
27/08/2024
Galgala tokkotti miliyeenara ta'e
~~~
Rabbi guyyaa tokkotti seenaa kee jijjiira!
Milkaa'ina kee namarraa eegdaa? Lakki, abdiin karaa namaa fagoo si hin geessisu. Namni tarii har'a si eebbisee bor si abaara. Tarii har'a si kabajee bor si salphisa. Har'a si wajjin kolfee bor nyaara sitti guura. Har'a waadaa siif galee bor si gana. Waaqayyoon yoo abdatte garuu karaan fagaatus bakka yaadde ni geessa. Abidda keessatti waadamtee warqee taata. Nama Waaqayyoon abdatutti aduun hin dhiitu. "Naaf dhumeera...kanarra karaan hin jiru" gaafa ati jettu, "Lakkii kan kee ganaadha, si'achin jireenya si jalqabsiisa" siin jedha Waaqayyo!
~
Namichi argitan kun nama biyya Taanzaaniyaati. Maqaansaa 'Saniniu Laizer' jedhama. Albuuda baasuudhaan maatiisaa jiraachisa. Hojii kana waggaa baay'ee hojjete. Lubbuusaa balaarra buusuudhaan holqa lafaa seenee albuuda barbaada. Ijoollee baay'ee qaba. Waan inni hojjetu qoonqoo maatisaarra hin darbu. Garuu guyyaa tokko abdii kutee hin beeku. Jireenyasaa fooyyeffachuuf jedhee soba, hannaafi saamicha yaadees hin beeku. Lafa qota, albuuda barbaada. Boris lafa qota albuuda barbaada. Waaqayyo gaaftokko jireenya koo jijiiira jedhee abdata. Maarree abdiinsaa abdii qofa ta'ee hin hafne. Akkuma abdate ta'eef!
~
Tibba darbe keessa utuma albuuda barbaaduu, albuuda gati - jabeessa lama bakka tokkotti argate. Albuudonni kunneen walumatti kiiloo 15 ulfaatu. Albuudni hamma kanaa ulfaatu Taanzaaniyaa keessatti argamee hin beeku. Albuuda argate kana borumtaa gabaaf dhiyeessee doolaara Ameerikaa miliyoona 3.4tti gurgurate. Galgala tokkotti miliyeenarii ta'ee jiruusaafi jiruu ijoolleesaa, akkasumas jiruu hawaasa isaa sadarkaa guddaatti ceesisuuf carroome. Agartee? Waaqayyo yoo barbaade akkas godha. Isatti amani, isa abdadhu, dafqiimmoo hojjedhu. Namni bulee sitti jijjiirama, Waaqayyo garuu bulee si jijjiira!
Barruun kun waggaa lama dura waloo Lataa Qana'ii Aagaatiin kan maxxanfameedha. Eeyyeen inshaa Allaah wanti namatti ulfaataan Rabbiif ammoo salphaadha. Rabbiin waa jijjiiruuf hin rakkanne dhukkuba irraa gara fayyaatti, dhaba irraa gara argataatti, caba irraa gara fayyaatti jireenya keenya nuuf haa jijjiiru.
© Amar Temam