Faya Multimedia

Faya Multimedia Subscribe Faya Multimedia

03/07/2023

Amaloota namoota milkaa'anii 7:
# Akka hayyuu xinsammuu Steevan Koovey kitaaba isaa 'The Seven Habits of Highly Effective People' keessatti barreessetti namoonni
Jiruu fi hojii isaanii keessatti milkaa'an amaloota tokko isaan godhu torba qabu jedhan!

AMALOOTA TORBAN(7)
1. Be Proactive ⁃ Nama dursee yaadu, osoo rakkoon tokko hin dhalatiniin duratti nama itti qophaa'u ta'uu. Waan fagoodhaa namatti as deemaa jiru lafuma jala tilmaamudhaan itti qophaa'uu!
2. Begin with the end in mind ⁃ Waan tokko wayita eegalan kaayyoo dhumaa sammuu keessatti qabaachuu, waan hunda dura mul'ata isa dhumaatif xiyyeeffannaa guddaa kennuu. Gufuulee xixinnoo nama mudataniin sakaalamuu osoo hin ta'in kaayyoo keenya bira gahuuf kaayyeffanne sana yaadachuun jabaachuudha.
3. Put first things first ⁃ Waan dursuu qabu dursuu. Waan hunda altokkotti galmaan gahuun waan hin danda'amneef wanta dursa kennuufii qabnu dura hojjechuu.
4. Think Win Win ⁃ Hariiroo namoota waliin qabnu keessatti gareen lameenuu haala itti injifatu irratti xiyyeeffachuu. Ofuma qofaaf milkaa'uu fi gammaduu osoo hin ta'in namoonni kan biroos akka gammadan yookin akka sababa keenyaan miidhaan irra hin geenye yaalii godhuu.5. Seek First to understand and then to be understood ⁃ Namoonni maalif na hin hubanne jechuudhaan duratti namoota hubachuudhaaf yaaluu!
6.Synergize ⁃ Wantoota hojjannu keessatti waan qabnu hunda, yeroo, dandeettii, maallaqa keenya wal dandeessisuu; keessattuu akka dhaaba tokkootti yookiin waajjira tokkootti yoo sochoonu wantoota qabnu wal simsiisnee hojjachuu!
7. Sharpen the Saw ⁃ Ilaalcha keenya qaruu. Waan tokko akkaataa sirrii ta'een hubachuuf yaaluudha.
kana fakkaata. Waan kana irraa waan guddaa akka hubattan abdiin qaba.

Address

Hirna

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Faya Multimedia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share



You may also like