29/08/2026
Yaada nama bilchaatee kana dubbisaa galatoomi👇👇
“Miskiina hin a-jjeesiinaa!” jechuun Jawar Mohammed waanuma sirriidha. Nama siyaasaa guddaa akka Jawaar dhageettii qabuufi addunyaan afaansaa dhageessu akkanaarraa waanuma akkanaatu bareeda. Kan a-jjeefamaa jiru dhugumayuu miskiina ta’uu dhiisuu danda’aa beeki. Akka nama dhageettii idil-addunyaa qabu tokkootti, “Adaraa miskiinatti hin bu’iinaa!” jechuun ija addunyaa biratti qabsoo sabaa waan fayyadu malee waan miidhu hinqabu. Harka lafa jalaa [Harka siyaasaa]-tiinimmoo ragaa dhoksanii tuuta saba ofii cunqursitu dhoksaatti biyyoo arraabsisuun numa danda’ama. Namni akka Jawaar, “Hundumaa walitti qabaa duguugaa!” jedhee dubbachuurra, “Adaraa miskiina hinxuqiinaa!” jedhee dubbachaa, lafa jalammoo a-jjeesee dursee boo’uufii wayya. Nama ofumaa ajjeefteef dursitee boochee boochisuu jechuudha. Kun miidhaa lama diinaarran gaha.
1- Galaafattee saba keef ijaa bahuu.
2- Qaama galaafatte sana akka waan harkikee qulqulluu ta’eetti boocheefii eenyu akka ajjeesellee wallaalchisuu [Kuni “Boo’icha saamuu” jedhama]. Jawween afaan siyaasaa kana haasa’e. Malee akka nuyi jennu kana jibba Oromoo qabaatee diina ofitti aanfachuu faana waan walfakkaatu miti. Dogoggorri Jawwee garuu, gaafa jarri nama keenya fixxu callisaan irra darbee gaafa kan jaraa dhumtummoo callisee taa’uu dadhabuu isaati.
Alex Taayyemmoo dhugaa qaba. Qaama miidhame [Saba haleelame] keessaa dhalate. Akka jarri Oromoodhaaf aantii homaayyuu hinqabne bareechee beeka. Ammoo dhaloota Qeerroo Oromoo dantaa sabaa dabarsee hin kennine keessaa dhalatelleedha. Beekaa jaraas haata’u wallaallaan isaanii Oromoof ilaalchuma akka qaban beeka. Qaama baratee Baahirdaar taa’ee oogganus ta’ee kan hidhatee bosona jiru jaraa ilaalcha Oromoo irratti wanti adda isaan godhu hinjiru. Jara hidhattee caakkaa jirtus ta’ee kan mootummaa taatee bulchaa jirtu biratti Oromoon hundumtuu shaneedhuma -Dr Abiyyii dabalatee jechuudha. Dhimma Oromoo miidhuu irratti, ilaalcha Oromoo balleessuu irratti jarri miskiina hinqabdu. Namuma Oromoon miskiina jedhee ofitti qabutu gaafa nyaattee quufte diina ta’ee biqila. Jaartii Amaaraas ta’ee jaarsa Amaaraa, hayyuu Amaaraas ta’ee qote-bulaan Amaaraa, Oromoodhaaf ilaalchuma tokko qabu -innis argaa Oromoo dachiirratti jibbuudha. Kanaafuu, Shanee mootummaas haata’u, WBO Jaal Marroon oogganus haata’u, aliimmoo seexana Oromoollee maan taane, murna nyaapha seenaa taate sana kan dachii Oromoorraa waraanee ari’atuuf deeggarsa 100% qabna!✌️
{Dhibbaan dubbii arraba Jawaar jecha lamaa sabaaf sab-lammoota biyyattii biratti qabuufi, barruun dheeraa Alex Taayyee barreessu Fardaaf lafoodha}! Kanaan xumurra::
Dhugaa hadhooftuu namuu beekuu qabu tokko garuu, kanuma nuyi miskiina jennu kanatu jaraaf laatee obaasa. Kanuma nuyi miskiina jennutu jara hidhachiisee lolchiisa. Kanuma nuyi miskiina jennutu jara wajjin ta’ee qe’ee Oromoo gubee barbadeessa. Hammuma fe’e utuu qaama isaanii hidhatee bosona jiru deeggaruuyyuu baatanii, qaamni isaanii hidhate sun kan Oromoo ajjeesuu irratti bobba’e taanaan miskiinonni sun isaan duukaa hiriiru. So, gama sana raawwatee miskiinni inuma hinjirre [Dhimma ilaalcha Oromoof qaban irratti jechuudha]. Alex kana hubate. Kanaaf gubate. Nama walitti qabdee Shanee namaan jettu walitti qabanii Faa-nnoo jechuuniin homaa waan raajii miti.
Ammoo nama keenya ni gorfanna, ni sirreeffanna. Malee itti hin duullu. Oromummaas irraa hinfudhannu. Anaaf jarri kun lameenuu sirriidha. Akkaataan ani sirrummaa lamaan isaanii walbukkee oofes kanuma armaan oliiti.
Oromiyaa ni ijaarra!
Jawaar ni tumsina!
Alex ni tasgabbeessina!
Gadaan quufaa gabbina!🍷🚶