20/06/2025
Dargaggeessa abbaan isaa isa qofa qabuu fi baay'ee wal jaalatan tokkootu ture. Abbaan isaa yeroo hunda fakkeenyaan waa isa barsiisaa ture. Dargaggeesichis hojii isaatti nama milkaa'aa fi ko'oommataa ture.
Osuma hojiin isa mudduu bara tokko akka fuudhuu barbaadu abbaa isaatti himate. Abbaan isaas baay'ee gammade. Dargaggeessichis michuu baay'ee jaalatu akka qabuu fi yeroo murtaa'een boodas haadha manaa isaa godhachuu akka qabu itti himate. Yaaddoon isaa garuu waan tokko ture. Innis, yeroo waan hin qabneef akkamiin akka qophii cidha isaa sana xumuratuu dha. Yaaddoo isaas abbaa isaa isa ogeessaatti himate.
Abbaan isaas waan hundumaa salphaatti akka isaaf xumuruu fi yeroo hundumaa akka isaa wajjiin jiru itti hime. Dargaggeessichis baay'ee gammade. Dhuma irrattis guyyaa cidha isaa sana hiriyoota isaa akka isaan irraa hafan hin barbaannee fi baay'ee jaalatu akka qabu abbaa isaatti himate. Akka abbaan isaa isaan waamuufis maqaa fi lakkoofsa bilbila isaanii toora galchee kan namoota shantamaa itti kenne.
Qophiin hundumtuu dhumee guyyaan cidha isaas ga'e. Hiriyoota isaa waliin seenaa dheeraa qaban, wajjiin nyaatanii wajjiin dhugan, karaa dheeraa waliin deemanii fi gatii baay'ee waliif baasaa turan, warra waadaa baay'ee waliif seenuun irbuu qaban eeguun ittuma fufe. Namni galma guddaa cidhaaf qophaa'e keessatti argame garuu namoota shantama keessaa kudha saddeet qofa turan. Dargaggeessichis abbaa isaa bira deemee, "Abbaa koo hiriyyoota koo naaf waamtee jirtaa? jedheen. Abbaan isaas, "Eeyyeen ilma koo siif waameen jira" jedheen. Gurbaanis, "Ani akka ati isaan waamtuuf maqaa fi bilbila hiriyyoota koo shantamaan sitti kenne. Kan dhufe garuu nama kudha saddeet qofa. Akkamitti hiriyyoonni koo waamamanii cidha koo irraa hafuu?" jedheen.
Abbaan isaas, "Ani nama shantaman siif waame. Kanan isaan waame garuu cidhaatu jira jedhee osoo hin taane, rakkoo hamaa keessa seenee jira. Isiniin ala nama waammatu akka hin qabne natti himate. Rakkoo hamaa isa mudate kana keessatti immoo gargaarsa keessan barbaadaa dhaqqabadhaa jedheetan waame. Kanaaf hiriyyoonni kee warri dhugaan warra rakkina kee keessatti si dhaqqabachuu dhufe isaan kanaadha waan ta'eef hundumti isaanii as jiru. Warra kaan immoo ati bilbiliifii cidhan qaba, nyaataa fi dhugaatiin qopheessee jira. Kanaaf koottaa waliin nyaannee dhugnee gammadnaa jedhiitii waami ni dhufuu!" jedhee deebiseef!
✪ Obboleeyyan koo nuti bara jiraannu hundaa keessatti hiriyyoota baay'ee horannee jirra. Daa'imummaatti warra wajjiin taphanne, Mana barumsaa sadarkaa gadiitti kan wajjin baranne, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti kan wajjin wal barre, mana barumsa sadarkaa 2ffaa fi ophaa'insaatti kan isaan wajjiin waan baay'ee keessa darbine, akkasuma kolleejjootaa fi Yuunivarsiitiitti kan wajjin karaa dheeraa deemnee rakkoof dhiphina baay'ee dhandhamne, kan wajjiin daldallee fi wajjiin waajjira tokko keessa hojjenne hedduu qabna.
Baay'een isaanii nu dhiisanii deemaniiru. Baay'een isaanii nu irraanfataniiru. Isaan kaan kan wajjiin kolfinu. Isaan kaan immoo kan wajjin nyaannee dhugnu turan. Hanga ammaatti kan nu wajjin jiran, rakkannee waamnee nu cinaatti argamuu kan danda'an warra nuti hiriyaadha jennee horanne sana hundaa miti.
Hiriyaan dhugaa yoo jiraate kan guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane kan guyyaa gaddaatisi. Kan guyyaa bal'inaa qofa osoo hin taane kan guyyaa rakkinaatisi.
⩩ Kan guyyaa dhabuu fi argachuuti.
⩩ Eeyyeen, hiriyaa dhugaan kan yeroo hundumaati. Rabbiin kuma affeerraa keenya dhufee rakkoo keenya dheessu irra, tokkicha yeroo hundumaa nu cinaa dhaabbatu nuuf haa kennu! Aamiin!
Gatiin Namaa Guddaadha!