Sanbaata Xiqqaa Irraa.

Sanbaata Xiqqaa Irraa. Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Sanbaata Xiqqaa Irraa., Social Media Agency, 0910934393, Hirna.

11/12/2023

Sona Badhaadhinaa; Kabaja lammiilee

Badhaadhinni paartii namooma giddu-galeessa godhate. Bu’aa argamu hunda dantaa lammiileetiin madaala. Kanaafis sonawwan isaa keessaa tokko ‘Kabaja lammiileeti’ kabaja lammiilee yommuu jennu kabaja lammileen abbaa biyyummaa ofiitiin argachuu malan jechuudha.
Haala
mijaawaa hunda galeessa lammiileen akka lammummaa isaanitti biyya ofiitiin boonuu isaan dandeessisu uumuu jechuudha. Kun ammoo, garaagarummaa eenyummaa tokko malee seera fulduratti haqa argachuu, fayyadamummaa haqa-qabeessa mirkaneessu; kenna tajaajilaa si’ataa fi haqa-qabeessa ta’e argachuu; mirgi lammiileen dhimma biyya ofiirratti murteessuu mirkanaa’e jiraachuutu barbaachisa.

Kanaaf, tajaajila kenninu hundi hangam kabaja lammiilee mirkaneessa jennee hojjechuu fi sona paartii keenyaatiin hogganamuu qabna.

11/12/2023

Sona Badhaadhinaa; Bilisummaa

Sona badhaadhinaa keessaa tokkummaa sabdaneessaa fi kabajni lammiilee maal jechuu akka ta’e maxxansaalee kana dura jiraniin ilaallee jirra. Inni sadaffaan ‘Bilisummaadha’ dha. Akka paartii nama giddu-galeessa godhatuu tokkootti Badhaadhinni bilisummaadhaaf xiyyeeffannaa addaa kenna. Akkuma tokkummaa sabdaneessaa fi kabaja lammiilee Bilisummaanis Sona ibsituu eenyummaa badhaadhinaati. Bilisummaan falaasama Ida’amuu keessattis fedhiiwwan ida’amaa dhala namaa keessaa tokko.

Bilisummaan haala mijaawaa lammiileen mul’ata qabataniin akka hogganaman hayyamu uumuu jechuudha. Gama biraatiin, keessa galtummaa anatu siif beekaarraa madduun bilisummaa lammiilee sarbuu dhiisuu jechuudha. Mirga barreessuu, amantii fedhe hordofuu, lallabuu, yaada fedhe ibsachuu, gurmaa’uu fi kkf mirkaneessuu gaafata.

Bilisummaan hirmaannaa hunda galeessaaf bu’uura!

11/12/2023

Baay’ee taanee akka tokkootti; tokko taanee akka baay’etti jiraachuu dandeenya.

Guyyaan ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa Naannoo Soomaalee Jigjigaatti kabajamaa jiru har’a goolabama. Daneessummaan keenya madda miidhaginaa malee yaaddoo gargarbahiinsaa hin ta’u.

Filannoon qabnu ’amuudha. Yoo ida’amne tokkoon keenya hir’ina kaan keenyaa guutuun humna waloo cimaa taana.

Baga Ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa 18ffaan nagana geessan!

11/12/2023

Tokkummaa sab-daneessa bu’uura Badhaadhina Itoophiyaa

Paartiin keenya baay’ee taanee akka tokkootti; tokko taanee akka baay’eetti jiraachuu dandeenya. Ida’amnaan Itoophiyaa Badhaatuu hundi keenya kabajamnee keessa jiraannu ijaaruun ni danda’ama jedhee amana. Kanaaf, amala sab-daneessummaa biyya keenyaa qixaan hubachuu fi fudhachuu gaafata.

Tokko taanee akka baay’eetti yommuu jennu, duudhaa fi sonni waloo akka Itoophiyaatti qabnu akka eegametti ta’ee, sana keessatti ammoo eenyummaa dhuunfaadhaan qabnu waliif kabjnee jiraachuu ni dandeenyaadha. Gama biraatiin baay’ee taanee akka tokkootti yommuu jennu ammoo; eenyummaa dhuunfaadhaan qabnu waliif kabjnee; eenyummaa waloo qabnuun ammoo miira biyyaaleessummaa uumuun tokkummaa akka biyyaaleessaatti qabnu eegnee fulla’uu ni dandeenyaadha.

Baga Ayyaana sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa 18ffaan nagana geessan!

11/12/2023

Waliigaltee biyyaaleessaa ijaarsa biyyaa bu’uura cimaa qabuuf
==
Galmoota sagantaa siyaasaa badhaadhinaa keessaa tokko waliigaltee biyyaaleessaa uumuudha. Waliigalteen biyyaaleessaa biyya cimtuu fudhatamummaan ishii mirkanaa’e fulla’inaan ijaaruuf baay’ee murteessaadha.

Dhimmoota hundarratti waliigaluun kan hin danda’amne ta’ullee, waldhabdeewwan fulla’insa biyyaarratti balaa aggaamuu danda’an bu’uuraa hiikuu fi dhimmoota murteessoo biyyaaleessaa tokkummaa sabdaneessaa cimsanii fi fudhatama biyyaa waaraan mirkaneessan irratti waliigaluun baay’ee murteessaa akka ta’e Badhaadhinni ni amana.

Kanaaf gama tokkoon seeneessa qeenxee waldhabdee dhaadheessan seeneessa waloo tokkummaa biyyaaleessaa ijaaraniin bakka buusaa gama biraatiin ammoo, boqonnaawwan jibbiinsaa fi haaloo marii fi araaran cufaa deemuun tokkummaa biyyaaleessaatiif baay’ee murteessaadha. Kanaaf ammoo tumsi lammiilee hundee ni eegama.

11/12/2023
11/12/2023

Malaammaltummaan Diina Waloo Keenyaa Waan Ta’eef Gamtaadhaan Irratti Qabsaa’uu Qabna!

Malaammaltummaan danqaa guddina dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa ta’uun dhiibbaa gurguddaa geessisaa jira. Yakkii malaammaltummaa daangaa biyyootaa kan qaxxaamuruufi dhiibbaan geessisus hamaa ta’uu isaatiin Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Addunyaa 190 waliigaltee waloo mallatteessuun tarsiimoo yakkoonni malaammaltummaa ittiin qolatamu hojii irra oolchaniiru. Kanaanis biyyoonni tokko tokko qabsoo farra malaammaltummaa gaggeessaniin milkaa’aa kan jiran yoo ta’u biyyoonni hedduun garuu ammayyuu qormaata malaammaltummaatiin muddamaa jiru.

Biyyi keenya Itoophiyaan waggoota kurnan lamaan darbe waliigalticha mallatteessuun hojiirra kan oolchite yoo ta’u malaammaltummaa ittisuufi too’achuun waliigaltee sadarkaa Idil-Addunyaatti taasifame mirkaneessuu, qabeenya malaammaltummaan saamame deebisiisuufi qabsoo farra malaammaltummaa cimsuuf hojiiwwan garaa garaa hojjetamaa jiraatus yakkoonni malaammaltummaa yaaddoo biyyaa ta’uun itti fufeera.

Malaammaltoonni tasgabbii dhabuu biyyi keenya yeroo dheeraaf keessa turte, cabiinsa naamusaa dhaloonni keessa seeneefi xiyyeeffannoon hojichaaf kenname laafaa ta’uu hordofee hanni bu’uura hawaasummaa akka qabatu taasiseera. Kanaaf ilaalchi hamaan kan gaafa muudame hin nyaanne gaafa bu’u gaabba jedhu barmaatilee badaa yakkoonni malaammaltummaa hawaasa keessatti akka babal’ataniif bu’uura kan buusedha. Mootummaan Naannoo keenyaas ta’e akka biyyaatti waggaa darbe irraa eegalee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuun hattootatti luugamni akka kaa’amuuf murteessee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Tarkaanfilee naannoo keenyaatti barii jijjiiramaatii eegaluun hanga bara 2015-tti fudhatameen galmeewwan 2,663 ta’an irratti murtiin kan kenname yoo ta’u kanaanis qabeenyi qisaasame qarshiin biliyoona tokkoofi miliyoona 355 ol akkasumas lafti kaare meetira 1,887,159.71 akka akka deebi’u taasifameera. Kana malees, qarshii 3,380,440,389fi lafti kaare meetira 2,735,578.50 akka dhorkamu ta’ee qoratamaa jira. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuufi hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu irratti tarkaanfiin eegalame cimee itti fufa. Mootummaan hojmaata badaafi hanna duudhaa uummataa cabsee hanga birmadummaa biyyaa miidhuutti aggaammii taasisaa jiru akkuma diina waraanutti waraanaa jira.

Kana malees, qorattoonni hojii qorannoo isaaniitiin saaxiluu, dhaabbileen barnootaa dhaloota malaammaltoota baachuu hin dandeenye ijaaruun, hojjettoonni mootummaa rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikuufi kenna tajaajilaa amanamummaan fooyyeessuu, dhaabbileen Haqaa Haqa uummataatiif hojjechuufi muudamtoonni siyaasaa imaanaa uummanni itti kennateef amanamuun qabsoo farra malaammaltummaa saffisiisee biyya jaalannu akka ijaarru taasisa.

Qabsoon kunis cancala guduunfaa hattoonni harka dhoksaa lafa jalaatiin fo’an salphaatti cicciree olaantummaan seeraa akka kabajamuuf haala mijeessa. Kun ammoo qabsoo obsa fixachiisaa daangaa hanga daangaatti uummata hirmaachise taasisuun malaammaltoonni akka tufamaniifi qabeenyi biyyaas akka baraaramu taasisa.

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa; hanni hidda gad fageeffachuun duudhaafi safuu uummataa diigee diinagdee biyyaa kan miidhu qofa osoo hin taane tajaajila mootummaan tolaan uummataaf diriirse gatiin akka bitatu taasisa, rakkoo nageenyaafi okkora garaa garaa uumee biyya tasgabbii dhorkuun waraana keessa tursa, wal amantaa hir’isee garaa garummaa bal’isuun hawaasummaa jidduutti sanyii diinummaa kan facaasuufi sirna diimokiraasii quucarsuun birmadummaa biyyaa gaaffii keessa galcha.

Gocha badaa akkasiif uummanni keenya araarama tokko malee itti fufiinsaan qabsaa’uu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas yakkoota malaammaltummaa hundeerraa maksuuf dhaabbilee ciccimoo ijaaruun hojmaatota hannaaf saaxilamoo ta’an sirreessuu, qabsoo uummataa jabeessuufi dhaloonni duudhaa ganamaa akka baratuuf barnoota safuu hojii irra oolcheera. Dhaloonni safuu beeku hanna ciiga’a. Ofii isaaf osoo hin taane biyyaaf dursa kennee birmadummaa biyyaa cimsuun sirna dimokiraasii jabeessee imala badhaadhinaa milkeessa.

Ergama guddicha kana milkeessuufis halkaniifi guyyaa harka wal qabannee hojjechuu qabna.
Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa guyyaa farra malaammaltummaa bara kanaa wayiita kabajnu malaammaltummaan diina waloo keenyaa ta’uu hubannee gamtaadhaan irratti qabsaa’uu akka eegalluufi egeree biyyaatiif ammoo dhaloota barnoota safuutiin ijaarame akka itti guddifnu waamicha keenya dhiyeessa.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Mudde, 2016
Finfinnee

10/12/2023

Hordoftoota


Nu filattanii waan nu hordoftaniif galatoomaa!

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

10/12/2023

Malaammaltummaa Aduu Qabsoo Uummataatiin Gogsina!

04/12/2023
04/11/2023


magaala daawwatameera.

/02/2016


itti hojjechaa jirruu fi manduubee irratti oomisha kuduraa fi muduraa, biqiltuu nyaatamuu fi bareedinaa dabalatee hojiilee gama misooma qonna magaalaan hojjetamaa jiru daawwateera.mana duubatti ,dhaabbilee gara garaa keessatti fi waajjiroota dabalatee iddoowwan qonna fi magariisummaa hedduun akka jiru hubachuun kan danda’amuudha.

Address

0910934393
Hirna

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sanbaata Xiqqaa Irraa. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share