10/05/2024
Seenaa Jaal Dagaa Deenoo (Dagaa Hasan Maatii)
~ Nabaanii Shaafii 'tiin
Dagaa Deenoo (Dagaa Hasan) kan dhalate godina Jimmaa aanaa Saxxammaa ganda Doonee jedhamutti abbaa isaa Hasan Maatii fi haadha isaa Badiriyyaa Abbaa Awaajii irraa bara 1957 dhalate. Jalqaba barnoota amantii barate.
Barnoota idilee isaa immoo hanga kutaa 6ffaa achuma mana barumsaa sadarkaa 1ffaa magaalaa Gaatiraatti barate. Dagaan seenaa qabsoo Oromoo keessatti nama hojii guddaa hojjatee fi qabsoo hidhannoo naannoo kibba dhiha Oromiyaa keessatti bara 1983-1988 gaggeeffamaa ture, gara tokkoon maqaa gooticha kanaatiin yaadatama. Dagaan goota roorroo diinaa baachuu hin dandeenye ture.
Dagaan Ijoolummaa isaatti nama Farda gulfsiisuu fi tapha Geengee woraanuu jaallatu ture. Kan inni ittin beekamu keessaa tokko Addaanyummaadha; dhukaasee hin dhabu jedhama. Maqaa addaa inni maatiisaa biratti ittiin beekamu Abdulwahaab jedhamu qaba ture. Ijoollummaa isaatiin mucaa namni hundi jaallatu fi daldalaan beekamu ture.
~
Bara 1977 tti osoo barumsa irra jiruu mootummaan Dargii dirqamaan qabee gara adda waraanaa geesse. Kaambii leenjii waraana keessa osoo jiruu gaaf tokko wanti addaa tokko isa mudate. Dagaan amantaa isaas
Baayyee nama jaallatuudha guyyaa tokko salaanni geenyaan, bakkuma jirutti waduu’a godhatee salaatuu eegale.
Waahillan isaa hedduun itti hidhatan. Yeroo kanatti hogganaan waraana isaanii rasaasa mataarra qabee itti dhukaase.
Waahillan isaa hunduu rifaatuu sagalee rasaasaatiin salaata adda kutan. Garuu Dagaan didee salatee xumure. Sababa kanaaf adabbii garaa garaatu irra ga’aa ture. Qullaa isaa Bishaan qorraa keessa tursiisuu; nyaata namoota hedduu itti fe’anii lafa dheeraa deemsisuu fi k.k.f rakkisanii dararaa turan. Garuu gochi isaanii kun ejjannoo isaa duubatti deebisuu hin dandeenye Inumaa booda ofuma isaaniitii waamanii yeroon sagadni ga’ee salaati jechuunii eegalan.
Gaaf tokko ajajaan isaanii waraana walitti qabee Dagaadhaan ala namni biraa akka hin salaanne; Islaamni as keessaa Dagaa male hin jiru jechuun faarse sababani isaa sodaa rasaasaa salaata addaan kutuu waan dideef.
Dagaan kan ittiin beekamu tokko arjummaadha. Yeroo sabni isaa mootummaa Dargiitiin gibira gaafatamee waan kaffallu dhabu qarshii ofii kaffaleefii ummatasaa baraaraa ture. Arjummaa fi gootummaa isaa kana dhaloonni yeroo faarsu akkas jedha;
Dagaa abbaa hiyyeessaa
arjoomaa dureessaa
yaa aayyoo fakkiisaa
yoomuma nuu deessa?
ati yoomuu hin baddu
qalbii keenya keessaa
nutti agarsiifteetta
egeree bineensaa jechuun leellisufi.
Dagaan turtii waggoota lamaaf baatii jahaa booda gara iddoo dhaloota isaatti deebi’ee, jalqaba bara 1980 keessa bultii ijaare. Hojii daldalaa waan beekuuf akkuma galeen itti fufe. Kanaanis daldalaa beekamaa fi Abbaa qabeenyaa ta’uu danda’eera.
Gaaf tokko Dagaan aanaa Gommaa lafa gabaa Aggaaroo jedhamu keessa osoo jiruu saamtonni tokko akkuma amala isaanii dhufanii saba isaa rakkisaa akka jiran arge. Namoonni sodaa fi dhiphina hattoota kanaatiin liqimfamuu ogguu hubatu, Dagaan qabee to’annoo ofii jala olche. Namoonni gaafas akkas jedhan;
shiftoota hattuu ija jabaa
Dagaa Guumaa male
eenyutu nurraa qabee gadi dhaaba jedhanii leellisaa oolan.
Bara 1984 tti qabsoo karaa nagaa ummanni Oromoo gaggeessuuf eegaa ture gantoota ilmaan Tigiraayiin gufachuun Chaarterri diigamee, qabsoo hidhannoo haaressatti seename. Kanaan walqabatee bara Ce’umsaa bakka adda adaatti miidhamni guddaan qabsaa’ota Oromoo irra ga’aa ture. Dagaan miidhama saba isaarra gahaa ture kanaaf osoo gubataa jiruu, Abbaa Firaa A/Awaajii kan jedhaman gara mana jireenyaa isaa dhufanii akka qabsoo hidhannoo waliin gaggeessuuf yaadan itti himan.
~
Yaanni kun jalqaba Dagaan keessa waan jiruuf osoma hin turin ummata waliin marii gochuu eegalan. Jalqaba hawaasa aanaa Sigimoo fi Saxxammaa waliin marii taasisan. Akkasumas aanaa Gumaay fi Geeraa deemuun marii bal’dhaa waliin taasisan. Marii kanaanis Jaal Dagaa Deenoo aanaa Saxxammaa irraa dura bu’ummaan yoo filaman, Jaal Nabaanii Abaadir Sigimoo irraa dura bu’ummaan filamuun qabsoo hidhannootti seenaan.
Dagaan Qarshii Kuma 12 (kuma kudha lamaa) oliin meeshaalee waraanaa bitee ummata hidhachiisee waliin bosona seene. Adoolessa 4, 1984 tti humni gabroomfataa Wayyaanee haala sochii naannicha keessatti eegalame gufachiisuuf gara aanaa Saxxammaatti qajeelan. Yeroo isaan dhufanii naannoo bosona Galligaahoo Maqa Haji Tamaam jedhamu irra ga’an, waraanni Dagaa hidhatee bosona jiru tarkaanfii irratti fudhateen Wayyaanee konkolaataa tokko guutuu daaraa godhe.
Sana booda daandii Iluu Abbaa Booraa, Buunnoo Beddellee, Sigimoo fi Saxxammaa wal qunnamsiisu aanaa Gumaay irratti muka jigsuun, diinni akka isaanirra hin dabarre ofirraa ittisan. Waraanni diinaa humna jabeeffatee yeroo lammaafaaf Ooraalii lama guutee dhufe. Daandiin waan adda citee jiruuf, naannoo aanaa Gumaay Magaalaa Toobbaatti konkolaataa irraa bu’uun lafoo deemuu eegalan.
Humni diinaa aarii duraan waraanni isaanii hedduun naannicha keessatti dhume haaloo ba’uuf wal guuree dhufe. Waraanni Dagaa naannoo laga Dhidheessaa irratti osoo da’annoof lafa muraa jiranii oddeefannoo dhaga’uun dhaqanii naannoo Hallayyaa Futee jedhamutti diinaan kokkee walqabuun lola wallitti banan. Lola kana irratti diinni hedduun eega dhumanii, Dagaanis rasaasa diinaatiin rukutame. Rukutamuu isaatiin walqabatee waraanni isaa ni faca’e. Dagaan gara aanaa Sigimoo Jaal Naabaanii Abaadiritti xalayaa erge. Humni diinaa daran jabaatee akka dhufee fi waraanni isaa faca’ee akka jiru ibsuun, dafee akka qaqqabu itti dhaame.
Jaal Nabaaniin waraana isaa kaambii Joloo keessaa kaafatee gara aanaa Saxxaammaatti qajeele. Naannoo Hallayyaa Futee jedhamutti diinaa dhukaasa walitti banan. Waraana Dagaarraa hafan Wayyaanota 48 (Afurtamii saddeet) fixan. Meeshaa waraanaa irraa hiikachuun qawwee sadi-sadii hiratanii gara iddoo Dagaan jiru dhaqan. Yeroo waraanni Nabaanii bira ga’u, Dagaan madaa isaa hidhatee kallatii diinni dhuftutti gara galuun qawwee afaan dabarfatee eegaa ture.
Miilli isaa rukutame mala aadaatiin qorichi garaagaraa itti godhamus dandamachuu hin dandeenye. Caba lafee miila isaa deebisuuf lafeen hoolaa keessa ka’amuun dhidhiibamaa turullee, fayyuu hin dandeenye. Koomeen isaa rasaasa diinaaatiin garmalee waan miidhameef hedduu bittinnaa’ee ture.
Sana booda Fardaan dhoksanii aanaa Cooraa jedhamu keessaan gara Wollagga bahaa hospitaala magaalaa Naqamtee geessan. Hospitaalli magaalaa Naqamtee riferii gochuun gara hospitaala Xuqur Ambassaa magaalaa Finfinneetti dabarsan. Achitti eega yaalamaa turee booda, turtii ji’a 6 hin caalle keessatti ammas bosonatti deebi’ee qabsoo finiinsuu eegale.
Garaa ofii guttachuuf ‘‘kan sabaaf waan goone, uumaan isaa haa lagu’’ kan jedhu gootichi ilmi Oromoo Dagaan, eega bosonatti deebi’ee kan duraa caalaatti qabsoo hidhannoo jabeessuun lafaa kaasee kaambii waraanaa jaalleewwan isaa biroo waliin ijaaruun bifa haaraadhaan qabsoo hidhannoo eegale.
Aanaa Saxxaammaa ganda Sallaakkoo qarqara bishaan Sallaakkoo jedhamutti gootowwan akka H/Abdulqaadir Girgisii, Giddii Roobaa, Abbaa Diggaa Qaaqaa, Xaalibuddiin Harargee (Mirkana Sabaa), Munnawwar Muusaa (Uztaaz Abdallaa), Dr. Muhammad Wollaggaa, Muhammad Baalee, Kaliil Bishiqaa, Biyyaa Bishiqaa, Sharafuu Dhaabaa fi k.k.f waliin Muddee 15, 1986 kaambii waraana Sallaakkoo hundeessan.
~
Hogganaan waliigala Kaambichaa Xaalibuddiin Harargee ture. Itti aanaan ajajaa mooraa immoo Muhammadawwal Abdurramaan kan jedhamu ture. Muhammadawwal bara Chaarteraa hogganaa waraana ABO kutaa Iluu Abbaa Booraa jedhamuun Harargee irraa kan dhufe yoo ta’u, eega Chaarterri diigamee immoo waraana IFLO tti makamee lolaa ture.
Dagaan hanga tokko yaala argatee bosonatti deebi’us, miilli isaa guutummaatti hin fayyine ture. Garuu dhukkubbii luka isaa caalaa kan itti dhaga’amaa ture, gabrummaa sabni isaa jala jiru waan ta’eef bobba’uu hafus mooraadhuma keessatti gorsaa waraanaa ta’ee tajaajilaa ture. Qabsaa’onni Oromoo murannoon akka diina isaanii lolanii injifatan jajjabeessaa ture.
Jaallewwan qabsoo wantoota isaan rakkisee fi tooftaa diina irra aanuuf isaan gargaaru yeroo garaa garaatti Dagaa mariisisu ture. Murannoon inni osoo dhukkufsatuu manatti galuu didee bosona taa’u kun, hamilee qabsaa’ota hedduu ta’uu bira darbee caalaatti humni waraannichaa akka jabaatu taasiseera. Dagaa fakkeenya godhachuunis namoonni hedduun gara qabsoo hidhannootti seenaniiru. Isa waliin obboleewwan isaa sadi Sulxaan Deenoo, Rajab Deenoo fi Imaam Deenoo jedhaman qabsoo hidhannoo keessa turan.
Yeroo kanatti jaallewwan qabsoo osoo bobbiirra jiranii magaalaa Gaatiraatti to’annoo Wayyaanee jala seenan. Obboleessi Dagaa Sulxaan Deenoo jedhamu diina irraa qabsaa’ota kana baraaruuf namoota biroo waliin hidhatee gara magaalaa Gaatiraatti qajeele.
Caamsaa 5, 1986 waajjira mana hidhaa magaalaa Gaatiraa irratti haleellaa bananiin Wayyaanota 18 ol galaafatan. Sulxaan Hasan lolicha irratti woreegamee boolla sareen summiin duutee keessatti waliin awwaalame.
Xumura bara 1987 keessa yeroodhaa gara yerootti humni TPLF jabaataa dhufe. Qabsaa’onni hedduun ajjeefamuu, achi buutee dhabamsiifamuu, hidhamuun jabaatee itti fufe. Dagaanis qofaa isaa hanga xumuraatti mooraa kaambii Sallaakkoo keessa turuun ji’a soomaa (raamadaana) keessa gara manatti gale. Dinni oddeeffannoo dhaga’anii gara mana jireenyaa isaatti qajeelan.
Basaastuun Wayyaanee tokko ogguu isiin gara qe’ee isaa dhuftu sagaleen rasaasaa akka hin dhaga’amneef jecha Dagaan qabee morma isii guraadeen irraa gate.
Obboleettiin isaa Zakuu Hasan kan jedhamtu yeroo inni diina ajjeesaa turetti, isheen immoo qawwee (hidhannoo diinaa) irraa hiikuun boollatti guurtee awwaalaa turte.
Dagaan akka wareegamu Ramadaana guyyaa 16 halkan abjuun argee maatii isaatti erga himee booda akkas jedhe kan na'ajjeese diina kooti; kanan irratti du’e lafa kooti; kanan du’eef saba Oromoof’’ jedhee falmii isaa cimsee itti fufe. Osoo hin turin barii guyyaa Jimaata diinaan dhukaasa walitti bane. Naannoo mana jireenyaa isaa boroo fi balbalatti lafa gadi-fageenyaan muruun da’annoodhaaf akka tolutti qopheeffatee ture. Yeroo diinni gara balbalaan itti dhufu, boolla fuuldura manaatti qotame keessa taa’uudhaan ajjeesaa ture.
Dudduubaan ogguu itti dhufanis da’annoo keessa taa’uun fixaa ture. Mana keessa boroo fi balbalatti darbee waan itti dhukaasaa tureef salphaatti waraanni diinaa argachuu hin dandeenye ture. Kallattii rasaasni Dagaa irraa dhufu waan hin mul’dhanneef, namoota baay’eedhaan waan lolamaa jiru diinatti fakkaataa ture.
Ganama sa'atii afuritti dhukaasni eeratti baname hanga sa'atii 7:00 Oso hin daabbatin dagaan rasaasni harkaa dhumee saatii 7:30 wareegame.
Akkasumas obboleeyyan isaa 3 qabsoo keessatti kan wareegaman.
1 Rajab,Deenoo
2 Sulxaan,Deenoo
3 Imaam,Deenoo
Suuraan Tuntiyyaa Design
-