13/12/2024
.
# # # # # #
Galmeen Barattootaa Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2017tti fudhatan Muddee 6/2017 Karaa Toora Intarneetii (Online) Ni Eegala.
1,280 ta'an Barattoota isaanii qorsiisuuf qophii taasisaa jiru.
Istriimii Saayinsii Hawaasaa (Social Science) = 90,877
Istriimii Saayinsii Uumamaa (Natural Science) = 128,423 yammuu ta'u walumaa galatti barattoonni 219,300 ta'an qormaaticha fudhachuuf qophii taasisaa jiru.
BBOtti Daayirektarri Madaallii Barnootaa, Qophiifi Bulchiinsa Qorumsaa Obbo Huseen Qaasim galmeen barattootaa Kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaa fudhatanii Muddee 6/2017 kan eegalamu ta'uu ibsanii jiru.
Barattootaa kun karaa toora intarneetii (Online) kan raawwatamu waan ta'eef, bifa qulqullina qabuun akka raawwatuuf barattoonni odeeffannoo guutuufi qulqulluu ta'e qaama isaan galmeessuuf akka kennan, akkasumas hooggansiifi caasaan barnootaa sadarkaan jiru deeggarsa barbaachisaa akka taasisu dhaamaniiru.
Bara kanaa (Old Curriculum ) kutaa 9fi10 keessaa gaaffiin qormaataa kan bahu ta'uu, keessaa ammoo kutaa 11fi 12ffaa irraa qormaanni kan bahu ta'uu, hubatanii barattoonni akka ofqopheessan dhaamsi darbee jira.
biraan ammoo (model exam) gahumsa barattootaa madaaluuf qormaanni baatii walakkeessa Amajjitti kan kennamu ta'uun beekameera.
Akka waliigalaatti barattoonni keenya bara 2017tti qabxii gaarii akka galmeessaniif kallattii garaa garaan akka deeggaramaniif Biiroon Barnootaa deeggarsaafi hordoffii walitti fufaa taasisaa jira.