaa Tajaajilaa Dargaggootaatiin Mana Manguddotaa Hirkoo dhabeeyyi Haaraaf Haroomsaan 430 ijaaruuf akka karoorfames ibsameera.

13/07/2023
13/07/2023
 #𝘎𝘶𝘺𝘺𝘰𝘰𝘵𝘢 5 𝘲𝘰𝘧𝘢𝘵𝘶 𝘯𝘶𝘶𝘧 𝘩𝘢𝘧𝘢.
12/07/2023

#𝘎𝘶𝘺𝘺𝘰𝘰𝘵𝘢 5 𝘲𝘰𝘧𝘢𝘵𝘶 𝘯𝘶𝘶𝘧 𝘩𝘢𝘧𝘢.

''Dargaggummaan Ijaarsa Biyyaaf''!!Koonfiransiin Dargaggootaa Naannoo Oromiyaa marsaa 13ffaan Magaalaa Adaamaatti gaggee...
03/07/2023

''Dargaggummaan Ijaarsa Biyyaaf''!!

Koonfiransiin Dargaggootaa Naannoo Oromiyaa marsaa 13ffaan Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Koonfiransiin kun mataduree "Dargaggummaan Ijaarsa Biyyaaf" jedhuun gaggeeffamaa kan jiru yemmuu ta'u, I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Deetaa Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Aadde Munaa Ahimad dabalatee hoogganttootni sadarkaa garaa garaa fi dargaggootni guutuu Oromiyaa irraa babbahan qooda irratti fudhataa jiru.

 !!  Milkaa'ina Hiriira Deeggarsaa Guyyaa Har'aa geggeeffameef Dargaggoonniif Hawaasni keenya Gahe leencaa baatan.  Dhug...
02/04/2023

!!
Milkaa'ina Hiriira Deeggarsaa Guyyaa Har'aa geggeeffameef Dargaggoonniif Hawaasni keenya Gahe leencaa baatan.
Dhugaa isin dhaloota ida'amuuti.
Dhaloota seena hojjete, Hojjechaa jiru fi hojjechuuf qopha'e dha.
Isin qabannee wanti yaadnee osoo hin milkoofne hafe hin jiru.
Sirna jechuun waan biraa miti, kan harka keenya gale kunuunsaa, ittichaa fi sirna hin sochoone ijaaruun dhaloota dhufuuf haala mijataa uumudha.
Daandiin keenya ida'amuu, Galmi keenya Badhaadhina waloo dhaloota boruuf!
Dargaggoonni, Qeerroof Qarreen Hawaasni Iluu Galatooma, ulfaadhaa, kabaja bara baraa argadhaa!
I/Gaafatamaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Godina Iluu Abbaa Boor Dar/ Nigaatuu Tolasaa!

Amajjii 22, 2015 Konfiransiin maree dargaggoota GodinaIluu Abbaa Boor  Magaalaa Mattuuttii  geggeeffamaa  Turee Xumurame...
30/01/2023

Amajjii 22, 2015
Konfiransiin maree dargaggoota Godina
Iluu Abbaa Boor Magaalaa Mattuuttii geggeeffamaa Turee Xumuramee jira.
=====≠=≠=====≠==
Mareen Kun murteewwan yaa'ii 1ffaa liigii dargaggoota Paartii Badhaadhinaatiin darbe irratti hundaa'uun kan geggeeffamaa
Turee yoo tahu qabxiileen maree kun Ittigaafatamaa Liigii dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Godina Iluu Abbaa Boor Dargaggoo Nigaatuu Tolosa dhiyaateera.

Bulchaan Godinaa Iluu Abbaa Boor Obbo Indalkachew Taferii dargaggootni biyyaatti jijjiirama akka biyyaatti dhufe keessatti shoora olaanaa kan taphatan tahuu isaaniin siyaasa biyyatti keessatti hirmaannaa cimaa akka qabaataniifi gama hundaan fayyadamaa hawaas-diinagdee akka ta'aniif hojjetamaa jiraa jedhan.

I/G/Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Obboo Moosisaa Lammeessaa yaa'ii 1ffaa liigii dargaggoota Paartii Badhaadhinaatiin dargaggootni sabdaneessuummaa ijaaramaa jiru utubuun Itoophiyaa gama siyaasaa, diinagdeef diippiloomaasiitiin cimsanii Afriikaa keessatti biyya gahee adda durummaa bahattu taasisuuf kallattii taa'ee hojiitti hiikuuf ijaarama dargaggoota keenyaa cimsuu qabnaa jedhan.

 Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Iluu Abbaa Booritti, Dameen Koomishinii, Inspekshiinii fi Namuusaa Gamaggama Raaww...
27/01/2023



Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Iluu Abbaa Booritti, Dameen Koomishinii, Inspekshiinii fi Namuusaa Gamaggama Raawwi Hojii Kurmaana 2ffaa Geggessaa jira.
======///=====
Dameen Koomishinii, Inspekshiinii fi Namuusaa Waajjira Paartii GIAB Gamaggama Raawwi Hojii Kurmaana 2ffaa isaa Geggessaa jira.
Bu'uruuma kanaan Aanaaleen 4:- Aanaa Daarimuu ,Aallee ,B /Nophaa fi Magaalaa Mattuun Gabaasa isaani dhiheessa ni jiru.
I/G Koomishinii, Inspekshiinii fi Namuusaa Waajjira Paartii GIAB Obbo Biresaw Geleta Gamaggama Raawwii hojii Kana Geggessuun Hanqinoota fi Ciminoota jiran adda baasuun kallatti hojii Kurmaana 3ffaa akka kennamuus ibsan.

Murtoowwan yaa’ii 1ffaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaatiin darban irratti dargaggoota waliin marii gaggeessuuf...
27/01/2023

Murtoowwan yaa’ii 1ffaa Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaatiin darban irratti dargaggoota waliin marii gaggeessuuf qophii xumureera.
*******
Liigiin dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘Dargaggeessa Badhaadhina Itoophiyaa fi Afrikaatiif Tattaafatu’ jedhuun yaa’ii 1ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeesseen murtoowwan jajjaboo ta’an dabarsuunn isaa ni yaadatama. Murtoowwan yaa’ii kanaan darban irratti hubannoo dargaggootaa cimsuudhaaf jecha guutuu biyyattiitti mariin dargaggoota waliin akka gaggeeffamu ibsameera.

Marii kana akka Naannoo Oromiyaatti Amajjii 20/2015 irraa eegalee dargaggoota sadarkaa Godinaa, Magaalaa, Aanaa fi Gandaatti jiran waliin milkaahinaan gaggeessuudhaaf qophiin taasifamuu isaa Itti Gaafatamaan W/ra Liigii Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dargaggoo Adnaan Hajii ibseera.

Waltajjiin mariin kun caasaa liigichaa sadarkaan jiran cimsuu, nageenyaa fi tokkummaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuu akkasumas fayyadamummaa dargaggootaa dhugoomsuu fi dargaggeessa obbolummaa sab daneessa dagaagsuun badhaadhina biyyaatiif tattaafatu horachuuf gumaacha ol’aanaa akka qabu ibsuudhaan miseensotni, gaggeessitootni fi qooda fudhattootni sadarkaan jiran galma gahiinsa marii kanaatiif gumaacha barbaachisaa akka taasisan Dargaggoo Adnaan Hajii dhaamsa dabarseera.

Qooda fudhattootni marii kanaa hirmaannaa dammaqina qabu taasisuudhaan gahee isaanii akka bahatan kan dhaamame yemmuu ta’u, yaadotaa fi galteewwan marii kana irraa argaman cimsuu fi gabbisuudhaan galmoota fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuu fi badhaadhaadhina waloo dhugoomsuuf xiyyeeffannaan akka hojjatamus ibsameera.

 Biyyaafi Biyyee abbatuu eeggata   Godina Iluu Abbaa Boor Aanaalee Godinichaatti hojiin misooma sululaa har'a eegalame k...
23/01/2023


Biyyaafi Biyyee abbatuu eeggata
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaalee Godinichaatti hojiin misooma sululaa har'a eegalame keessa muraasa Suuraa dhaan!

 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Yaayyootti Oyiruun Kuduraaf Muduraa Qonnaan Bultootaa Kilaastaraan Misoomaa jiru Daawwatam...
23/01/2023


Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Yaayyootti Oyiruun Kuduraaf Muduraa Qonnaan Bultootaa Kilaastaraan Misoomaa jiru Daawwatame.
=====////====
Jiilli itti Aanaa Hogganaa Biiroo carraa hojii Uumuu Naannoo Oromiyaa Obbo Abdurazaaq Ahimad fi Bulchaa Godina IAB Obbo Indaalkaachoo Tafariin Durfamu Oyiruu Kuduraaf Muduraa Qonnaan Bultootaan Misoomaa jiru Daawwate.
Sagantaa Daawwanna Qe'ee Qonnaan Bultootaa kana irrattiis Bulchaan Godina Iluu Abbaa Obbo Indaalkaachew Tafarii fi Itti Aanaa hogganaa Biiroo carraa hojii Uumuu Naannoo Oromiyaa Obbo Abdurazaaq Ahimad jiila isaani waliin Argamuun Omish*toota kuduraa sanyii Filatamaa jajjabeessuun muxxannoon argamees akka babal'atuuf hirmaattotaa dhaamani jiru.
Qonnaan Bultoonni kunis deeggarsa gama Mootummaan isaaniif godhameef galateeffachuun, Omisha bu'aa qabeessa argachaa jiraniin Jiruuf Jireenyii isaani foyyeffachuuf Dinagdeen isaani Jajjabeessa tahus himan.

 "Biyyoo fi biyya abbaatu eeggata!➡  Godina Iluu Abbaa Booritti duulli hojii misooma sululaa eegumsa biyyee fi bishaanii...
22/01/2023


"Biyyoo fi biyya abbaatu eeggata!
➡ Godina Iluu Abbaa Booritti duulli hojii misooma sululaa eegumsa biyyee fi bishaaniirratti guyyoota 60f qaamolee hawaasaa hunda hirmaachisuun bona kana hojjetamu guyyaa Borii ni Eegalama.
====Amajjii 14/2025====
Akka Godina Iluu Abbaa Booritti Bara kanas hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii tajaajila lammummaatiin Sululaa 262 lafa hektaara 131,000 aanaalee 13 fi gandoota baadiyaa 262 keessaattii misoomsaa.
Ragaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Irraa Argannee akka Ifoomsutti, Sululaa misoomuu kana keessaattii bona kana hojjiwwaan eegumsa biyyoo fi bishaan Daagaa addaa addaa km 31532, Istrakicheeroota jiidhaa yaasanuu m³ 57164, jiidhaa quusatanuu lakk- 383,202 fi lafa tutuqqa irraa dhorkuu hektaara 10,248, Hallayaa hidhuu m³ 20,000 oli hojjetama.
Dabaalataan oomishaa fi omish*tumma dabaluuf buna dullomee heektaarri 15,162 akka haroomsuuf karoorfamee I/G Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Ascannaaqii Admaasu Ibsan.
Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachew Teferi, Hawaasni Iluu biyya qabeenya uumamaan faayamtee fi Badhaate dhaloota dhaalchisuuf, Kanaan Dura hojii galateeffachisaa dalagee jira.
Ammas tokkummaadhaan bahuun hojii eegumsa biyyeee fi bishaaniirratti hirmaachuun dirqama keenya bahu qabna jechuun Dhaamsa dabarsan.
Walumaa galatti Bara Kana duulli hojii misooma suluulaa eegumsa biyyee fi bishaanii guyyoota 60f geggeeffamu irratti qaamolee hawaasaa Godinichaa 191,609 ol ni hirmaatu jedhamee eegama.

ERGAA BAGA GEESSANI BULCHAA GODINA ILUU ABBAA BOOROBBO INDAALKAACHEW TAFARII⤵⤵◾◾◾◾◾◾◾◾◾Ayyaana Cuuphaa/Kataraa/ nagaa fi...
18/01/2023

ERGAA BAGA GEESSANI BULCHAA GODINA ILUU ABBAA BOOR
OBBO INDAALKAACHEW TAFARII⤵⤵
◾◾◾◾◾◾◾◾◾
Ayyaana Cuuphaa/Kataraa/ nagaa fi Milkii nuuf haa ta’u .
መልካም የጥምቀት በዓል ይሁንልን ::
🙏≠======≠============
Hordoftoonni Amantaa Kiristiyaanaa hundi baga Jala Bultii Ayyaana Cuuphaa /Kataraa /Nagaan isin gahe baga geessan !

Akka biyya keenyaatti Ayyaanni Cuuphaa /Kataraa / hordoftoota Amantaa kiristiyaanaa biratti Ayyaana iddoo guddaa qabuufi bifa addaatiin Uummatni hedduuminaan irratti argamuun kabajamu keessaa Ayyaana isa guddaa dha.

Hordoftoonni Amantichaas yeroo Ayyaana kana kabajatutti Ayyaanicha miira gammachuuf Waaqa gammachiisuun kabajuun Ulfaatina guddaa kan qabu Ayyaanni Cuuphaa duudhaa Gaarii qabnuun kan rakkate gargaaruun isa dhabeef keennuun miira jaalalaa fi tokkummaa qabuun waliif yaaduu fi wal tumsuun kennaa kabajamaa waaqa birattis nama birattis jaallatamuu dha.

Ayyaanni Cuuphaa Ayyaana Nagaa fi gammachuu qabu ta'uu isaatiin Uummatni hundi yeroo Ayyaanicha kabajachuuf ba'utti nageenya walii isaa fi naannoo isaa eeggachuun qaamolee Amantaa dawoo godhachuun gocha badii Amantaa fi Amantaa Walitti buusuuf socho'an irraa of eeggachuun duudhaa kaleessaa fi baroota keessatti wal kabajee waliin jiraachaa ture kunuunsee tikfachuun barbaachisaa dha.

Dabalataan dudhaan Amantichaa keessaa tokko kan ta'e immoo dhifama fi araara waliif taasisuun kan darbee dhisanii jaalalaaf tokkummadhaan waliin jiraachaa biyya waloo waliin qabnu keessatti Qaamolee al tokko Maqaa Amantaan, al tokko Maqaa Sabummaan, gabaa Siyaasaa isaanii Uummataa nagaa fi jaalalaan waliin jiraachaa ture addaan diiguuf gochi isaan hin raawatne hin jiru.

kanaaf yeroo Ayyaana Cuuphaa kana kabajnu isa balleesseef dhifama gochuun, mira jaalala obbolummaa fi tokkummaa onnee irraa maddeen waliin akka dabarsinu ergaa koo dabarsaa.

Akkuma beekamu Yeroon kun biyyi keenya waraanaa keessaa turtee irra garaa injifannoo Nageenyaatti darbinee waayitaa nagaan labsamaa jiruu dha. Kanaafuu jibba balleessinee jaalala yeroo itti filannu, nagaa fi araaraan buusuun biyya keenya gara badhaadhina hunda galeessatti ceesisinu akka nuuf ta'u hawwaa, ummatni Godina keenya waayitaa Ayyaana kana kabajatus Hawaasni Amantaa Kiristiiyaanaa garaagarummaa fi heddummina qabu akka miidhaginaatti qabatee Itoophiyaa waliin ijaaruuf duudhaalee waloo waliin qabdan daran cimisachaa hawwii badhaadhinaa milkeessuun tokkommaan ciminnee wal bira dhaabbachuu qabna.

Dhumarrattis ummanni Godina Iluu Abbaa Boor fi naannoo ishee jirtan martinuu akkuma yeroo kaanii nagaa Godina keenyaa fi Nannoo Ishee waardiyyaa taanee eeggachaa misooma dinanagdee damdaneessa galmeessaa Imala biyya keenyaaf tumsa barbaachisaa akka gootan kabaja guddaadhaan isin gaafachaa irraa deebi'ee maqaa koo fi maqaa Bulchiisa Godina Iluu Abbaa Booriin baga geessan jechaa Ayyaanni Cuuphaa (Kataraan) kun kan nagaa, kan jaalalaa fi kan gammachuu isiniif haa ta'u.

Address

Meskel Square
Metu

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ilu Aba Bor Prosperity Party Youth's League posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ilu Aba Bor Prosperity Party Youth's League:

Videos

Share


Other News & Media Websites in Metu

Show All