29/12/2024
Jilli walitti qabaa majilisa Aanaa Dedoo Haji Mahaammad Musxafaatiin durfamu naannoo kibba lixa Itoophiyaa Godina Kontaa magaalaa Ciidaa seene.
Jilli kun walitti dhufeenya ummata musliimaa cimsuuf masjiida bidhatee jedhamutti jama'aa muslimaa waliin sagantaa/muhadaraa gaggeessaa jira.
Sagantaa kanarratti bareessaan majilisaa Godina Kontaa Jamaal Maammoo argamuun dhufaatii jama'aa muslimaatti gammaduun Godina Jimmaatti heddu gammadanii, walitti dhufeenya keenyas cimsuun barbaachisaadha jedhan.