Ambo Media For O₂

Ambo Media For O₂ “Ati saba kee oolchi, warra kan keetiis eebbisi! Bara baraan tiksee isaanii ta'iif, ol ol isaan qabi.

💐⛪️Oduu Muudamaa⛪️💐                      👑Aanaa Daannoo👑Mana Lubummaa aanaa Daannootti:-1. Lubni Abarraa Indaashaa Atoom...
02/12/2023

💐⛪️Oduu Muudamaa⛪️💐

👑Aanaa Daannoo👑
Mana Lubummaa aanaa Daannootti:-
1. Lubni Abarraa Indaashaa Atoomsaa...Hojii gaggessaa
2. Luba Tamasgeen Badhaasaa ...Barreessaa ta'uun muudaman.

Lubni Abarraa Indaashaa Mana Lubummaa Aanaa Daannootti Hojii gaggeessaa ta'uun hojjechaa kan turan ta'ee, bara 2012 sababa mana lubummaa oromiyaa deeggarta jedhamuun:-

1..Lubni Abarraa Indaashaa hojii gaggeessummaa irraa
2. Lubni Tamasgeen Badhaasaa tajaajila irraa kaafamanii dhiibbaan adda addaa irra gahaa ture dandamachuun Luboonni kun Deeggartoota Sinodoosii Oromiyaa qabachuun, Koree jijjiiramaa aanichaa ta'uun miindaa tokko malee hojjechaa turaniiru.

Hojiilee hojjechaa turan keessaa
1. Kaayyoo tajaajila afaan oromoo dura manni lubummaa oromiyaa akeeke, boodarrammoo Sinodoosiin oromiyaa qajeelche qabatanii milkii guddaan aanaa Daannoorratti hojjechaa turaniiru.
2. Qomoosotni, Lubootnii fi Daaqonoonni akka afaan oromootiin leenji'anii muudaman taasisaniiru.
3..Kanneen aanicha keessatti tajaajila afaan Oromoo mormaa turan barsiisuun kallattii sirrii agarsiisaniiru
4.. Sirna Galatoo guutummaatti Yeedaloo isaa afaan oromoon akka gaggeeffamuu eegalu aanicha keessatti hojii boonsaa hojjetaniiru.
gaggeessu.
5..Baadiyyaa aanichaa keessa naanna'uun sirna galatoo fi wangeela afaan Oromoon barsiisaa fi kkf dalagaa turaniiru.

Haa ta'u malee kanneen jibba tajaajila kanaa qaban Kutaan biyya lallabaa shawaa lixaa otoo hin haara'iin dura kan turan hojii gaggeessummaa irraa Luba Abarraa akkasumas luba Tamasgeen kaasanii miindaa malee waggaa shan lafa taa'anii qabsoo afuurawaa isaanii itti fufani gaggeessaa turani.

Koree jijjiiramaa aanichaatti Lubni Abarraan walitti qabaa akkasumas Lubni Tamasgeen barreessaa ta'uun manneen amantaa aanichaa keessa jiran Kutaa Lallaba Godinaa fi hojii gaggeessaa yeroo bakka isaaniitti muudame harkaa baasuun hunda of jala galchuun hojjechaa turani.

Luboonni kun manneen amantaa baadiyyaa sababa tajaajila afaan oromoo ta'uu dhabuudhaan cufaman beela'e, dheebodhe, dadhabe otoo hin jedhiin baadiyyaa keessa deemuun saaqsisanii tajaajila bilisaa kennaa turaniiru.

Koreen jijjiirama Godinaas dhugaa fi rakkoo hooggansaa akka Godinaatti jiru qorannoo walii galaa gaggeeffame Angafa phaaphaasii Kutaa biyya lallabichaa kan ta'an Abune Gabri'eeliif erga Godinichatti dhufanii dhiyeessuufiin mariin irratti gaggeeffamaa tureera.

Bifuma kanaan dhugaa jiru phaaphaasiin kutaa lallaba Shawaa Lixaa Abune Gebri'eel hubatanii dandeettii luboota kanaas arganii 18/3/2016 irraa eegaluun gara hojii isaaniitti akka deebi'an murteessaniiru. Luboonni kunis tartiibaan Hojii gaggeessaa Mana Lubummaa fi Barreessaa aanaa Daannoo ta'uun yeroo ammaa muudamaniiru.

Abbaan Keenya Abuna Gabri'eel bakka dhugaa fi rakkoon jirtu sirriitti adda baafatanii tajaajila wangeelaa babal'isuuf haala mijeessaa jiru. Eebbi isaanii nurra haa bulu.

Bara Hojii Gaarii

Dhugaan hin cabdu, hin baddu.
Sadaasa, 21/2016
Amboo

Sad. 22 2016
Ambo
Jabaan Waaqa!.

NEW NEWSThere is no place for  Abune Nathanael in this (Ethiopia) country. So Senod were forced to send him abroad (Nort...
25/10/2023

NEW NEWS

There is no place for Abune Nathanael in this (Ethiopia) country. So Senod were forced to send him abroad (North America, Minnesota). Little Oromia (Minnesota) has no place for him. Because it is the country of Abune Eustatheos (Dr.). Then Abune Nathanael, the son of Menilk, must be expelled. It is unthinkable to leave Christ in that country and lead the Christian people by preaching Minilik. Even if man forsakes them, God will not forsake them.

in addition: Today, at the plenary session of October, Father Eostatheos/Dr., who has faithfully given his life and fought for the rights of the Oromo people, was openly opposed by some appointed in the name of the Oromo but who are anti-Oromo. This is a very sad act for the Oromo people. We would like to remind the people of Oromia and ethnic groups that it is appropriate to prepare for the next struggle by keeping this in mind.

Even though Abune Zenamarkos occupy Borena and Guji, there is no lack of space for Abune Zenamarkos. Because he is not preaching Minilik. He don't call those who oppose Minilik a "gang". He preach Christ who is one God with the Father and the Spirit.

For this reason, we welcome Abune Zenamarkos in the place where Abune Nathanael was banished.

እዚህ ሀገር ውስጥ ለብፁዕ አቡነ ናትናኤል ቦታ አልተገኘለትም። ስለዚህም ወደ ውጭ አገር (ሰሜን አሜሪካ፣ ሚኒሶታ) ለመላክ ተገደዋል። ትንሹ ኦሮሚያ (ሚኔሶታ) ለእሱ ቦታ የላትም። የብፀዕ አቡነ ኤውስጣቴዎስ (ዶ/ር) ሀገር በመሆኗ። ከዛም የምኒልክ ልጅ አቡነ ናትናኤል መባረር አለበት። በዚያች ሀገር ክርስቶስን ትቶ ሚኒሊክን በመስበክ የክርስቲያኑን ህዝብ መምራት የማይታሰብ ነው። ሰው ቢተዋቸው እንኳን እግዚአብሔር አይተዋቸውም።

በተጨማሪም:
በዛሬው እለት በጥቅምቱ ምልአተ ጉባኤ ላይ በታመኝነት ለኦሮሞ ሕዝብ መብት መከበር ሕይወታቸውን ሰጥተው በመታገል ላይ ያሉትን አባ ኤዎስጣቴዎስ/ዶ/ር በጠቅላላ ጉባኤ ላይ አንዳንድ በኦሮሞ ስም የተሾሙ ነገር ግን ፀረ ኦሮሞ የሆኑ በግልጽ ተቃወሙአቸው።ይህ ለኦሮሞ ህዝብ እጅግ በጣም አሳዛኝ ድርጊት ነው። ይህንን የኦሮሚያ እና ብሔር ብሔረሰቦች ምዕመናን ግንዛቤ ውስጥ በማስገባት ለቀጣዩ ትግል መዘጋጀት ተገቢ መሆኑን ለማሳሰብ እንወዳለን።

ለብፁዕ አቡነ ዜናማርቆስ ቦረና እና ጉጂ ቢይዙም የቦታ እጥረት የለባቸውም። ምክንያቱም ሚኒሊክን እየሰበኩ አይደሉም። ሚኒሊክን የሚቃወሙትንም “ባንዳ” ብለው አይጠሩም። አንድ አምላክ የሆነውን ክርስቶስን ከአብና ከመንፈሱ ጋር ይሰብካሉ። በዚህ ምክንያት አቡነ ናትናኤል በተባረሩበት ቦታ አቡነ ዜናማርቆስን በደስታ እና በደስታ እንቀበላለን።

እግዚአብሔር ኃያል ነው።

Oolmaa Guyyaa har'aan!Baga kabaja Yaadannoo Olbahinsa Haadha Keenyaa Qulqulleetti Kakuu Araaraa Kidaanemihiratiin  Isin ...
22/08/2023

Oolmaa Guyyaa har'aan!
Baga kabaja Yaadannoo Olbahinsa Haadha Keenyaa Qulqulleetti Kakuu Araaraa Kidaanemihiratiin Isin gahe nu gahe!.
Gammachuun har'a arganne Dansaadha.

GALATA JENNEERRA
💐💐💐💐💐💐💐💐
Akkaatuma marii marsaa 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa irratti Angafa phaaphaasii Kutaa Biyya Lallabaa Shawaa Lixaa Kan ta'an Abuna Gabri'eel waliin gaggeessaa turreen Waadaa isaanii isa jalqabaa bifa ajaa'ibsaa fi namatti toluun raawwataniiru. Namoota lubummaa (Diqunnaa fi Qissinnaa) afaan Oromootiin baratanii akka hin muudamne dhorkamaa turaniif namoota naqarsaa ta'aa turan irra darbuun guyyaa har'aa jechuunis Hag 16 2015💐
◊ Luboota= 33
◊ Qomosoota = 3 fi
◊ Daaqonoota = 203
◊ Walumatti = 239 ta'an aanolee Godina keenya irraa dhufaniif kennameera.
Abbaa keenya Eebbifamoo Abuna Gari'eel Eebbi keessan nurra haa bulu.

Marii Marsaa Sadaffaa Mariin Guyyaa Har'aa (14/12/15) Milkiin Xumurameera.         📚📚📚⛪️⛪️⛪️📚📚📚1. Akkuma marii marsaa 2f...
21/08/2023

Marii Marsaa Sadaffaa
Mariin Guyyaa Har'aa (14/12/15) Milkiin Xumurameera.
📚📚📚⛪️⛪️⛪️📚📚📚
1. Akkuma marii marsaa 2ffaa Phaaphaasii K/B/Lallaba Shawaa Lixaa waliin walii Galletti SOSS tti Koree rifoormii fi Jijjiirama barbaadan, jaarsolee biyyaa fi abbooti Gadaa Shawaa Lixaa magaalaa fi Aanolee irraa walitti bahanii wal arguun mariin gaggeeffameera.
2. Barumsi qabsoo Afuuraa gaggeeffama jiru milkeessuuf masakame waliin walqabsiisuun kennamuun ergaan darbeera.
3. Yaadnii fi gaaffiin hirmaattota koree aanolee fi magaallan irraa dhufaniin dhiyaateera.
4. Cuunfaan yaadaa fi gaaffilee rakkoolee Godinicha keessaa furamuu qaban ppt 26 qabate qophaa'ee akka gaariitti gadi fageenyaan karaa Itti gaafatamaa koree Rifoormii fi jijjiirama Barsiisaa Kaadhimamaa Dr. Dhugumaa Ful'aa ibsameera.
5. Angafni Phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Abune Gabri'eel gaaffiiwwan hirmaattota irraa dhiyaateef irratti bifa hedduu nama gammachihsuun yaada kennanii , kan dhiyaatan hunda akka hojiitti hiikan, riifoormii fi jijjiirama barbaadamu akka lafa qabsiisan, koree rifoormii fi jijjiiramaa barbaadu kana waliin akka hojjetan waadaa galuun muudama Daaqonootaa fi Lubootaa gaafa guyyaa 16/12/15 kennuudhaan gaaffii amantootaa lafarratti mul'isuu akka eegalan waada galuun mariin milkiidhaan xumurameera.

Marii Marsaa Lammaffaa Angafa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Waliin taasifamee fi yaada irra gahame.💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐...
14/08/2023

Marii Marsaa Lammaffaa Angafa phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Lixaa Waliin taasifamee fi yaada irra gahame.
💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐💐
1. Ramaddiin Caasaa Aanolee otoo hin taasifamiin dura ramaddiin humna namaa hojii gaggeessaa fi Amantootni Kutaa Lallabaa shawaa Lixaa hojjettoota kutaa lallabaa irra jiran irratti komii qaban akka sirreeffamu kan jedhu dhiyaatee......dhimma kana abbaan keenya irratti walii galaniiru.
2. Otoo ramaddiin hin gaggeeffamiin dura yaa'iin walii galaa akka gaggeeffamu kan jedhu dhiyaatee ...kunis fudhatama argateera.
3. Caasaan mana Lubummaa Oromiyaa, akkasumas sinodoosii Oromiyaatiin Rifoormii fi jijjiirama lafa qabsiisuuf fedhii isaatiin gurmaa'aanii jiran wajjin gara Godinaatti waamamanii marii gaggeessuu qabdu yaadni jedhu dhiyaateefii....yaadni kunis fudhatama argatee gaafa guyyaa 14/12/15 waaree booda sa'atii 7:00 Irraa eegalee akka gaggeeffamu walii galameera.
4. Diqunnaa fi muudama Lubummaa fudhachuuf leenjii fudhatanii kan lafa jiran waamamanii muudamni kun akka kennamuuf kan jedhu ka'eefii jira. Kunis fudhatama argatee...gaafa 15/12/15 Amboo galanii bulanii gaafa 16/12/15 bataskaana Kidaanemihiratii Amboottii akka kennamuuf walii galameera.
5. Tajaajilootni, Lubootni, Daaqonoonni, Barsiisotni sababa Mana Lubummaa Oromiyaa ykn sinodosii Oromiyaa deeggaraniin tajaajila dhorkaman, miindaa irraa dhaabbate iddoo isaaniitti akka deebh'an, miindaan isaaniis akka kanfalamuuf kan jedhu dhiyaateefii....kunis guutummaatti fudhatama kan argate yeroo ta'u miidhamtootni iyyata isaanii isaanitti dhiyeeffatanii akka furamuuf walii galameera.
Jabaan waaqa
Hagayya, 08/2015
📚Amboo📚

Dhugaa Jiruun Moo'ichi kan keenya❗️Mee Ergaa kana waliif dabarsaa...Qabsoon Nuti goonuufi abboonni itti jiran walhin sim...
20/07/2023

Dhugaa Jiruun Moo'ichi kan keenya❗️
Mee Ergaa kana waliif dabarsaa...

Qabsoon Nuti goonuufi abboonni itti jiran walhin simu. Abboonni Monokosaatota Kanneen biyya lafaa jalaa du'anii kiristoosiif jiraachaa jiranidha.

Manni isaan keessa jiraniis mana bashannanaa miti, bakka Boqonnaas miti, bakkatti miidiyaa hin arganne, bakkatti Uummata kiristaanaa fi mana kiristaanaa hin arganne mana Hidhaa ammayyaawaa keessa jiraachaa jiru. Uukkamfamuu waliinis gituma tokkorra jiru. Kanaan booda nu haala biraa eegnu hin qabnu. Haala danda'ameen akkamitti akka uummata filamaniif gad baahani hojiin akka hojjetan irratti fala dhahuudha.

Kennaa Waaqayyo isaanii kenneenis akka eeyyama isaatti tajaajilaati kan turani ture. Qabsuurri isaan katabaa jiran karaa kiristaanummaa daran firii qabeessa fi kan nama boonsu, garuu karaa foonii kan danuu nama dhukkubsudha. Dhalootni sammuu fi qalbii qabu yoo jirate boru galmee seenaarra Qabsuura isaanii yaa ka'u.

Nuun qabsoo keenya keessatti Waldhagahuurra diina dhagahuu fi diina waliin hojjechuutti michina, gaarii waliif barreessuurra yaaraa waliitti barreessuu, qaawwaa walii bal'isuutti figgii farda takkaalla kutee figna. Qabsoon keenya kan ta'uu qabu,
◊ Kan lafa qabate,
◊ Kan jijjiramaa,
◊ Kan ijaarsiisaa tolee,
◊ Kan diina raasu fi nuun immoo kan jabeessu ta'uuti qabaan yaada nu amaniisudha.

Kanaaf xiyyeeffannoo keenya abaluun maal hojjeteerra ani maalan hojjedhe jenne of gaafanne wal ijaaruu fi walcimsuun furamaata qabsoo keenya gara fuula duraatti tarkaanfachisu keessaa isa tokkodha. Kanaaf walyaa tumsinu, walcina yaa dhabbannu, Abboota keenyaa yaa jabeeffannu, walii gala beekumsa amantaa keenyaaf qabnuu fi itti siqeenya Kiristoos irraattii qabnu sana akka nyaata foon keenya jiraachiisu nyannu kannenis guyya guyyaan yaa cimsinu.
Jabaan Waaqa!
Adoo...12/11/2015

Abbaa SaahilamaariyaamShawaa Lixaaf ni ta'a jedhee Sinodoosiin kan muudame kun abbaa nuuf ta'uu malan miti. Jajjaboo War...
19/07/2023

Abbaa Saahilamaariyaam
Shawaa Lixaaf ni ta'a jedhee Sinodoosiin kan muudame kun abbaa nuuf ta'uu malan miti.

Jajjaboo Warra shawaa, Warra Onneen sibiilaa, Warra qabsoon tarsiimawaa isinuu itti beektu maal isin gorsana.

ABBAA Saahilamaaram kan jedhaman kun ergama Dabtaraa Abune Naatinaa'eel fudhatee waan dhufeef nuuf hin ta'u jennee ni mormina. Nuni ammaas Abbaa qabna Abbaan keenya Abbaa Ewusxaatiyoos (Dr) jedhamu. Isaan malee abbaa kan biraa hin feenu. Qabsoo keenya haala Amansiisaa fi milkii nu hordofsiisuun itti ni fufna.
Jabaan Waaqa!
Amboo Ambaa lafaa atuu itti beekta.
Adoo...12/11/2015

Oduu gammachisaa fi ka InjifannooQabsaa'onni fi hayyoonni Afuuraa Lallabaa Minilik kan ta'e Abbaa Naatinaa'elii fi fakka...
15/07/2023

Oduu gammachisaa fi ka Injifannoo

Qabsaa'onni fi hayyoonni Afuuraa Lallabaa Minilik kan ta'e Abbaa Naatinaa'elii fi fakkaattota isaa balaaleffatanii badii tokko malee to'atamanii turan Gaafii tokko malee Torban tokko erga hidhamanii booda guyyaa har'aa 8/11/15 ganama gadi lakkifamaniiru.

Jabaan Waaqa!
Adoo. 08 2015

Sagalee Uummata Kutaa biyya Lallaba Shawaa Lixaa Keessaan Guurrame=========Abbaan Naatinaa'eel nurraa gaggeeffameera. Ha...
13/07/2023

Sagalee Uummata Kutaa biyya Lallaba Shawaa Lixaa Keessaan Guurrame
=========
Abbaan Naatinaa'eel nurraa gaggeeffameera. Harka bal'isnee kan eegaa jirru Eebbifamoo Abuna Ewusxatiyoos )PhD) dha. Kanaan ala abbaa Filannoo Uummataa hin taane hin feenu.

Jabaan Waaqa!
Adoo. 06 2015

Hidhamuun keenya Qabsoo keenya Gufachiise Osoo hin taanee akka Qubbeessaa(Hirsaasii) qaramnee akka baanu nu taasisaa.Jaa...
13/07/2023

Hidhamuun keenya Qabsoo keenya Gufachiise Osoo hin taanee akka Qubbeessaa(Hirsaasii) qaramnee akka baanu nu taasisaa.
Jaallan Qabsoo Afuuraa Keessaa
Bar. Andinat Kabbadaa Ogeessa Accountant Jabaa Hayyuu Oromticha!
Mana Lubummaa Shawaa Lixaa
Jabaan Waaqa!
Adoo. 06 2015

Ambo keessaa lola qaata shaggar gahe mataani jedhe Oromtichi❤QABSOON MAGAALAA AMBOO TEESSOO PHAAPHAASUMMAATTI GUYYAA HAR...
02/07/2023

Ambo keessaa lola qaata shaggar gahe mataani jedhe Oromtichi❤

QABSOON MAGAALAA AMBOO
TEESSOO PHAAPHAASUMMAATTI GUYYAA HAR'AA FINIINEERA
=============
Finxaaleyyiin Amantaa Dawoo Godhachuun Siyaasa gaggeessan kallattiin finfinneerraa Abune Naatinaa'eeliin qajeelfaman koree "Bete kihinet jechuun of waaman"betekihinetii moofaa" Luba Girmaa, luba Taammiruu, abbaa pheexiroos (Gazzaahign), Luba Daawwitii fi fakkaattota isaaniin qindaa'an faandiin kennameefii magaalaa Amboo keessatti ijaaramanii jiraniin socho'an magaalaa Amboo mana amantaa kidaane mihiretiitti keessatti gaafa guyyaa 24/10/15 meeshaa waraanaa, meeshaa qara qabuu ( Gajara, qottoo, haaduu, fi qara hin qabne mana amantaa) keessa galchuun qophii gochaa bulanii gaafa guyyaa 25/10/15 akkuma sirni galatoo xumurameen okkora kaasuuf ka'umsa dubbii afaan oromoo lallabni yeroo eegalamuuf jedhu Luba Daawwiti kan jedhamu Luba afaan oromoon lallabu luba Darajjee jedhamu irraa maayikii harkaa butuun afaan Amhaaraan lallabna jechuun okkora kaasaniiru.

Dargaggotni oromoo Ortodooksiinis cichoomina guddaadhaan meshaa qara qabuu fi hin qabnee qabatanii fin,aaleyyii gurmaa'an dandamatee otoo miidhaan tokko hin qaqqabne tooftaa fi tasgabbii ajaa'ibsiisaadhaan ofirraa ittiseera.

Sanii boodas Dargaggoonni Oromoo Ortodoksii finxaaleyyii harkaa maayikii fudhachuun gara barsiisaa afaan oromoo Luba Darajjeetti deebisaniiru.

Finxaaleyyoota kanas dargaggootni oromoo Ortodoksii fi amantootni waliin tokkoomuun ofirraa arii'atanii Lubni barsiisaa Darajjeenis amantootaaf Lallaba wangeelaa afaan Oromoon kennaniiru.

Finxaaleyyiin kunis akeeknishee jalaa fashalaa'ee otuma wacanii fi dhagaa darbatanii qaamni nagaa kabachiisu harkaa fi harkatti arguun gidduu seenee tasgabbiin uumameera.

Ookkorri finxaaleyyii fi ergamtootni abbaa Naatinaa'eelis fashalaa'ee Olaantummaa Dargaggoo oromoo Ortodoksii fi amantootaan Golobameera.
Wax 25 2015
Amboo!
Mana Lubummaa Shawaa Lixaa

Address

Hagere Hiywot
0000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ambo Media For O₂ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share


Other Media/News Companies in Hagere Hiywot

Show All