Sagalee missiraachoo

Sagalee missiraachoo Media

  Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” isaaniin jedhe"Mat. 28;20
24/12/2023

Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” isaaniin jedhe"
Mat. 28;20

Faarfataa Addisuu Waayimaa❤️👉 Namni gadi fageenyaan barumsa amantii cimsannaa hin hubanne tarii hundee amantiisaa gadi f...
13/10/2023

Faarfataa Addisuu Waayimaa❤️
👉 Namni gadi fageenyaan barumsa amantii cimsannaa hin hubanne tarii hundee amantiisaa gadi fageenya dhabuu danda'a. Barumsa kana liinkii kanarraa bifa aappii argattu! Liinkii Tuqa App isaa Buufadha
✝️👉 https://bit.ly/3FdLY83
https://bit.ly/3FdLY83

11/10/2023

Jireenyi Buddeen Garasi.

Barattuu Yuunivarsiitii Riiftivaalii kan taate  Obsineet Gaaroomaa qormaata ba'umsa Yuunivarsiitii(Exit Exam) bara kana ...
17/07/2023

Barattuu Yuunivarsiitii Riiftivaalii kan taate Obsineet Gaaroomaa qormaata ba'umsa Yuunivarsiitii(Exit Exam) bara kana akka biyyaatti kennameen sadarkaa biyyaatti qabxii olaanaa galmeessuu ishee Yuunivarsiitiin Riiftivaalii beeksiseera.

Qabxii olaanaa kanas kan galmeesitee Yuunivarsiitii Riiftivaalii damee Naqamteetti barattuu barnoota Narsiingii kan taate Obsineet Gaaromaa ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Obsineet Gaaromaa qormaata ba'umsa kanaan qabxii 99/100 galmeessisuun sadarkaa biyyooleessaatti qabxii olaanaa ta'e galmeessuun ishee eereera.

Yuunivarsiitiin Riiftivaaliis Obsineetif carraa barnoota digirii lammaffaa bilisaan akka argattuufi dabalataan ammoo damee Yuunivarsiitichaa barbaaddetti carraa hojii kennuufii beeksiseera.

27/05/2023

Seenaa anaaf si gidduu jiru sana.!

26/05/2023
10/05/2023

If you not busy

Say GOD is GOOD

Write on the comment!

God bless you

04/05/2023

MY lord!

Amman yaaduu danda'u caala
Narra baayyedha Oolmaan kee
Ijji koo yoomuu gara kee ilaalaa
Natti hin jijjiirrattuu amala kee

Waan baayyeen baree baradhe
Ati garuu hin baratamtuu
Oolmaa kee nan kudhaammadhe
Yoomuu na keessaa hin dagamtuu

GALATOOMI.. My lord.. thank you..!

22/04/2023

KUTAA 271FFAA
DU'ANII JIRAACHUUF JIREENYAA JIRAATAMU
______________/_________________
▪Du'anii du'uu mannaa otoon dhalatiin hafuu wayya.
Duutee yoo jiraachuuf hin jiraanne jiraatees gatii hin qabdu jechuudha.
▪Duutee jiraachuuf, dhalattee jiraachuu qabda.
Ergaa duutee jiraachuu barbaaddee amma jireenya waaqayyo barbaadduu jiraadhu jechuudha.
▪Dhalattee hin du'in,du'ii jiraadhu malee.
Waan dhalatee duutee jiraata miti garuu yesuus irraa lammaaffaa yoo dhalatee yoo duute iyyuu barabaraan jiraata.

___ Egaa namoota lamatu (2)jira.

1,Gaafa dhalatan kan du'aan
_Kana jechun Yesuus kiristoos otoo hin amanin warra darban.
_Seenaa dubbisaa garuu seenaa otoo hin hojjetin warra darban.

2,Gaafa du'aan kan jiraatan.
_Kana jechun Yesuus kiristoositti amananii warra darban.
_Seenaa hojjetanii seena kan dubbisiisan.
Egaa obboolleessa koo obboolletti koo dhalatee hin du'iin jechun dhaladhuu du'i jechuu koodha.
Dhaladhuu du'i jechun koo immoo Yesuusitti Amannii seenaa hojjedhuu darbi jechuu koodha.
Seenan du'ee hin dhalannee hin mammaakin seenaa ati gaafa duutu seenaa kee jiraachisu hojjedhu.
Kanaafan akkas sin jedhe
👉👇
●Du'anii jireenya dhabuu mannaa otoo hin dhalatiin hafuu wayya.

Ammaayyuu carraa qabda duutee jiraachuuf jiraatti jiraadhu.!

Nyaataa hin du'in nyaachisuufis nyaachaa nyaachisaa du'i.
Eebbifamaa 🙏

“Ilma isaa kanatti kan amanu itti hin faradamu, isatti kan hin amanne garuu, maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti waan hin amaniniif, iyyuu itti .”
— Yoh. 3:18

YESUUS NI DHUFA

SEENAA FANNOO...Jalqaba kalaqa koo isan fagoo waamameYesusee jireenya koo isa naaf waraanameAchitti naaf jalqabee golgoo...
14/04/2023

SEENAA FANNOO...

Jalqaba kalaqa koo isan fagoo waamame
Yesusee jireenya koo isa naaf waraaname
Achitti naaf jalqabee golgootaf qarani'oo
Isatu walitti nu fideem warra fagoo fi dhi'oo

Natti yaadatamee na keessaa hin dagatamu
Qabachuuf dhabuudhanuu naduraa hin dhokfamu
Sababa fayyuu kooti dhiphinni hagas ga'u
Utuu inni naan dhufnee anatu nama hin ta'u

Akkamittan dagadha goodaannisa jaalalaa
Jalqaba seenaa kooti akkamittan wallaalaa
Waranamuu isaatin waraansi koo sun oolee
Waanan ani hin dandeenye du'a koo isatu goole
Carraa jiraachuu kootii dhiigan naaf mallatteesse
Na jaalachuu isa dhugaa fannootti mirkaneesse

Jaalala kanarra caalu maaltu natti agarsiisaa
Yoommuu isaafan jiraadhaa mana kooti mannisaa
Maal kana qofa kanasaa imamee hin dhumuuf malee
Duuti na bituuf jennaan du'ee narraa kanfalee

Du'a maqaa balleessee moo'ee awwaalaa diigee ka'e
Hiriiree mirga abbaasaa teessoo buufatee taa'e
Warra shakkan mamanii warra mamsiisan
Isatti amananii inni duunan warra hamatan

Itti of mulliseet afaan qabachiise mitiiree warra karaa Emaa'us
Warra du'an keessa tarree ta'een jiruu isan hin barbaadinaa ka'ee jiraa yesuus
Isuma waliin akka jiraannu Biyya warra jiraatanii
Maqaa keenya nuuf caaferaa gammadaa warri isatti amantanii

Abdii abdatamee deebi'ee hin shakkamnee
Ulfina sammuu namaa tasuma hin geenye
Kakuu bara baraa afaan isaatin nuuf galee
Biyya ofii isaatii Samiitti nuuf ijaaree
Isuma nuuf dhaalchisuuf fannootti cinqaare
Arfii du'aa digee funyoo du'aas kutee
Ishoo natti tolee isaan nuuf bariitee
Jireenyicha dhaaluf qophaa'uun qooda koof keeti
Jabaadhu dhugaa baana warra isa hin beeknettis

Galatoomaa...

10/04/2023

Egaa, guyyicha, yerichas hin beektaniitii dammaqaa!” jedhe*.
Wangeela Maatewos 25:13

6 Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu kana irratti,saba hundumaaf cidhanyaataa fi dhugaatii,cidha nyaata coomaa fidaadhii wa...
21/02/2023

6 Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu kana irratti,

saba hundumaaf cidha

nyaataa fi dhugaatii,

cidha nyaata coomaa fi

daadhii waynii isa gaarii in qopheessaaf*;

7 inni tulluu kana irratti

gadda nama hundumaa irraa in balleessa,

isa saba hundumaa irra buufates

irraa in fuudha;

8 raawwatees du'a in balleessa,

Waaqayyo gooftaan

imimmaan ija nama

hundumaattii in haqa;

guutummaa biyya lafaa irratti

arrabsamuu saba isaa irra ture

irraa in fageessa;

Waaqayyo kana dubbateera*.

Address

Jimma

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee missiraachoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Sagalee missiraachoo:

Videos

Share

Category